“Naannichatti qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 563 sanyiidhaan uwwisuuf qophiin taasifamaa jira” – Biiroo Qonna Itoophiyaa Giddugaleessaa

“Yaa’aa laga Awaash, Abbayya, Omoo Gibeefi sulula qinxaamaatti balaan lolaa mudachuu mala” -Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaa

Finfinnee: Itoophiyaa Giddugaleessaatti qonna ganna bara 2107/18tti lafa hektaara kuma 563 sanyiidhaan uwwisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannnoo Itoophiyaa Giddugaleessaa beeksise. Ganna baranaatti kutaa biyyaa rooba gannaa argatanitti roobni idileen olii roobuun balaan lolaa mudachuu akka danda’u Inistitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa ibseera.

Sadarkaa Pirezidantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Usmaan Suruur Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qonna ganna bara 2017/18tti lafa hektaara kuma 563 sanyiidhaan uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 54 argamsiisuuf qophiin taasifamaa jira. Midhaan tibba gannaatti qotaman gurguddoo qamadii, xaafii, garbuufi boloqqee uwwisa %86 akka qabaatan ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, karoora naannichaa milkeessuuf naannoorraa hanga aanaatti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin waliigala dhimmoota qonna gannaa 11 hojjetamanirratti sosochiin gaggeeffameera.

Kanneen keessaa misoomni qonna gannaafi ashaaraa magariisaa tokko ta’uu himanii, ganna kanatti biqilaa miliyoona 500 dhaabuuf karoorfamuufi kanneen dhaabaman keessaa buna, kuduraafi muduraan yeroo dhaabbiisaanii waan ta’eef dhaabuun eegalamuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti, misooma maaddii guutuutiin walqabatee bu’aa hanga ammaatti argame babal’isuu, hanqinoota sirreessuun hojiiwwan qonna gannaa omisha nyaata beeyiladaafi industiriiwwan nyaata beeyiladaa madaalawaa (concentrated forage) omishan hojii keessa akka galaniif hojjetamaa jira. Industiriiwwan qindeessa omishaa qonnaan bultootaan eegalaman gutumaan guutuutti hojii keessa akka galan taasisuunis qaama sochii kanaati.

Haaluma walfakkaatuun waldaalee gurmaa’anii kunuunsa biyyeefi bishaaniirratti hojjetan, seektaraalee jiran hunda keessatti dandeettii raawwachiisummaa qonna gannaa cimsuu hanga Caamsaa 30tti kan ittifufu ta’uu ibsu.

Qonna gannaa keessatti omishaafi omishtummaa madaalawaan hawaasa fayyadamaa taasisuuf fedhii qonnaan bulaa bu’uura godhachuun guddistuun callaa kuntaalli 700 ol raabsamaa jiraachuu himanii, fayyadama teknolojifi qophii oyiruu fooyyessuu, yeroon facaasuu, qabiinsa oyiruu, ittisa balaa uumamaa (lolaa gannaafi dhibee) dhabamsiisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu kaasu. Raaga haala qilleensaa bu’uura godhachuun lolaan oyiruu akka hinballeessineef hawaasi ittisa balaa lolaa qinadaa’aa ta’een ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisuuf hoggansiifi ogeessi ga’ee isaanirraa eegamu akka ba’an kallatii kaa’amuu dubbatu.

Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaatti, Daarektarri Ittaanaan Raaga Haala Qilleensaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa rooba ganna bara 2017/18 ilaalchisuun ibsa kennaniin, kutaalee biyyattii rooba gannaa argatanitti rooba idileen olii roobuu akka danda’u ibsaniiru. Qaamolee dhimmichi ilaallatu hundi odeeffannoo inistitiyuutichaa bu’uura godhachuun magaalaafi baadiyyaatti ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu qabu jedhanii, keessumaa baadiyyaatti qonnaan bultootni oyiruunsaanii lolaadhaan akka hinmiidhamneef qophii dursaa taasisuu akka qaban hubachiisu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You