Maariyyee Jaldeessaafi ofeeggannoo taasifamuu qabu

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa torban darbe Itoophiyaatti mul’achuu Ministeerri Fayyaa ibsuun isaa ni yaadatama. Jalqaba daa’ima guyyaa 21 irratti kan argame yoo ta’u namoota isa waliin tuttuqqii qaban keessaas haatisaa qabamuun mirkanaa’eera. Seenaan namoota kanaa akka ibsuttis biyya ollaarraa kan gara Mooyyaalee seenanidha.

Wayita ammaas namoonni dhibichaan qabaman sadii kan ga’e yoo ta’u, gaafa ibsamee kaasee Ministeera Fayyaarraa eegalee sektaroonni sadarkaan jiran dhibichi akka hinbabal’anneef xiyyeeffannaan hojjetaa jiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa ibsa Roobii darbe miidiyaaf kennaniin, Naannoo Oromiyaa Magaalaa Mooyyaaleetti saamuuda qorannoo namoota dhibichaan shakkaman irraa fudhatameen hanga ammaatti miseensota maatii tokkoo kan ta’an namoota sadii irratti dhibichi argamuu eeranii, dhibicha ittisuufi to’achuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu eeru.

Hawaasnis odeeffannoo haalaan hordofuun ofiifi maatii isaa eeguuf ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu kaasanii, dhibichi tuttuqaan kan daddarbu yoo ta’u bifa weeraraan mudachuu akka danda’u kaasu.

Iddoowwan saaxilamummaan itti baay’achuu mala jedhaman buufataalee xiyyaaraa, naannawaa daangaafi keellaawwan seensaafi bahiinsaa hundatti qorannoon eegalamuus himu.

Maalummaa dhibichaa

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa kan dhufu vaayirasii ‘monkeypox’ jedhamurraa dhufa.

Namoonni Maariyyee Jaldeessaatiin qabaman jalqaba irratti:

– Gubaa qaamaa,

– Bowwuu mataa,

– Dhukkubbii maashaa,

– Dhukkubbii dugdaa,

– Qaama irratti bakka bakkatti dhidhiita’uufi wanta kamirrattiyyuu fedhii dhabuutu irratti mul’ata. Gubaan qaamaa yeroo irraa hir’atu ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta’ullee, irreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa.

Hooksisuun kun ammoo baay’isee kan nama dhukkubuufi sadarkaa garagaraa kan qabudha. Dhiitoon gogaa namaa irratti mul’atu boodarra gogaan sun akka madaa’uufi malaa’ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa namarratti hambisee darbuu danda’a.

Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta’u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata.

Dhukkubichi akkamiin nama qaba?

– Namoota dhukkuba kanaan qabaman waliin wal tuttuquun yoo jiraate carraan saaxilamuu ni jiraata.

– Karaa gogaa qaama namaa banaa ta’een, karaa ijaan, karaa funyaaniin yookaan karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama namaatti ni seena.

– Yeroo saalqunnamtii waltuttuquu uumamuunis vaayirasiin kun ni daddarba.

– Jaldeessota, hantuutawwan ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan, vaayirasichi gara namaatti ni darba.

– Vaayirasiin kun karaa uffataan ykn huccuuwwan tuttuqaa qaban birootiinis ni daddarba.

Maariyyeen Jaldeessaa wal’aansa qabaa?

Maariyyeen Jaldeessaa wal’aansa fayyaa hinqabu. Haata’u malee tatamsa’ina isaa to’achuun ni danda’ama.

Talaalliin dhukkuba kana gama ittisuutiin harka dhibba keessaa 85 bu’a-qabeessa ta’ee argameera.

Mala ittisa dhibichaa

  • Tuttuqqii dhukkubsataafi meeshaalee inni fayyadame irraa ofeeguu,
  • Harka bishaaniifi saamunaan dhiqachuu
  • Talaallii dhukkubichaa fudhachuu
  • Soorata bilchaate fayyadamuu
  • Ofeeggannoo taasisuuf kondomii fayyadamuu
  • Nama dhibichaan qabame ykn shakkame qofaatti adda baasuu
  • Dafanii gara dhaabbata fayyaa deemuu ykn geessuu fa’i.

Lammiileen wayita mallattooleen dhibichaa irratti mul’atu dhaabbata fayyaa naannoo isaaniitti akka beeksisan akkasumas gama ergaa gabaabaa 8335 fi toora bilbila bilisaa 952’n eeruu kennuu danda’u.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You