Magaalaa jiraattotaaf mijattuu, daawwattootaaf hawwattuu ta’aa jirtu Finfinnee

Magaalaan guddittiin biyyattii, teessoo Gamtaa Afrikaafi dippiloomatota idiladdunyaa taate Finfinneen misoomaa maqaafi umuriishee madaalu keessa hinturre.

Pilaanii ammayyaawaa hordofuu dhabuusheetiin ijaarsi gamoowwan magaalattii akka ilkaan jajjallaa waljala darbaadha. Daandiin magaalattii daran dhiphaa ta’uu bira darbee pilaanii sirrii waan hinqabneef sochii geejibaaf mijataa miti.

Halluun gamoowwaniis akka qajeelfama pilaanii magaalaan osoo hintaane fedhii abbaa qabeenyaan waan dibamuuf miidhagina magaalattii daran hir’isee ture. Manneen qarqara daandii jiranirraa kan hafe keessoon magaalattii manneen dulloomoo mana fincaaniillee kan hinqabneedha.

Misoomni ijaarsa koriidarii marsaa jalqabaa kun kutaalee magaalaa ja’aafi koriidariiwwan filataman shanirratti lafa kiiloomeetira 43 ol uwwisurratti hojjetame. Hojiinsaas qo’annoorratti kan hundaa’eefi bu’uuraalee misoomaa bifa qindaa’een kan of keessatti hammateedha.

Misooma kanaan walqabatee jiraattonni magaalattii, keessattuu naannawaa Piyaassaa baroota dheeraaf mana caccabaafi peestaala suphanii keessa jiraatan kanneen ganni dhufuun isaan yaaddessuufi mana fincaanii malee baroota dheera dararamaniif abdii haaraa fideefii dhufee ture. Jirattonni kunneeniif mana jireenyaa sadarkaasaa eeggatee gumaachuun naannawa san immoo akka misoomu ta’e yeroo ammaa simboo gonfatee jira.

Naannawaan sun jiraattotasaaf qofa osoo hintaane namoota kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufaniifuu yaaddoo hamaa ture. Manneen caccabuun akka funcaatti harka walkeessa naqatanii jiraniif daandiiwwan akka sabbataa qal’atan namoota hannaafi yakkoota biroorratti hirmaataniif carraa yommuu ta’u, namoota hedduuf garuu yaaddoo hamaa ture.

Moobaayila harkaa dabalatee qabeenya nama jalaa hatame deebisanii argachuun abjuudha. Naannawaan hundeeffama magaalaa Finfinnee bu’uura taate kana keessatti sagaagalummaa, wantoonni araada nama qabsiisaniifi gochootni aadaafi safuu biyya kanaa hin eegganne biroon haala maqaa magaalattii balleessuun raawwatamaa turaniiru.

Ammaan tana bulchiinsi magaalattii misooma koriidariin Finfinnee magaalaa lammaffaa dhalattee taasisee jira. Daandiiwwan sadarkaasaanii eeggatanii ijaaramanii xumuraman halluu gamoowwan walfakkaataa dibamaniin walunatanii magaalattiif miidhagina addaa kennaa jiru.

Qarqara daandiwwanii dabalatee keessoon magaalattii dukkana uffachuun hannaaf, saamichaafi yakkoota garaagaraa keessummeessaa turan hanga halkaniifi guyyaa adda baasuun nama rakkisutti ifaan faayamanii miira gammachuu addaa namaaf kennu. Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa dabalatee ijaarsawwan misooma koriidariin walqabatanii ijaaraman Finfinnee magaalota biyyoota guddatanii tokko tokko fakkeessaniiru.

Misooma daandiiwwanii bal’isuun miidhagsuu qofa osoo hintaane manni fincaanii, bakkewwan magariisaafi fincaa’aawwan qalbii namaa hawwataniifi miidhagina magaalattii dabaluun hojjetamaniiru. Qarqarri lageenii haala ajaa’iba ta’een misoomanii bashannanaaf fagoodhaa nama waamu. Jiraattonni magaalattii ukkaamamanii turan ifa guyyaa fakkaatu keessa galgala yeroo maraa walwaamanii bashannanu, muuxannoo hawaasummaafi dinagdees wal jijjiiru.

Hojiin misooma koriidarii kanaa “Dandeettii waa raawwachuufi raawwachiisu kan itti horatnedha” akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jedhan, halkaniifi guyyaa hojjechuun milkaa’ina waggaa afur keessatti hin yaadamne yeroo ji’a afur hincaalle keessatti gonfachuun danda’ameera. Namoota kumaatamaan lakkaa’amaniifis carraafi muuxannoo hojii uumuu danda’eera.

Naannoleenis Finfinneerraa muuxannoo waraabbachuun hojii misooma koriidarii magaalotasaanii keessatti hojiirra oolchuu eegalaniiru. Misoomni kun bal’inaan hojiirra oollaan yeroo gabaabaatti Itoophiyaa keessatti jijjiirama dinagdee, hawaasummaa fiduun ni danda’ama.

Qaamuma hojii kanaa kan ta’e hojii misooma Koriidaraa kaasanchisiifi akkasumas naannawa waggoota hedduuf bu’uraalee misoomaa mijataa ta’e hin qabne kana deebisanii misoomsuudhaaf hojiin hojjatamaa ture xumuramee tibbana tajaajilaaf banaa ta’ee jira.

Naannoofni kaasaanchis kun waggoota dheeraadhaaf misoomarraa fagaatee iddoo jireenya namaatiif mijataa hin taane akka ture Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aaddee Adaanach Abeebee sirna eebba prpjeektichaa irratti dubbataniiru.

“Ummatni naannawa kana jiraachaa ture iddoo itti baqatu dhabeeti malee haalli iddoo sana ture jireenyasaatiif mijateetii miti” kan jedhan Aadde Adaanach, sababa filannoo biraa hin qabneef manneen jijjigaafi diddiigamaa tajaajila waggoota dheeraa kennuudhaan dullooman keessa jiraachuuf diqamuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti; keessattuu rakkoon bu’uraalee misoomaa nananawa kana ture tasumaa waan dhala namaatiif mijatu hin turre. Haadota ibsaadhaaf naannawa kanatti diriiranii turan yemmuu ilaaltu, isaan karooraafi sirnaan alla akkuma argametti waljalaafi gubbaa rarra’uudhaan yeroo hedduu balaa garaa garaatiif isaan saaxilaa ture yemmuu ta’u, sararoota bishaaniis yemmuu ilaallu turtii irraa kan ka’e iddoo hundaan kan jigsaniifi tajaajila bishaan dhugaatii gahaa ta’e hawaasichaaf kennuu kan hindandeenyeedha.

Kana qofaa osoo hintaane iddoon kun yeroo dheeraadhaaf bakka namni itti hatamaafi reebamaa ture yemmuu ta’u, mandarri moofaaniifi bu’uralee misoomaa jajjalataa ta’e qabu kun hattootaafi yakkamtootaaf akka iddoo itti dhokatanii yakkoota garaa garaa raawwachuudhaaf ittifayyadamaa turaniitti tajaajilaa kan tureedha.

Hojii misooma koriidarii kana naannawa kanatti hojjachuudhaaf yemmuu yaadamus rakkoolee bu’uraa kanneen ilaalcha keessa galchuudhaan ta’us, naannawa kanatti hojii deebisanii misoomsuu kamiinuu durattis dirsi kan kenname namaaf ture. Kanaanis jalqaba iddoo mijataa hawaasni sababa hojii deebisanii misoomsuutiiniifi misooma koriidarii kanaan naannawa kanaa ka’uuf iddoon mijataa ta’e qopheessuudhaan hawaasicha achirra qubsiisuu ture.

Kun immoo hojiin misoomaa sadarkaa kamittuu hojjatamu dhala namaatiif yaadamee waan ta’eef hojii hunda keessatti namarratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka ta’e waan hubatameefi.

Haaluma kanaan hawaasa sababa misooma koriidariifi hojii deebisanii misoomsuu kanaaf jecha iddoo tura turerraa ka’uuf durfamee manneen jireenyaa 5700 ta’an ijaaramanii jiru. Kana qofaa osoo hin taane, namoota tanaan dura daandii kaasaanchisiifi barandaa namaa jala bulaa turaniifis iddoo turtii akka manaatti tajaajilu 1500 ta’u ijaaruudhaan namootni tanaan dura daandii irra bulaa turanis akka iddoo turtii mijataa ta’e argatan gochuun danda’amee jira.

Naannoon kaasaanchis kun immoo iddoowwan giddu gala magaalichaa ta’aniifi umrii dheeraa lakkofsiisan akkasumas seenaawwan hedduu qaban keessaa tokko taatus, magaalaa yeroo waliin adeemtuufi ammayyoomte ijaaruuf jecha garuu hawaasicha iddoo mijataa ta’e qubsiisuudhaan magaalattii akka maqaasheetti haaraa taasisuun cimsee kan itti fufu ta’uus Aadde Adaanech himaniiru.

Ummanni sababa hojii misooma koriidariitiif naannawa kaasaanchis irraa kaafame kun iddoowwan akka Aqaaqii, Galaaniifi Kooyyee Facceetti bakkaa bu’uraaleen misoomaa guutamanitti godaanee jireenga fooyya’aa keessa galeera.

Ilaamee ! hojiin magaalaa deebisanii misoomsuufi ijaarsa koriidarii kun magaalaa kana keessatti midhaagina inni fide namni haaluu danda’u hin jiru. Magaalaan waggaa 100n dura ijaaramte tun yeroo haaroomsuufi iddoowwan jijjiganiifi diigaman kaasanii isa haaraan bakka buusuudhaaf yaalanitti booyichi “seenaa magagaalattii balleessaa jiru” jedhu sunis boo’icha jawweeti.

Namni kamuu haala yeroofi qabeenyisaa fooyya’aa dhufuun manasaa haareessuuniifi midhaagsuun adeemsa uumamaati malee waan seenaa isa jalqabaa sana balleesuun walqabatuu miti.

Namni galiinsaa xiqqoo itti fooyyofnaan yoo mana haaraa ijaarachuu dadhabes halluu haaraa dibuunsaa waan ooluu miti. Yoo immoo waan gaarii wayii argatee maallaqni harkasaa gale immoo inumaayyuu mana isa bara rakkoo sanatti gatii galiisaa madaalu waan ta’eef qofa keessa jiraachaa ture sana diigee mana isa hammayyaa wantoota jireenya hammayyaatiif barbaachisoo tan’aniin guuttameen bakka buusa.

Walumaa galatti; imalli yeroo ammaa magaalaan Finfinnee keessa jirtu imala guddinaafi midhaaginaa, hawwatummaafi maqaashee madaalu sana keessa gala akka jirtu ragaan hojiiwwan misoomaa akka deebisanii misoomsuufi ijaarsa koriidarii caale hin jiru. Kun immoo waggoottuma muraasa hojiin akkasii eeagale kana keessatti baay’inni turistootaa magaalattii daawwataniifi walga’iiwwaniifi yaa’iiwwan idiladdunyaa asitti gaggeeffamanis dabalaa waan jiruuf cimee ittifufutu irra jiraata.

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Bayyanaa Ibraahimiin

 

Recommended For You