Dacheen Bakar Waaree Fardeen Qundhudhoofi Arba Baabbileetiinis sadarkaa Afrikaatti maqaa qabdi

Seenaa qabsoo hadhaa’aa sirna cunqursaafi weerartuu farra Oromoofi lafasaa hundeedhaa buqqisuuf taasifamaa ture keessatti shoora gootichi Bakar Waaree taphatee darbe dhalootaan leellifamaa, irbuu inni labatatti laatee darbes akka agartuu ijaatti kunuunfamaa, jaarraa jijjiiramaa har’a keessa jirru kanaan akka geenyuuf warra daandii bilisummaa saaqedha.

Godinni Harargee Bahaa qabsoo fincila diddaa sirna gabroomfataafi weerartuu hundeedhaa buqqisuuf sagaleefi irree tokkoon waliin bahee diinaa isaan weeraruuf ture addatti bahanii loluun dhiigasaanii lolaasanii, lafeesaanii cabsanii, lubbuusaanii wareeganii, faajjiin walabummaafi jaalalli Oromummaa olka’ee akka mul’atu hojii hojjetaniin siidaan yaadannoo akka dhaabatuuf ta’eera.

Qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa achi keessatti taasifameen gootichi Bakar Waaree adda durummaan kan maqaan isaa itti leellifamuu yoo ta’u, fakkattotasaa kumaatama horee guyyaa bilisummaafi sirna jijjiiramaa har’a dhandhamaa jirruuf bu’uura buusee darbeera.

Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu; faanni imaltuu keessummaa Gaazexaa Bariisaa torbee kanaaas gara Baha Itoophiyaa wiirtuu seenaa qabsoo Oromoof bu’uura taate dachee seenaa Calii Calanqoo, dahoo Fardeen Qundhudhoofi Arba Baabbilee Harargee Bahaa nugeessiti.

Harargeen Bahaa kaleessaafi har’a maal fakkaatti? Warra dhufee ishee biratti keessummaa’uuf maaliin nooruu jetti? isa jedhuuf turtii Gaazexaan Bariisaa Bulchituu Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad waliin taasise kunooti.

Bariisaa: Godinni Harargee Bahaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti warra maqaa qabu giddugala seenaati jedhamti agarsiistuun jiru maal fa’i? Dubbistoota keenyaaf utuu ibsitanii.

Aadde Miskii: Maqaan Haragee Bahaa gaafa ka’u gooticha Bakar Waaree dagachuun hindanda’amu. Jaalalli Oromummaa maal akka ta’e qabatamaan agarsiisee fakkaattota kumaatama horachuun goota laphee dhalootaa keessatti siidaa hindabarre dhaabee darbeefi yoomuu hindagatamnedha.

Dhaloonni har’aas gootummaafi bu’uura bilisummaa inni nukeessa kaahee darbe sana misoomatti jijjiiruun dacheen keenya akka namoonni muraasni kaasan Jimaa qofaan osoo hintaane turizimiin, misoomawwan garagaraafi ijaarsa daagaan gaafa xiiqiis walabummaa biyyaaf adda durummaan hiriiruun warra warraaqsa dinagdee keessa seenanii jiru.

Bariisaa: Wiirtuuleen hawwata tuuristii godinni keessan qabu maalfa’i?

Aadde Miskii: Harargeen Bahaa teessumnisaa Magaalaa Harar ta’e, wiirtuulee hawwata tuuristiifi bashannanaa hedduun kan badhaadhedha jechuun ni danda’ama. Akka fakkeenyaatti fudhannee yoo ilaalle Fardeen Bosonaa Gaara Qundhudhoo, Manni hidhaa seena qabeessi Lij Iyyaasuu, dahoon Arba Baabbilee, giddugalli Dhagaa Baabbilee, haroon Haramaayaa, Siidaa Calanqoofi kanneen biroon dachee badhaatedha.

Bariisaa: Fardeen Bosonaa Gaara Qundhudhoo sadarkaa Afrikaattillee warra maqaa qabanidha; har’a maalirra jiru dabalaamoo hir’isaa jiru? Kunuunsa taasifamaafii jiru akkamiin ibsitu?

Aadde Miskii: Dhugaa dubbachuuf sadarkaa Itoophiyaatti Fardeen bosonaa jiru kan gaara Qundhudhooti, sadarkaa Afrikaattis Itoophiyaa dabalatee biyyoonni fardeen bosonaa qaban godina lama hincaalani. Kunimmoo godina keenyarra darbee maqaa biyya keenyaa kan olkaasudha.

Wiirtuu fardeen bosonaa Qundhudhoo itti argaman kana turizimiif mijataa taasisuuf kanamalees tuttuqaarraa bilisa gochuuf qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin taanee daangessinee kunuunsaa jirra.

Baay’innisaniis yeroorraa yerootti dabalaa jira.Yeroo ammaatti badisarraa baraaramanii 44 gahaniiru. Fardeen Qundhudhoo seena qabsoo Oromoo keessatti maqaa qaban kunniin ammaan tana dhalaa 20fi dhiirri 24 yoo ta’an namni ramadameefii kunuunsi seera qabeessaa taasifamaafii jira.

Bariisaa: Madda galii gochuuf sosochiin taasifamaa jiru maal fakkaata? Namoonni dhufanii ni daawwatuu?

Aadde Miskii: Fardeen gaara Qundhudhoon alatti giddugaloota turizimii qabnu madda galii gochuuf humna guutuun hojjetaa jirra. Haata’u garuu akkaataa barbaadameen galiin argamaa jira jechuun hindanda’amu. Misoomasaa tuuristiif mijataa taasisaa jirra. Waggaa muraasa booda madda galii ta’uurra darbanii carraa hojii uumuu keessatti shoora guddaa akka taphatan shakkii hinqabnu.

Bariisaa: Gara Arba Baabbileefi Dhagaa Baabbileettin isin deebisa, kunuunsiifi hordoffiin gama kanaan taasifamaa jiru maal fakkaata?

Aadde Miskii: Arbi Baabbilee Oromiyaaf mitii Itoophiyaafillee akkuma fardeen Qundhudhoo dahoo seena qabeessa ittiin boonnudha. Bineensonni kunneen biyya keenyaaf miidhaginaafi madda galii waan ta’aniif kunuunsi barbaachisaa taasifamaafii jira.

Keessumattuu adamoo seeraan alaan akka hindhumanneef eegumsi barbaachisaan taasifamaafii jira. Bineensota qaalii kana dinagdeetti jijjiiruufis hojjetamaa jira.

Bariisaa: Manni hidhaa seena qabeessi mootichi Lij Iyyaasuu itti hidhamaa tures Aanaa Guraawwaatti akka argamu himama kunuunsi taasifamaafii jiraa laata?

Aadde Miskii: Mana hidhaa seena qabeessa mootii Lij Iyyaasuu Guraawwaatti argamu haaromsuun madda galii taasisuuf qaama dhimmisaa ilaallatu waliin hojjetaa jirra. Umrii dheeraa qabaachuufi xiyyeeffannoo dhabuurraa kan ka’e miidhaan garagaraa irra gahaa ture. Tuttuqaarraa bilisa gochuuf kallattiin taa’ee hojiitti seenamee jira.

Akkuma isinuu kanaan dura oduusaa hojjettan yeroo gabaabaa keessatti haaromsisaa xumuramee tuuristiif banaa ta’a abdii jedhu qabna.

Bariisaa: Meeshaaleen mana hidhaa sana keessa turan hedduun saamamaniiru jedhama deebisiisuuf tattaaffiin jiraa laata?

Aadde Miskii: Eeyyee, haaromsa taasifamuuf jiru cinatti meeshaalee achi keessaa badan deebisiisuuf hojjetamaa jira; cancalli miillisaa itti hidhamaa ture jira.

Teessumni inni irra taa’ee abidda qaqqaammatu jira. Kanneen biroos sakattaanee galii gochuuf humna guutuun hojjetamaa jira.

Gabaabumatti haaromsisaa yeroo gabaabaatti xumuramee tuuristoota biyya keessaafi alaa simachuun galii damee turizimii fooyyessa abdii jedhu qabna. Godinni keenya wiirtuulee hawwata tuuristii qabdurraa haalaan fayyadamuu akka dandeessuuf qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin taanee hojjenna.

Bariisaa: Harargeen Bahaa gaafa maqaa dhahamu Haroo seena qabeessa Haramaayaa dagachuun hindanda’amu. Hedduun weelisaniiruuf. Haroon kun waggoota 17 oliif gogee hedduun boohaniiruuf. Dachee dheedichaa ta’ee ture amma haala akkamiirra jira akkamiin ibsitu?

Aadde Miskii: Haroon Haramaayaa Harargee keessatti bakka guddaa seena guddaa qabudha. Bakka aara galfii soora qalbiiti. Waggoota kudha torbaaf miila Bakar Waaree ta’ee achi buuteen isaa dhabamee ture.

Duubarra kunuunsaafi hodoffii ogummaa taasifamaafii turerraa kan ka’e, kan du’ee ture lubbuu horatee boohicha lammileef gammachuu, soora qalbiifi bakka bashannanaa burqaa hirbaata guyyuu ta’ee jira.

Bariisaa: Haroon kun yeroo ammaatti dabalaamoo hir’isaa jira? Ittifayyadamasaan walqabatee miidhaan akka irra hingeenye hordoffiin taasifamaa jiru maal fakkaata?

Aadde Miskii: Dhugaadha yeroorraa yerootti hangi bishaanii dabalaa jira. Ogeessonni dhimma kanarratti bobba’anii hojjetan jiru. Ittifayyadamaan walqabatee miidhaan akka hinmudanneef gorsi kennamaa jira.

Bariisaa: Haroon qabsoo guddaan du’arraa baraarame Haramaayaan carraa hojii uumuufi madda galii ta’uu keessatti maal fakkaata?

Aadde Miskii: Gama carraa hojii uumuun walqabatee misoomni jallisii akka gabbatu ta’ee jira. Kun ta’us itti fayyadamaan walqabatee miidhaan akka irra hingeenye hordofamaa jira.

Dargaggoonni hojii hinqabne gurmaa’uun hojii qurxummii baasuurratti bobba’uun galiisaanii fooyyessaa jiru. Tajaajila bashannanaa haroorrattis tuuristoota biyya keessaa simachuun galiisanii fooyyessaa jiru. Haroon gogee waggoota 17f boo’amaafii ture mirgisee rakkina kan hir’isu dinagdee kan guddisu ta’ee tajaajilaa jira.

Bariisaa: Godinni keessan giddugala turizimii hedduu qabu kanarraa galii gahaa argataa jira jechuun danda’amaa?

Aadde Miskii: Dhugaa dubbachuuf damee turizimii qabnurratti haalaan hojjennee galii barbaachisu argamsiisaa jirra jechuun hindanda’amu.

Keessumattuu dhimmi wiirtuulee hawwata turizimii galii argamsiisuu danda’an dinagdeetti jijjiiruu xiyyeeffannoo argachuu kan eegale mootummaan jijjiiramaa aangoo qabachuu hordofeeti.

Kanaan dura dameen kun hordoffii dhabee qisaasamaafi miidhaaf saaxilamaa ture. Mootummaan jijjiiramaa aangoo erga qabatee as haaromsiifi kunuunsi damee turizimiif taasifamu dachaan dabaluusaatiin yeroo qabameef keessatti xumuramnaan dinagdee guddaa akka maddisiisu eenyumaafuu ifadha. Isa kanammoo Haroo Haramaayaarratti argineerra; haaluma kanaan hojiitti jirra.

Bariisaa: Jijjiirama hundi har’a dhandhamaa jiru kana itti dhiigee kan fide dargaggoota. Fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf hooggansa keessattis ta’e dinagdeen humneessuuf sochiin akka godinaatti jiru maal fakkaata?

Aadde Miskii: Dhugaadha biyyi dargaggoon tikfamti. Dargaggoo dhiigasaa dhangalaasee lafeesaa lolaasee lubbuusaa wareegee sirna jijjiiramaa kana lafa qabsiisee fayyadamaa taasisuuf siyaasa keessattis dinagdee keessattis qooda akka fudhatan taasisaa jirra. Hoggansa sadarkaa godinaa hanga gandaatti jiru keessatti hirmaannaan qeerroofi qarree olaanaadha; kan korniiyaas akkasuma.

Dabalataan gama carraa hojii uumuufiin walqabatee dargaggoonni eeggattummaa jalatti akka hinkufneef IMXn gurmeessuun dinagdeen akka of humneessan gochaa jirra. Haata’u garuutii gahaadha ilaalcha jedhu hinqabnu. Dachaan fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf ni hojjenna.

Bariisaa: Waamicha kabajamuu walabummaa biyyaaf taasifamu keessatti hirmaannaa qeerroofi qarree akkamiin ibsitu?

Aadde Miskii: Kabajamuu walabummaa biyyaan walqabatee waamicha taasifamu mara keessatti dargaggoonni keenya koorniyaa lamaaniinuu hiriiraa jiru.

Sirni kun bu’aa dhiigaafi lafee obboleeyyansaanii biyyimmoo dhiigaafi lafee qabsaa’ota darbaniin kan dhaabatte waan taateef waakkii tokko malee dhimma biyyaaf hiriiraa jiru; isaa kanaaf galata qabu.

Bariisaa: Harargeen Bahaa misooma Jimaan qofa kan badhaate godhanii kan ilaalan jiru damee turizimiin alatti misoomaalee gara biroon warraaqsi dinagdee jiru maal fakkaata?

Aadde Miskii: Yeroo baay’ee Harargeen Bahaa gaafa maqaa dhahamtu omisha Jimaa qofaan kan beekamtu godhanii kan ilaalan jiru. Kun dogoggora guddaadha, akkuman dura siif kaase godinni keenya misooma Jimaan alatti wiirtuulee hawwata turizimii sadarkaa Afrikaatti jiru jedhamaniin kan badhaatedha.

Kanamalees mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee misoomni inisheetiivii qamadii daran babal’atee bu’aan guddaa galmaahaa jiru agarsiistuudha. Qonnaan bulaan keenya misooma qamadii bonaafi gannaarratti bobba’ee fayyadamummaasaa mirkaneessaa jira.

Kanaafuu godinni keenya hundaan kan badhaate dachee misoomaaf uumamte kan misoomsee misoomuu barbaaduufis qilleensa mijataa kan qabdu wan taateef arguun of amansiisuu waan ta’eef koottaa ilaalaan waamicha keenya.

Misooma Ocholoniitiin walqabaatee Harargeen Bahaa maqaa kan qabdu yoo ta’u, gabaa tasgabbeessuun alatti misoomichatti galtee dabaluun tajaajila biraaf oolchuurratti hojiin ammallee nu eeggatu jira.

Bariisaa: Eeggattummaa wabii midhaan nyaataafi seftineetii jalaa hawaasa baasuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiruufi bu’aan galmaa’aa jiru maal fakkaata?

Aadde Miskii: Eeggattummaafi seftineetii jalaa hawaasa baasuuf kallattii taa’een inisheetiivonni bocamanii gadi bu’an jijjiirama olaanaa galmeessisaniiru.

Hawaasni keenya lafa xiqqoo qaburratti misoomawwan kanneen akka qurxummii, lukkuu, kuduraafi muduraa, damma, aannan, lukkuu, booyyeefi kanneen birooo omishaa jira. Aadaa waggaatti lama omishuu gabbifachuun eeggattummaa seenaa gochaa jira. Bu’uuruma kanaan hojiin gabaa tasgabbeessuu hojjetameera; qaala’insi gatii gabaas amma tokko fooyyee agarsiiseera.

Bariisaa: Qonnaan bulaan keenya omisha omishu gatii madaalawaan akka gurguratuuf walitti hidhaminsi gabaa akkamiin raawwataa jira laata?

Aadde Miskii: Gidduseentummaa daldaaltota seeraan alaas ta’e fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf wiirtuulee murteessaa ta’an keessatti ijaarsi giddugala gabaa raawwateera. Haaluma kanaan fayyadamummaan qonnaan bulaas ta’e warra bitatuu gatii madaalawaan akka gaggeeffamu ta’ee jira.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaan qonnaa dachaan akka dabaluuf itti fayyadamni guddistuu callaafi makanaayizeeshinii qonnaa maalirra jira?

Aadde Miskii: Gama kanaan omishaafi omishtummaa guddisuuf warraaqsi taasifamaa jiru dhiyeessiilee guddistuu callaan yoo deeggarameen alatti bu’aan galmaahu quubsaa hinta’u. Bu’uuruma kanaan dhiyeessiilee guddistuu callaa makanaayizeeshinii qonna ammayyaafi ogummaan deeggaraman akka babal’atan taasifamaa jiru.

Xaa’oofi sanyiin filatamaas yeroon dhiyaachuun dameen qonna keenyaa akka jabaatu taasisaa jirra. Akkaataa barbaadameen gahaa ta’uu baatus yeroorraa yerootti fooyya’insa agarsiisaa jirra.

Kanarraa kan ka’e callaan keenya dachaan dabalaa jira. Fuuldurattis utubaa dinagdee kan ta’e qonna keenya ammayyeessuun kanaa ol galmeessisuun fayyadamummaa qonnaan bulaa keenyaa qabatamaan mirkaneessuuf hojjenna.

Bariisaa: Hoggansi sadarkaa gandaatti gadi bu’e rakkoo hawaasummaa furuu keessatti jijjiirama fidaa jiraa laata?

Aadde Miskii: Hawaasni keenya deddeebbii gandarraa aanaa ykn godinatti taasisuun qabeenyasaa qisaasessaa tureera. Amma garuu tajaajila barbaachisu kamuu balbalasaatti akka argatu taasifamuusaan boqonnaa sammuufi bajatasaa seeraan ala qisaasa’u baraaruu danda’eera.

Tarkaanfichi fayyadamummaa hawaasa baadiyyaa jiru sirriitti mirkaneessaa kan jiru waan ta’eef daran kan jajjabeeffamu kanamalees ciminaan kan irratti hojjetamaa jirudha.

Bariisaa: Hawaasni keenya dubbiirraa gara hojiitti akka deebi’uuf kanamalees waldhabdeesaa karaa duudhaa ganamaa ilaafi ilaameen akka furatu Manni Murtii aadaa akka Oromiyaatti babal’atee jiru akka godina keessaniitti maal fakkaata?

Aadde Miskii: Dhugaa dubbachuuf Manni Murtii aadaa babal’achuunsaa deddeebbii mana murtii idileen qisaasa’inni bajataa akka dhaabatu, dadhabbiin bara lakkoofsisu akka addaan citu karaa duudhaa ganamaafi Oromummaa ilaafi ilaameen akka xumuramu tarkaanfiin fudhatamaa jiru kan namatti toludha.

Tajaajilichi hawaasni keenya dubbiirraa gara hojiitti akka deebi’u tokko miidhaa tokko miidhamaa kan itti hintaane walitti araarsee tokkoomsee kan deebisu lamaanuu injifataa kan itti ta’an tajaajila murtii sirriifi filatamaa ta’aa jira.

Fedhiin waldhabdee hawaasaa furuu yeroo ammaa filatamaa jiru mana murtii aadaa ta’aa jira. Kunimmoo sirni keenya ganamaa Gadaan dimokiraatawaa ta’uusaaf nuyis dimokiraatawaafi ammayyawaa ta’uu keenyaaf agarsiistuu guddaadha.

Bariisaa: Aadaan dubartoota hoggansatti fiduu mootummaa jijjiiramaan babal’ataa jiru akkamiin ilaaltu? Bu’a qabeessummaasaa akkamiin madaaltu?

Aadde Miskii: Akkuma irra deddeebiin ka’aa ture jijjiirama dura dubartoota gara aangooti fiduun hagas mara waan baratame miti. Haata’uutii jijjiiramaa as dhibbantaa shantama hirmaannaan dubartootaa hoggansa keessatti taasisan dabalaa jira.

Kun injifannoo guddaa mootummaan kun itti galateeffamudha. Tarkaanfichi misooma dubartoonni keessa hinjirre misooma hinjedhamu ejjennoo jedhamuun hojiitti seenamee bu’aan guguddaa akka naannoottis ta’e akka biyyaatti galmahaa jiru dubartoota kan hammatedha.

Dubartoonni keenya caasaa mara keessatti hojii waajjiraarraa kaasee hanga hojii dirreetti misoomawwaniifi siyaasa biyyaa keessatti qooda fudhachuun bu’aan nama onnachiisu galmaahaa jira.

Hoggansa siyaasaa keessumattuu caasaa gandaarraa kaasee hanga Ministeeraa darbees Pirezidaantii biyyaa ta’uun dirree lolaa, caasaa nageenyaa, dirree ispoortii, dirree qonnaafi misoomawwan garagaraa daldala keessatti qooda fudhachuun biyyasaanii maqaa waamsisaa dinagdeenis utubaa miira ni dandeenyaa qaban qabatamaan agarsiisaa jiru.

Gamaa kanaan tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa fudhataa tureefi ammas itti jiru gadi qabaa dubartootarra ture kan cabse dinagdee biyyaa kan cimse ta’uu qabatamaan kan mul’ise waan ta’eef kan jajamudha.

Bariisaa: Isin bulchituu Godina Harargee Bahaati. Dubartummaafi itti gafatamummaan siyaasaa hincimuu laata akkamiin ibsitu?

Aadde Miskii: Dhugaa dubbachuuf maatii ofii gaggeessaa hojiin hoggansaa ulfaataadha. Haata’u garuu miirri kutannoofi kaka’umsi jiraannaan wanti hindanda’amne hinjiru.

Dubartoonni maatii mana keessa jiru maraaf ittigaafatamummaa guddaa akkuma qaban ga’umsuma maatiisaanii sana itti hogganan sanaan hawaasasaaniis kutannaan waan tajaajilaniif bu’aa jajjabeessaa galmeessuu akka danda’an qabatamaan argaa jirra.

Bakkeewwan ramadaman maratti ofkennanii hojjechuun bu’aa guddaa galmeessisaa jiru. Aadaan kun gabbataa yoo deeme biyya badhaate arguun fagoo hinta’u.

Bariisaa: Xiyyeeffannoon dubartootaaf haaromsa dura kennamuu dhabuun akka biyyaatti nu miidheera jettanii yaadduu?

Aadde Miskii: Osoo dandeenyuu akka waan hindandeenyeetti, osoo bu’aa buusuu dandeenyuu akka waan bu’aa buusuu hindandeenyeetti ilaalamaa turre sun dinagdee biyya keenyaa miidheera. Isa kanaaf immoo bu’aan jijjiiramaa as dubartootaan galmaa’aa jiru agarsiistuu guddaadha.

Bariisaa: Warraaqsa dinagdee akka biyyaatti eegalame milkeessuuf jiraachuun nageenya waaraa murteessaadha. Nageenya waaraa godina keessanii mirkaneessuu keessatti hirmaannaa hawaasaa akkamiin ibsitu?

Aadde Miskii: Nageenyi waaraa caasaa nageenyaa qofaan mirkanaa’a jedhanii yaaduun dogoggora. Nageenya amansiisaa fiduuf hirmaannaa caasaa hundaa gaafata. Bu’uuruma kanaan dhimma nageenyaarratti hunduu abbummaan akka hojjetu keessumattuu gaachana sirnaan ijaaramee, sadarkaa milishaarraa hanga caasaa nageenyaa olaanaatti marii taasisuun nageenyaarratti hojjetaa jirra.

Walumaagalatti milkaa’ina gama siyaasaan, hawaasummaafi dinagdeen jiru keessatti jiraachuun nageenya waaraa bu’uura waan ta’eef damichaaf xiyyeeffannoo laannee gaaraa hanga dakaa waldubbisaa deemuun omishaafi omishtummaan keenya haalaan akka deemu dhaloota sababaan falmu, hojjetee ofis ta’e biyyasaa jijjiiruu danda’u horachuuf kutannaan hojjetaa jirra.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You