Qilleensi nagaa dachee Oromiyaa bubbisaa jiru cimee ittifufuu qaba

Oromoon “Kan nagaan nu bulchite nagaan nu bulchi, namaa sa’aa nagaa nuu kenni, qilleensa hamaa tulluu duuba nuu qabi” jedhee uumaa kadhachuun nageenyi waa maraa ta’uu ibsa.

Kan wallole gaaddisa jala taa’ee walitti araarsa. Uumaa malkaa yookiin tulluutti ba’ee marga jiidhaa qabatee araara kadhata. Sabni nageenya akka hafuurasaatti ofitti dhiyeessee jiraatu qe’eensaa goolamee nageenyi irraa fagaachuun waggoota lakkoofsise.

Sabni nagaa jaalatu nagaa dhabee abdii kutuun waantota hunda dhiisee nagaa abjoochuufi dheebochuu jireenyasaa godhate. Dararama seenaa keessatti suukanneessaafi akka sabaatti nama qaaneffachiisuu qe’ee Oromoorratti dhala Oromoorratti raawwatame.

Yeroo dhiyoo dura godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti carraa argameen yoo gadiba’an deebi’anii galuun yaaddessaa ture. Qotanii makarachuun, daldalanii buufachuun, horanii bobbaafachuufi hojjetanii jiraachuun hundi yaaddoo guddaa ture.

Kan balleessaa malee lafeensaa cabe, lubbuunsaa badeefi achi buuteensaa dhabame manni lakkaa’ee hinfixu. Oromoon jiraa namaa mitii reeffa namaafuu kabaja guddaa qabaatus du’aa awwaalachuunuu rakkoo ture.

Har’a garuu tumsa hawaasaafi qindoomina qaamolee nageenyaa sadarkaan jiranirraa kan ka’e dachee Oromiyaarra qilleensi nagaan bubbisuu eegaleera. Caasaan mootummaa iddoowwan hedduutti diigame bakkatti deebi’uu qofa osoo hintaane hawaasni milishaafi gaachana sirnaatiin ijaaramee nageenyasaa halkanii guyyaa tikfachaa jira.

Hojjetanii jiraachuun yaaddoo ta’ee ture hafee namuu fuulasaa hojii idileesaatti deebifatee jira. Hoggansi karoora mootummaa akka hinraawwachiifne sadarkaa godina, aanaafi gandaatti adamsamaa ture dhaabbatee sirna bulchiinsa caasaa gandaan hoggansi hunduu ganda galee hojjetaa jira.

Qaamoleen nageenyaa bosona isaan hinsakattaaneefi bakka shakkiin jiru hunda hindhaqne hinjiru. Konkolaattonni, keessumattuu manneen hojii mootummaan walqabatan kan duraan waa’elchaman malee hinsochoone amma akka fedhanitti bakka fedhanitti socho’aa jiraachuu tibbana wayita hojiif godinaalee Oromiyaarra naanna’aa turre mirkaneeffanneera.

Godinaalee Wallaggaa arfan, Shawaa Kaabaafi Lixaa sochiin hawaasni taasisaa jiruun qilleensi nageenyaa bubbisuu eegaluu taajjabneerra. Kana jechuun namni rogawwan maraan yaaddoo nageenyaa keessaa ba’ee guutummaatti misoomarra hiriiree jira jechuu osoo hintaane har’i kaleessarra daran fooyya’aadha jechuudha.

Oromoon akka leencaati, nama hinxuqu, kan isa xuqe hindhiisu. Gaaga’amni har’a qe’eesaa mudate gartokkeesaa ta’uun burjaajjii hamaa keessa seene. Boodara qaamni isa ajjeesuufi jireenyasaa guyyaarraa isa ugguru gartokkeesaa ta’uu shakkuun nageenyaaf dursa kennuutu bubbisa qilleensa nagaaf sababa ta’e. Calaqqee qilleensa nagaa dacheesarratti mul’ate waaressuuf ammas hireen harkumasaarra jira.

Waldhabbiin taatee uumamaa waan ta’eef yoomuu ittisuun hindanda’amu. Ta’us rakkoo guddaan gaaga’ama waldhabbiin fidu xiqqeessuu yookiin dhabamsiisuu dadhabuudha. Wanti dachee Oromiyaafi Oromoo gidduutti mudates kanuma. Silaa, sabni afaan tokko dubbatuufi aadaa araaraa bareedaa qabu waldhaga’uu dhabuun gaaga’ama hanganaa qe’eesaarratti hin fidu ture.

Alaa manaa lubbuun badeefi qabeenyi manca’e Oromoof kisaaraa guddaa malee bu’aa tokko hin fidne. Gaabbiifi eegeen teellaa deema akkuma jedhame har’a gaabbuun hinoolu jedheen amana.

Ijaa ba’uufi gaaga’ama ture dachaa taasisuuf sochiin miira xiiqiin deggeramu dhaabbachuu qaba. Mari’ataan injifataa waan ta’eef sochiin marii nageenyaa mala aadaa hanga addunyaatti taasifamaa ture irra deebiin ilaalamuu qaba.

Hunda caalaa ammoo karra nagaaf saaqamtetti fayyadamuun kisaaraa gama hundaa hambisa. Gama kamiinuu qilleensi nagaa dachee Oromiyaarratti akka itituuf sochiin nageenya waaressuu cimee ittifufuu qaba.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You