Karaa nagaa filachuun qaroomina

Oromoon sirna cunqursaa darbaa dhufaa boquusaatti ba’aa ture ofirraa cabsuuf waggootaa dheeraaf qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa taasisaa tureera.

Qabsoo gama kanaan taasisaa tureen murnoota boquusaatti ba’aa ta’anii akka silmii isa xuuxaa turan dabareesaanii eegsisee erga ofirraa cabsee reefu waggoota muraasa fixa.

Boqonnaan mootummaa jijjiiramaa lafa qabachuu eegaluusaatiin murnoonni olaantummaa dur baran ittifufsiisuu barbaadan cichanii ittiduulanis sirna dhiigaafi aarsaa lubbuun dhufe ittifufsiisuuf warra namalee biyyi nidiigamti jedhu afaan qabsiisaa kutannaafi hidhannaa gahaan biyya ijaaraa jira.

Sirna jijjiiramaa kana dhaluuf ilmaan Oromoofi sabaafi sablammiileen hedduun wareegama qaalii kaffalaniiru.

Wareegamni qaaliin kaffalame kun tikfamee walqixxummaan sabaafi sablammii akka mirkanaaa’u Itoophiyaa haaraa sabaafi sablammii hunda qixa keessummeessitu akka lafa qabatuuf humna guutuun hojiitti jira. Jijjiiramoonni tole nama jechisiisan hedduunis galmaa’aniiru, ammas ittumaa jiru.

Gama dippilomaasiin, ijaarsa hidha guddichaatiin balbala galaanaa qabaachuufis tarkaanfiin siyaasaa; omishaafi omishtummaa guddisuurra darbee gabaa alergiif oolchuurra gahuun injifannoo olaanaa Itoophiyaa addunyaarratti beeksisaa jiranidha.

Biyyi tun nu harka jirti; kaleessas lafeefi dhiiga abbootii keenyaatiin dhaabatteetti. Haata’u garuu ilaalcha tokko ol kaasee kaan qollifachiisu cabsuun biyya hundaaf taatu ijaaruuf imalliifi tarkaanfiin fudhatamaa jiru kan nama onnachiisuudha.

Ijaarsi biyyaa gahee mootummaa aangoorra jiruu qofa waan hintaaneef paartiileen morkattootaas ta’e kanneen qabsoo hidhannoo gaggeessan kan ilaallatu waan ta’eef garaagarummaa siyaasaa akka biyyaatti jiru ilaafi ilaameedhaan… furuun ijaarsa biyyaa keessatti waliin hiriiruun dirqama.

Dubbiifi garaagarummaa ilaalcha siyaasaa jiru mariidhaan furuun osoo danda’amuu ilaalcha yeroon itti darbeen qawwee kaasuun tarkaanfachiisaa akka hintaane mootummaan jijjiiramaa kaasaa tureera ammas itti jira.

Bu’uuruma kanaan obboleeyyan kaleessa waliin duuluun sirna abbaa irreefi saamtuu hunkuteessan har’a imaanaa waliin biyya ijaaruu duubatti gatuun qawwee kaasuun dogoggora guddaadha.

Walwaraansa walii waliinii akka biyyaatti mudataa jiruun hedduun qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniiru, kan dhukkubsate wal’aansa dhabee lubbuunsaa darbeera, qabeenyis barbadaa’eera, lubbuun akka malee darbeera. Kanarraa kan ka’es gatiin hinmalle kaffalamaa jira.

Gochi badaan kun hawaasa keenya daran miidhaa waan jiruuf kanamalees yaaliin qawwee kaasuun aangoo qabachuuf taasifamu siyaasa duubatti hafaa waan ta’eef dimokraatawaa taanee qaabsaa’uun dirqama yeroon gaafatuudha.

Bu’uuruma kanaan garaagarummaa siyaasaa jiru mariidhaan furuuf waamicha mootummaan dhiyeessaa jiru ammas kan ittifufe yoo ta’u; hedduun waamichicha dhaga’anii gara qabsoo nagaatti deebi’aa jiru.

Tarkaanfichi daran kan namatti tolu waan ta’eef ammas cimee ittifufuu qaba. Sababnisaas irreen kaleessa sirna abbaa irreefi saamtuu ofirraa cabse har’a waliin mari’atee laga ce’uu osoo qabuu walsakaaluun ormaaf karra saaqaa waan jiruuf dhaabatanii of ilaaluun gaariidha.

Kun waan ta’eef ilmaan Abbaa Gadaa taanee dimokraasii lafa qabsiisuu osoo qabnuu walitti deebinee walnyaachuun waljifachuun fafummaa ta’uunsaa dagatamuu hinqabu. Dubbii maariin fixu qawween walfixuun miidhaa malee jijjiirama waan hinfinneef waamicha nagaafi aaga ta’e dhagahuun daandii nagaa filachuun dhimma filannoo hinqabneedha.

Bu’uuruma kanaan murnoonni akka Oromiyaattis jirtan qabsoo hidhannoo taasisaa jirtan waamicha nageenyaa kanaaf gurra kennuun qabsoo dimokraatawaa filannoo keessan godhachuun barbaachisaadha.

Jaarraa kana keessa abbaafi haadha keenya dadhaboo buqqisaafi gidirsaa wixxirfannaan aangoo qabachuuf taasifamu hiika dhabuu bira darbee hawaas dinagdee lammiilees daran kan gaaga’u waan ta’eef kana booda nugaha jechuun waamicha nageenyaaf taasifameef awwaatanii balbala banaameen olseenuun barbaachisaadha.

Kanumarratti hundaa’uunis obboleeyyan hedduun karaa nagaatti deebi’uun qabsoo dimokraatawaa filachaa jiru. Kun bilchina guddaadha, sababnisaas garaagarummaa yaadaa bor mariidhaan furamuu danda’uuf har’a walfixuun, walcabsuun walsakaaluun ormaaf karaa saaquufi karra walitti cufuu waan taa’eef warri hafanis karaa hinmalle kanarraa deebi’uu qabu.

Har’a wayita addunyaan teknolojiidhaan fagaattee dinagdeedhaan cimtee waldorgomaa jirtutti nuti walitti deebinee walwaraanuun duubatti hafummaa hiyyumaa ofirratti dagaagsuu waan ta’eef ammas dhaabatanii waldhaggeeffachuun qaroomina, mala guddaadhas.

Adeemsa dimokiraatawaan siyaasa gabaan barbaaddu qabannee caallee argamuu osoo malluu hawaasa dhama’ee bulu nagaa dhowwuun, ajjeessuun, buqqisuun, burjaajessuufi saamuun seeraanis ta’e seenaan kan nama gaafachiisu akka ta’es dagatamuu hinqabu.

Hawaasa miilla qullaa deemee nubarsiiseef beenyaan kaffaluu qabnu bilisummaa waaraa fi sirna dimokiraatawaa dinagdeenis itti boqotan ta’uu osoo maluu jiruuf jireenyasaa golgoleessuun kan nama gaaddisiisudha.

Hudhaan kun kan furamu walwaraansa dhaabuun, waamicha nagaaf gurra kennuun waan ta’eef humnoonni qabsoo qawwee taasisaa jiran waamicha nagaa mootummaan taasisaa jiru fudhachuun deebihuu qabu.

Walumaagalatti garaagarummaa siyaasaa mariin furuun ijaarsa dimokraasii eegalame kan saffisiisu, hiyyummaa seenaa taasisu waan ta’eef harka araaraaf diriire tole jechuun hawaasaaf beenyaa dinagdee kaffaaluun nurraa eegama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You