Madda rakkoo adda baasuufi yaada furmaataa kaa’uuf hirmaannaan hayyootaa murteessaadha

Finfinnee: Milkaa’ina marii biyyaalessaatiif madda rakkoo adda baasuufi yaada furmaataa maddisiisuurratti hirmaannaansaanii murteessaa ta’uu hayyootni marii biyyalessaa Komishiniin Marii Biyyaalessaa qopheesserratti argaman beeksisan. Komishinichi torbee darbe hayyoota waliin marii Finfinneetti gaggeeseera.

Yunivarsitii Walaayittaatti Pirofeesarri Gargaartuun Almaaz Addelloo Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hayyootni marii biyyaalessaa milkeessuuf madda rakkoo adda baasuufi yaada furmaataa maddisiisuudhaan ga’eesaanii ba’uun milkaa’ina marichaaf barbaachisaadha. Hayyuun yaada qabu karaa saayinsaawaatiin ragaan deeggaree jaalalaan ibsa malee walaba of taasisee taa’uu hinqabu jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, hayyootni wantota dogoggora ta’an sirreessuufis dogoggora uumsisuus danda’u. Hayyootni waan faayidaa qabu hawaasaaf fiduuf maricharratti argamuu himanii; walittiqabamnisaanii furmaata argamsiisa.

Baroota dheeraaf waraana, addaan faca’uufi buqqa’uu argineerra. Rakkoo kanaaf furmaata qorannoon adda ba’e argamsiisuuf hirmaannaan hayyootaa barbaachisaadha. Hayyootni fedhiifi miira dhuunfaa keessaa ba’uun biyya guddugaleeffatanii qaamolee hawaasaa waliin ta’uudhaan beekumsa xabbootti fayyadamanii madda rakkoo adda baasuun tokkummaafi jaalala akka biyyaatti barbaadamu ijaaruuf hojjechuu qabu jedhan.

Yeroo baay’ee rakkoon yeroo uumamu adeemsa siyaasaan rakkoo furuuf yaaluun hayyoota biraa mul’atus, siyaasaan rakkoo furuun deemee deemee gara walittibu’iinsaatti ce’uun kasaaraa akka qabu barannoon irraa fudhatameera jedhan.

Hayyuun adeemsa siyaasaatiin furmaatan fida jedhee midiyaarratti yaada diigumsaa facaasuun gaarummaa akka hinqabne himanii; hayyootni dhugaa jaalalaan ibsuun yaada mo’ataa burqisiisanii marii biyyaalessaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabu. Kanaafis, qorannoofi mariin yeroo dheeraa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yunivarsitii Walloorraa kan hirmaatan Doktar Muusaa Adaal hayyootni waliin taanee maddi rakkoo eessa akka ta’e karaa saayinsaawaatiin qorannee adda baasuun yaada furmaataa maddisiisuutu nurraa eegama. Yaadi biyya diigu hayyuurraa hineegamu jedhan.

Namootni tokko tokko biyyarra fedha dhuunfaasaanii giddugaleeffatanii garaagarummaa babal’isuudhaan sadarkaa ammaarra ga’eera. Marichis rakkoo hanga har’aatti garaagarummaa uume adda baasuufi akkamitti akka furamurratti ga’een koo maali jedhee hundumtuu ga’eesaa akka hubatu taasisa jedhaniiru. Biyya waliin qabnu ijaaruufi tokkummaa cimsuuf hayyootni ga’eesaanii ba’uu akka qabanis dhaamaniiru.

Komishinar Ambaayeen Ugaatoo hayyuu jechuun “Ofii argee waan arge hawaasa agarsiisee ija hawaasaa ta’ee hawaasa kan tajaajilu” jechuudha jechuun barbaachisummaa hirmaannaan hayyootaa marii biyyaalessaarratti qabu ibsaniiru.

Sadarkaan marii akka biyyaatti irra ga’ame rakkoo akka biyyaatti numudate mariidhaan furuu akka dandeenyu kan nu agarsiisuudha. Mariin hayyoota wajjin taasifames gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You