
Hunda dura hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga guyyaa eebbifamaafi kabajamaa Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) waggaa 1446ffaan isin gahe!
Iid Al-Adahaan (Arafaan) kaleessa kabajame ayyaana guddaafi kabajamaa yoo ta’u; hordoftoota amantichaa biratti guyyaa aarsaafi araaraa jedhamuun beekamudha. Guyyaan kabajamaan kun guyyaa Nabii Ibraahiim ilmasaa umurii manguddummaa waggaa 95 booda argate, Ismaa’eeliin aarsaaf akka dhiyeessuuf ajajni itti dhufe yoo ta’u; Nabii Ibraahimis ejjannoo cimaafi kutannoo olaanaa amantaasaarratti qaburraa ka’uun ajaja Rabbii biraa dhufeef mamii tokko malee hayyamamaa ta’ee ilmasaa tokkicha, Ismaa’eliin ajaja Rabbii dhugoomsuuf aarsaadhaaf kan ittiqopheesseedha.
Ismaa’elis murtoo abbaasaatiif abboomamuun ajaja Rabbii kabajee onnee guutuudhaan ajajicha raawwachuun aarsaa of gochuuf murteessee guutummaattis of kenne. Raawwii ajaja Rabbii guddaatiif qophaa’ummaa qaban ifatti agarsiisan.
Nabii Ibraahim harkifannaa tokko malee ilmasaanii tokkicha aarsaa gochuun ajaja Rabbii guutuuf Ismaa’eliin Gaara Arafaatitti ol baasuun yemmuu qajeelchan abbaa rahmata bal’aa kan ta’e Rabbii guddaan aarsaa Ismaa’eliif qophaa’e hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa’eliin du’arraa baraaruun rahmatummaasaa agarsiise.
Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta’uu kan agarsiiseefi rahmatummaan Rabbiis bal’aa ta’uu mirkaneessuun ala kabaja guyyaa Iid Al-Adahaa (Arafaatiif) bu’uura guddaa kaa’uu danda’eera.
Abboommiin Nabii Ibraahim Rabbi biratti kabaja argatee araaraafi dhiifama argamsiisuun Rabbiif abboomamuufi ajajasaatiif bitamaa ta’uun akka milkaa’ina nama goonfachiisu, darbees daandiin araaraa daandii injifannoo waaraa ta’uusaa kan agarsiisudha.
Akkuma Nabii Ibraahim ajaja Rabbiisaa guutee araaraafi dhiifama argate qajeeltoo amantaa Islaamaa kan ta’e jaalala labsuu, tokkummaa jabeessuurraa nageenya mirkaneessuu, obbolummaa dagaagsuufi tola ooltummaa aadessuudhaan daandii milkaa’inaatti waliin qajeeluun ergama guddaa hordoftoota amantaa Islaamaafi lammiilee biyya keenyaa hundarraa eegamudha.
Murtoo cimaan Nabii Ibraahim ajaja Rabbii guddaa guutuuf murteessan daandii qajeelummaa qabatameefi itti amanamerratti aarsaa kamuu kaffaluuf qophaa’oo ta’uu akka qabnu kan nubarsiisu, araarri Rabbiin biraa bu’e ammoo waliif dhiisuu, obsaafi araara dhugaa mirkaneessuun kan injifannoo nama gonfachiisu ta’uu kan akeekuudha.
Ummanni sadarkaalee gara garaatti argamu hundis duudhaa gaariifi barsiifata daandii injifannootti nama geessu kana qaama jiruufi jireenyasaa godhachuudhaan balbala araaraafi dhiifamaaf baname qixaan fayyadamuu, tokkummaafi obbolummaa dhugaatiin walcinaa dhaabbachuun daran murteessaadha.
Arafaa, guyyaa kabajamaafi jaalatamaa kanatti gaarummaafi jaalala dhugaa walii agarsiisuu, kan hinqabne waliin maaddii qooddatanii waliin nyaachuun, isa rakkate gargaaruufi kan dheebote obaasuun hojii eebbifamaa guyyaa kabajamaa kanatti kabaja addaa dabalan waan ta’aniif hawaasni Musliimaa hundi ayyaana baranaa gocha eebbifamaa kanaan dabaalee kaleessa kabajeera.
Akkuma Nabii Ibraahim ajaja Rabbii guutuuf ofirratti murteessee murtii Rabbiisaa guute hawaasni Musliimaas qajeeltoo amantichaa kan ta’e daandii dhugaafi haqaa qabatee tokkummaafi obbolummaa dhugaa waaressuu, nagaafi tasgabbii biyyaa ittifufiinsaan mirkaneessuu akkasumas misoomni jalqabame gama hundaan akka milkaa’uufi waliin jireenyi ummattoota biyya keenyaa daran akka cimuuf gahee adda durummaa bahachuun barbaachisaadha.
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa har’as akkuma kaleessaa hojii gaarii hojjechaa turtan daran ittifufsiisuun imala jijjiiramaa biyya keenyaa saffisaan fuula duratti tarkaanfachiisuufi mul’ata badhaadhina waloo dhugoomsuuf taasifamaa jiru qindoomina olaanaan hojjechuu qabu.
Hawaasichi keessumaa mirgoota adda addaa tajaajila baankii waggoota jijjiiramaa kanneenitti gonfate mootummaasaa cinaa hiriiruun tikfachuu qaba. Hawaasni Musliimaa ayyaanicha barsiisa amantichaa hordofuufi hojiirra oolchuun kaleessa sirna ho’aadhaan kabajateera.
Iid Mubaarak!
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017