
Yeroo tokko namoota hedduu “Kun eenyu?” kan jechisiise, sagaleen afaansaa keessaa bahuufi sochiin qaamasaa, qulqullinni viidiyoowwan sirbootasaa kan ajaa’ibsiifamu, artistii cimaafi sabboonaa haftee Baandii Afran Qalloo.
Sirbootasaa gara caalu Afaan Oromootiin kan sirbe namni sirbaaf dhalatee sirbaa guddate kun, ‘Heloo’ ‘Oromiyaa’, Naannawee, jedhaman sirboota nama Afaan Oromoo dhagahu qofa osoo hintaane, namni muuziqaa jaalatu hundi itti booharuudha.
Artistiin waltajjii sirbaarratti kennaawwan artistoota Itoophiyaa biratti hinmul’anne hedduusaatiin beekamuufi keessattuu, muuziqaa Oromoo ammayyeessuu keessatti shoora leencaa bahate leenci qe’ee Ituu- Humbannaa Ona Dadaritti addunyaatti dabalame Artisti Qamar Yusuuf.
Maatii qonnaan bulaarraa kan dhalateefi warra osoo ofii hinbaratiin isa mana barnootaatti ergan kan argate, guyyaan dhaloota koo yoomi? jechaa yommuu maatiisaa gaafatu deebiin argachaa ture “Guyyaa ati dhalattu sana Roobni cimaan roobee lolaa guddaan ture” kan jedhuudha.
Naannawa inni itti dhalateefi yeroo inni itti dhalate sanatti wanti hospitaala ykn buufataafi keellaa fayyaa jedhamu waan hinturreef artistii qaaliin kun kan gara addunyaa kanaatti dabalames manuma warrasaatti. Kanarraa kan ka’e gaaffii inni guyyaa itti dhalate baruufi guyyaa dhalootasaas kabajuuf maatiisaatiif dhiheessaa ture dhadhaa ibidda buute taate.
Maatiinsaa hojii qonnaatiin jiraataniifi ofiisaaniif carraa barnootaa hinarganne garuu mucaasaanii sirbasaatiin addunyaa booji’e kana barsiisuuf carraa hindhorganne. Dukkanni beekumsa ammayyaa isaan keessa jiraatan gara ilmasaaniitti akka hindabarreef mana barnootaa geessanii sirnaan akka hordofu taasisan.
Innis hawwii maatiisaa dhugoomsuuf jecha barnoota waan xiyyeeffannaadhaan hordofuu eegaleef barnootasaa sadarkaa tokkoffaa bahuudhaan waggaa tokkotti kutaa lama utaaluudhaan yommuu nama ajaa’ibsiisutti, miseensotni maatiisaanii “Maaliif yeroo hunda mucaa keenyaaf sadarkaa tokkoffaan qofti kennama”? gaaffii jedhu kaasaa akka turan Artisti Qamar akka qoosaatti ibsa.
Kutaa tokkoffaa hanga torbaaffaatti sadarkaa tokkoffaa bahuudhaan waggaa tokkotti kutaawwan lama utaalaa deemus kutaa torbaffaa booda utaalchi akka hinjirre baramus ciminnisaa garuu ittifufeera.
Garuu maal godhuree yeroo inni barnootasaa kutaa 9ffaa xumuree gara kutaa 10ffaa darbutti haalotni barnoota ittifufuuf ulfaatoo ta’an uumamanii mucaa barnootaan fagoo adeemuuf hidhate kutaa 9ffaa irratti daangessanii hambisan.
Gama tokkoon yeroon sun yeroo mootummaan Somaaliyaa Sa’id Baarreen durfamu Itoophiyaa bahaa itti weeraruu jalqabe yommuu ta’u, gama biraatiin ‘Qayyi Shibir’fi mootummaan Dargiis dargaggoota manneen barnootaa keessaa qabee humnaan gara raayyaa ittisa biyyaatti yeroo itti makaa ture waan ta’eef barnootaan ittifufuusaa gaaffii keessa galchee waan biraa yaaduu keessa galche.
Sababuma kanaan filannoo biraa argatanii hiriyootasaa waliin biyyaa godaanuuf murteeffatanii daandii qabatan. Haala kanaan qe’ee miidhagduu maatiisaa gadilakkisuudhaan kallattii bahaatiin, Karraa Maarraa, Jigjigaa, Toogoo Caallee jechaa kan ittifufe imalli godaansaa sun, hiriyyootasaa hedduu gammoojjii Sahaaraa keessatti hambisus inniifi namootni muraasni milkaa’anii ardii Awurooppaa seenan.
Carraa barnoota akkaan jaalatuufi hubaturraa isa fudhattee Awurooppaa, Xaaliyaaniin geessitee yeroo gabaabaa keessatti gara Ameerikaa Kaabaa, Kanaadaatti isa dabarsite.
Yommuu ammeenyaafi badooma godaansaa yaadatu erga baqataa jedhamee kaampii baqattootaa keessatti geeffamee kaasee yaadaafi qalbiin koo tasgabbaa’ee hinbeeku ture. Akka carraa ta’ee garuu muuziqaafi Qamar kan walbaran kaampii baqattootaa keessatti ture. Kaampiin baqattootaa kun nyaataafi dhugaatii gahaa dhabuutti isa geesseera.
Yaaddoofi dhiphina kaampii baqattootaafi haala mijataa hintaane dabarsaa jiran kana dagachuuf hiriyyoota kaampii baqattootaatti walbaran wajjin ta’uun kiraarii bututtuu suphanii ittiin sirbaa turan. Haaluma kanaan yaaddoo maatiisaanii, haadhaafi abbaa, obboleessaafi obboleettii rakkinni irraa isa fageesse kiraara tana rukutaa yaada itti bahuu idileeffataa dhufe.
Sirbi yeroo mara isaan kaampii keessatti gadadoo iddoo sanaa dagachuufi ofiis bohaaranii warra kaanis ittiin bohaarsiisuuf sirbaa turan dhawaata dhawaataan gurbaan barnoota adda kutee baqannaatti gale, kan rakkoon carraasaa itti cufte osoo hintaane, isa carraan rakkoo fakkaattee bakka inni ganama dhalateef isa akeekte taatee mul’atte.
Warroota waliin sirbaa turan keessaa sagaleensaa haala adda ta’een gurraafi qalbii namoota hedduu waan qabateef yeroo ta’een booda warri kuun dhiisanii inni qofti akka sirbu taasisanii, gurbaa bakka ganama dhalateef sana geessan.
Erga qubataa ta’ee biyya Xaaliyaaniitti qubateen booda, bifa seera qabeessaatiin galmaa’ee deeggarsa mootummoota gamtoomaniitiin gara Kanaadaatti imaluuf carraa argate. Kanaadaatti qajeeluunsaa jiruufi jireenyasaa bifa hundaan jijjiire, tokkoffaa barnootasaa kutaa saglaffaatti addaan kute xumuruuf carraa argate, lammaffaa kaampii baqattootaa keessaa bahee manni jireenyaa kennameefii jireenya gaariitti deebi’e, dabalataanis kennaa uumaan ganamaan badhaase, kan innuu sanaan dura sirriitti hinhubanne dandeettiin sirbaa kaampii baqattootaa keessatti argate sun haala jireenyaa mijaa’e kanaan deeggaramee hojii aartii bal’inaan akka hojjatu isa dandeessisee ummata biratti fudhatamasaas olkaase.
Haala kanaan sirbasaa jalqabaa albamii guutuu baasuuf qarshii namarraa liqeeffatee sirba maxxansiifate. Sababa kanaanis namichi maallaqa liqeesseef isa caalaa albamichi dafee akka gadi lakkifamu miiraan eeguuf dirqame.
Albamichi bahee yoo gatii gaariitti hingurguramne ta’e maallaqni liqeeffame waan deebi’uu hindandeenyeef, namtichi maallaqa liqeesseef maxxanfamee bahuufi gurguramuu albamichaa abbaa hojjate caalaa hawwiin akka eegu isa taasiseera.
Albamichis akka namtichi sodaate osoo hintaane, haala gaariidhaan bahee imala aartii muuziqaasaa gara sadarkaa caaluutti olkaase. Miidhaginni sagaleesaa, dhaabbiifi sochiin inni waltajjiirratti agarsiisu, gangalateefi ciisee sirbu, haalli uffannaafi miirri inni daawwattoota biratti uumu artistoota hedduu irraa kan adda isa taasisuudha.
Uffannaansaas yeroo hedduu kan namoota baay’eerraa adda. Kanaaf sababni uffata dukkanaa’aa filatee kan uffatu osoo hintaane, jalqabumarraa kaasee diizaayina mataasaatiin akka hojjatamuuf ajajee fayyadamuusaati.
Jiruu godaansa biyya ormaa waggoota 25f dabarsee booda gara biyyaatti deebi’uudhaan muuziqaa qofa osoo hintaane, qonna biyyattii ammayyeessuufi omishaafi omishtummaan qonnaa akka dabaluufis shoora irraa eegamu bahachaa kan jiru artistiin gameessi kun, dameewwan akka manuufaakchariingiifi riil isteetiinis hirmaachaa jira.
Garuu hunda caalaa damee qonnaa keessatti hirmaachuun kan isa gammachiisu ta’uu dubbata. Kanaanis qonna ammayyaa hojiirra oolchee ofiisaatiif qofa fayyadamuu osoo hintaane, muuxannoo kana qonnaan bultoota ooyruu xixiqqaa qabaniif hiruunis kaayyoosaati.
Waggoota kudhanii oliif albamii muuziqaa tokkollee osoo hinbaasiin kan ture abbaan muuziqaa ammayyaa kun, dhiheenyatti albamii muuziqaa isa dhumaatiin dinqisiifattootasaatti nagaa dhaammachuuf jedha.
Walumaagalatti; artistii ogummaafi kennaawwan aartiin muuziqaa gaafatu hunda guuttatee waggoota 50f aartii keessa kan jiru, albamiin dhiheenya kanaa kun kan ummanni kabaja isaaf qabuun irratti isa gaggeessu ta’uu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017