
Waggoonni 1950 hanga 1970mootaatti jiran bara dadammaqiinsi gama ijaarsaafi hawaas dinagdee fooyya’aan tureedha. Sosochiin gama dinagdeetiin mul’ate kunis xiyyeeffannoo guddaa akka argattu taasisee ture.
Maqaan Aggaaroo jedhus biyya sooromte akka taate ibsuuf baay’ee jedhameef. Kanneen keessaa, ‘Aggaaroo cheenji ba guwaaroo’, ‘Aggaaroo Abbaa booqaa biyya birriin dooqaa’faa eeruun nidanda’ama.
Waggoota kanneenitti Magaalaan Aggaaroo tajaajila taaksii, bilbilaa, elektirikii hayidroo, daandii aspaaltiifi poostaa argachaa waan dhufteef filannoo daldaltoota biyya keessaaf alaa taate.
Guddinni dinagdee daldaltoota qofa hawwatee hindhiifne. Magaalaa filatamtuu artistoota guguddoo yeroo sanaafi bakka bashannanaa abbootii qabeenyaas taate. Artistoota keessaa Xilaahun Gassasaa, Argaaw Badhaasoo, Nawaay Dabbabaa, Hamalmaal Abaateefi kanneen birootiif giddugala konsartii taatee jaalala qabaniifis walaloofi yeedaloodhaan ibsuun seenaaf kaa’aniiru.
Keessumaa Xilaahun Gassasaa, “Akkan badee dhufnee Gibeen nanceessisuu akka obseen teenyee yaaddoon nanteessisuu yaa haadha faaris faaroo kottu nibuuna katamaa Aggaaroo” jechuun weelliseef.
Kan akkana jedhee mammaakes jira.“Ashaaroon akoofsisaa ashaaroo minaan adii Aggaaroof naboochisa Aggaaroo Jimmaaf maddii” jechuun.
Akkuma armaan olitti xuxxuquuf yaalame hawwattummaafi jaalatamummaan Aggaaroo daran dabalee akka lakkoofsa Itoophiyaa bara 1957 keessa mootii yaroo sanaa Hayilasillaaseedhaan daaw’atamuuf beellamni qabameef. Akka odeeffannoon abbootiirraa argame ibsutti daawwanaan kun eebba addababa’ii leencota afranii Magaalaa Jimmaafi Aggaaroof ture jedhu.
Magaalaan Aggaaroos simannaa mootichaaf of mimmiidhagsuu eegalte. Inni qabu simintoodhaan fuuldurasaa ijaarrate, kaanimmoo qorqorroodhaan miidhagfate. Ummanni magaalichaas akkuma aadaasaatti keessummaasaa simatee kessummeessuuf namoota 300 caalaniin guyyoota gabaabaa keessatti masaraa guddaa qaroomina ummataafi biyya badhaadhee dhugumatti qarshiin boroodhaa itti hammaaramu akka taate agarsiisuun ijaarame.
Eebbi addababa’ii Leencota Afurii dallansuu guddaa uume. Bocni mootichaa walakkaa leencotaa hinjiru ture. Dallansuudhuma kanaan daawwannaa Aggaarootti taasisuuf turan haqanii Finfinneetti deebi’an. Odeeffannoon biraa garuu eebba leencota afranii booda sareen mootichaa waan konkolaataa keessa galuu diddeef Finfinneetti qajeelan jedha.
Kanas ta’e sana, mootichi affeerraa masaraa haaraatti qophaa’eef Tsahaay Inqusillaasee (bulchaa Kafaa xaqlaay gizaat kan ture) erguudhaan Aggaaroof dugda kennanii deebi’an. Yeroo sanatti Aggaaroon teessuma bulchiinsa Limmuu (konyaa) turte.
Bulchaan konyichaas obboleessa bulchaa Kafaa xaqlaay gizaat Taaddasaa Inqusillaasee jedhamu ture. Erga waa’ee Aggaaroorratti seensaaf hanga jennee dhimmoota hafaniif gara gaafdeebii kantiibaa magaalattii Obbo Naziif Mahaammadamiin wajjin dhiyeenyuma kana waajjirasaaniitti taasisneetti haa ceenu.
Bariisaa: Mee Magaalaan Aggaaroo yoom hundoofte? sadarkaa misoomaatiin maalirra jirti? Akkasumas sochiin hawaasummaafi siyaas-dinagdeeshii maal fakkaata?
Obbo Naziif: Magaalaan Aggaaroo erga hundooftee waggaa 200 lakkoofsisteetti. Magaalaa umrii dheeraa qabduudha. Garuu akka umriishiitti hinguddanne. Magaalaan tun bara 1960 keessa magaalaa qaroominaa turte.
Mootummaan Dargii dhufee sochii dinagdeeshii laaffise. Bara mootummaa ADWUI immoo ni awwaalamte. Erga itti waamamnishii naannoof tahee mirga guutuu argattee bilisummaadhaan sochootee gama hundaan guddachuu eegaltee waggoota muraasa lakkoofsisteetti.
Magaaalaan Aggaaroo bakka argama bunaati. Magaalaa Aanaa Gommaa keessatti argamtuudha. Magaalaan Aggaaroo bu’uura ida’amuu, jaalalaa, tokkummaatisi.
Yeroo ammaa sabaafi sablammoota 30 ol ta’antu keessa jiraata. Aggaaro jechuun Itoophiyaa xiqqoo jechuudha. Magaalaa lammiileen alaa Yamanoonni, Araboonniifi Armanoonnifaanis keessa jiraataniidha.
Magaalaa jaalalaafi namni tokkummaan walkabajee keessa jiraatuudha. Kanaafis magaalaa jaalalaa jedhamtee beekamti. Naannawaan kun naannawa omishawwan adda addaatiif mijataadha. Magaalattii hawwattuufi miidhagduu taasisuuf hojii bal’aan hojjataamaa jira.
Bariisaa: Aggaaro yoom qaama seerummaa argatte? Yoomis mana qopheessaatiin buluu eegalte?
Obbo Naziif: Agaaro seeraqabeessummaa argattee mana qopheessatiin buluu kan eegalte bara 1942. Riifoormii naannoo Oromiyaatiin bara 1998 godina jala galtee tajaajilaa turte. Sana dura magaalaa Aanaa Gommaaf waamamtu turte. Waggoota lamaan dura jechuunis bara 2015 as magaalota itti waamamnisaanii naannoof ta’an 23 keessaa ishii tokko.
Bariisaa: Maqaan Magaalaa Aggaaroo maalirraa moggaafame? Baay’inni jiraattotashii hammami? Caaseffamnishii hoo maal fakkaata?
Obbo Naziif: Aggaaroon maqaa gosaati. Gosti kun amma naannawa Geeraa jiru. Kanaaf gosa naannawa kana ture, Aggaaroorraa moggaafame. Magaalattiin baay’ina ummataa kuma 131 ol kan qabdu yoo ta’u; gandaa jahaan caaseffamte.
Bariisaa: Aggaaroon damee hawaasummaatiin maal fakkaatti? Misoomaan hoo? Qaroominnishii durii maaliin ibsama?
Obbo Naziif: Aggaaro bara 1937 irraa kaasee mana barumsaa Raas Dastaa jedhamu qabdi. Bara 1962 immoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa horatte. Bara 1960moota keessa misooma bu’uura kanneen akka daandii aspaaltii hektaara 10.5 qabdi turte. Yeroo amma isuma sana irra deebinee haaromsaa jirra.
Aggaaro qaroominashii duriitti deebisuufi ammayyeessuuf cichoominaan hojjetaa jirra. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa (1ffaa-8faa) kudhanii ol qabdi. Mana barnootaa kutaa 1ffaa-6ffaa kudha shan qabdi. Hospitaala tokkoofi buufataalee fayyaa sadii qabdi.
Bu’uuraalee misoomaa gama barnootaatiin fayyaatiin, ibsaafi daandiitiin haala gaariirratti argamti. Aggaaro magaalaan bara 1957 mootiin yeroo sanaa, Hayilasillaaseen gara kana dhufu jennaan, simannaa mootichaatiif guyyaa tokkotti masaraa mootii ijaarteedha.
Magaalaa argama bunaafi qonnaan bulaa sooressi keessa jiraatu waan taateef yeroo sana deeggarsa lammii Giriik tokkoon laga naannawatti agamurraa bishaan hidhanii ibsaa fayyadamaa turan.
Kanaaf turtii guyyaa tokkoo mootiin yeroo sanaa, Hayilasillaaseen magaalattiitti nitaasisu jedhameef masaraa ijaartus isaan garuu Magaalaa Jimmaa boqotan. Asii ummanni manafaa ijaaree isaan eegaa ture.
Kantiibaa Jimmaa yeroo sanaa Tsahaay Inqusillaasee jedhamaniin, “Dhimma ariifachiisaafiin darbee gara Goree deemee, dhaqii ummata dhiifama gaafadhuutii achi bulii sagantaa qophaa’e sana hirmaadhu jedhanii ergan.
Kana kanin kaaseef ummanni Aggaaroo Hayilasillaaseen ni dhufu jennaan guyyaa tokkoon masaraa ijaaree eege. Ummanni keenya ummata qaroomaa akkasiiti. Har’a masaraan mootii sun haala miidhagaadhaan haareffameefi ammayyeeffamee daaw’atamaa jira.
Aggaaro seenaa qofa osoo hintaane, magaalaa qaroominaa, ummata simannaa mootiif guyyaa tokkotti masaraa ijaare qabduudha. Kanneen ani eereen ala waantonni qaroomina durii magaalattii ibsan baay’eetu jiru.
Bara 1959 qonnaan bultoonniifi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa Gommaa yeroo sanatti baankii Addiis jedhamu banatan. Ummata yeroo sanayyuu qaroomee baankii ofiisaa hundeeffateedha.
Gama dinagdeetiin xiyyeeffannoon magaalaa keenyaa buna. Qonnaan bulaan Gommaa buna omisha. Baadiyyaatti midhaanonni akaakuu adda addaas kan omishaman yoo ta’u, magaalaatti immoo horsiisawwan gara garaa jalqabneerra.
Isaanis kanneen akka horsiisa lukkuu, sa’a aannanii, loon furdisuufi horsiisa qurxummii fa’i. Gama horsiisa kanniisaatiin gaagurawwan hedduun hidhamaniiru. Kunneenis Aggaaro yeroo muraasa keessatti magaalaa sadarkaa guddinaarra gahuu dandeessu ta’u kan agarsiiseedha.
Lageen torbaa oltu magaalaa kana keessa qaxxaamuree darba. Yoo lageen kanneeniifi qabeenyawwan kaaniif ummata walitti fidne waan raajii hojjachuu dandeenya. Walittifidnees waggoota lamaan darbanitti wantoota hedduu hojjanneera. Ummata barate, fageessee yaaduufi sammuu qabu qabna. Kanneen qindeessinee bajata xiqqoo ittidabaluun hirmaannaa ummataatiin waan guddaa hojjetaa jirra.
Dinagdeen magaalaa keenyaa daldalarratti xiyyeeffata. Magaalaa keessa daldalawwan hedduutu jiru. Bara 1960moota keessa daldala qaxxaamuraa hanga Sudaanitti adeemsifamutu ture. Araboonni daldala qaxxaamuraa kanaan as fidanii daldalachaa turan. Amma daldaltoota sana deebisnee bal’inaan daldaltoonni hedduun galanii hojjetaa jiru.
Magaalaa jiddugala konfaransii gochuuf yeroo ammaa galmoota hedduu ijaarreerra. Jiddugala konfaransii magaalota dhihaa taasisuuf haalonni hedduun mijaa’aniiru. Galmoota namoota 5000 keessummeessuu danda’an bakkawwan shanii qabna.
Galmoonni kunneen tokko tokkoosaanii namoota kuma tokko qabachuu danda’u. Namoonni as dhufanii guyyaa tokkotti waltajjiiwwan shan walfaana gaggeessuu danda’u. Kanaaf magaalaa jiddugala konfaransii gochuuf hojjatamaa jira.
Daladalli magaalaa keenyaa gama bunaan qofa osoo hintaane akaakuuwwan adda addaatu waan jiraniif abbootiin qabeenyaa dhufanii alergiirratti hirmaachuu danda’u. Gama turizimiitiin lageen hedduu waan qabnuuf, misooma qarqara lageenii jalqabneerra. Hojii boqonnaa tokkoffaa xumurreerra.
Kanaaf turizimiirratti hojii bal’aa hojjachuuun nidanda’ama. Aggaaro qabeenyawwan uumamaa hedduu waan qabduuf madda galiis ta’uu nidanda’a. Namoonni bakka biroorraa dhufanii iddoo bashannanaa taasisuun akkasuma.
Kana dhugoomsuuf halkanii guyyaa hojjatamaa jira. Aadaa hojii jijjiiruuf amma halkan sa’aatii 6:00tti hojii bal’aan hojjatamaa jira. Naannoon kun naannawa bunaa waan ta’eef namoonni guyyaa malee halkan hinhojjatan ture.
Amma deebisnee magaalaa ammayyooftuu waan taasisneefi taasisaa jirruuf dameewwan teknolojii, turizimii, konfaransii, daldalaafi hawaasummaa hedduurratti abbootii qabeenyaa simachaa jirra.
Bariisaa: Gama qabeenya magaalattiin qabdu ibsuutiin maaltu hojjetame?
Obbo Naziif: Waantonni Aggaaroon bakka argama bunaa ta’uushii ibsan heddumminaan hojjatamaniiru. Magaalaan kun magalaa bu’uura ida’amuuti. Magaalaa ministira muummees biyya keenyaaf gumaachiteedha. Barcuma abbaa miila sadii qabna.
Barcuma abbaa miila sadiitii kanaan mallattoo guddaan jiddugaleessa magaalattiitti hojjetameera. Miilonni sadan kunniin duudhaalee ibsan qabu. Tokko nageenya, lammaffaa dimokraasiifi sadaffaan misooma ibsu. Namoonni naannawa kanaa duudhaalee kanneen bu’uureffachuuni kan guddatan. Waa’een dimokraasii, nageenyaafi misoomaa nuuf bu’uura jechuudha. Seensa galma keenyaarrattis kan argamu barcumuma abbaa miila sadii kana.
Gama kaaniin barcumni abbaa miila sadii kun aangoos bakka bu’a. Namni asitti barcumarra si teessise aangoorra turaa jedhee nama eebbisa. Naannawa kanatti aangoodhaafi barcuma abbaatu of jalatti eeggata jedhama.
Bariisaa: Aggaaroon gama nageenyashii mirkaneeffachuutiin muuxannoo akkamii qabdi?
Obbo Naziif: Erga mootummaan jijjiiramaa Doktar Abiyyi Ahmadiin hogganamu gara aangootti dhufee as magaalaa keenyatti rasaasni tokkollee dhukaafamee hinbeeku.
Waa’een nageenya Aggaarootti idilaawaa waan ta’eef hawaasatu eeggata. Qaamni mootummaa ni qindeessaa, ni to’ataa, ni hordofa. Osoo nageenyi jiraachuu baatee sabaafi sablammoonni 30 ol nageenyaafi jaalalaan keessa jiraachuu hindanda’an.
Walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimaatu jira. Jiraataan magaalattii hawaasa yeroo gaddaafi gammachuu walcina dhaabatee waliin dabarsuudha. Ummata sabaafi sanyiin walhinqoodne; ammayyaa’aafi barateedha.
Ummata, keessattis dhaladhu, amantii feetes hordofii Itoophiyummaa kan keetiin si kabajee, si jaalatee lafa sii kennee, ilma sii kennee si wajjin jiraatuudha. Ofii sireerraa bu’ee keessummaa sireerra ciibsuudha. Gaggeessaan keenya Looreetiin Nageenyaa Addunyaa Doktar Abiyyi Ahmadis ummatuma akkanaa keessaa ba’an.
Bariisaa: Bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaan dhugaatiitiin Magaalaan Aggaaroo sadarkaa akkamiirra jirti?
Obbo Naziif: Magaalattiin sirnoota darbaniin daran dagatamtee turte. Reefu magaalaa tahaa waan jirtuu hanqina bal’aa qabdi. Bishaan dhugaatii magaalaa kana keessa hinjiru.
Bishaan bara 1997 ummata kuma 30f hojjatametu jira. Kanaaf waa’ee hanqina bishaanii kana furuuf murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin pirojektiin bishaanii guddaan qarshii biliyoona 1.7 oliin laga Coociirratti hojjatamaa jira.
Hojichi Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa waliin ta’uun hordofamaa jira. Sababa hanqina doolaaraa mudateen meeshaalee ala galanirratti haqinni uumamee ture. Kun yeroo ammaa furamuurratti argama. Ji’oota lamaa hanga afurii jidduutti ni xumurama jennee abdanna.
Bariisaa: Misooma koriidarii Aggaarootti hojjetameefi hojjetamaa jiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) daawwatanii jajaniiru’ akkamiin hojii kanaan milkooftan?
Obbo Naziif: Misooma koriidarii Finfinnee, naannawa Piyaassaa daawwannee miira addaa nutti uumee ture. Dhufnees akka magaalaa Aggaarootti koree raawwachiiftuu hojii namoota shan qabu waliin mari’anne.
Miira, nutis humna magaalaa keenyaatiin hojjachuu dandeenya jedhuun koricha waliin murteessine. Lammaffaarratti hoggansa akka magaalaatti qabnu mariisifnee hojjechuu nidandeenya; yoo xiqqaate magaalaa keenya magariisa gochuu, karaa biskileetiifi lafoo hojjechuu dandeenya jennee kaane.
Asphaaltii bakkuma jirurratti suphinee sirreessinee miidhagsuu dandeenya jennee muuxannoo Finfinneerraa fudhanneen jiraattota gandoota jahaa irradeddeebiin mariisisnee waliigalteerra gahame.
Kana booda hangam hojjachuu dandeenya? Hirmaannaa ummataatiin maal arganna? Eenyu biraa dhakaa argachuu dandeenya? Eenyutu tubboowwan ibsaafi bishaaniitiif galuu haala sadarkaasaa eeggateen walitti hidhuu danda’a, karaa hawaasa Aggaaroo maaliin hirmaachifna? Deeggartoota misooma Aggaaroofi magaalattii beekan, magaalota Jimmaafi Finfinnee darbees biyya alaa jiraatan mariisisuun waliigalteerra geenye hojiitti seenne.
Bu’uura seera biyyaafi sadarkaa magaalaa olaanaa tokkootiin daandiin bitaafi mirgaa meetirii 10 akka bal’ifamu taasifame. Akka Aggaarootti manni guutummaatti ka’e hinjiru. Meetirri kudhan durumaa kan bishaaniifi ibsaati. Daandii lafoo, iddoo magariisaafi biskileetii hojjechuufis murteessine.
Baatiilee sadii keessatti xumurra jennee eegalle. Tokko bajata keenyaan maal hojjanna? Teeraazoofi dhagaa koobilii dhiheessinee karaa lafoofi biskileetii, iddoo teeraazoodhaan karaa biskileetii hojjechuu hindandeenyeetti immoo konkiriitii akkasumas magariisummaarratti hojjechuuf karoorfannee milkeessine.
Daandii aspaaltii federaalaa kiiloomeetira 16 tahu konkiriitiidhaan hojjanne. Kun hirmaannaa ummataatiin, bajata mootummaarraa gatii harkaa qofa warra hojjetuuf kaffallee hojjechiisne.
Dhagaafi cirracha matayyootaafi kaampaanota adda addaarraa arganne. Kanaanis konkolaattota 20 hanga 50tu nuu arjoomame. Kanneen Qorqoorroo nuu gumaachanis jiru. Manneen babal’isa daandiitiin walqabatanii diigaman kanneen yeroo Hayilasillaasee ijaaramaniidha.
Namoota achi keessa turaniif manneen mimmiidhagoo ganda Ciichee Kooyyee jedhamutti ijaarree bakka buufneef. Warreen ijaarrachuu ni dandeenyaa mana gandaa nuu hinkenninaa duris manuma gandaa keessa turre jedhaniif immoo lafa kenninee seeraan irratti ijaarrataniiru. Manni daldalaa ijaarree kennines jira.
Nama bakkeetti hafe tokkollee hinqabnu. Nama manni guutuun jalaa buqqa’e hinqabnu. Isa meetirri murtaa’aan jalaa diigameef bakka daldalaa kennineef. Yoo xiqqaate namoota 183 oliif saayit pilaaniidhaan lafti kennineera. Manneen 57 olis harkaqal’eeyyiif kennineerra.
Namoota 29 mana gandaa keessa turanii sababa misooma koriidariitiin mannisaanii walakkaa ol ka’eef kennine. Warri otoo mana qabanuu mana kireessaa turan akka isaan mana ofiitti galan goonee waan walsimsiifneef komiin naannawa kanatti ka’e hinjiru. Hunduu mariifi fedhii hawaasaatiin raawwatame.
Hojii hojjetametti hawaasni gammadaafi dinqisiifachaa jira; “Dhuguma Aggaarroodhuma nuti beeknu moo kan biraati jechuun. Ummanni akkanatti miidhaga jedhee hineegne. Akkasitti hojjatamee baatii sadii keessatti humna magaalaa kanaatiin hojjatama jedhee hin yaadne.
Daandii keessoo kiiloomeetira 10.5 daandii lafoo qabu asfaaltiidhaan hojjetameera. Akka magaalaatti gamoowwan halluu walfakkaataa dibaman, dibuu qofa osoo hintaane, ibsaa akka galfatan ofii keenyaa immoo ibsaa gidduu aspaaltiitti argamu kan naannawa Yunivarsitii Jimmaa, Kaampaasii Aggaaroo geessu hanga marfata Bashaashaa gahutti galchineerra.
Kanarra darbee naannawa telee lafa addabaaba’ii teessoo wiirtuu magaalaarra jiru hanga masaraatti ibsaa haaraa galchineerra. Amma gara mana sirreessaatiin kan kiiloomeetira shan ta’u galaa jira. Marsaa lammaaffaadhaan naannawa Ajiip jedhamurraa ka’ee hanga Goorgisiitti jiru ni xumurra.
Abbootii manaa istaandaardii qophaa’een halluu manasaanii waggaatti yeroo lama dibsiifachuun dirqama. Bu’uuraalee misoomaa hunda isaa hirmaannaa abbootii qabeenyaa, kaampaanota adda addaa deemnee kadhachuudhaanii fidnee kan hojjenne.
Aggaaroon duutee awwaalcha keessaa kaate. Nuti yeroo gabaabaa keessatti haala kanaan hojjetama jennee hineegne. Misooma koriidariitiin namoonni kuma sadii ol carraa hojii dhaabbii, kuma shanii ol ammoo kan yeroo argataniiru. Manni fincaanii waliiniis ijaarameera.
Hojiin misooma koriidarii hanga halkan sa’aatii 8:00tti dhaabbatanii hojjachuu barbaada. Xiqqumashii irraa maqxee jennaan hojjataan ni boqata. Aadaan hojii sila kaase guyyaa qofa hojjata. Guyyaa qofa hojjatamee guyyaa 90tti hindhumu. Hoji raawwachiiftuun magaalaa kanaa ganda gandatti qooddatee hanga sa’aatii torbaatti idileedhaan halkan dhaabatee hojjechiise.
Amma marsaa lammaffaanis hojjetamaa jira. Isa guyyaa muraasa keessatti ni xumurra. Kanaaf wanti hindanda’amne hinjiru. Hojichi kaka’umsa, xiiqii, waliigaluufi tokkummaa qofa barbaada.
Humna barateefi humna namaa lafa jiru walitti fidnee; sammuu yaaduufi harka hojjatuufi ummata fedhii misoomaa qabu dabalatee carraawwan heddu qabna jechuudha. Mootummaan amma biyya bulchaa jiru mootummaa keenya, mootummaa Oromooti.
Dur maaliin kana hojjatte jedhamtee qoratamta. Amma hojjattee biyya fayyadnaan mootummaa si deeggaru, inisheetiviiwwan haaraadhaan kana hojjadhaa jedhee kaka’umsa gaariifi waan haaraa uumaa jedhu waan qabnuuf xiyyeeffannaan tattaafataa jirra.
Xiiqiin jiraannan wanti hinhojjatamne, hinjijjiiramne akka hinjirre Aggaaroorratti baatiiwwan muraasa keessatti hojii fakkeenya gaarii ta’uu danda’u agarreerra. Kunis tokkummaa hoggansaafi tumsa uummataatiin akkasumas qindoomina dhaabbilee adda addaa kanneen akka mana qopheessaa, qaamolee nageenyaa, bishaanii, teleefi ibsaa fa’iin kan dhufeedha.
Abbaan bu’aalee kanneenii dargaggootaafi dubartoota, akka waliigalaattis ummata magaalaa kanaati. Dubartoonni magaalaa Aggaaroo warra hojii misoomaa koriidariirratti bobba’aniif halkanillee otoo hinhafiin buna danfisanii ergu. Hawaasni fedhii misoomaaf qaburraa kan halkan ba’ee bishaan dhiyeessaa ture. Dhakaa karaarraa kaasa. Manasaa diigee halkan halkan dhaabatee warra hojjetan jajjabeessaa ture.
Hawaasni, mootummaa nuu hojjatu argannee bira dhaabannee hojjachuu dadhabnaa jedhee dhaabatee deeggaree hojjachiise waan ta’eef kabaja guddaatu ummatichaaf mala. Dargaggoon magaalaa kanaa guyyaa qofa otoo hintaane halkan warra nageenyaa cinaa dhaabataa ture.
Hojiin nageenyaa osoo dhagaan tokkollee hindarbatamiin, wacni hinjiraatiin hawaasni bal’aan hojicha utubee qe’eesaa miidhagfate. Badhaadhinni kan keenya, darbees kan kooti jedhee fudhatee Aggaarroorratti milkaa’inni guddaan akka dhufu taasise.
Bariisaa: Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad Aggaaroo dhufanii daawwataniiru. Daawwannaansaanii kun hoggansattis ta’e ogeessotatti miira akkamii uume? Maalis jedhan?
Obboo Naziif: Daaw’annaan yeroo darbe Ministirri Muummee keenya Aggaarootti taasisan miira addaa nutti uumeera. Ummanni daran itti gammadeera. Isaanis deeggarsa mootummaatiin ala waa hojjachuu akka danada’amu Aggaaroorraa baratamuu qaba jedhan.
Humna namaa qindeessanii hojjannan bu’aan argamuu akka danda’u Aggaaroorraa ilaaluun akka danda’amus dubbataniiru. Hojii hirmaannaa hawaasaatiin raawwatame daran ajaa’ibsiifatan. Konkolaataadhaan irra deeme hindaawwadhu jedhaniiti kiiloomeetira lamaa ol miilaan deemaniiti daawwatan. “Akkasitti hineegne. Sadarkaa kanatti dhufa jedhee hineegne. Maaliif deeggarsa mootummaa tokko malee ummanni kaka’ee akkasitti misooma raawwachuun badhaadhinni kooti jechuu agarsiisa. Ummata qindaa’eefi fedhii misoomaa qabu kana, kanaa ol yoo lubbuu ofiillee kennaniifi hojjatan nama hindhibu” jechuunis waan argan ibsan.
Oggaa waan hojjatte mootummaan si gaggeessu dhufee beekamtii kennu, si jajjabeessu, jalqabbii gaariirra jirtu siin jedhu sitti tola. Daawwannaansaanii hamilee guddaa nutti hore. Hojii biraa akka yaadnu, wantootni hindanda’amne akka hinjirres hubanne.
Bariisaa: Hojiilee misoomaa biroo keessatti hirmaannaan ummataa akkamitti ibsama?
Obbo Naziif: Gamoo waajjira kantiibaa ijaarame keessa bajatni mootummaa naannoo tokkollee keessa hinjiru. Gamoo abbaa darbii sadiifi kutaalee 44 qabu hirmaannaa ummataa qofaan ji’a sagal keessatti xumurre.
Ummanni Aggaaroo ummata, hawaasni naannawa kanaa, deeggartoonni misoomaa keenya kanneen Finfinneefaa jiraataniifi Aggaaroo beekan yennaa nuti gaafannu nu hirmaataa turan, hirmaataas jiru.
Akkuma Ministirri Muummee keenya hojii magaalaa misoomsuufi miidhagsuu Masaraa Mootummaarraa eegalan nutis akkuma gara hojiitti dhufneen gamoo kanarraa kaafne. Bakka teessumaa keenya misoomsinee kaanee, qarqara lagaa jalqabne.
Namni bakka taa’u hinmijeeffanne, xuraawaa keessa taa’ee waan biraa yaaduu hindanda’u.
Bariisaa: Kallattii mootummaa keessaa tokko qonna magaalaa babal’isuudha. Maaddii guutuu mirkaneessuudha. Kanarratti inisheetiiviin qonnaa magaalaa keessanitti maal fakkaata?
Obbo Naziif: Akkuman jalqabarratti kaase naannawaan kun omishaaf mijataadha (‘cash crop area’)dha. Bunni bal’inaa omishama. Kuduraafi muduraanis jira.
Horsiisee bulaan muraasa. Qonni boqqoolloofi xaafiis akkasuma muraasa. Yeroo ammaa horsiisa lukkuu jalqabneerra. Kan si dhibu paappaayyaafi muuziifaan mana sirreessaattillee bal’inaan misoomfamaa jira.
Kan aannanii dabalatee gabbisni bushaayee (re’eefi hoolaa), looniis hojjetamaa jira. Hojiin qonna magaalaarratti dameelee adda addaatiin eegalle waggaa tokko booda naannoo keenyaaf muuxannoo kan ta’uudha.
Jiraataan magaalaa keenyaa yoo xiqqaate namni tokko akka lukkuuwwan shaniifi sa’a tokko manaa qabaatu labsineerra. Inisheetiiviin dhuunfaas bal’inaan jira. Kanaaf hojiin qonna magaalaa waggoota lama keessatti hojjenne akka jalqabbiitti gaariidha.
Hojii kamuu jalqabnaan milkaa’uun akka danda’amus hubanneerra. Hawaasni kakaasuufi sirnaan hogganuu qofa barbaada. Gama hoggansaatiin wanti hooggansa ammaa adda taasisu ofii dhaqee raawwatee agarsiisuusaati.
Hoggansi keenya ammaa kan taa’ee ajaja kennu otoo hintaane qonna magaalaas ta’e kaan dhaqnee hirmaannee jalqabsiisnee hordofna, deeggarra. Horsiisa qurxummii jalqabneerra. Yoo xiqqaate akka namuu killee manaa fayyadamu gochuuf hojjechaa jirra. Hojii daran milkaa’aa jiruudha. Akka baala shaayii misoomsinuufis karoorri biqiltuu miliyoona sadii nuu kennamee isas magaalaatti misoomsaa jirra. Baala shaayii kana asitti qopheessinee aanaadhaaf kennina.
Bariisaa: Gama bakka oolmaa dargaggootaatiin hoo maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Naziif: Gama kanaan mana kitaabaa dijitaalawaa guyyoota 60 keessatti ijaarree xumurre qabna. Hanqina kitaabaa barataa furuufis kitaabota akaakuuwwan adda addaa dijitaalaafi hardi koppiidhaan kutaalee garagaraatti qopheessinee akka dargaggoonni ittifayyadaman taasisneerra.
Xiyyeeffannaan keenya damdaneessa waan ta’eef bu’uuraalee misoomaa, barnoota fayyaa, qonna magaalaafi hojiilee fayyadaummaa dargaggootaa mirkaneessanirratti hojjetaa jirra.
Bariisaa: Kenni tajaajilaa Magaalaa Aggaarootti maal fakkaata?
Obbo Naziif: Magaalaa keenyatti kenniinsa tajaajilaa dijitaalessaa jirra. Sirna to’annoo hojjettootaas teknolojiidhaan akka deeggaramu taasisneerra. Haalli hordofiifi to’annoos cimaadha.
Kaameeraa ‘cctv’ jedhamu magaalattii bakkawwan hedduutti galchineerra. Waajjiraalee daldalaa, geejjibaafi lafaa dijitaalessineerra. Dijitaala gochuun haala mijeessuudha. Guyyoonni abbaa dhimmaa sadanis (Wixata, Roobiifi Jimaata) sirriitti kabajamaa jiru.
Halkan hojii misoomaa ni hojjanna. Guyyoota abbaa dhimmaa sadan garuu kantiibaarraa kaasee hundi waajjirasaatti argama.
Ittiquufinsi abbaa dhimmaas nigalmaa’a. Sanarra darbee kan dhimmi koo naa hinhiikamne jedhe dhaddacha kantiibaarratti dhiyyeeffata. Hoggansi seektaraas nidhiyaata. Maaliif si deddeebisa? Maal sirraa barbaade? Ati hoo maaliif deddeebiste? Maaliif deebii hinkennineef? jedhamee gaafatama, deebiifi yaadnis kennama. Adeemsi kun viidiyoodhaan waraabama.
Gama kaaniin kutaan tokko qophaa’ee waajjiraaleen daldalaa, galii, invastimantii, geejjibaafi konistiraakshiniin bakkuma tokkotti tajaajila kennu. Waajjira galii, daldalaa… dhaqiin hinjiru jechuudha. Kunis hojmaata gaarii kenna tajaajilaa keessatti ittiin milkaa’aa jirruudha.
Buufata konkolaataatti tikeetii elektirooniksii (‘E-ticket’) jalqabneerra. Jalqabbiin gama kenniinsa tajaajilaatiin jiru gaariidha jennee ilaalla. Garuu immoo hojichi dhimma xiyyeeffannoo barbaaduudha. Ummanni hundi itti quufeera waan jedhu hinqabu.
Maaliif yoo jette akki aniifi ati itti nama simannee keessummeessinu garaagara ta’uu mala. Kanaaf hanga danda’ametti walitti fiduuf deemaa jirra. Garuu immoo komii hammaataan daangaatti bahe hinjiru. Qorannoonis ni adeemsifama. Waajjira lafaatti tarkaanfiin siyaasaa fudhatamee jira.
Bakka rakkoon jira jedhamee komiin irratti dhiyaate ni qoranna; tarkaanfii bulchiinsaas nifudhanna. Gandootarrattis tajaajilarratti waraqaa eenyummaa kennuun walqabatee waan waraqaa eenyummaa nama hinbeekamneef kennaniif koreen gandaa sadii mana adabaa jiru. Eeruun na qaqqabee, xalayaa abbaa alangeetti barreessinee, ni adabaman jechuudha.
Bakki rakkoon bulchiinsaa ni jira jedhametti araarama tokko malee tarkaanfii fudhachaa jirra. Tarkaanfii bulchiinsaa qofa osoo hinta’iin akkuma ibse seerattis dhiheessaa jirra. Maanaajaroonni gandaa lamas seeratti dhihaataniiru.
Kanaaf bakka rakkoon bulchiinsa gaarii jira, seeraan na tajaajilaa hinjiran, asitti mana gandaatu bada, waraqaa eenyummaa nama hinbeekamneef kennamafaa jedhamee oggaa eeruun dhufu xiyyeeffannaadhaan hordofnee tarkaanfii fudhanna.
Rakkoo kenniinsa tajaajilaa bu’uuraa furree sirreessuuf qophaa’ummaa olaanaa qofa osoo hinta’in ittigalleerra. Ittiquufiinsa hawaasaa mirkaneessaa deemuufis miidiyaa ykn caayaa qabnutti fayyadamna.
Sagantaan Caayaa Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa magaalaa Aggaaroo jala jiru kun guyyoota abbaa dhimmaa sadan gara waajjiraalee deemee haala jiru hordofee komii ka’us hubatee, yaada garanaa garasii ittidabalee karaa miidiyaa hawaasaasaa akka ummata bira ga’u taasisa. Komiin dhiyaate furamuufi dhiisuusaas nihordofa. Kan furameefi hinfuramne addaa baasee kantiibaaf dhiyeessa.
Karaa amma jalqabneen hojmaata seektaroota hundaa dijitaalessinee kenniinsa tajaajilaa saffisaafi ittiquufinsa ummataa mirkaneessuu danda’u uumuuf akkuman jedhe hojiitti galleerra; dhimmichi dhimma ijoo xiyyeeffannoo barbaaduudha.
Bariisaa: Galatoomaa!
Obbo Naziif: Ulfaadhaa! Galatoomaa isinis!
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017