
Aadaan calaqqee eenyummaa haala jiruufi jireenya saba tokkoo ibsudha. Dhalli namaa dachee kanarra jiraatu marti aadaafi eenyummaa qabuun addunyaatti gad ba’a. Ummatni Oromoos akkuma ummata addunyaa aadaa mataasaa qaba. Aadaa jiru duudhaasaa eeganii dhaloota ittaanutti dabarsuun gahee maanguddootaafi hayyootaa yommuu ta’u, barachuufi hubachuun ammoo dirqama dhaloota har’aati.
Oromoon saba guddaa safuu uumaafi uumamaa akkasumas falaasama jireenyaa ormaafuu fakkeenya ta’u qabudha. Sirni Gadaa bu’uura sirna dimokraasii ammayyaa ta’uun dabalata seeraafi qajeeltoowwan of keessaa qabuun sirna diimokraasii ammayyaarra daran fooyya’aadha. Dhalootni har’aa garuu qixa sirriin aadaasaa guddisuufi tarkaanfachiisuu keessatti hanqina mataasaa qaba.
Yunivarsitii Jimmaatti hayyuun aartii tiyaatiraafi barreessituun fiilmiifi diraamaa Aadde Lubaabaa Jamaal Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, mootummaan Sirna Gadaa, Safuufi Ogaartii sirna barnoota keessatti hammachisuunsaa guddina aadaa Oromoof hagam akka kutannoo qabu calaqqisiisa. Dhalootni safuufi safeeffannaa uumaafi uumamaa, xiqqaafi guddaa beekuu qofa osoo hintaane naamusaa gaariin akka guddatuu taasisuu keessatti shoorri barnoota Safuu olaanaadha.
Akka isaan jedhanitti, bara amma keessa jirru keessatti dhaloota amalaa garaagaraa qaban lama jira. Dhalootni sadarkaa umurii daa’imummaarra jiran aadaafi duudhaa ganamaa beekanii akka guddataniif aadaa barnootatti makanii barsiisuun jijjiiramni fidaa jiru jajjabeessaadha.
Gama kaaniin dhalootni dhiibbaa teknolojiin liqimfamee aadaafi eenyummasaa gadilakkisuun addunyaa keessa burjaaja’aa jirus bal’inaan mul’ata. Keessattuu miidiyaa hawaasaa haala faayidaa qabuun osoo hintaane kallattii miidhaansaa hammaatuun fayyadamuun dhaloota hedduu maalummaafi aadaasaa irraanfachiisaa jira.
Dhalootni barnootaan deeggaramee dhiibbaa miidiyaa hawaasaa dandamachuun aadaasaa guddisaa jiru akkuma jiru dhalootni miidiyaa hawaasaan dhaalamee walhanqattee ta’es ni jira. Namootni dhimma aadaarratti hojjetan baay’eenis aadaa Oromoo ammayyeessuuf gad ba’anii wayita liqimfanii aadaa gadilakkisan argamu.
Namootni uffata aadaa Oromoo dhiyeessan, dizaayiniisaa caalaatti miidhagsuufi ammayyeessuu yaada jedhuun guutummaatti calaqqee aadaa keessaa gatanii yookiin irraa dabsanii as ba’an hedduu ta’uu Aadde Lubaabaan akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Biyyootni guddina dinagdee, siyaasaafi hawaasummaan sadarkaa olaanaarra jiran aadaasaanii osoo gad hinlakkisin yeroo waliin tarkaanfachiisuu danda’aniiru. Aadaan warra Dhihaa teknoloojii waliin guddachuun addunyaarrattuu dhiibbaa guddaa uumaa jira. Akka Oromoottis, rakkoo ilaalchaa yoo ta’e malee aadaa bareedaa jiru tarkaanfachiisuu wantoonni danqaa uuman hin jiran. Inumaayyuu mootummaan naannichaa duudhaalee ganamaa Oromoo (Buusaa Gonofaa, Mana Murtii Aadaa, Gaachana Sirnaa) guddisuufi mul’isuuf wayita ifaajaa jirutti dhalootni humna ta’uufiitu irraa eegama ture jedhaniiru.
Har’a qixa sirriin fayyadamnaan guddinni teknoloojii guddina aadaaf shoora guddaa gumaacha. Namni tokko aadaa sirbaa, nyaataa, gaddaafi gammachuu godinaalee Oromiyaa hunda barachuuf dirqama baasii guddaa baasee, yeroosaa qisaasessee gara godinaalee kunneenitti imaluun yookiin keessatti dhalachuun isarraa hin eegamu.
Beekumsaafi hubannoo gahaa hin qaban taanaan godina tokko keessatti dhalachuu qofti aadaa godinichaa ibsuuf ulaagaa hin ta’u. Haaluma kanaan artistoonni Oromoo miidiyaa hawaasaafi maloota birootti fayyadamuun sirboota godinaalee garagaraa qayyabachuun haala gaariin dhiyeessaa jiraniifi guddina aartii Oromoof gumaachan ni jiru.
Guddina fiilmii industiriifi diraamaa Oromoo
Oromoon saba guddaa aadaa bal’aa qabu ta’us jaarraa tokkoofi walakkaa hacuuccaa hamaa jala ture. Aadaan Oromoos akkuma Oromoo ukkamfamee waan tureef waan yeroo gabaabaa keessatti gulantaa guddinaa yaadame dhaqqabu miti. Yeroo ammaa kana Oromoo saba guddaa kan madaaluu manneen tiyaatiraa, fiilmiifi diraamaa dheeraan hin jiru.
Godinni industirii fiilmiifi diraamaa Oromoo akkuma sabichaa hacuuccaa jala waan tureef gara guddina maluufiitti ceesisuuf saffisaan tarkaanfachuun barbaachisaadha. Haa ta’uutii, guddinni fiilmiifi diraamaan Afaan Oromoo haala jajjabeessarra jira. Dhaabbilee barnoota olaanaafi gama aadaafi tuuriizimiin wanti hojjetamus guddina jajjabeessaa argameef galtee guddaadha.
Fiilmiifi diraamaan Oromoo nageenya waaraa, misoomaafi obbolummaa dhugaarratti waan xiyyeeffatuuf guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti gaheensaa daran olaanaadha. Fiilmiifi diraamaan kun aadaa sabicharra kan waraabame waan ta’eef maalummaa Oromoo salphaatti ibsuu danda’a. Obbolummaa/ hiriyyummaa dhugaa ibsuuf addooyyee, magariisummaafi aaraara ibsuuf Leensaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Haaromsa aadaafi bu’aasaa
Chaayinaan bara mootii duraanii biyyattii Maa’oo Zedoongi haaromsa aadaa taasisuu kan dubbatan Aadde Lubaabaan; yeroo gabaabaa keessatti beekumsa xabboon biyyattii gulantaa guddinaa malutti ce’uu dandeesseetti. Biyyi Indiis bittaa kolonii jalaa bilisa ba’uu hordofee dhaadannoo” Gara aadaa ganamaatti” jedhuun yeroo ammaa kana aadaan Hindi ijaarsa biyyattii keessatti shoora guddaa taphachuu bira darbee addunyaarrattuu dhiibbaa guddaa uumuu dandeesseetti.
Afrikaa keessatti biyyi Naayijeeriyaa haaromsa aadaa taasisaniin hawaasa naamusa qabeessa, biyyafi eenyummaasaa jaallatuufi kabajuu uumuu danda’aniiru. Aadaasaanii gara industirii fiilmiitti jijjiiruun ijaarsaafi guddina biyyasaaniirra darbee Afrikaanota biroofuu fakkeenya gaarii ta’uu danda’aniiru.
Oromoon saba waggoota dheeraa dura Sirna Gadaan walseerrachaa, aadaa mataasaan bulaa as gahedha. Aadaan Oromoo bu’uura jabaa waan qabuuf rakkoofi hacuuccaa jaarraa tokkoo ol ture keessatti hin badne garuu ammoo riphuu danda’eera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa duudhaaleefi qajeeltoo gad fagoo of keessaa qabu kana bakka riphee dammaqsuuf hojii bal’aa hojjetaa tureera; hojjetaa jiras. Haaromsa aadaa kanaan duudhaaleen riphaniifi dagataman hedduun bayyaannatanii Oromoorra darbee guddina biyyaafuu kan gumaachan ta’u. Aadaan madda dinagdee, siyaasaafi hawaasummaati.
Kabaja ayyaana Irreechaa fudhatnee yoo ilaalle ummata miliyoonaan lakkaa’amu walitti fiduun jireenya hawaasummaa cimsuun garasitti maqaa gaarii biyyattii ijaaruu keessatti shoora guddaa taphata.
Oromoon saba tokkummaan malkaa bu’ee jiidha qabatee kabajaafi galata uumaaf qabu itti ibsu ta’uu orma barsiisa. Gama biroon ammoo guddina dinagdeef kan ooluuf maallaqni hedduun namoota ayyaanicha kabajaniifi daawwatan waliin gara biyyaa seena.
Walumaagalatti, aadaan dhimmaa haala jiruufi jireenyaa, eenyummaafi maalummaa saba tokkoo ta’uun dhaloota dabareen biyya walharkaa fuudhu biratti hubatamuu qaba. Biyyootni guddatan aadaasaanii dagachuun kan ormaa fudhachuun osoo hintaane aadaa qaban caalaatti guddisuufi mul’isuun sadarkaa har’a irra jiranirra ga’an.
Biyyootni hedduun aadaasaanii teknoloojiin walhunachiisuun karaa industirii fiilmii ummata addunyaatti gurgurachuun maallaqa guurrataniin biyya ijaaraa, maqaa gaarii argataniin aadaasaanii guddifachuu danda’aniiru.
Shoora aadaan saba tokkoo guddina biyyaa keessatti qabu kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa aadaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuun hojii hunduu tumsuu qabudha. Dhalootni qaamaa qalbiin aadaasaa jaallatu, guddisuufi mul’isu hinjiru taanaan ifaajni mootummaa qofti bu’aa barbaadame fiduu waan hindandeenyee dhalootni aadaasaa keessatti of ilaaluu qaba.
Tajaajilli tola ooltummaa aadaa ganamaa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u; Oromoo biratti dagatamee addunyaa biratti ammoo akka taatee haaraatti faarfatamaa jira. Oromiyaatti tajaajila kanaan misoomni qarshii biliyoonaan lakkaa’amu faayidaa ummataaf hojjetameera; guddina naannichaaf gulantaa tokko tarkaanfachiiseera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017