
– Yaa’iinsi turistii miliyoona 12.5 ga’eera
– Iddoowwan 21 bakka ga’umsaa turizimii ta’aniiru
Finfinnee: Ji’oota saglan darbanitti hawwata turizimiirraa galiin dimshaashaa qarshii biliyoona 35tti tilmaamamu argamuu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise. Jijjiiramaa as hirmaannaan qaamolee qooda fudhattootaa dabalaa jiraachuunis ibsameera.
Biirichatti daarektarri misoomaafi piromooshinii turizimii Obbo Faantaahun Taaddasaa ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaan poteenshaalota hawwata turizimiif ta’an 600 qabdi. Hojii hanga ammaatti kunuunsuufi misoomsuurratti hojjetameen yaa’iinsi turistii naannichaa dabaleera. Galiin qarshii biliyoona 35 argamuun dinagdee naannichaa bu’aa akka argamsiisu ta’eera.
Akka ibsasaaniitti, qabeenya hawwata turizimii uumamaa, namtolchee, aadaafi iddoowwan seenaa dabalatee hojii sadarkaa godinootaafi aanaaleetti adda baasuun qoodafudhattoota waliin hojiin misoomsuu bal’aan hojjetameera. Jijjiiramaa as turizimiin utubaa dinagdee tokko ta’ee erga adda ba’ee as hirmaannaan qooda fudhattootaa dabalaa jiraachuus ibsaniiru.
Keessumaa hirmaannaa gama mootummaa federaalaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad iddoowwan hawwata turizimii guguddoon kanneen akka Holqa Soofumar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Awaashiifi Gaarreen Baaleefi Wancii misoomaa jiru.
Hawwata turizimii tokko iddoo ga’umsa taasisuun sona ittidabaluu ta’uu himanii; keessattuu bu’uuraalee misoomaan qaqqabamoo akka ta’an taasisuu bakka aara galfii abbootii qabeenyaafi mootummaadhaan akka guutamu taasisuun hojii xiyyeeffannoo biirichaati jedhaniiru.
Oromiyaa Kibbaa Baha Baalee (paarkii gaarreen Baalee, Soofumar, Dirree Sheek Huseen), Oromiyaa Bahaatti Harargee lamaan (qabeenya holqaafi iddoo seenaa), naannawa giggudalaatti Shawaa Bahaa, sulula qinxaamaatti iddoo ga’umsaa hararratti xiyyeeffate (Bishooftuu) iddoowwan namni saganteeffatee dhaqee daawwatu keessaa jechuun akka fakkeenayaatti kaasaniiru.
Iddoo seenaa Saambee seenaa gootota Oromiyaa Lixaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban beeksisuufi qorachiisuun walqabatee waajjira aadaafi turizimii godina Iluu Abbaa Boor waliin ta’uun akka beekamuufi korriwwan gara garaa bakka seenaqabeessa kanatti akka gaggeeffaman ta’eera jedhan.
Riqichi laga Qabar bakka seenaa kana beeksisuuf hojjetame keessaa tokko ta’uu himanii; Iluun Saambee magaalaa Goreetti dhiyoo ta’uu isheen walqabatee Qonsilaan Ingilizii magaalattiitti argamu hojii haaressuu akkasuma hidha laga Sooris akka daawwatamuuf hojii bal’aan hojjetameera jedhu.
Hojii misooma hawwata turistii naannichaa hanga ammaatti hojjetameenis yaa’insi lakkoofsa turistii biyya keessaafi alaa waliigalaan miliyoona 12.5 irra ga’eera. Yaaa’iinsa turisitiirraa galiin dimshaashaa qarshii biliyoona 35 dinagdee naannichaa keessa galee akka socho’u taasisuun danda’amuus eeraniiru.
Ta’us Oromiyaa wiirtuu hawwata turistii taasisuuf poteenshaala hawwata turistii hundaa misoomsuuf hojii baay’eetu hafa. Keessumaa hawwata turizimii Oromiyaa Lixaatti paarkii Dhaatii Walal sababa rakkoo nageenyaan aanaalee muraasa keessatti mul’ataa tureen walqabatee bu’uuraaleen misoomaa guutameera jechuun hindanda’amu. Akka biiroottis odeeffannoo paarkichaa ga’aa argachuuf haalli rakkisaa ta’uu himanii gara fuulduratti dhimma kana qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun nihojjetama jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017