Hamdinoo Midhaagsoo: Dargaggeessa kutaa 5ffaatti qusannaa eegalee har’a namoota shantamaaf carraa hojii uume

Handhuura sulula qiinxamaa guddaa Gaanfa Afrikaa keessatti, daandii guddicha Itiyoo Xaaliyaan yeroo jalqabaatiif Finfinneefi Mooyyalee walqunnamsiisuuf gara kallattii kibbaatti diriirsite cinatti, haroowwan mimmiidhagoo Laanganoofi Dambal gidduutti Aanaa Adaamii Tulluu Ganda Habulee guutumaatti dhalatee abjuu fagoo imaluu lafa kaa’ate.

Abjuu kana milkeeffachuuf mana barnootaa sadarkaa jalqabaa magaalaa yeroo ammaa giddugala indastirii ta’aa jirtu Magaalaa Bulbulaatti kan eegale gurbaan yoo ilaalan xiqqaa, wanti afaansaatii bahuufi hojjatu immoo kan nama guddaa ta’e kun, barnoota sadarkaa lammataafi qophaa’inaatiif immoo gara Idaayyaa sulula qiinxamaafi giddugala Konfiransii Turizimii Oromiyaa kan taate gara Magaalaa Baatuutti galee abjuu imalasaa sadarkaa tokko dabale.

Gurbaan osoo waan qusatu hinqabne qusannaa eegaleefi barattoota hiriyyoota isaatiif akka baankii gaafa rakkoo ijoolleen irraa liqeeffataniitti tajaajilaa ture Hamdinoo Midhaagsoo, gaafa barnootasaa sadarkaa lammataa xumuree gara yunivarsitiitti imalu, qarshii maatiinsaa qotiyyoo gurguranii itti kennan kuma shan keessaa kuma tokko qofaa giphii (kiisii)tti hambifatee waan irraa hafe hunda herrega baankii banatee achirra kaa’ate.

Yeroo barattootni hiriyyootasaa maallaqa maatiin qabeenya qabu gurguree gara yunivarsitiitti isaan ergu waan harkasaanii ga’e osoo ji’a hinga’iin balleessanii “birrii fixanne waa nutti darbaa” jedhanii warra rakkisanitti, inni qarshii kuma afur baankii kaa’atee maal ittiin hojjachuu akka qabu karoora baasutti rakkachaa jira.

Akka Hamdinoon jedhutti, Yunivarsitii Amboo irraa muummee barnootaa ‘Rural Development’dhaan eebbifamee waggaa tokkoofi ji’oota afur qofaaf hojii mootummaa qacaramee hojjete. Kunis asuma Magaalaa Finfinneetti kan argamu Kolleejii Leenjii Teknikaafi Ogummaa Kolfee Qaraaniyoo jedhamutti ture.

“Ani hojii uummachuu akka qabu kan murteeffadhe osoo barnoota hinxumuriin dura waan tureef, barataa ta’ee waan maatiin natti kennu hundarraa hamma tokko qusachuun kaayyoo guddaa gara fuulduraatti dhugoomsuuf yaadu kana milkeessuuf raacitiisaa lafa kaa’aa ture.

Osuman kolleejii kanaa barsiisaa jiruutii carraan leenjii wayii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, sagantaan misooma carraa leenjii tokkoo nuuf kennanii anis leenjii sanarratti hirmaachuuf carraa argadhe. Leenjiin fudhadhe kun immoo waan ani ijoollummaa irraa kaasee hojjachuuf yaadaa ture sana milkeessuuf galtee guddaa waan naaf ta’u ture.

Innis intarprinarshiipii yookiin carraa hojii uumuu irratti leenjii gahaa ogeessota beekumsa gahaa qabaniin argachuu danda’e jechuudha. Dura akkuma barsiisaa kolleejii teknikaafi ogummaa tokkotti carraa leenjii kana argadhe. Erga leenjicha xumureen booda garuu hubannoofi dandeettii ani kalaqa hojii irratti qabu waan hubataniif “ati leenjitee qofa gara kolleejiitti deebi’uu osoo hintaane, leenjii leenjistootaa fudhattee namoota biroo leenjisuu qabda” jechuun gara leenjii leenjisummaa fudhachuutti nagalchan.

Leenjii kana fudhachuuf wanti aarsaa ta’uu qabu tokko jira. Innis leenjiin kun ji’oota shanii hanga ja’aatti kan turu yemmuu ta’u, kanfaltiin siif kanfalamu garuu hinjiru. Asirratti gaaffiin guddaan ka’uu qabu tokko; mindaa ji’oota hangasiiti moo bu’aa ani leenjii barbaachisaa imala hojii ofii uummachuuf lafa kaa’adhe sana milkeessuuf na gargaaru wayya? kan jedhu ta’us, ani leenjicha kanfaltii tokkoon ala fudhachuuf murteeffadhee itti gale.

Leenjii sana gahuumsaafi qabxii gaarii ta’een xumuruun dhaabbata biyya Gaanaa tokkorraa sartifikeeta leenjistoota sadarkaa biyyaa taanee eebbifamne. Sanaan booda gara hojii leenjisummaa intarpirinarshiipiitti gale jechuudha.

Wanti beekamuu qabu tokko, ani hojii xiqqaafi guddaa jedhee osoo hinfilatiin hojjechuu kan eegale umrii ijoollummaa irratti ture. Kana yemmuu jedhu maatiin barnootaaf gara magaalaatti yemmuu na ergan animmoo sa’aatii barnootaatiin alatti hojiiwwan barattootni hedduu tuffatan hojjachaa ture. Kunis gaarii harkaa oofuu irraa hanga gaarii harree oofuutti hojiin ani tuffadhee bira darbe hinjiru jechuun ni danda’ama.

Magaalaa keessatti juusiiwwan garagaraa bulbulee naanneessee gurguraan ture. Osoo baradhu waan daldalaan hojjatu hojjachaa, waan qonnaan bulaan qotu qotaa, barnootaaf jecha hojiiwwan biroos osoo hinirraanfatiin walcinaa oofaa nama guddateedha ani.

Keessattuu barataa kutaa shanaffaa ta’ee yeroo jirurraa kaasee hojiiwwan akka asii olitti kaasee kanneeniifi waan maatiin naaf kennurraa walitti qabadhee beerran/ dubartoota/ gabaa keessatti waa daldalan waliin ‘iqqubii’ gale. Yeroo sanarraa kaasee hanga yunivarsitii deemutti namoota garagaraa waliin qusannaa iqqubii kana itti fufsiisuudhaan barnootakoo cinatti waa lafa kaa’achaa ture.

Booda immoo barnoota qophaa’inaa xumurree yemmuu gara yunivarsitii deemuuf jennutti maatiinkoo akka ani bilbila guddaa bareedaa bitadhee deemuuf qotiyyoo naannoo qarshii kuma shanii, jahaatti gurguranii natti kennan. Animmoo osoo maatiin bilbila bareedaa akkan bitadhuuf na eeguu, ani bilbila xiqqoo takka qarshii 300n bitadhe. Birri hanga kuma afur ta’u baankii kaa’adhee gara yunivarsitiitti gale.

Waan nama ajaa’ibu ani gaafan yunivarsitii irraa eebbifamee ba’u akkaawuntii kiyyarraa qarshii qaba. Isa gaafa duraa kaa’adhe qofaa osoo hintaane, jidduunis waan maatiin naaf ergurraa irra caalaa nan kaa’adhan ture. Kanaaf namni tokko altokkotti hojiiwwan garagaraa, yaadaafi kalaqa biraa irrattis hirmaachuun murteessaa akka ta’e agarsiisa” jedha.

Boodarratti leenjiiwwan garagaraa damee dinagdeetti isa galchaniifi dhaabbata dhuunfaasaa horachuuf isa dandeessisan kanatti yoo dhufu, barnootasaas digrii lammataa ‘Business Administration’ baratee waan hojjetuun walitti galfate.

Gurbaan ijoollummaatti barnoota qofaa osoo hintaane, cinaatti daldala xixiqqoo eegale kun, har’a waan yunivarsitiitti barateen osoo hindaangeeffamiin carraa leenjii argateen ogummaawwan hedduu horate. Kanaanis dhaabbata dhuunfaasaa banate, kaayyoo ganama ka’eef sana irra caalaa milkeeffate.

Bara 2018tti Dhaabbata Gorsaa ‘Grothtip Consultancy’ jedhu hundeessee qusannaan kutaa shanaffaatti eegale har’a hojjetaa 50 mindeessuun, yaadasaa galmaan geesse.

Dargaggeessi fagoo yaadee fagoo imaluuf raacitiin inni umrii ijoollummaasaatti lafa kaa’ate sana har’a dhaabbata dhuunfaasaa hundeeffatee, kana qofaa osoo hintaane hiriyyootasaa namoota 17 waliin ta’uun baankii guddaa yeroo gabaabaa keessatti maqaa gaarii argate Baankii Gadaa hundeessee hamilee maatiisaa, firaafi aantiisaa olkaase.

Waan hanga ammaatti hojjatetti boonee yeroosaa bashannaanaafi taphaan dabarsuu kan hinfilanne gurbaan yaadni hojii afaansaa keessaa yaa’ee hindhumne kun, yeroo yeroon waan haaraa yaaduufi uumuun akka hojii idileesaatti osoo addaan hinkutiin itti jira.

Dhaabbatni gorsaa ‘Grouthtip Consultancy’ isaa kunis har’a guutuu biyyatti dargaggoota kalaqa hojii qaban gola biyyaattii hundaa gadi baasee daandii guddinaa itti agarsiisee milkeessaa jira. Naannolee biyyattii hunda keessatti tajaajila gorsaa kennuun riifoormii dinagdee biyyattii utubaa jira.

Walumaagalatti, namni tokko hojii tokko qofaan daangeeffamuu akka hinqabne, qusachuuf maallaqa guddaa qabaachuun dirqama akka hintaane, ganamaan galma kaa’atanii milkiisaatiif hojjechuun faayidaa akkamii akka qabu imala Hamdinoorraa muuxannoo fudhachuun dirqama dargaggeessa guddachuu hawwu hundaati.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You