Ayyaanonni amantiifi ummataa fakkeenya wajjummaa keenyaati

           Ayyaanni Arafaa 1446ffaan kabajame

Finfinnee: Ayyaanonni Amantiifi ummataa agarsiistuu heddumminaafi fakkeenya wajjummaa jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse. Ayyaanni Iid Al-Adahaa (Arafaa) bara 1446ffaan kaleessa sirna ho’aadhaan kabajame.

Tajaajilichi ergaa kaleessa ayyaana Iid Al-Adahaa sababeeffachuun dabarseen ayyaanonni amantiifi ummataa agarsiistuu heddumminaafi fakkeenya wajjummaati jechuun ibseera.

Ayyaanonni amantii, aadaa, biyyaalessaa, kan mana keessaa ykn addababa’ii ta’uu danda’u. Yaadrimeen bu’uuraasaanii garuu gammachuu, abdiifi biyyaalessummaa qooduufi walgargaaruudha.

Iid Al-Adahaan (Arafaa) kaleessa hordoftoota amantii Islaamaa biratti kabajames ayyaanota amantii walgargaaruun, waliiyaaduufi tokkummaan guddatee irraa mul’atu keessaa tokko. Maaddii waliiqooduu, wajjummaafi michummaanis kanitti cimuudha.

Heddummina faaya, walgargaaruufi maadii waliiqooduu aadaa taasifachaa kan dhufe mootummaan jijjiiramaas ayyaanonni kunniin agarsiistuu heddumminaafi wajjummaa akka ta’aniif kunuunsaafi eegumsa barbaachisaa nitaasisa jechuun ibseera.

Akka lammiileen ayyaanota amantiifi ummataa sirna ho’aadhaan kabajaniif mootummaan cichee hojjetas jedheera tajaajilichi ibsasaatiin.

Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmadis ergaa ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) 1446ffaa sababeeffachuun dheengadda dabarsaniin duudhaaleen lama yeroo ayyaana Arafaa yaadataman Itoophiyaa badhaate ijaaruuf daran barbaachisoodha jedhan.

Ayyaanni Arafaa ayyaana wareegamni itti yaadatamudha jedhanii; Nabiyyuu Ibraahim mucaasaanii Ismaa’eliin fedhiisaaniin uumaaf wareeguuf kutannoosaanii kanitti agarsiisan ta’uu ibsaniiru.

Mucaa ofii uumaaf wareeguu caalaa ajajamuunis kennaanis hinjiru. Biyyi kan ijaaramtu wareegamaani, waan jaalannu wareeguudhaanisi. Biyya jechuun dhaloonni duraa dhaloota ittaanuuf wareegama kan ittikaffaluudhas jedhan.

Nabiyyuu Ibraahim mucaasaanii wareegamaaf dhiyeessuusaaniitiin bakkasaa hoolaa wareegaa Allaahirraa argataniiru; wareega biraa argachuuf wareegama kaffaluun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Dhaloota biyyasaaf wareegamu kan uumu dhaloota dursee biyyasaatiif wareegame ta’uus; abbootiifi haadholiin duraanii biyyasaaniif wareegama kaffaluu yaadachiisaniiru. Wareegamasaaniif gatiisaanii Waaqarraafi seenaarraa kan argatan ta’uu ibsaniiru.

Lafarraa garuu mindaa wareegamasaanii madaalu kan hinarganne ta’uu eeruun, mindaan lubbuu madaalu waan hinjirreefi, jedhan. Mindaasaanii kan fudhatu nuyi kan jedhan Doktar Abiyyi, mindaa keenyas dhaloonni ittaanu nifudhata jechuun eeraniiru.

Adamiifi Hawwaan erga jannataa bahanii booda baroota dheeraaf adda bahanii jiraataniiru; kan walargan guyyaa Arafaatti jechuun Arafaan ayyaana namoonni adda bahan itti walargan ta’uus ibsaniiru.

Namoonni sababoota garagaraan adda bahuu danda’u, wanti gaddisiisaan adda bahanii hafuudha. Ilaalchi, komiifi seenaan darbe adda nu baaseera ta’a, haa ta’u malee waan ijoollee biyya tokkoo taaneef adda baanee hafuu osoo hintaane akka Adamiifi Hawwaa daandiin walitti nufidu nubarbaachisa jechuun ibsaniiru.

Daandiin walitti nufidu marii biyyaalessaati, mariin biyyaalessaa waltajjii yaadonniifi fedhiiwwan keenya ittiwalarganiidha. Waltajjii nagaqabeessa tokko isa tokko ittihubatuufi tokko yaadasaa kaan hubachiisuudhas jedhan.

Pirezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa gamasaaniin akka jedhanitti, amantoonni ayyaanicha wayita kabajnu, akkaataa barsiisa amantichaatiin, harkaqal’eeyyii gargaaruufi waan qaban waliiqooduun ta’uu qaba jechuun ibsan.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You