
Finfinnee: Walga’iin Sagantaa ‘Erasmus+, the EU Programme for education, training, youth and sport (2021-2027)’ Wiixataafi Kibxata darbe mataduree “Gahee barnoonni ce’umsa magariisaa keessatti qabu” jedhuun Itoophiyaa, Yunivarsitii Finfinneetti adeemsifamameera. Barsiisonniifi qorattoonni yunivarsitiiwwan biyyoota Awurooppaafi Biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii waltajjicharratti hirmaachuun barreeffamoota dhimma misooma magariisaarratti dhihaatanirratti marii bal’aa adeemsisaniiru.
Ministeera Barnootaatti, Raawwachiisaan Hojii Dursaa Dhimmoota Akkaadaamikii Doktar Eebbaa Miijanaa walga’icharratti akka jedhanitti, Sagantaan ‘Erasmus+’ ALA bara 2021- 2027tti hojiirra oolaa jiru dhimmoota ijoo shan irratti xiyyeeffata. Isaanis dijitaayzeeshinii, jijjiirama qilleensaa, nageenyaafi bulchiinsaa, godaansaafi humna dhaabbilee barnoota olaanaa cimsuudha. Walga’iin kun barana dhimma misooma magariisaa irratti xiyyeeffachuun kan adeemsifame ta’uus eeraniiru.
Itoophiyaan misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf qabatamaan hojiilee hedduu kan raawwatte ta’uu himanii, hojiileen misooma koriidarii magaalota biyyattiitti adeemsifamaa jiran, biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin waggaa waggaan dhaabamaa jiraniifi konkolaatonni elektirikiin hojjetan bal’inaan gara biyyaatti akka galan ta’uun hojiilee ijoo misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf raawwatamaa jiran ta’uu himaniiru.
Sagantaan kun barattoonni, barsiisonniifi qorattoonni biyyoota Awurooppaafi biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii yunivarsitii isaaniirra gara yunivarsitoota biyyoota birootti socho’uun muuxannoo beekumsaafi teknolojii qaban akka waliif qoodaniif kan taasisu ta’uu himanii, ALA bara 2024/25 barattoonni Itoophiyaa 48 carraa barnoota bilisaa argatanii gara Awurooppaa deemaniiru. Bara 2023/24 ammoo barattoonni 53 carraa barnoota bilisaa argatanii gara Awurooppaa kan deeman yoo ta’u, sagantichi erga jalqabee as barattoonni 600 ol carraa barnoota bilisaa argatanii gara Awurooppaa kan deeman ta’uus eeraniiru.
Ministirri Hojiifi Ogummaa Federaalaa Aadde Mufiriyaat Kamiil akka jedhanitti, walga’iin Eraasmas baranaa dhimma misooma dinagdee magariisaa ceesisuurratti xiyyeeffachuun adeemsifameera. Itoophiyaan misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu rawwachaa jirti. Ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa dabalatee maddoonni humna elektirikii bishaan, ifa aduufi jii’otermaalii irraa biyyattiitti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran hojiilee biyyattiin misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf raawwachaa jirtu keessaa akka fakkeenyaatti eeramu.
Itoophiyaan misooma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf karaa dheeraa kan deemte ta’uu himanii, yeroo dhiyoo as ammoo konkolaattota elektirikiin hojjetan gara biyyaatti akka galan taasisuudhaan misooma dinagdee magariisaa dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Inisheetiivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kan ta’e sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin waggaa waggaan biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa’aman dhaabamaa jiru. Itoophiyaatti misooma dinagdee magariisaa milkeessuuf jecharra darbee gochaan hojiileen gara garaa raawwatamaa jiru. Hojiin misooma dinagdee magariisaa beekumsaafi ogummaadhaan deeggaramuu akka qabu himanii, waltajjichis muuxanoo, beekumsaafi teknolojii misooma dinagdee magariisaarratti qabnu waliif qooduuf kan
Itoophiyaan misooma dinagdee magariisaa…
gargaaru ta’uus eeraniiru.
Itoophiyaan biyya qabeenya humna namaa gahaa qabdu ta’uu himanii, humna kana bal’inaan hojii misooma dinagdee magariisaarratti hirmaachisuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017