Dhimmoota waloorratti ajandaa waloo uumuuf kan abdatame; marii biyyaalessaa

Komishiniin marii Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota lamaan darban kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ajandaawwan ummanni gaafatu, dhimmoota marii biyyaalessaa keessatti hammatamuu qabanirratti hojii ajandaawwan adda baasuu hojjechaa jira.

Sochiiwwan hanga ammaatti gama dhimmoota ijoo mariin irratti taasifamu adda baasuu kun Tigraayiin ala naannolee biyyattii hundatti adeemsifameera.

Tibbana ammoo qooda fudhattoonni sadarkaa federaalaa ajandaawwan ijoo marii biyyaalessaa keessatti hammatamuu qaban adda baasuurratti guyyootaaf Finfinneetti adeemsifameera.

Mari’attoonni sadarkaa federaalaatti hojii ajandaawwan adda baasuu kanarratti hirmaatan abbootii amantaa, namoota bebbeekamoofi dhiibbaa uumtota, namoota siyaasaa dabalatee kutaalee torbatti qoodamuun mari’ataniiru.

Xumura marichaarratti ajandaawwan mari’attoonni sadarkaa federaalaa marii biyyaalessaa keessatti irratti mari’atamuu qaba jedhan cuunfuudhaan qabxiilee ijoo torba jalatti kurfeessuun komishinichaaf dhiheessaniiru.

Gaazexeessituu Muniiraa Abdulmannaan namoota sadarkaa federaalaatti hojii ajandaa adda baasuu kanarratti hirmaatan keessaa tokko yoo taatu, xumura maricharratti ijoo cuunfaa ajandaa mari’attoonni gaafatanii kurfeessuun komishinichaaaf kenniteetti.

Muniiraan ajandaalee ijoo mari’attoonni sadarkaa federaalaa gaafatan kana ilaalchisuun yemmuu dubbattu; qabxiin duraa mari’attoonni gaafatan dhimma heera fooyyessuuti jetti.

“Mari’attoonni heera ilaalchisee gaaffiilee hedduu kaasanii mari’atan. Keewwatawwan keessaa haqamuu qaban, dhimmoota ittidabalamuu qaba jedhan kaasaniiru. Keewwatawwan kamirratti mari’atamuu qaba kan jedhu ammoo komishinichi adda baasee booda akka irratti mari’atamu taasisa” jechuun ibsiti.

Dhimmi ijoon biraafi mari’attoonni yeroo dheeraa fudhachuun irratti dubbatan dhimma ijaarsa mootummaafi caaseffama naannolee kan ilaaluudha.

“Mari’attoonni sirna federaalizimii amma hordofamaa jiru kun jijjiiramuu qaba jedhanii kaasan jiru. Federaalizimiin sabummaarratti xiyyeeffate kun akka jijjiiramu kan gaafatan turaniiru” jechuun kaasti.

“Naannoleen caaseffamnisaanii afaan dubbataniin osoo hintaane teessuma lafaatiin ta’uu qaba kan jedhan turaniiru. Kanneen federaalizimiin amma jiru kun akka ittifufu barbaadanis jiru” jetti.

Marii ajandaa adda baasuu sadarkaa federaalaatti adeemsifame kanarratti “Waanti sirni federaalizimii jedhamu kun guutummaan hafee sirni mootii gonfoo akka ta’u kanneen gaafataniyyuu turaniiru” jechuudhaan dabaluun dubbatte.

Hariiroon mootummaa federaalaafi naannolee gidduu jiraachuu qabus ajandaa mari’attoonni kunneen qabatan kan biraati.

Aangoon mootummaan federaalaa naannoleerratti qabaatu hangam ta’uu akka qabu, hariiroon mootummaa federaalaafi naannolee gidduu jiraatu akkam ta’uu qaba kan jedhus sadarkaa biyyaatti akka irratti mari’atamuuf kaafameera.

Ajandaa ijoon sa’aatii dheeraa fudhachuun irratti dubbatame dhimma alaabaafi mallattoowwan ibsituu biyyaalessaa ta’uu himti Muniiraan.

“Alaabaarraa kaasee hanga mallattoolee addunyaarratti Itoophiyaan ittiin bakka buutu akkasumas moggaasa daandiiwwaniirratti bal’inaan kaafamee dubbatame. Alaabaa biyyaa kana halluusaarraa kaasee kan hinbarbaanne jiru.”

“Fallaa kanaammoo kanumti amma jiru akka ittifufu kan barbaadanis turaniiru. Loogoowwan biyyaafi godambaawwanitti bakka bu’iinsa haqaqabeessa ta’uu qaburratti kaafamee dubbatame” jetti.

Mari’attoonni sadarakaa federaalaa dhimmootni kunniin marii sadarkaa biyyaatti irratti mari’atamee furamuu qaba jechuun kan dhiheessan yoo ta’u, komishinichi ammoo fuula duratti qaamolee dhimmi ilaalu mariisisuun gara yaada furmaataatti adeema.

Dhimmi hariiroo idiladdunyaa Itoophiyaan biyyoota ollaafi kaan waliin qabdu, dhimmi ulaa galaanaafi afaanotaas ijoo ajandaa mari’attootaa ture.

“Zoonii keessa jirrutti afaanonni afaan biyyaalessaa ta’uu qabu jedhaman kaafamaniiru. Fakkeenyaaf Afaan Arabaa afaan biyyaalessaa keessatti hammatamee manneen barnootaattis barsiifamuu qaba kanneen jedhan turaniiru” jechuun marii dhimma afaaniirratti taasifame ibsiti.

“Kaan ammoo hariiroo biyyoota waliin qabnuuf Ingiliffi gahaadha, inumaa Amaariffa daran guddisuu qabna kanneen jedhan turaniiru. Ejjennoowwan adda addaatu ka’e” jetti Muniiraan oggaa haala marichaa ibsitu.

Dhimmi ulaa galaanaa garuu dhimma mari’attoonni hundi ejjennoofi yaada walfakkaataa irratti callaqiisiisan yemmuu ta’u, dhimmootni dinagdee, hawaasummaafi amantaalee ilaallatus qabxii ijoo mari’attoonni akka ajandaatti komishinichaaf dhiheeffatan keessaayi.

Ajandaa bal’aan hundumarra kana ture. Dhimmi miidhamtoota qaamaas isa tokko. Paarlaamaa keessatti bakka bu’iinsa akka argatan, fayyadamummaan dinagdees ka’eera” jechuun kaasti.

Dhimmi ijoon biraa dhimma amantaadhaan walqabatu. Amantaaleen hundi ija tokkoon akka ilaalaman. Amantaawwan durirraa biyya keessa turan garuu labsiidhaan hinhundoofne beekamtii akka argatan gaafatameera.

Amantaan Waaqeffannaas labsiifi pirotokooliidhaan akkuma amantaawwan birootti walqixxummaan beekamtii akka argatuufi kaalaandara keessatti akka hammatamuufis mari’attoonni kaasaniiru.

Qooda fudhattoonni marii biyyaalessaa sadarkaa federaalaatti marii guyyootaaf adeemsisan kanarratti dhimmoota filannoo, mootummaa Paarlaamaawaa gara pirezidaantawaatti jijjiiruu, dhaabbilee sivikii siyaasarraa walaba ta’an ijaaruurratti xiyyeeffatan hedduus kaasaniiru.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa dhimmoota biyyattiitti madda rakkoofi walitti bu’iinsaa ta’an mariidhaan furuuf waggoota dura labsiidhaan kan hundaa’eedha.

Komishinichi yeroo ammaa Tigraayiin ala naannolee hundarraa ajandaawwan hawaasni akka biyyaatti irratti naa haa mari’atamu jedhu kan sassaabe yoo ta’u, itti aansuudhaan gara Naannoo Tigraay irraa ajandaawwan marii sassaabutti akka cehu ibseera.

Marii biyyaalessaa sadarkaa biyyaatti tibbana Finfinnetti gaggeeffamerratti kan hirmaatan Ustaaz Abubakar Ahmad gamasaaniin, biyya kanatti rakkoolee jiran hundaaf gadi taa’anii waliin mari’achuun ala filannoon hin yaalamne akka hinjirre ibsu.

Aangoof inni tokko isa biraa ajjeesuun, walballeessuufi biyyattii jeequmsa keessa galchuun dhuma waan qabu miti. Kanaafis rakkoolee yeroo ammaa biyyattii mudachaa jiran furuuf furmaanni nu hafe waliin taa’anii egeree biyyattiirratti mari’achuu qofa.

Akka yaadasaaniitti; Itoophiyaatti walqixxummaan uumamee inni tokko abbaa biyyaa fakkaachuudhaan inni biraa immoo akka waan biyya biraa qabuutti ilaalamuun hafee biyya hundaafuu qixa tajaajiluu dandeessu yaada hunda hammateen ijaaruun kan danda’amus yoo taa’anii waliin mari’atan qofa.

Mariin biyyaalessaa kun silaa kan adeemsifamuu qabu osoo biyyattiin hangana hinmiidhamneen duratti ta’uu kan qabu ta’us, ammas yeroofi carraa hafetti fayyadamuudhaan biyyattiin adeemsa baramaa walballeessuurraa akka dandamattuuf mariin kun murteessaadha.

Muuxannoon biyyoota guddataniifi yeroo ammaa nageenya amansiisaafi jireenya tasgabbaa’aa dhugoomsanii yemmuu ilaalamus dhumnisaa ajandaawwan murteessoosaaniirratti taa’anii waliin mari’achuusaniifi dhimmoota ijoorratti ejjennoo walfakkaataa horachuusaaniiti.

Dhugaan haalamuu hindandeenye tokko garuu nuti; ummatni Itoophiyaa ummattoota aadaafi eenyummaa gara garaa qabu taanee mana tokko keessa waliin jiraachuu keenya. Kanaafuu garaa garteewwan walii kabajaa biyya hundaafuu qixa tajaajiluu dandeessu dhugoomsuun barbaachisaadha.

Itoophiyaan seenaashee keessatti walwaraansa waliiniirraa kaasee hanga sirni tokko sirna biraa humnaan balleessuutti filannoowwan hundi yaalamanis nageenya ittifufiinsa qabuufi dhimmoota ijoorratti ejjennoo walfakkaataa uumuun hindanda’amne. Kanaaf filannoo tokkichi hafe taa’anii waliin mari’achuudhaan dhimmoota ijoorratti ejjennoo waloo uumuudha.

“Hanga yoomiitti waraana akka filannootti fudhannee ittifufna?” kan jedhan Ustaaz Abubakar, qaamni gaaffiin qaba jedhu hundi gaaffiisaa qabatee teessoo mariirratti argamuun barbaachisaa ta’uu dubbatu. Mariin biyyaalessaa eegalame kun hanga ammaatti adeemsi keessa darbaa jiru gaariidha yaada jedhu kan qaban ta’uu eeranii, xumurrisaas biyyattii gara daandii milkiitti akka ceessisu hawwu.

Kun akka ta’uuf ammoo waltajjichi murnoota gaaffii qabna jedhanii hidhannoodhaan mootummaa falmaa jiraniis hirmaachisuu akka qabu kaasanii, murnoonni kunniinis hidhannoosaanii lafa kaa’anii garaa qulqulluudhaan gara waliin taa’anii mari’achuutti akka dhufan dhaamaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

 

Recommended For You