
Waloo Aagaa Guddaa Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Lixaa, Bulchiinsa Magaalaa Najjootti dhalatee guddate. Barnootasaa sadarkaa tokkoffaa hanga qophaa’inaatti Magaalaa Najjootti baradhee xumure. Barnootasaa digrii tokkoffaa ammoo Yunivarsitii Ambootti baratee akaakuu barnootaa ‘Cooperative Business Management’n bara 2010 xumure.
Erga eebbifamee bahee booda sektaroota dhuunfaafi mootummaa gara garaa keessa hojjechaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa Bulchiinsa Magaalaa Najjootti, Ogeessa Gurmii Waajjira Waldaa Hojii Gamtaa ta’ee tajaajilaa jira.
Dargaggoon kun gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen barnootasaa digrii lammaffaa damee barnootaa ‘Social Policy Studies’ jedhuun Yunivarsitii Siivil Sarvisii Itoophiyaatti barachaa jiraachuu dubbata.
Dargaggoo Waloo Aagaa Guddaa Kitaaba Kuusaa Walaloo mata duree, ‘Safuudha’ jedhu kan barreesse yoo ta’u, akkasumas walaloowwan dhamaafi ergaa cimaa qaban barreeffamaafi viidiyoodhaan karaa miidiyaa hawaasummaa ummata biraan gahuudhaan beekama. Gaafdeebii gabaabaa dheengadda Waloo Aagaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Akkamitti gara Walaloo barreessuutti dhufte?
Waloo Aagaa: Abbaan koo barsiisaa Afaan Oromooti. Abbaan koo geerarsaafi walaloo ni jaalatu. Akkan gara walaloo barreessuutti dhufuufi itti guddadhu kan na taasise abbaa kooti. Abbaa kootti aansee gara walaloo barreessuutti akkan dhufu kan na taasise waloo Ximqataa Kumarraati.
Waloo Ximqataan Kolleejii Poolii Teknikii Najjootii hojjeta ture. Yeroo sana waltajjiilee gara garaarratti walaloo walalaa (dhiyeessaa) ture. Anis walaloowwan inni waltajjiiwwan gara garaarratti dhiyeessu hinaafaan guddadhe. Kaka’umsa yeroo sana keessakootti uumamerraa ka’uun gara walaloo barreessuutti dhufe. Tumsa abbaa kootiin walaloo koo fooyyeffachuun addunyaa walalootti seenaa dhufe.
Bariisaa: Walaloo barreeffama biroorraa maaltu adda taasisa?
Waloo Aagaa: Walaloon barreeffamoota biraarraa adda. Walaloon ciigoodha; jechoota gaggabaaboodhaan ergaa dheeraa dabarsa. Dubbisaadhaaf akka mijatutti bo’oonsaa walsimachaafi sagaleensaa walfakkaachaa waan deemuuf miira dubbisaa kan harkisuudha.
Barreessaan Walaloo yaada dheeraa keeyyattoota lamaafi sadii ta’uu danda’an bo’oowwan lama ykn afur keessatti ykn buufata tokkotti yaada cuunfanii ibsuuf gargaara. Walaloon mirga gara barbaadanitti waa hiikkachuu namaaf kenna. Barreessaanis mirga yaada barbaade dhoksee dabarfachuu ykn ibsachuu akka qabaatu kan taasisuudha.
Bariisaa: Kitaaba kuusaa walaloo matadureensaa ‘SAFUUDHA’ jedhu barreessuun yeroo hangamii sifudhate? Qabiyyeen waliigalaa kitaabichaas hoo maali?
Waloo Aagaa: Walaloo yeroon barataa turen barreessuu jalqabe. Walalicha hiriira barattootaarrattan dhiyeessaa ture. Walaloon yeroo sana barreessaa ture garuu kuusaa hinturre. Walaloon barreessaa ture kuusuu kanan jalqabe bara 2003 yeroon kutaa 8ffaa baradhurraa kaaseeti. Walaloowwan loo hammi tokko qindaa’anii kitaaba koo Kuusaa walaloo matadureensaa ‘Safuudha’ jedhurratti bahaniiru.
Kitaaba kuusaa walaloo ‘SAFUUDHA’ jedhurratti walaloowwan ani bara 2008 hanga bara 2013tti barreessaa turetu qindaa’ee barreeffame. Kitaabni ‘Safuudha’ jedhu bara 2014 bifa kitaabaatiin maxxanfame. Kitaabni kun Fulbaana 22 bara 2015 guyyaa Irreechaa Magaalaa Najjootti eebbifame. Qabiyyeen kitaaba kanaa akkuma maqaasaa dhimmoota aadaafi safuuwwan Oromoo, dhimmoota anaafi sigidduu jiran, obbolaafi obbolaa gidduu jiran, maatii gidduu jiran, abbaa warraafi haadha warraa gidduu jiraniifi wantoota nuti akka salphaatti ilaallee darbinu, dhimmoota sochii siyaasaafi hawaasummaa keenya keessatti akka salphaatti ilaalu garuu gatii guddaa nu baasisan qoosaa fakkeessee kan nama barsiisuudha. Qabiyyeen kitaabichi waliigalaan aadaafi safuu Oromoo ibsuufi barsiisuurratti xiyyeeffata.
Kitaabni kuusaa walaloo mataduree ‘SAFUUDHA’ jedhuun barreeffame kun matadureewwan gara garaa qaban 59 qaba. Kitaabni kun bifa ittiin seenaa, hariiroo namaafi nama gidduu jiru, jaalalaafi siyaas dinagdee ibsuun matadureewwan adda addaatiin qoodamee dhiyaate.
Maxxansi kitaabichaa inni jalqabaa ummataan haala gaariin simatamee yeroo gabaabaa keessatti dhume. Kitaabichi irra deebiidhaan yeroo lammaffaaf maxxanfamee gabaarra jira. Kitaabicha bitachuu kan barbaadan Magaalaa Finfinnee, Jamoo tokko, Gamoo Awaash fuuldura Mana Kitaabaa Iluu deemanii kitaaba tokkoo qarshii 100n bitachuu danda’u.
Bariisaa: Walaloowwan barreessite keessaa kan yeroo baay’ee sammuu keessa si deddeebi’u ykn hawaasa biratti jaalatamummaa guddaa argateera jettu keessaa tokko utuu walaleessite?
Waloo Aagaa: Walaloowwan ani barreesseefi kanneen hawaasa biratti fudhatamummaa guddaa argataniifi anis miidiyaa hawaasummaarratti daran jaallatamaniifi anis ittiin beekame keessaa tokko Walaloo mata dureensaa “HARMEE…” jedhu ture.
Walaloon kun mudannoo dhuunfaa koo irraa ka’uun bifa adda ta’een waan barreeffameef namoota biratti jaallatamummaa guddaa argateera. Walaloowwan ani barreesse keessaa walaloon ‘HARMEE…” jedhu miira namoota baay’ee kan tuqeefi jaalatamummaa guddaa kan argateedha. Walaloon kun miidiyaa hawaasummaarras irra baay’ee naanna’aa tureera.
Baay’een keenya haadha keenyaan naa jiraadhu jenna. Haadha keenya garuu gaa’illi, ijoolleen, ykn jireenyi toora nuu galuu didee gargaaruu dadhabna ta’a. Akka kootti, ilmi dhiiraa galmisaa inni dhumaa “Harmeensaa utuu lubbuun jirtuu waan inni itti dhama’e argitee darbuusheefi haa xiqqaatu guyyaa tokko uffee jettee darbuusheeti”. Haati ammoo galmishee inni dhumaa akka ilmishee, ishee gargaaru utuu hintaane fedhii mucaa baachifachuusaa barbaaddi.
Ilmoon dhiiraa yeroo yeroo jireenyi toora galuufii didee haadha isaa gargaaruu dadhabu itti dhaga’amuu danda’a. Anis walaloo ‘HARMEE…” jedhu mudannoo koorraa ka’een barreesse. Nan yaadadha bara 2016 Ayyaana ‘Gannii’ ture. Ayyaana kana maatii koo biratti hindabarsine.
Yeroo namoonniifi hiriyyoonni koo qarshii ayyaanicha maatiif ergan nan hinaafan ture. Hojjetaa mindaa nyaatu ta’ee qarshiin maatii kootiif ergu dhabee utuman taa’ee gadduu haati kiyya naaf bilbiltee ‘akkami ati nagumaa? qarshii ayyaana ittiin ooltu qabdaaree? naan jette. Ani utuun qarshii qabaadhee siif erguun barbaada malee ayyaana ittiin ooluu hinbarbaadu jedheen deebiseef.
Yeroo kana haati koo ‘qarshii abbaan kee ayyaanaaf natti kenne jiraa xiqqoo irraa sii erguuree? naan jette. Isa booda haadha kiyyatti dubbachuu hindandeenye; waanan godhu dhabeen boo’ee quufee rafe. Booda hirribaa ka’een walaloo ‘HARMEE…..’ jedhu kana barreesse. Walaoon kun laphee koofi hordoftoota koo keessaa yoomillee hinba’u jedheen yaada.
HARMEE…
Coqorsikoo utuu hinmargin,
ol jechuukoo utuu hin argin,
Uumaan akka, sin fudhanne, banee hulaa,
an ilmikee, harka raaseen, boo’aa bula!
Kanumaafan…
Jiruukoo’sa dhagaa qocaa,
ciruudhaafan karaa boca.
Addakootiin gaara dhoosaa,
galmakoottan faana loosa!
Ta’us garuu…
Bo’oon namni, lukaan ce’u, naaf hurufa,
dooniin kaaniif, dhagaa fe’u, na urgufa.
Orma cinaaf, lafa ejjechuun, waan salphaadha
na arginaan, irri dachii, naaf talbaadha!
Akka kanaan, yoo carraankoo, na dheessitu,
shaxeen gaabbii, yoo dirrakoo, madeessitu,
Sagaleekee sana baqa,
suuqa keessaan, suuqa soqa!
Hammakeetti, caba eeltee, cabaa nyaachaa,
“Maal rakkatte?” naan jechuunkee, na maraacha!
Kanaafidha, kan faannikoo, si baqattu,
malee aayye, bar yaadnikoo, sin dagattu!
Yaa deesseekoo…
Siif milkiinkee, kadhatnikee, waariif guyyaa,
fayyaa ta’ee, nagaan bahee, galuu kiyya!
Anaaf garuu, hiikni guutuun, milkaa’uudhaa,
hanga boosse, bakka boontu, si kaa’uudha!
Nan amana…
Guyyaa keessaa, jabaa tokko, guyyaa guddaa,
Cidha milkiif, gaafan waamu, qomoo hundaa,
as gahuukoof, akka taate, lafee dugdaa,
Nan lallaba, nan mammaaka, sitti marmee,
hangasitti, kadhannaakee cimsi harmee!
Bariisaa: Walaloo barreessuuf yeroofi bakka akkamiitu sii mijata?
Waloo Aagaa: Walaloon cagginoodha; yeoo ati barbaadu hinjiru. walaloon tasa namaaf dhufa. Sa’aatii walaoon itti namaaf dhufutti barreessuu baannaan yeruma sana bada. Ani yeroo baay’ee utuun daree keessa jiruu walaloon naaf dhufa.
Utuun waltajjiiwwan gara garaa irra jirus walaloon naa dhufa. Waloon yeroo baay’ee bakkaafi yeroo ati hineegnetti sii dhufa. Ani yeroo baay’ee Walaoo galgala yeroon rafuuf jedhu miira tasgabbaa’aa keessa waanan ta’uuf walaloon naa dhufa. Walaloo dhama qabu barreessuuf sammuun namaa tasgabbaa’uu qaba.
Yeroo tokko tokko ammoo walaloo barreessuu jalqabdee xumurrisaa siif dhufuu dida ykn xumurrisaa dhama hingodhatu. Yeroon walaloo barreessu xumura walalootti dhama gochuuf jecha galgala eegeen itti guuta. Kanaafuu walaloo barreessuuf galgalan filadha. Walaloo barreessuuf galgala sa’aatii 4:00-5:00tti anaa yeroo warqiidha.
Bariisaa: Walaloowwan barreessite keessaa kan dargaggootaaf ergaa dabarsu yoo jiraate?
Waloo Aagaa: Kitaaba koo Kuusaa Walaloo mataduree ‘SAFUUDHA’ jedhu fuula tokkoffaa irratti walaloo matadureensaa ‘DARGAGGOOTAAF’ jedhu barreesseera. Walaloon kun dargaggootaaf ergaa cimaa dabarsa jedheen yaada. Walaloo kana gorsa abbaan koo na gorsaa turerraa ka’een barreesse. Ani duraan cidhaafi gadda namaarratti hinhirmaadhun ture. Abbaan koo garuu dhimmoota hawaasummaarratti akkan hirmaadhuuf baay’ee na gorsaa ture. Anis gorsa abbaa koo irraa ka’een walaloo mata dureensaa “DARGAGGOOTAAF’ jedhu barreesse.
DARGAGGOOTAAF
Har’a waan haadha qabduuf,
ittoo feete nyaatta.
Abbaankee sirra jiraaf,
qoma dhiibdee jiraatta.
Kanaaf bokoktee deemta,
faannikee lafa hankaakee.
Abbaan fedhe rakkatus,
kun sii miti dantaakee. Garuummoo guyyaa tokko,
waamichi Rabbii ga’ee,
Maatiin ati itti abdattu,
yoo sirraa deemu ta’e.
Hirkisaan abdiikeetii,
gaafa seenu hadhaba,
Warra ati itti boontetu,
dirmatee siif qaqqaba.
Kanneen duraan sammuunkee,
tuffachuusaa amanu,
Isaanuma kan dhufee,
reeffa dhiqee kafanu.
Jaruma dur afaankee,
gagaa gaafachuu didu,
Isaan kan qarshii buusee,
saanduuqa bitee fidu.
Kan ati hiyyummaasaatiin,
fakkeessite bineensa,
Isatu reeffa baatee,
bakka awwaalchaatti geessa.
Ollaama dur garaankee,
nyaatasaanii tuffatu,
Irra diboo fidanii,
si wajjiniin cuffatu…!
Kanaafuu jiruu walee,
hinbalfin har’a laaltee!
Yeroon walsi qixxeessa,
hin haftu nama caaltee!
“Namni hinfayyadu” hin jedhin!
hinbaatin yaada samaa!
Cidha ollaa argami,
hirmaadhu gadda namaa!
Walaloon dhiyeenya bifa viidiyootiin miidiyaa hawaasummaa irratti gad lakkise tokkos dargaggootaaf ergaa cimaa dabarsa jedheen yaada. Matadureen walaloo kanaa ‘NAAF GALMEESSAA’ jedha. Walaloo kana abbaa kootu mammaaksa tokko natti mammaaknaanin barreesse. Walaloo kun wal fo’uuf yeroo kaatu walkeessa jiraachuu kee yaadachuun dirqama akka ta’e hubachiisa. Akkasumas jiireenya hawaasummaa keessatti walqooduufi gandummaan kan hinbarbaachifne ta’uu hubachiisa.
NAAF GALMEESSAA
Abbaafi ilmatu bar tokko walta’anii,
daldala karaa fagoo daldaluuf bobba’ani.
Achiis daldallisaanii mareedhaan ittifufee,
Booda guddinarratti garaagarummaan dhufe.
Ilmi, bitee gurguree buufate dacha kuma,
Kan abbaa ammoo faallaasaa huqqatee irkaa dhuma.
Ilmis quufee gaaftokko jaarsolii biyyaa yaasee,
Abbaasaa bira ijaajjee, yaada bareedaa kaase.
Baay’ina jiru beeknee haalaan akka to’annu,
Waanta qabnu lakkoofnee garaagara haafo’annu.
Aabboon waan na dursaniif dura lakkaawwatanii,
Erga galmaa’een booda kofaatti haa kaa’atanii.
Jennaan jaarsis olka’ee….
Erga lakkaa’uun dhufee nan lakkaa’a jaranaa,
Tokko tokkoonan waamaa as naa baasaa garana,
Kan miixattee naa deesse ji’a bonaan harmeensaa,
Qabeenyaa koo tokkoffaa, ilma koo naa galmeessaa,
Jedhee jaarsoliif ilma muka qoonqootti hudumee,
Kanaan dhimmi walfo’uu jaarsummaa malee dhumee.
Bariisaa: Dhumarratti karoorri kee gara fuuldura maaliidha?
Waloo Aaagaa: Ammaan tana kitaaba kuusaa waloo biraa qopheessaan jira. Dhiyeenyatti kitaaba Kuusaa Walaloo matadureensaa “Maal Mallisaa?” jedhu yeroo dhiyootti gabaarra oolchuuf hojjechaan jira.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017