
Finfinnee: Kaleessa Warshaa Sukkaaraa Wanjii kan daaw’atan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad erga ittaanu dabarsaniiru.
“Riifoormiin akkamitti akka hojjetamu bu’aa agarsiisa idilee Warshaa Sukkaara Wanjiitti gaggeeffamurratti ilaalle. Warshaan Sukkaara Wanjii bu’uura gaariirratti kan hundaa’e waggoota 70n har’aati. Jijiirama baroota keessa jiran waliin kan hindeemne yoo ta’e dursuu qofti caalee akka mul’atu hintaasisu. Gaanfi dura biqile gurri boodaan biqile darbuu danda’a. Saffisaa, waan haaraa uumaa bara keessatti taateewwan jiran dursuu baannaan, yerichi ofumasaatiin nama dursa.
Warshaan Sukkaara Wanjii waggoota sadan har’aa hojjetootasaaf mindaa kaffaluun itti ulfaatee ture. Idaan irragaragalee ture. Hojii riifoormii hojjetameen, guyyaatti omisha sukkaaraa kuntaala kuma 1fi 500 irraa gara kuma torbaatti guddisuu danda’eera. Kanarra darbee yaadannoo hundaa ta’uun waggoottan 14f hojiin ala kan taate turte ‘Dastaa Karameellaa’ omishuu eegaleera.
Hojiin omisha maaddii guutuu guyyaatti aannan liitira kuma sadiifi killee (buuphaa) kuma 20 omishuu dandeessisu hojjetameera. Moorichi yeroo ammaa kana ijaan ilaaluufillee kan nama hawwisiisuudha. Barana Warshaan Shukkaara Wanjii qoramasaa darbee, ji’oota sagal keessatti galii qarshii biliyoona 8.7 galchuu danda’eera. Bu’aan riifoormii kun warshaalee biroottis dabalamee akka raawwatamutu eegama. Yoo hojjenne egeree keenya dursinee mul’achuu dandeenya” jedhan.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017