Goolabbii injfannoo ummata gurraachaa Saambee( 1933)

Injifannoo Adwaa booda bara 1928 Faashistiin Xaaliyaanii Itoophiyaa weerarte. Gootonni Itoophiyaas fedhii diinaa keessuummeessuuf dhiisaanii riphanii loluun (‘Guerrilla warfare’) diina boqonnaa dhorkan.

Gootota diina boqonnaa dhorkatan keessaas raayyaan waraanaa Leenca Gurraachaa (‘Black Lion’) magaalaa Goreetti  ijaaraman ta’uu seenaan dhugaa ba’a. Hogganaan raayyichaas Raas Immiruu ta’ee qondaala mootummaa biroo waliin ta’uudhaan Magaalaa Goree giddugala bulchiinsaa Itoophiyaa godhachuudhaan bulchaa turan.

 

Raayyaan waraana leenca Gurraachaa giddugala leenjii waraana Holotaarraa yeroo teessoon Mootummaa gara Magaalaa Goreetti socho’uu gara Goree dhufan. Raayyaan kun Finfinnee diina harkaa baasuuf Gojebirratti diinaan  rukutamus falmii diina waliin taasisu utuu addaan hinkutin ittifufe. Aarsaa isaan kaffalanii faashitoota Xaaliyaanii giddugaleessa biyyaarraa rukutan.Humnooti diinaa rukutamanis Itoophiyaa Kibba Lixaatti walitti qabamuun  socho’aa eegalan.

Kaayyoon humnna diinaa walijaaree magaalaa Goree qabachuun humansaa cimsatee lammaffaa giddugaleessatti deebi’uuf ture. Ta’us garuu ummatni Iluu Abbaa Boor gootummaa abaabileefi akaakileesaaniirraa dhaalaniin diina dura dhaabachuuf murteeffatan.

Akkuma beekamu Iluu Abbaa Boor Odaa Doggii giddugala sirna Gadaa salgan Iluu godhachuun gootummaan walbulchaa akka bulchaa turan. Abbaaboor Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluu gootota daangaa Iluu daangeffatanii eegaa turan keessaa akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama.

Yeroo humni diinaa naannawa kana socho’aa ture Abbaa Boor Caalii Shoonoo godina Iluu Abbaaboor jedhamu har’aa kallatii Gaambeellaa, Jimma, Wallaggaa, Ummattoota Kibbaa wajjin ta’uudhaan diinni salgan Iluu akka hinqabanneef aarsaa guddaa kaffalaniiru.

Fatansaa Iluu diina lammaffaa ijaaramee dhufe dura dhaabachuun waraana Qarsaa Gogillaarratti gootota Iluu Abbaa Bor Goreerratti qindeessuun meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatee dhufe dura dhaabatee gootummaa saglan Iluu mul’isaniiru.

Gootummaa Caalii Shoonoo (Abbaa Boor Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluu seenaa Salgan Iluu keessatti olaanaa qabu. Seenaa waraana Saambee keessattis  gotootni akka Bantii  Daanyaa, Margoo  Bokaa,  Ayyaansoo Bookaa, Zawudee Lamuu, Qilxuu Raaboofi goototni saglan Iluu kumaatamaan waliin ta’uudhaan gootummaa abbootiisaaniirraa dhaalaniin diina dura dhaabataniiru.

Bara 1933 Innoos Saambeefi naannawashee jiran sochii faashistootni Xaaliyaanii karaa Itoophiyaa Kibba Lixaa gara Magaalaa Goreetti taasisan hubatanii iccitiidhaan  garee diinaatti makamuun karaa riqicha Qabar akka dhufan taasisan.

Gareen biraa ammoo riqicha laga Qabar kutuun akka laga hincane gochuun humna diinaa dadhabsiisuu keessatti shoora olaanaa taphataniiru. Yeroon sunis dhuma Waxabajjii waan tureef laga Qabar ce’uun hinyaadamu ture. Yeroo diinni kumaatamaan Qabarirra gahan gotootni Innoos Saambeefi naannawa walqindeessuudhaan goototi akka Zawudee Lamuu, Margoo Bokaa, Ayyaansoo Bokaa, Bantii Daanyaa, Qilxuu Raaboo walqindeesudhaan  meshaa waraanaa qabaniin diina laga garanaatti rukutuu jalqaban.

Lagi Qabar gamisaa (gara bahaa) laftisaa baay’ee dhaqdhaqii, haroo dhoqqee qabu waan tureef ce’uuf ulfaataadha.  Yeroo kana ummatni naannawa Innoos Saambee  Shaambal Waldayyas Bullukkoo Magaalaa Goree jiru wajjin loltootasaanii qindeessuun loluun akka diinni laga hinceene daangessanii qaban.Gootootni Iluu biroo, Shawaa, Jimmaafi Wallaggaa birmachuun hirmaataniiru.

Lola hamaa gaggeeffameen oggaa humnasaanii ol ta’u huccuu adii ol kaasuun boojuu gaafatanii injifannoon seenaqabeessi Saambeetti galmaa’e. Iddoo xumura injifannoon ummata gurraachaa ittigeggeeffame ta’uun waggaa waggaan yaadachuuf kabajamaa jira. Seenaa kun utuu hinsharafamin dhalootatti akka darbuufis ta’ee hawwata tuurizimii misoomi iddoo seenaqabeessa Saambeetti Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Iluu Abbaa Booraan hojjetamaa jiru abdachiisaadha.

Madda odeeffannoo kanaa ta’an Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Iluu Abbaa Booraatti qorataa seenaa kan ta’an Obbo Tamasgeen Korjee guddaa galateeffana.

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Gammachuu Kadiriin

Recommended For You