Sirni barnoota elektirooniksii abbootii murtiifi qaamolee haqaa eegalame

Finfinnee: Sirni barnoota elektirooniksii dandeettii abbootii seeraafi qaamolee haqaa guddisuun sirna haqaa fooyyessuuf gargaaru dheengadda eebbifame.

Sirna eebbichaarratti haasawaa kan taasisan Daarektarri Inistitiyuutii Seeraafi Haqaa Federaalaa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa akka jedhanitti, sirni barnoota elektirooniksii amma jiru sirna dhaabbilee gabbisuufi ammayyeessuuf iddoo olaanaa qaba.

Mistira Haqaatti, Ministir Deetaan Damee Ijaarsaafi riifoormii Dhaabbataa Doktar Ermiyaas Yamanabiraan gamasaaniin, akka biyyaatti sirna haqaa ammayyeessuufi cimsuun galma ‘Dijitaal Itoophiyaa’ milkeessuu keessatti akkasumas, gara fuulduraattis abbootii murtii, abbootii alangaa, galmeessitootaafi ogeeyyii qorattootaa naannoorra jiraniif illee qaqqabamaa taasisuu keessatti gumaacha akka qabu himu.

Sirni kun waliin hojjechuufi rakkoo mudatu waliin furuuf kan gargaaru qofa osoo hintaane, daangeffama iddoo malee leenjii fuulaa fuulatti kennamu waan bakka bu’uuf bakka kamittuu barachuu kan dandeesisu ta’uu himanii, sirni kun akka dhaabbataatti kenniinsi leenjii bu’a qabeessaafi baasiis qusatu akka ta’u kan taasisu ta’uu himu.

Sirnicharrattis hoggantoonni Ministeera Haqaa, Inistitiyuutii Seeraafi Haqaa Federaalaa, hoggantoonni olaanoo manneen murtii federaalaafi qondaaltonni, hojigaggeessitoonniifi qooda fudhattoonni garagaraa argamaniiru.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You