
Asallaa: Magaalaa Asallaatti pirojektiin balfi dhangala’aan ittiqulqulleeffamu qarshii miliyoona 185 ijaaramaa jira. Pirojektichi Inisheetivii imala miidiyaa Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaafi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa waliin qopheessaniifi Caamsaa 19-23 bara 2017tti adeemsifameen daawwatameera.
Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Abdullaahii Hammuu akka jedhanitti, balfi goggogaafi dhangala’aan magaalattii keessaa bahu bakkuma tokkotti gatamaa jira. Yeroo ammaa pirojektiin balfi dhangala’aan magaalattii ittiqulqulleeffamu qindoomina mootummaa naannoo Oromiyaafi federaalaatiin hojjetamaa jira. Pirojektiin kun lafa heektaara ja’arratti hojjetamaa kan jiru ta’uufi beenyaa lafichaatiif qarshiin miliyoona 35 qonnaan bultootaaf kaffalamuu himaniiru.
Pirojektichi qarshii miliyoona 185n ijaaramaa jiraachuu himanii, ijaarsi pirojektichaa yeroo ammaa %60rra gaheera. Ijaarsi pirojektichaa rakkoo balfa dhangala’aan walqabatee mul’atu furuufi qulqullina magaalattii mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Mootummaan federaalaas ta’e Oromiyaa magaalonni jiruufi jireenya hawaasaaf akka mijatan taasisuurratti hojii guddaa raawwachaa jira kan jedhan Obbo Abdullaahiin, misooma koriidariin walqabatee hojiin magaalota qulqulleessuufi magariisa taasisuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Pirojekltiin balfa dhangala’aa ittiqulqlleessuuf Magaalaa Asallaatti ijaaramaa jiru qulqullina magaalattii mirkaneessuufi jiruufi jireenya ummataaf mijataa taasisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeranii, balfi calalamee bishaansaatiin qonna magaalaa hojjechuun akka danda’amuufi kosiinsaa ammoo xaa’oof fayyada jedhan.
Ijaarsi pirojektichaa wayita xumuramu rakkoo balfa dhangala’aa magaalattii guutummaatti kan furu ta’uus himanii, bakka balfi goggogaan ittigatamu ijaaruuf dizaayiniinsaa xumuramuu dubbataniiru.
Hojgeggeessaa Dhaabbata Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Asallaa Saaguree Obbo Adam Ahmad akka jedhanitti, pirojektiin balfi dhangala’aa ittiqulqulleessuuf ijaaramaa jiru qulqullina magaalattii eegsisuuf gumaacha olaanaa qaba. Ijaarsi pirojektichaa boqonnaa tokkoffaa, lammaffaafi sadaffaa akka qabu himanii, hojiin boqonnaa tokkoffaa yoo xumurame tajaajilli balfa dhangala’aa bakkuma argametti gatamu nihafa.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa akka jedhanitti, pirojektii balfi dhangala’aan ittiqulqulleeffamu kana dabalatee pirojektonni ja’a maaalota naannichaa jahatti hojjetamaa jiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017