
Finfinnee: Komishiniin Turizimii Oromiyaa damee turizimii cimsuuf Inistitiyuutii Saayinsii Hawaafi Ji’oospaashaal Itoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesse.
Sirna waliigaltichaarratti, Komishinarri Ittaanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo akka jedhanitti, komishinichi waan tokkoofi lama qofarratti osoo hindaangeeffamiin carraawwan adda addaa gara qabeenya turizimiitti jijjiiruun akka danda’amu agarsiisuuf hojjechaa tureera. Walta’iinsi tarsiimoo kun saayinsii hawaafi teknolojii ji’oospaashaalii fayyadamuun turizimii Oromiyaa keessatti warraaqsa fiduuf kan akeekedha. Bakkeewwan xiyyeeffannoo ijoo ta’an iddoowwan turizimii Oromiyaa ajaa’ibsiisoo ta’an kaartaadhaan kaa’uu, taateewwan turizimii teknolojiin qopheessuu, waltajjiiwwan dijitaalaa sadarkaa olaanaa qaban qopheessuun hambaaleefi qabeenya uumamaa naannichaa beeksisuu kan dabalatuudha.
Itoophiyaan jiddugala saayinsii hawaafi jii’oospaashaalii qabaachuun kun qabeenya guddaa ta’uu eeranii, qabeenya kana immoo gama turizimiitiin ittifayyadamuun iddoowwan hawwata turizimii biyyattiin qabdu beeksisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himu.
Hojiiwwan inistitiyuutiin kun hojjatu hedduun isaanii kanneen turizimiif ta’an ta’uu eeranii, akka fakkeenyaattis raaga haala qilleensaa akkasumas agarsiistuun kallattii inistitiyuutiin kun kennu akka galtee turizimiitti akka tajaajilu ibsu.
Turizimii hawaasatti beeksisuufi namoonni gara jiddugala qorannoo saayinsii hawaafi ji’oospaashaal dhufanii akka daawwatan gochuuf waliin kan hojjatan ta’uu himanii, miidiyaan biyyattiis waa’ee iddoowwan hawwata turizimii biyya keenyaa hawaasa keenya biraan gahuu keessatti gahee isaanii akka bahatan dhaaman.
Daarektarri Ittaantuun Inistitiyuutichaa Aadde Beetaliheem Nigusee gamasaaniin, seektaroonni hedduun dhaabbaticha waliin kan hojjetan ta’uu kaasanii, gama teknolojiin damee turizimii deeggaruutiin appilikeeshinii mobaayilii ‘Visit Ethiopia’ jedhuufi marsariitiiwwan biroo hojjachuusaanii eeraniiru. Akka fakkeenyaatti iddoowwan hawwata turizimii Magaalaa Finfinnee, Mootummaa Naannoo Amaaraafi Oromiyaa qaqqabamaa taasisuu, qonna akkasumas raaga haala qilleensaa keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu himanii, inistitiyuutichi damee turizimii deeggaruu bira darbee gara turizimii hawaatti guddachuuf carraa akka qabus ibsaniiru.
Tamaam Abdulleetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017