Godina Wallagga Bahaatti barsiisota 448f lafti mana jireenyaa kenname

Naqamtee: Godina Wallagga Bahaatti barsiisota 448f lafti mana  jireenyaa kennamuu waajjirri barnoota godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tuulii Addunyaa ibsa torbee darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti faayidaa barsiisotaa eegsisuun akka inisheetivii tokkootti qabatamee karooraan hojjetamaa jira.

Akka yaadasaaniitti barana barsiisota baadiyyaatti barsiisan 3017f mana jireenyaa ijaaruuf karoorfamee barsiisota 2400f ijaaruun danda’ameera. Magaalotattimmoo Barsiisota 3500f lafa mana jireenyaa  kennuuf  karoorfamus barsiisota  448 qofatu lafa mana jireenyaa  argate.

Magaalaatti barsiisota lafa mana jireenyaa argachuu qaban keessaa dhibbantaa 11tu argate jedhanii; sababoota akka birokiraasii sektara lafaa, beenyaa lafaa faana walqabatuufi  sababoota biroorraa kan ka’e akka barbaadametti barsiisotaaf lafa mana jireenyaa kennuun akka hindanda’amne ibsaniiru.

Rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa furuuf kurmaana afraffaa kanatti aanaaleen hundi bifa walfakkaatuun akka hojjetaniif Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa Godinichaa kan hoggantoota olaanaa of keessaa qabu kallattii kaa’ee hordofamaa jiraachuufu kurmaanichatti hojiileen abdii namatti horan jalqabamaniiru jedhan.

Aanaaleen muraasni kanneen akka Aanaa Guutoo Giddaa rakkoo barsiisotaa hiikuudhaan milkaa’inoota guguddoo  argamsiisaa jiru  jedhanii, aanichatti barsiisota 120f  lafti mana jireenyaa kennamuu ibsaniiru.

Aanaaleen biroos aanicharraa muuxannoo akka fudhatan gochuun barsiisota mana qabaniifi mana hinqabne  adda baasuun hojiitti galaniiru jedhan Obbo Tuuliin.

Haaluma walfakkaatuun barsiisotni baadiyyaatti barsiisan boqonnaa gahaa argatanii qophii isaanirraa eegamus taasisanii barnoota qulqullina qabu akka kennaniif mana barumsaa itti barsiisanirraa kiiloomeetira sadii ol imalanii barsiisuu waan hinqabneef naannawuma mana barumsaa itti barsiisanitti hirmaannaa ummataatiin manni jireenyaa ijaaramaafii  jira.

Baadiyyaatti manneen jireenyaa barsiisotaaf bal’inaan ijaaramaa jiraatanis manneen ijaaramaa jiran kunneen sadarkaasaanii kan eeggatanii miti. Gandoota baadiyyaa kanaan dura barsiisotaaf manni jireenyaa hinijaaramnetti ganna dhufu guutummaatti barsiisota hundaaf  ijaaruuf karoorfameeras jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You