
Iid Al-Adahaan (Arafaan) ayyaana qoramuufi aarsaati. Ayyaana Nabii Ibraahiim Ajaja Rabbiitiin ilmasaanii aarsaaf qopheessan, cichoominnisaaniis qoramee Rabbi biraa hoolaa bakka itti argataniidha.
Waantonni baay’een ayyaana kanarraa barataman jiru. Yoo qormaata kamuu ciminaan darban gatiinsaa qormaatichaa ol ta’uu irraa baranna. Ilma ofii aarsaaf gaafatamuun qormaata ulfaataadha. Ilma ofii aarsaaf qopheessuun ammoo cimina ulfaataadha. Qormaanni ulfaataan kutattummaa ulfaataa barbaada. Kutattummaa ulfaataan murtii ulfaataa gaafata; murtii olaanaanis gatii olaanaa argamsiisa.
Egaa akkuma irranatti eerame wayita Arafaan dhufu Nabii Ibraahimiifi ilmasaa, Ismaa’el yaadachuun hinoolu. Rakkoo fedhe keessatti ajaja Rabbii fudhatanii raawwachuun injifannoof nama kaadhima. Qormaata boodas injifannoon waan hinoolleedha. Injifachuuf ammoo maniifi mul’ata ofii beekuun murteessaadha.
Milkaa’inni mul’ataas bu’aa bayii hedduu qabaachuu mala; wareegamawwan adda addaa gaafachuus danda’a; maniin keenya garuu injifachuudha.
Nabii Ibraahim, Rabbi Ismaa’el aarsaa akka ta’uuf wayita isa gaafatu, boqonnaa qabsoo isa murteessaa keessa akka jiru hubachuun murtoo guddaa murteesse. Ismaa’elis, murtiin kun akka isarratti raawwatamuuf abbaasaa jajjabeessaa ture.
Nabii Ibraahim ajaja Rabbii shakkii tokko malee garaa guutuudhaan raawwachuuf ilmasaa gaara Arafaatti olbaase. Rabbi garuu qulqullummaa keessoo Nabiyyichaa hubatee, hoolaa araaraa bakka wareegama Ismaa’el bu’uu danda’u qopheessee eege. Murtoon Rabbiis hoolaa araaraa qophaa’erratti niraawwatame. Nabii Ibraahimis injifannoon gale.
Mul’ata keenya bira gahuuf, tokkummaan cimanii hojjechuufi wareegama barbaachisu kaffaluun, akkuma Nabii Ibraahim daandii injifannoorraa nama imalchiisa. Waggoota darban, qormaatilee hedduu mudatan keessa ta’uun injifannoo ce’umsa biyyaa dhugoomsan galmeessaa as ga’ameera. Imalli hanga ammaa qormaatilee carraatti jijjiiruun injifannoon kan guutameedha.
Hojiiwwan guguddoo akka mootummaatti karoorfamanii qindoominaan hojjetamaa jiraniin rakkoo kamuu keessatti injifachuun akka danda’amu irraa barachuun nidanda’ama. Yeroon irratti argamnu boqonnaa murteessaadha.
Yeroo itti mariifi marabbaan biyya boqonnaa haaraatti ceessifnudha. Yaadama waloo qabaannee, ilaalcha biyyaalessummaa gonfachuun rakkoolee seenessaan walqabatanii kaleessa nu qoraa turan hiikkannee biyya jabduu hundaaf taatu ijaaruuf mari’atamaa jira. Imalli boqonnaa haaraas fuula keenya dura jira.
Mootummaan nagaafi tasgabbii ummata Itoophiyaa mirkaneessuuf hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjechaa jiru cinaatti misooma haqaqabeessaafi ummanni sadarkaan irraa fayyadamu dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Guddina dinagdee mirkaneessuufis akkasuma.
Wayita ayyaana kana kabajnus, fakkeenyummaa Nabii Ibraahim yaadachaa, waan dandeenyu hundaan walgargaarree, kan qabu isa hinqabne deeggaree, qaamaaf qalbiin walbira dhaabachuun, duudhaalee ciccimoo kaleessaatti fayyadamuun, nageenya gamtaadhaan mirkaneessuun, waloomaan waliin jiraachuu, gammachuufi jaalalaan ta’uu qaba.
Duudhaalee gaggaariin akka bahanii mul’ataniif hojiiwwan jalqabaman cimanii ittifufuu qabu. Ummannis tarsiimoo mootummaansaa boce gadibuusuuf qabatamaan hojiirra oolchee akkuma jijjiirama barbaadamu qe’eesaatti fidaa jiru muuxannoo kana caalmaan babal’isuun imala boqonnaa haaraaf of qopheessuuf cimee hojjechuun irra jiraata.
Hordoftoota amantii Musliimaa maraan, baga ayyaana Iid Al- Adahaa (Arafaa), kan bara 1446ffaan nagaan isin gahe jechaa, ayyaanichi kan gammachuu, milkii, jaalalaafi badhaadhinaa hordoftoota amantichaa hundaaf haa ta’u.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017