“Kaleessa xiqqeessuu, har’a harbeessuufi boru sodaachuu dhiisuun seenessi waloo ijaarama” -Doktar Miratuu Shaanqoo

Dhalootni har’aa idaa seenessaa kaleessa abbootiirraa dhaaleen cubbuusaa malee yakkamaa, liqaa malee idaa kaffalaa jira. Seenaan gaarummaasaarraa barachuun gadhummaasaa sirreessuun riqicha fuulduratti tarkaafachiisu ta’ee osoo jiruu madda waldhabbii badii lubbuufi mancaatii qabeenyawwan hedduutiiff sababa ta’eera. Otoo seenaafi aadaan hunda walfakkeessu jiruu seenessa garaagarummaa bal’isurratti xiyyeeffachuun boqonnaa ammayyuu hingoolabamneefi hojii manaa hinxumuramne ta’eera.

Idaa seenessaafi haala jireenya dhaloota har’aa ilaalchisee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministir De’eetaa Ittiwaamamaan Mootummaafi miseensi mana marichaa Doktar Miratuu Shaanqoo turtiin Gaazexaa Bariisaa waliin taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Maalummaa seenessaa haala qabatamaa biyya tokkootiin akkamitti ibsama?

Doktar Miratuu: Seenessi akkaa taateen tokko itti himamu /dhiyaatu yoo ta’u; haalli itti dhiyaate amalasaatiin faayidaafi miidhaa qabaachuu danda’a. Seenessa namni uumu ijaarsaafis diigumsaafis akka tolutti dhiyeessuu danda’a.

Gabaabummatti, seenessi akkaataa taateen tokko qindaa’ee ittidhiyaatu yoo ta’u; biyya ijaaruus ta’e diiguu keessatti shoora guddaa taphata. Biyyootni seenessa waloon ijaarratan ajandaansaanii dogoggora kaleessaatiin hojii waldhorkuufi walsakaaluu osoo hintaane tokkummaan gara guddinaafi seenaa caalu hojjechuuf tarkaanfachuuti. Kaleessi seenaarraa barachuuf ka’umsa ta’uu malaa malee madda waldhabbii ta’uu hinqabu.

Bariisaa: Haalli seenessa biyya keenyaafi miidhaawwan isaan walqabatan maal fakkaatu?

Doktar Miratuu: Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaafi ummattoota 80 ol taatee osoo jirtuu barootaaf waan jedhamaafi barreeffamaa ture irrajireessaan seenessa qeenxeeti. Wareegamni qaaliin dhalootni har’aa karaa tokkoonis ta’e kaaniin kaffalaa jiru idaa seenessa kaleessaati.

Waggoota jijjiirama as taateen seenessa dabeen walqabatu guddina biyyaa karaa dhaabeera. Waldhabbiin ture gara waraanaatti akka ce’u karra saaqeera. Barri keessa jirru bara namni tokko miidiyaa hawaasaan ummata gara fedhetti oofaa jiru waan ta’eef gaaga’amni kanaan walqabatuun biyyi aarsaa hin malle kaffaluuf dirqamteetti.

Biyyaafi mootummaa adda baasuun hafee balaaleffannaafi dhiibbaan biyya kuffisuu bal’inaan adeemsifamaa ture, jiras. Biyyi Ruwaandaa duguuggaa sanyii addunyaarratti suukanneessaa ta’e keessa kan galte seenessa dabeen ta’uun irraa baratamuu qaba.

Bariisaa: Mankaraarsitummaan biyya geengoo waraanaa keessa tursaa jiru seenessaan hariiroo qaba?

Doktar Miratuu: Hariiroo jabaa qaba. Har’a namootni mufannaa wayii qaban hundi oggaa ajandaafi mul’ata malee maniin keenya Araat Kiiloodha jedhan bal’inaan dhageenya. Masaraan mootummaa Araat Kiiloo kiiloo jiru seenuu barbaadnaan humnaan osoo hintaane ajandaa fooyya’aa dhiyeessuun ta’uu qaba.

Masaraan mootummaa Araat Kiilootti argamu kan ummata biyyattiiti. Kan achi seenee ummataafi biyya tajaajilus nama ajandaa fooyya’aan yaada ummataa bitateedha malee dhaala miti.

Biyyootni hedduun osoo ajandaa wayyu hinqabaatiin miiraafi dheebuu aangoof jecha mootummaa kuffisan, biyyasaanii kufaatii hamaaf saaxilaniiru. Biyyootni kunneen hanga har’aattillee geengoo jeequmsaa keessatti argamu. Namootni mootummaan morman osoo akkuma jedhan carraa argatanii mootummaa kuffisanii ajandaa ittiin biyya bulchanillee of harkaa qaban. Kanaafuu, mankaraarsitummaan dabuun seenessaa dhale egeree biyyattii gaaffii keessa hanga buusutti tarkaanfachaa jira.

Haa ta’uutii, mootummaan biyya bulchu seenessa sirreessuuf hunda caalaa ittigaafatama waan qabuuf seenessa waraanatti geesse ilaaluutu irraa eegama. Yoo ifa ta’e malee dukkana dukkanaan mo’achuun hindanda’amu. Waldhabbiin jirus akka yaadame waraanaan furmaata argachuu hindanda’u. Kanaafuu, dhaloota mankaraarsitummaan dhuunfatamee burjaajjiidhaan lolatti seene baraaruuf mootummaan akkuma lola TPLF waliinii garaa bal’atee mariidhaan goolabuu qaba.

Bariisaa: Akkamiin seenessa dabe sirreessuun seenessa waloo ijaaruun danda’ama?

Doktar Miratuu: Kaleessa garmalee xiqqeessuu, har’a harbeesssuufi bor sodaachuu dhiisuun seenessi waloo ijaarama. Biyya seenessa dabe sirreessuun seenessa waloo ijaaruu karoorfatteef badiin kaleessa ajandaa falmii har’aa ta’uufiin irra hinjiru.

Seenaa barachuurra seenaarraa barachuun barbaachisaa waan ta’eef taateen kaleessaa, har’aafi boruu madaalasaa eegee barnootaaf qixa sirriin kaa’amuu qaba.Yoo akkuma kana duraa badii kaleessaa ajandaa taasifannee sanarratti wallolla ta’e egereen biyyattii isa kaleessaa gad ta’uu waan maluuf egeree bareedaaf aggaamuun dirqama hundaa ta’uu qaba.

Injifannoon lola Adwaa injifannoo Itoophiyaanotarra darbee kan ummata gurraachaa mara ta’ee osoo jiruu mataduree waldhabbii ta’aa ture. Haa ta’uutii, taateen sun madaalasaa eeggatee, dhugaasaa qabatee kan ummattoota biyyattii mara ta’uunsaa wayita dhugoomu mataduree dubbii ta’uunsaa xiqqaachaa dhufe.

Godambaan yaadannoos ijaaaramee gumaachi Itoophiyaanotaa irratti ibsamee seenessa waloo ta’ee addunyaaf gadiba’uu danda’eera. Haaluma walfakkaatuun, waldhabbiin bu’uuraa biyya nagaa dhorkaa jiran biroonis karaa marii biyyaalessaa furmaata akka argatu kallattiin murteessaan kaa’ameera. Marii kanaanis seenessi toora gadilakkise hedduun toora qabatuu abdii guddaan ni calaqqisa.

Bariisaa: Seenessa dabe sirreessuufi kan fuulduraa qajeelchuu keessatti shoorri mootummaa akkamiin ibsama?

Doktar Miratuu: Seenessa sirreessuufi waloomsuu keessatti mootummaan gahee leencaa qaba. Seenessa waloo yaadame dhugoomsuu keessatti kutaalee hawaasaa barsiisuu, qindeessuu, hirmaachisuufi haaldurewwan barbaachisan mijeessuun gahee mootummaati.

Haa ta’u malee, biyya keenyatti gaheen dhaabbilee garagaraafi namoota dhuunfaa bira darbamee waa hundaa mootummaatti harkisuun rakkoo ta’ee jira. Biyya itti yoo haati warraafi abbaan warraa waldhaban poolisiin dhabame jedhamee mootummaan balaaleffatamudha.

Yoo haati warraafi abbaan warraa waldhaban dhimmasaanii furachuuf gidduseentummaan poolisii yookiin mootummaa dirqama miti. Ofiisaanii furachuu, yoo sanarra darbe jaarsi biyyaa waldhabbicha akka araaraan goolabu gochuun ni danda’ama. Dhimmootni sasalphoon akkasii madda komii ta’uun mootummaa komachuu bira waan nama geessisan miti.

Namni boqonnaa nageenyaafi badhaa Itoophiyaa hawwu kamuu as keessatti qoodasaa ba’achuu qaba. Keessumaa, hayyootni dhimmoota ajandaa diigumsaarra ajandaa ijaarsa, garaagarummaarra tokkummaa, seenessa qeexeerra seenessa waloo jabeessanirratti barumsa dhaloota qaru gumaachuu qabu. Abbootiin qabeenyaas qabeenya qabaniin qawwee bitanii dhaloota hidhachiisuun biyya nagaa dhorkuurra badhaadhina biyyaafi guddina dhalootaaf tumsuu qabu.

Bariisaa: Ijaarsa seenessa waloofi dhalootaa ittaanuu keessatti gaheen manneen amantaa maal ta’uu qaba?

Doktar Miratuu: Dhaloota qaruu, tokkummaa, obbolummaafi jaalala labsuu keessatti qoodni manneen amantaa olaanaadha. Har’a garuu amantaa namootni manneen amantaarraa qabaniifi sadarkaan abboomamuufi fakkeenya ta’uu amantootaa sadarkuma addunyaattuu gaaffii keessa galeera.

Akka qorannoon Ameerikaatti adeemsifame tokko mul’isutti amantaan namootni manneen amantaarraa qaban %42 qofa. Itoophiyaa biyya amantaafi sodaa uumaan beekamtu taatus waggoota torban darban qofa gochi gara jabinaa obboloota gidduutti raawwatamaa ture daran kan nama qaanefachiisu turan. Namni uumaa sodaachuu dhiifnaan egereen biyyattii sodaachisaa waan ta’uuf abbootiin amantaa kanarratti xiyyeeffannaan hojjechuu qabu.

Bariisaa: Dhaloota qaruufi ijaaruun adda durummaan shoora eenyuu ta’uu qaba?

Doktar Miratuu: Gaaffii gaariidha. Dhaloota darbe boodatti deebi’anii sirreessuun rakkisaa ta’us dhaloota har’aa qaruufi moroduun carraa harka keenyarra jiruudha. Dhaloota qaruufi ijaaruun adda durummaan gahee maatii, manneen barnootaafi dhaabbilee amantaati.

Dhalootni naamusa gaarii, xiqqaa jaalachuufi guddaa kabajuu manneen amantaatti baratu. Uumaafi uumama safeeffachuufi jaalachuun irra jireessaan manneen amantaatti baratama. Kun hojiitti hiikamuufi hiikamuu dhabuu hordoftoota amantaasaa to’achuun adda baasanii sirreessuun gahee manneen amantaati.

Gama biraatiin dhalootni hamaas ta’e gaarii jalqaba maatiirraa baratanii waan addunyaatti gadigadiba’aniif waan ijoolleensaanii qabatanii guddachuu qaban kan hidhachiisan maatiidha. Fakkeenyummaan maatii egeree dhalootaarratti qofa osoo hintaane egeree biyyaarrattis dhiibbaa mataasaa waan qabuuf waan gaarii daa’immansaanii hidhachiisuun dirqama ta’uu maatiin hubachuu qabu.

Haaluma walfakkaatuun, manneen barnootaa ilaalcha, jijjiirama amalaafi beekumsa dhalootaa gabbisuu keessatti gumaacha guddaa qabu. Barumsi manneen barnootaatti baratamu hiikaafi fakkeenyi fudhatamu seenessa waloofi ilaalcha gaarii gabbisuufi mancaasuu keessatti qooda guddaa waan qabaniif of eeggannoon barbaachisaadha.

Bariisaa: Haala qabatamaa amma jiruun ijaarsa biyyaa keessatti hirmaannaafi fayyadamummaan dargaggootaa haala kamiin ibsama?

Doktar Miratuu: Biyya dargaggootni gahee ba’achuurra gara taa’anii daaw’achuutti ce’en keessatti rakkoon dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa mudatu gaaga’ama rogawwan maraa dhaqqabsiisa. Biyyoota akka Itoophiyaa baay’ina ummataa biyyattii keessaa dargaggootni %70 ta’anitti ammoo rakkoon kun daran hamaadha.

Mootummaan fayyadamummaafi hirmaannaa dargaggootaa cimsuuf karaa dheeraa deemuu qofa osoo hintaa’e haala kanaan dura hinbaratamneen injifannowwan hedduu galmeesseera. Kana malees, biyya waa hundaan badhaate uumuuf hojiiwwan waggoota jijjiiramaa as hojjetaman nama qalbifatee ilaaluuf milkaa’ina guddaadha. Ta’us har’as hoji dhabdummaan rakkoo hamaa ta’uu bira darbee boora’uu nageenyaa keessatti shoora mataasaa taphachaa jira.

Kunis wayita dargaggoonni hedduun dhaabbilee barnootaa olaanaatti baratan hojii uummachuu osoo hintaane hojii argachuudha kan abjootan. Kun sirni barnoota biyyattii irra deebiin akka ilaalamu kan akeeku ta’uu mala. Itoophiyaa biyya qabeenya muraasa qabdu mitii biyya kamittuu mootummaan namoota barsiise hundaaf carraa hojii bane hinjiru. Kanaafuu, barnootni biyyattii dandeettii kalaqaa jajjabeessuurratti xiyyeeffachuun dirqama gara fuulduraa ta’ee natti mul’ata.

Carraa hojii uumame wayita ilaalluu ammaan tana hojjettoota mootummaa miliyoona 2.4tu Itoophiyaa keessa jira. Kun lakkoofsi guddaadha. Baay’ina ummata biyyoota Afrikaa 15n kan walgitu ta’uun dabalata bu’aqabeessummaansaa sadarkaa barbaadameen miti. Kanuma keessattuu mootummaan waggaa waggaan carraa hojii uumaa jira.

Biyyootni akka Jarmaniifi biyyoota Eeshiyaa digriifi maastarsiirra barnoota ogummaafi tekniikiif xiyyeeffannoo kennuun har’a waantot hedduu omishanii biyyoota garagaraatti erguun guddina saffisaa keessa seenuu danda’aniiru. Ollaan keenya Keeniyaan barnoota kanaan guyyaa guyyaan kalaqa haaraa addunyaa beeksisaa jirti. Biyyi Jaappaan haala mijataafi qabeenya uumamaan kan badhaate miti. Ta’us garuu qabeenya sammuun waan badhaateef addunyaarraa biyyoota gulantaa guddinaa olaanaarra hiriiran keessa ta’uu dandeesseetti.

Biyya keenyatti garuu dhaabbata namni qormaata kufe itti baratu fakkeessanii kaasuurraa eegalee ilaalchi damee kanarratti mul’atu gadaanaadha. Yeroo baay’ee barnoota yaaduddamaa/tiyoorii biyyoota biroorraa waraabuun sammuu of dhiphisuurraa kan hafe wanti baratamuufi haalli qabatamaan lafa jiru kan walitti hindhufne ta’ee argama.

Biyyoota guddatanitti garuu damee filatamaa namootni ciccimoon dandeettii kalaqaa garagaraa keessatti gabbifataniidha. Bu’uurumarraayyuu barnootni jijjiirama amalaa/ waa haaraa uumuudha malee amala jijjiirrachuu miti.

Haa ta’uutii, dandeettii kalaqaafi hojii uummachuun kallattii ejjennoon itti adeemamu ta’ee dargaggoota sababa hojii dhabdummaatiin bosonatti hawwataman ijaarsa biyyaa keessatti gaheesaanii akka ba’ataniifi fayyadamummaansaanii akka mirkanaa’uuf hirmaachisummaan eegalame cimee ittifufuu qaba.

Bariisaa: Gaggeessitoonni fakkeenyummaa gaarii qaban ijaarsa biyyaafi dhalootaa qaruu keessatti dhiibbaa akkamii uumuu danda’u?

Doktar Miratuu: Gaggeessaan calaqqee maatii, hawaasaafi mana barumsaa itti baratee ta’uun dhugaa lafa jiruudha. Waan barateef jijjiirama amalaa fiduu danda’us dhaloota addaa ta’ee argamuu garuu hindanda’u.

Kanaafuu, muuxannoon maatii hanga mana barumsaa jiru jireenya gaggeessaa tokkoorratti dhiibbaa guddaa uumuu danda’a. Sababiinsaas namni waan barateefi itti guddaterraa adda ta’ee argamuun yeroo baay’ee ulfaataadha. Namni fakkeenyummaa gaarii hinqabne bakka gaggeessummaa yoo taa’e waa baay’ee balleessa.

Gaggeessaan hatu hattoota baay’ee horata, gaggeessaa garalaafessaafi qaxaleen dhaloota garaa laafuufi qaxalee horata. Kanaafuu, fakkeenyummaan gaggeessaa dhaloota daandiirra buusuufi daandiirraa maqsuu keessatti shoora mataasaa qaba.

Haa ta’u malee, gaggeessaan waatota maraan dhaloota isa booda jiruuf fakkeenya gaarii ta’uu qaba. Dhalootni har’a hojjechuun guddina ajaa’ibaa galmeessisan akkuma jiran kanneen karaa qaxxaamuraa duroomuuf ifaajanis salphaa miti. Dhalootni dafqee hojjetee haala jijjiiramurratti barsiisuun dirqama gaggeessaati.

Gaggeessaan ammoo maatiirraa jalqabee hawaasaa sadarkaa biyyaatti ce’a. Gaggeessaa cimaan sadarkaalee hundatti hojjetaa cimaa jajjabsuun milkaa’ina galmeessisa. Gaggeessaa dadhabaan garuu hojjetaa cimaa hamilee buusee hojjettoota dadhaboo horachuun hojii dadhabsiisa. Kanaafuu, fakkeenyummaan gaggeessaa karaa gaariinis ta’e faallasaatiin dhalootarratti dhiibbaa cimaa uuma.

Bariisaa: Dargaggoota gara hoggansaatti fiduufi ga’umsi qaban hoo maal fakkaata?

Doktar Miratuu: Dhugaa dubbachuuf haala kanaan dura hinbaratameen dargaaggootni gara hoggansaatti dhufaniiru. Koorniyaa iddileessuurrattis dubartoota gara hoggansaatti fiduurratti hojii bal’aan hojjetameera. Dhimmi ijoon garuu kana dura dargaggoota gara hoggansaatti fiduurratti gaaffiifi komiin ture deebii argatee meeqansaaniitu hojii bu’aqabeessaafi fakkeenyummaa qabu hojjetaniidha.

Hoggansi bakka daran nama hawwisiisu osoo hin taane ba’aadha. Bakka hoggansaa qabatanii hawaasaaf bu’aa barbaadamu hinbuusan taanaan ba’aa ta’uu bira darbee madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uudha.

Haa ta’uutii garuu, ijaarsi biyyaas ta’e sirnaa halkan tokkotti xumuranii kan keessaa ba’an osoo hintaane yeroo gaafata. Jalqabatti dargaggoota gara hoggansaatti fiduun mataansaa akka jalqabbiitti taatee jajjabeessaadha.

Boqonnaa ittaanurratti ammoo hojiifi ittigaafatamummaa safaramee itti kenname haala isaan itti raawwatanirratti hundaa’uun dandeettiisaanii gabbisuun barbaachisaadha. Hojii hanga ammaatti jiruunis yoo ilaalame dargaggootni gara hoggansaatti dhufan hedduun damee hojii hoggananirratti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaniiru.

Kana jechuun kanneen ittigaafatamummaa kennameef qixa sirriin hinraawwatne akkasumas dantaa biyyaarra kan dhuunfaasaanii hindursine hinjiran jechuu miti. Waliigalatti, gaaffiin dargaggootni gara hoggansaatti akka dhufan gaafatamaa ture deebii argachuu qofa osoo hintaane dargaggootni gara hoggansaatti dhufanis bu’aa jajjabeessaa buusaa jiraachuun hubatamuu qaba.

Bariisaa: Hannaafi malaammatummaa maqsuufi sirni ittigaafatamummaa diriire hangama bu’aqabeessa?

Doktar Miratuu: Jalqabatti sirni malaammaltummaa mootummaan caasaa mootummaa keessatti diriire biyya kana keessa akka hinjirre hubachuun barbaachisaadha. Baroota keessatti garuu anga’ootni dhuunfaa sirna mootummaa keessatti waa hataniifi malaammaltummaa raawwatan hindhabaman.

Haa ta’uutii, ragaa qabatamaa waliin malaammaltummaafi hanna argamerratti sirna ittigaafatamummaa cimaan fudhatamaa jira. Ta’us, mootummaan ergamoota Rabbii osoo hintaane tuuta ilmaan namootaa waan ta’eef qaawwi hinjiru jechuu akka hintaane hubatamuu qaba.

Bariisaa: Yeroo keessan qaalii aarsaa gochuun gaaffiilee isinii kaafneef ibsa bal’aa nuu kennuu keessaniif galatoomaa.

Doktar Miratuu: Isinis galatoomaa.

Waaqshuun Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You