
Jaarraan amma keessa jirru yeroo itti teknolojiin babal’atee, kenni tajaajilaa dijitaala’eefi hojiileen kalaqaa itti jajjabeeffamaniidha. Yeroo ammaa kana teknolojiin filannoo utuu hintaane dhimma jiruufi jireenya dhala namaan walqabatu ta’aa dhufeera.
Dhimmoota teknolojii, kenna tajaajilaa dijitaalessuufi kalaqa jajjabeessuun walqabatee Itoophiyaatti raawwatamaa jirurratti hundaa’uun gaafdeebii torban darbe Ministir De’eetaa Innoveeshiniifi Teknolojii Doktar Baayisaa Badhaadhaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Hojiilee Ministeerri Innoveeshiniifi Teknolojii Itoophiyaa dijitaalofte ijaaruuf, kalaqa jajjabeessuuf, kenna tajaajilaa si’eessuufi ammayyeessuuf raawwachaa jiru gabaabaatti maal fakkaata?
Doktar Baayisaa: Jaarraan amma keessa jirru yeroo itti teknolojiifi kalaqaaleen saffisaan itti guddachaafi babal’achaa jiraniidha. Kana giddugaleessa godhachuudhaan Mootummaan Itoophiyaa keessumaa jijjiiramaa as sadarkaa biyyattiin keessa turte, irra jirtuufi gara kamitti deemuu akka qabdu adda baasuudhaan hojiitti seenuudhaan tarkaanfiiwwan guguddoo fudhateera.
Guddinni teknolojiifi kalaqaa jiruufi jireenya dhala namaa fooyyessuufi haala mijataa uumuu keessatti faayidaa olaanaa qaba. Gama biraan ammoo teknolojiifi kalaqa keessatti hirmaachuu dhabuun dhiibbaa guddaa qaba.
Mootummaan Itoophiyaa jijjiiramaa as biyyattiin gama teknolojiifi kalaqaatiin sadarkaa akkamiirra turte, sadarkaa akkamiirra akka jirtuufi gara fuulduraatti ammoo sadarkaa akkamiirra gahuu akka qabdu adda baasuun hojiitti gale. Itoophiyaan hoggansa jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin geggeeffamuu erga jalqabdee as gama guddina teknolojiifi kalaqaatiin sadarkaa Afrikaattis ta’e addunyaatti gahee irraa eegamu akka bahattuuf hojiilee hedduun raawwatamaniiru; raawwatamaas jiru.
Dorgommiin addunyaa kanarraa inni guddaan dorgommii misooma dhala namaati. Maddi teknolojiifi kalaqaas dhala namaati. Biyyattiin dargaggeessa %70 ol ta’u qabdi. Dargaggeessi kun kalaqaafi teknolojiidhaaf fedhii qaba. Misoomuuf akkasumas teknolojiifi kalaqarraa faayidaa argachuuf fedhiin akka biyyaatti qabnu jira.
Kana giddugaleessa godhachuudhaan bakka kaleessa tureefi amma jirrurraa kaanee addunyaa egeree keessatti gahee nurraa eegamu bahachuuf waggoota hedduu fuulduratti yaaduudhaan gama teknolojii, kalaqaafi kenna tajaajilaa dijitaalessuuf biyyattiitti hojiilee hedduun raawwatamaa turaniiru.
Bariisaa: Biyyattiin gama teknolojii guddisuu, kalaqa jajjabeessuufi kenna tajaajilaa dijitaalessuutiin dorgommii addunyaa keessa akka galtuuf hojiileen jijjiiramaa as raawwatamaa turan akkamitti ibsamu?
Doktar Baayisaa: Hojiilee gama saayinsii, teknolojiifi kalaqaatiin biyyattiitti hojjetamaa jiran hedduuf bu’uura kan buusan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadi. Yaadotni saayinsii, teknolojiifi kalaqaa kan lafa qabatan mootummaa jijjiiramaatiin dura wayita Doktar Abiyyi Ahmad Ministeera Saayinsiifi Teknolojii duraanii kan yeroo ammaa Ministeera Innoveeshiniifi Teknolojii jedhamu geggeessaa turaniidha. Jijjiirama booda yaadotni saayinsii, teknolojiifi kalaqaa gara imaammataatti jijjiiramuun qabatamaan hojiirra akka oolan ta’e.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi damee saayinsii, teknolojiifi kalaqaa guddisuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru. Mootummaa jijjiiramaatii as dargaggoota kennaa addaa qabaniifi biyya ijaaruu keessatti qabeenya guddaa ta’an adda baasuudhaan dandeettii kalaqaa uumamaan qaban akka gabbifataniif tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamaniiru.
Kutannoon hoggansa siyaasaa jijjiirama booda jiru Itoophiyaaf carraa addaa fidee dhufeera. Jijjiiramaan as biyyattiitti tarkaanfiiwwan rakkoolee furan, misooma si’eessaniifi dhaabbilee manneen hojii mootummaafi daldalaa dorgomaa taasisan hedduun fudhatamaniiru.
Fakkeenyaaf sektara Telekoomii banaa taasisuudhaan dorgomtoonni (oppireetaroonni) biroon biyya alaatii dhufanii tajaajila telekoomii akka kennan taasisuudhaan hanqina dorgommiifi muuxannoo hiikuun dinagdee dijitaalaa ijaaruu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira. Tarsiimoon dijitaalaa Itoophiyaa 2025 Doktar Abiyyi Ahmad jalqabsiisanis guutummaatti milkaa’eera.
Bariisaa: Hojiileen kenna tajaajilaa dijitaalessuuf Itoophiyaatti raawwatamaa turaniifi bu’aaleen gama kanaan galmaa’an akkamitti ibsamu?
Doktar Baayisaa: Tarsiimoo dijitaalaa Itoophiyaatti hojiirra oolaa jiru milkeessuuf dura hojii tajaajila neetwoorkii ‘2Gfi 3G’ gara ‘4Gfi 5G’tti guddisuutu raawwatamaa ture. Kun ammoo tajaajilli intarneetii biyyattiitti akka babal’atu taasisuun kenna tajaajilaa saffisiisuufi ammayyeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera.
Yeroo ammaa fayyadamtoonni mobaayilii miliyoona 93 ol ga’eera. Lakkoofsi fayyadamtoota intarneetiis daran dabaleera. Omishtoonni baadiyyaa yeroo ammaa mobaayilii fayyadamuudhaan odeeffannoo gatii gabaa giddugaleessaa argachuudhaan omishasaanii gabaaf dhiyeessaa jiru. Namni bilbila ‘Smart phone’ fayyadamu ammoo karaa ‘online’ daldala keessatti hirmaachuudhaan bittaafi gurgurtaa raawwachuu danda’a, liqii fudhachuufi qarshii qusachuu danda’a.
Hojii tajaajila neetwoorkii babal’isuuf raawwatameen yeroo ammaa tajaajilli neetwoorkiifi intarneetii magaalota guguddoo, giddugaleessaafi xixiqqoo akkasumas baadiyyaatti daran babal’ateera.
Yeroo ammaa neetwoorkiin ‘5G’n saffisaan babal’ataa jira. Hojii tajaajila neetwoorkii babal’isuuf raawwatameen tajaajilli mobaayilii fayyadamuun kaffaltii raawwachuu duraan hinturre yeroo ammaa kaffaltiin mobaayilii (‘mobile payment’) bal’inaan raawwatamaa jira.
Tajaajilli kun yeroofi humna namaa qusachuudhaan namni kamuu bakkaafi yeroodhaan utuu hindaanga’iin akka kaffaltii raawwatu taasiseera. Tajaajilli kun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa olaanaa galmeessiseera.
Daddabarsi qarshii dijitaalaa caalaatti iftoomina akka qabaatuuf ammoo waraqaan eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ akka hojiirra oolu ta’eera. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa (Faayidaa) namni tokko eenyummaa tokko akka qabaatuufi tajaajila barbaadu iftoominaan akka argatu taasisaa jira.
Faayidaan daddabarsi qarshii dijitaalaa karaa amanamummaafi iftoomina qabuun akka raawwatamu taasisuu keessatti waan guddaa gumaacha jira. Faayidaan inisheetiivii guddaa rakkoolee hedduu bu’uurarraa furaa jiruudha. Dijitaala keessatti Faayidaan bu’uura misoomaa isa tokko ta’ee tajaajilaa jira. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaan’ faayidaalee hedduu qaba. Waraqaan eenyummaa kun tajaajiloota baay’ee waliinis walitti hidhameera.
Dinagdee dijitaalaa ijaaruu keessatti bu’uurri misoomaa biraan Giddugala ‘Inkuubeeshiniifi Aksilireeshinii’ akkasumas dhaabbilee barnootaa, qo’annoofi qorannoofi iddoo kuufama daataa (Data Center) guddisuufi babal’isuudha.
Ijaarsa dinagdee dijitaalaa mirkaneessuuf kuufama daataa guddisuufi babal’isuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Tajaajiloota duratti jenne saffisaafi qulqullinaan ‘Artifiishaal Intalajansiidhaan afaan barbaanneen kennuuf kuufamni daataa daran barbaachisaadha. Wiirtuuwwan kuufama daataa ulaagaa sadarkaa addunyaa guutuu danda’aniin bakkeewwan gara garaatti ijaaramaniiru. Qaamoleen dhuunfaas ijaarsa wiirtuu kanaarratti akka hirmaatan ta’eera.
Dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa tajaajila saffisaafi qulqullina qabu karaa ‘online’ akka kennan gochuuf haalli mijataan uumamee gara hojiitti akka galan ta’eera. Tajaajiloonni karaa ‘online’ kennaman keessumaa sadarkaa federaalaatti daran babal’ataniiru.
Yeroo ammaa dhaabbileen federaalaa 800 ta’an karaa ‘online’ tajaajila kennaa jiru. Tajaajila karaa ‘online’ kennamu caalaatti fooyyessuuf ammoo wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoobii’ jedhamuu hojiirra ooleera. Kenna tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo kana yeroo gabaabaa keessatti gara magaalota guguddoo babal’isuufis hojjetamaa jira. Tajaajilli kun sektaroota hojii mootummaa keessatti hojiirra oolaa jira.
Tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo ‘Masoobii’ kana hojiirra oolchuuf Hazaarbaajaanirraa doolaarri miliyoona tokko gaafatamus yeroo gabaabaa keessatti ogeessotuma biyya keessaatiin hojjetamee akka hojiirra oolu ta’eera. Tajaajilli dijitaalaa wiirtuu tokkoo kun hawaasni tajaajila si’ataafi qulqullina qabu akka argatu taasisuufi invastaroota biyya alaa hawwachuuf gargaara. Dhaabbileen wiirtuu kanatti argaman ‘Application Progamming Interface’n walitti hidhamanii tajaajila kennaa jiru.
Seektara daldalaa keessatti ammoo tajaajilli ‘E-commerce’ hojiirra ooleera. Dargaggoonni Itoophiyaa miliyoona shan ‘dandeettii dijitaalaarratti’ akka leenji’an ta’aa jira. Leenjiin kun sagantaa ‘Five Millions Coders Initiative’ jedhuun kennamaa jira. Leenjiin kun ammaaf kaffaltii malee bilisaan kennamaa jira. Hawaasa teknolojii addunyaa keessatti hirmaachuu, irraa fayyadamuufi dhiibbaa uumuu danda’u horachuuf dargaggoota keenya leenjisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.
Hawaasni keenya dandeettii bu’uuraasaa gabbifatee barreessuufi dubbisuu, kompiyuutara banee cufuu, irratti barreessuufi irraa ‘print’ gochuu, mobaayiliisaatti fayyadamuun kaffaltii raawwachuufi ‘Teleebirriitti’ akka fayyadamuuf hojjetamaa tureera.
Dandeettiin bu’uuraa beekuufi seeraan ittifayyadamuu of keessatti qabata. Ummata biyyattii miliyoona 93 ol bilbila mobaayilii fayyadamu keessaa kan intarneetii fayyadamu miliyoona 60 caaleera. Kaffaltiin miliyoona hedduu ta’u karaa ‘online’ raawwatamaa jira. Kanaafuu namni kamuu dandeettii bu’uuraa kana qabaachuu qaba.
Dandeettii bu’uuraatti aansee kan jiru ammoo dandeettii dijitaalaa (Digital Skill)fi ‘App skill’ jedhamutu jira. Dandeettiin dijitaalaafi ‘App skill’ beekumsa haaraa argachuuf gargaara. Koorsiiwwan dandeettii kana gabbisuuf kennaman sadarkaa addunyaatti walfakkaatoodha.
Addunyaarratti kan dorgomnu qulqullina omishaafi tajaajila kenninuuni. Addunyaarratti dorgomaa dandeettii dijitaalaa keenya guddisaa, ogummaa duraan qabnurratti dabalachaa deemuufi sooftiweerii adda addaa hojjechuufi waan haaraa kalaquu irratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Kanaafuu hawaasni keenya ittifayyadama teknolojiirratti ogummaa bu’uuraa qabaachuu qaba. Ittaansuudhaan ammoo dandeettii dijitaalaasaa guddifachuu qaba.
Yeroo ammaa dargaggoonni biyya keenyaa baay’een teknolojii bu’uura godhachuudhaan hojiilee bizinasii addunyaaf ibsaa ta’aniifi rakkoolee hedduuf furmaata ta’an hedduu hojjechaa jiru. Hojii bizinasii kanaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Ministeerri Innoveeshiniifi Teknolojiitii dargaggoota kalaqa addaa qabaniif deeggarsa akkamii taasisaa jira?
Doktar Baayisaa: Hojiilee Ministeerri Innoveeshiniifi Teknolojiitii irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa tokko namni teknolojiirratti gahumsa akka qabaatu taasisuudha. Ministeerichi hojii kana yunivarsitoota, industirootaafi dhaabbilee qo’annoofi qorannoo, giddugala ‘inkubeeshinii’fi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojjechaa jira.
Dhaabbileen kunneen walitti dhufanii rakkoolee hawaasa keessa jiran adda baasu. Isa booda teknolojii rakkoolee adda bahan hiikuu danda’utu adda baha. Dhimma kanaratti xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa jira. Qo’annoofi qorannoon gama kanaan hojjetaman akka hojiirra oolan ta’aa jira.
Minsteerichi dargaggoota yaadaafi kalaqa addaa qaban yunivarsitootaafi dhaabbilee qo’annoofi qorannoo waliin ta’uun dorgomisiisee ‘inkubeeshinii’ garagaraa akka galan taasisuudhaan deeggarsa barbaachisu taasisaafii jira. Yaadniifi kalaqni dargaggootaa ‘inkubeeshinii’ keessatti gabbifamee teknolojii kan fooyyessu, rakkoolee hawaasaa kan furu ta’uufi carraa hojii uumuunsaa erga mirkanaa’ee booda gabaarra oola. Isa booda invastaroota biyya keessaafi alaatiin akka walquunnaman ni taasifna. Akkasumas haala isaan qarshii liqii ittiin argatan ni mijeessinaaf.
Yaadamni ‘Startup’n yeroo jijjiiramaatti karaa guutuu ta’een hinturre. Yeroo sana baay’inni ‘Startup’ 50 gad yoo ta’u kaappitaallisaa ammoo doolaara miliyoona ja’a ture. ‘Startup’ kun yeroo sanatti namoota 148f carraa hojii kan uume ture.
Jijjiiramaa as hojii yeroo gabaabaa keessatti hojjetameen hanga Mudde bara 2017tti ‘Startup’ kuma lama horachuun danda’ameera. ‘Startup’ kunneen keessaa saamuuda fudhatameen dhaabbilee biyya Ingiliz jiran sadii waliin ta’uun ‘Startup’ 513 irratti qo’annoon adeemsifameera.
Dhaabbileen kunneen kaappitaala doolaara miliyoona 303 oliin namoota kuma 30fi 422f carraa hojii uumaniiru. Namoonni kunneen kaampaanii mataasaanii hundeessuu kan danda’an, namoota hedduu mindessuufi kaampaanii tokko gara kaampaanii lamaafi sadiitti guddisuu kan danda’aniifi rakkoolee hawaasa keessa jiran adda baasanii hiikuu kanneen danda’aniidha.
‘Startup’ yeroo gabaabaa keessatti hojiitti galuun babal’atanii Itoophiyaarra darbanii Afrikaa keessatti hojjechaa jiran baay’eetu jiru. Mootummaan Itoophiyaas ‘Startup’ kunneen sadarkaa addunyaatti akka of beeksisaniif gargaaraa jira. ‘Startup’ baay’een haala mootummaan mijeesseefitti fayyadamuun ‘Ekispoo’ Dubaay, Morookoo, Jaappaan, Kanaadaafi biyyoota addunyaa garagaraatti qophaa’anirratti hirmaachuudhaan dorgomanii mo’atanii badhaasa argatanii deebi’an baay’eedha. Kanneen dhaabbiilee guguddoo biyyoota addunyaa waliin hojjechuuf waliigaltee walii mallatteessanis jiru. Mootummaan biyyattii damee hojii kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee irratti hojjechaa jira.
Yeroo ammaa neetwoorkii ‘4Gfi 5G’ fayyadamuudhaan namootni biyya kana keessa taa’anii dhaabbilee biyyoota alaa garagaraa waliin hojjechuudhaan galii doolaaraan argatan hedduu keessaa namootni kuma 47 ol Finfinnee keessa jiraatu. Dhaabbileen barnootaafi kolleejoonnis dhimma ga’umsa teknolojii fooyyessuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetaniif kallattiin taa’eera. Dorgommiin keenya gara fuulduraa eenyutu baratee biyya keessa taa’ee carraa hojii uummatee namoota hedduuf carraa hojii uumee galii guddaa argata kan jedhurratti xiyyeeffata.
Bariisaa: Kallattiiwwan Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 keessatti taa’an maalfaadha?
Doktar Baayisaa: Kallattiiwwan Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 keessaa tokko dinagdee dijitaalaa karaa guutuu ta’een ijaaruudha. Dinagdee beekumsa giddugala godhateefi kalaqaan geggeeffamu biyyattiitti mirkaneessuun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuudha.
Hojiin gama kamiinuu hojjetamu rakkoo hawaasaa hiikuu, dorgomtummaafi omishtummaa biyyaa saffisaan guddisuuf kan gargaaru ta’uu qaba. Tarsiimichi guyyaa guyyaatti qabeenyaafi yaada haaraa uumuudhaan badhaadhina hunda galeessa kiisii nama hundaa keessa galuu danda’u fiduurratti xiyyeeffata.
Sosochii Itoophiyaan haa omishtuu bara 2014 hojiirra ooleen omishaalee biyya alaatii galaa turan hedduun biyya keessatti omishamaa jiru. Sosochii kana milkeessuuf ogummaafi teknolojiif xiyyeeffannaa guddaan kennamee irratti hojjetamaa jira.
Teknolojiitti fayyadamuu beekuu qofa utuu hintaane gadifageenyaan beekuun barbaachisaadha. Teknolojii gadifageenyaan beekuun teknolojii biyya keessatti akka omishnuuf nu gargaara. Hojiileen nuti hojjennu hundinuu beekumsaafi kalaqa giddugaleessa godhachuu qabu.
Biyyi keenya lafa qonnaa bal’aa qabaatus karaa guutuu ta’een qonnee ittifayyadamuurratti hanqina guddaatu ture. Jijjiiramaan booda garuu lafti qonnaa bal’aan waggaatti yeroo lamaafi sadii akka omishamu ta’eera. Sanyiiwwan qorannoon bahaniifi omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan bakka hundatti babal’ataniiru. Hojiin qonnaas bakka hedduutti teknolojii qonnaatiin deeggaramee adeemsifamaa jira.
‘Algeen’ biyya alaatii bitamee galaa jiru biyya keessatti omishamuun jalqabeera. ‘Algeen kun Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti omishamaa jira. ‘Istaarchiin’ biyya alaatii bitamee galaa jirus biyya keessatti omishamuu jalqabeera. Waraqaaleen biyya alaatii bitamanii galanis biyya keessatti omishuun jalqabameera.
Beekumsa haaraa karaa saayinsaawaa ta’een maddisiisuufi beekumsa argame irratti hundaa’uudhaan omishaaleefi tajaajiloota adda addaa guddisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Gara fuulduraatti Itoophiyaan dijitaalofte, teknolojiin of dandeesseefi addunyaarratti dorgomtuu taate ijaaruudhaaf eenyurraa maaltu eegama?
Doktar Baayisaa: Gaheen Ministeera Innoveeshiniifi Teknolojii imala Itoophiyaa dijitaalofte ijaaruuf jalqabame saffisiisuufi biyyattii sadarkaa addunyaatti dorgomtuu taasisuudha.
Omishaaleen biyyattiin omishtuufi biyya alaatti ergitu qulqullinaan dorgomaa akka ta’uufis deeggarsa barbaachisu ni taasisa. Ministeerichi carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, teknolojii ceesisuufi biyya keessatti omishuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Humna namaa gahaa ta’e baasuu, barsiisuufi leenjisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Dargaggoonni keenya yeroo ammaa carraa bal’aa harkaa qabu. Carraa gama dijitaalaatiin harkasaanii jiru kanatti fayyadamuu qabu. Yeroo ammaa tajaajiloota garagaraa kennuufi argachuun dijitaalaan ta’aa jira. Yeroo ammaa barnoota barachuun, mana fayyaa deemanii yaala argachuun, biyya alaa deemanii carraa hojii argachuun, barnoota ‘online’ barachuun dijitaalaan ta’eera. Yeroo ammaa dijitaalatti kan fayyadamnu jaallannee utuu hintaane dirqamneeti. Kanaafuu hundi keenya carraa harka keenya jirutti fayyadamuu qabna.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif guddaa galatoomaa.
Doktar Baayisaa: Isinis baay’ee galatooma.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017