Abrahaam Isheetuu: Dargaggoo Fiichee konkolaattota elektirikii kalaqe

Dargaggoo Abrahaam Isheetuu Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, Fiichee Salaaleetti dhalatee guddate. Barnootasaa sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Jeneraal Taaddasaa Birruutti, sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Abdiisaa Aagaatti barate. Kutaa 12ffaa erga xumuree booda hojiilee kalaqaa gara garaarratti bobba’ee hojjechaa jiraachuu dubbata gaaffiifi deebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

Dargaggoon kun akka jedhutti hojii kalaqaa kan jalqabe yeroo barnootasaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa barachaa turedha. Hanga ammaatti hojiilee kalaqaa gara garaa 18 ol hojjeteera. Kalaqaalee kunneen keessaa kan gabaarra oolan baay’eedha. Yeroo weerarri dhibee koronaa Itoophiyaatti babal’atee turetti meeshaa tutuqqaarraa bilisa ta’e kan bishaan, saamunaa dhangala’aafi saanitaayizarii harkatti namaaf naqu hojjetee gabaarra oolcheera.

Yeroo ammaa ammoo konkolaattota elektirikiidhaan hojjetan moodeelawwan gara garaa sadii maqaansaanii Jaalannee, Bililleefi Lamborgihin jedhaman gabaaf dhiyeesseerra. Akkasumas motor saaykilii abbaa gommaawwan lamaafi sadii elektirikiidhaan hojjetan kalaqee gabaarra oolcheera. Motor saayikiliin abbaa gommaawwan sadii kan miidhamtoonni qaamaa ittifayyadaman ta’uus eereera.

Konkolaataa jalqabaa elektirikiin socho’u hojjechuuf ji’a ja’a ittifudhateera. Konkolaataa jalqabaa hojjechuun yaada sammuu keessa jiru gara hojii qabatamaatti jijjiiruu waan gaafatuuf yeroo fudhateera. Erga konkolaataa jalqabaa kalaqee booda ji’a afur keessatti konkolaattota elektirikiin socho’an kan moodeela konkolaataa duraaraaniirra caalan lama hojjeteera. Dargaggoon Abrahaam yeroo ammaa konkolaattota baatiriisaanii ‘chaarjii’ gochuun elektirikiin socho’an sadii kalaqee gabaarra oolcheera.

Moodeelli konkolaattota sadan adda addaa waan ta’eef chaarjii yeroo tokkootiin hangi kiiloomeetira isaan socho’aniis garaagara. Konkolaataan moodeela jalqabaa chaarjii baatirii yeroo tokkootiin hanga kiiloomeetira 160 socho’a. Konkolaattonni lamaan boodanarra hojjetaman chaarjii yeroo tokkootiin hanga kiiloomeetira 250tti socho’uu kan danda’an yoo ta’u, konkolaataan kalaqe tokko namoota torba kan qabatu ta’uu hima.

Konkolaattota elektirikiin socho’an kalaquuf kan isa kakaase faalama qilleensaa akka biyya keenyaattis ta’e addunyaatti mudachaa jiru hir’isuufi doolaara Itoophiyaan boba’aa alaa bituuf baasaa jirtu hir’isuu keessatti gumaacha irraa eegamu bahachuuf akka ta’e kan eeru dargaggoon kun, konkolaattota elektirikiin socho’an fayyadamuun gatii boba’aa yeroo yeroon dabalaa jiruufis furmaata waaraa ta’uu dubbata.

Egzibiishiniifi baazaarii sadarkaa mootummaa federaalaafi Oromiyaatti qophaa’anirratti omisha kalaqaasaa beeksisaa jiraachuu kan ibse Abrahaam, kanaanis beekamtii guddaa argachaa dhufuu eera. Dorgommiiwwan garaagaraarratti hirmaachuudhaan tokkoffaa bahee badhaasa qarshiifi waraqaalee ragaa garaagaraa argachuus nutti himeera.

Hanga ammaatti mootummaadhaanis ta’e dhaabbilee mitmootummaatiin deeggarsi addaa taasifameef kan hinjirre ta’uu ibsee; deeggarsi barbaachisu taasifameefii hojii kalaqaa kana caalaatti babal’isee dargaggoota biroofis carraa hojii bal’aa uumee hojjechuu akka barbaadu eereera.

Deeggarsi inni barbaadu inni duraa barumsa. Barumsa hanga Chaayinaatti deemee leenji’eera. Lammaffaan qarshiidha. Sadaffaa ammoo bakka hojiiti. Deeggarsawwan sadan keessaa rakkoo guddaa ittita’ee kan jiru bakka hojii dhabuudha. Yeroo ammaa Finfinnee, naannawa Magganaanyaatti bakka hojii kireeffatee hojjechaa jira. Finfinneetti kiraan bakka hojii qaalii waan ta’eef Magaalaa Shaggar keessaa bakka hojiif ta’u barbaadaa jiraachuufi Bulchiinsi Magaalaa Shaggaris bakka hojii mijeessuufiin akka isa bira dhaabatu gaafata.

Dorgommii kalaqaalee gara garaa Baankiin Addunyaa dorgomsiiserratti Itoophiyaa bakka bu’ee hirmaachuun sadarkaa tokkoffaa ba’uu kan himu Abrahaam, dorgommiiwwan kalaqaalee sadarkaa biyyaattis ta’e Oromiyaatti adeemsifamanirrattis sadarkaa tokkoffaa ba’uun badhaasa qarshiifi waraqaalee ragaa beekamtii argateera. Miidiyaaleerrattis dhiyaatee hojii kalaqaaleesaa beeksifachuuf carraa argachuu dubbata.

Konkolaattota, motor saayikilii gommaawwan lama qaban namoonni fayyaan ittiin socho’aniifi motor saayikilii gommaa sadii qabu kan miidhamoonni qaamaa ittiin socho’aniifi elektirikiin socho’an moodeela garaagaraa kalaqee gabaaf dhiyeessaa jiraachuus himee; gatiinsaaniis kanneen biyya alaatii galanirra daran fooyya’aadha jedha. Motor saayikiloonni moodeela garaagaraa biyya alaatii galan qarshii kuma qarshii kuma 100 hanga 250 oliin gurguramaa jiru. Kansaa garuu qarshii kuma 50 hanga kuma 150tti gurguraa jiraachuu dubbata.

Biyyoonni garaagaraa yeroo motor saayikiliis ta’e konkolaattota hojjetan akkaataa haala qabatamaa biyyasaaniirratti hundaa’uun hojjetu kan jedhu dargaggoon kun, konkolaattonniifi motor saayikiloonni Abrahaam hojjjetes haala qabatamaa biyya keenyaarratti bu’uura godhachuudhaani. Galteewwan hojiif barbaachisan %85 biyya keessaa waan argatuuf konkolaattotaafi motor saayikiloota moodeelawwan adda addaa kalaqe gatii gadaanaan gabaaf dhiyeessaa jiraachuus eereera.

Yeroo ammaa namoonni baay’een motor saayikilii ajajaan isa biratti hojjechiifachaa jirachuu kan himu Abrahaam, galteewwan konkolaataafi motor saayikilii hojjechuuf barbaachisan %80 hanga 85tti meeshaalee biyya keessa jiranitti fayyadamaa jira. Meeshaaleen alaa galan kanneen akka baatiriifi diinaamoo %15 hanga 20 kan hincaalle waan fayyadamuuf konkolaattotaafi motor saayikiloota hojjete gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbata.

Konkolaataa elektirikiin hojjetu kalaqeen ummataaf tajaajiloota geejjibaa kennaafi kontiraata kennaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, konkolaattota elektirikii ofii kalaqe kana qarshii kuma 800 hanga miliyoona tokkootti gurgura. Konolaataan elektirikii moodeelii inni kalaqeen walgitaniifi alaa galu garuu qarshii miliyoona lamaafi kuma 200 olitti gurguramaa jiraachuu dubbata.

Akka Abrahaam jedhutti, konkolaataa alaa galurratti ashuura %35 hanga 50tu irratti kaffalama. Konkolaattonni inni biyya keessatti omishaa jiru ashuuraa irratti kaffalamu waan hinqabneefi meeshaalee biyya keessatti argamanirraa waan hojjetamaniif gatiinsaanii gadi bu’aadha. Kanaaf hawaasni bal’aan bitatee ittifayyadamuu danda’a. Namoonni baay’een konkolaattota biroo akka isaaniif hojjetuuf gaaffii isaaf dhiyeessaa jiru. Hojiinsaas ummata biratti fudhatamummaa guddaa argateera.

Dorgommii qaxaleewwanii Baankiin Awaash adeemsiseen 1ffaa ba’uun qarshii miliyoona tokko badhaafamuu kan himu Abrahaam, dorgommii kalaqa garaagaraa Baankiin Daldala Itoophiyaa ‘Nagaadiraas’ jechuun adeemsisaa turerrattis tokkoffaa ba’uudhaan qarshii miliyoona tokko badhaafameera. Baankota lamaanirraa liqiidhaan qarshii miliyoona 10 argachuu dubbata.

Qarshii badhaasaafi liqiidhaan argate kanatti fayyadamee hojii kalaqaa hojjechaa jiru babal’isuuf bakki hojii rakkoo cimaa ittita’uu kan himu dargaggoon kun, yeroo ammaa hojii kana Finfinnee, naannawa Magganaanyaatti bakka hojii kireeffatee hojjechaa jira. Kiraan bakka hojii kun qaala’aa waan ta’eef Magaalaa Shaggaritti bakka hojii barbaadaa jiraachuu dubbata.

Yeroo ammaa bakka hojjechaa jirutti namoota 15f carraa hojii uumee hojjechaa jiraachuu kan himu Abrahaam, utuu Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bakka hojii mijeesseefii waggaa tokko keessatti hojiisaa dargaggoota 50 hanga 80f carraa hojii uumuu akka danda’u eera.

Hojii kalaqa konkolaataa elektirikiifi motor saayikilii kana bara 2011 kan jalqabe Abrahaam, hojiileen kalaqaa inni yeroo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaatti hojjechaa ture hojii kalaqaa amma hojjechaa jiruuf bu’uura kan buuseef ta’uus eereera.

Dargaggoo Abrahaam Isheetuu gara fuulduraatti konkolaattotaafi motor saayikiloota elektirikiin hojjetan baay’inaan kalaqee fayyadamtoota biraan gahuuf karoora bal’aa qabatee hojjechaa jira. Dhaabbatasaa, (‘Selale Bike One Member PLC’) jedhamus kana caalaatti babal’isee sadarkaa guddaarraan ga’uuf kan hojjetu ta’uufi mootummaafi dhaabbileen gara garaas deeggarsa barbaachisuun akka isa bira dhaabbatan gaafateera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You