
Finfinnee: Qophii Ashaaraa Magariisaa bara 2017f biqilootni biliyoona 4.3 qophaa’uun kunuunfamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise. Qorannoo latiinsaa biqiloota duraan dhaabbatanii marsaa tokkoffaa gaggeeffameen %90 latanii (qabatanii) jiraachuun ibsameera.
Biirichatti Daarekterri Misoomaafi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qophii Ashaaraa Magariisaa bara 2017f biqiltuu biliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfame keessaa biqiltuun biliyoona 4.3 qophaa’ee kunuunfamaa jira. Biqiltuun qophaa’e hanga guyyaa dhaabamutti kunuunsaafi eeggannoo cimaan taasifamuufii akka qabu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, raawwii ashaaraa magariisaa bara 2017 milkeessuuf qophii dura taasifamuu qabu hundaa taasfamuudhaan hojiitti galameera. Sanyiwwan mukkeen bosonaa hunda galeessa nyaata namaa, beeyyiladaafi miidhaginaa ta’an gargaraa kuntaala kuma 14 facaasuuf karoorsuun kuntaala kuma 16 faca’eera.
Qophiin biqilootaa baranaa kan bara darbeen walbira qabamee yeroo ilaalamu walitti dhiyeenya qabaachuu himanii; muuxannoo waggoottan ja’an darbaniin qulqullinaafi baayyina raawwiitiin dabalaa deemaa jiraachuu agarsiisa jedhaniiru. Ashaaraa magariisaa baranaa mikeessuuf buufataale biqiltuu qaamole addaa addaatiin bulan kuma 32tti ta’an naannicha keessa jiru. Isaan keessaa kumi tokko kan mootummaa yeroo ta’u buufataaleen kuma 27 teknoloojiin deeggaramu.
Latiinsa biqloota duraan dhaabbatan ilaalchisee teknoloojiin deggeramuudhaan kunuunsaafi hordoffiin marsaa marsaadhaa gaggeeffameera. Qorannoon latiinaa marsaa tokkoffaaa gaaggeeffameen %90 kennaniiru. Marsaa lammaffaan ammoo gaggeeffamaa jira.
Bakka dhaabbii biqilaa GPSn adda baasuun walqabtee sagantaan dhaabbii mootummaan gaggeeffamu teknolojiin fayyadamuun akka gaggeeffamu himanii; waliigalaan hektaara miliyoona 1.1 irra biqltuu dhaabuuf karoorfame keessaa hektaara 500 teknooljiidhaan adda ba’ee dhaabbatta.
Kunuunsa biqilaan walqabatee hojimaati kunuunsa biqilaa garagaraa jiran yerooo biqilaan ittibishaan dhugu, shukunamu eeganii raawwatamuu qaba. Yoo gogiinsi jiraate shoggoruun dhiisuufi tuttuqaarraa bilisa ta’uun jiidhiinsa qabatee akka turu taasifamuu gochoota kunuunsa biqilootaaf taasifaman keessaa muraasa kaasaniiru.
Biqilaa dalleessuu, afaa irraa afuu, tuttuqaa beeyiladaarraa dhorkuu hojiilee sadarkaa ammaatti hojjetamaa jiran ittaansee boolli biqilaan dhaabbatu addaan fagaatee ogummaan qophaa’uu, biqilootni dhaabbiif ga’an adda ba’uu qabu jedhaniiru. Gaafa dhaabbiiitti dhiyaatu bishaan irraa hir’isuu akkasumas gaaddisa irraa kaasuudhaan aduudhaan akka walbaraa deemu taasisuun gochaalee kunuunsa biqlaa taasifaman keessaa muraasa ta’uu ibsaniiru.
Biqiloota naannicha keessatti dhaabatan keessaa %2 godinaalee rooba arfaasaa argatan ta’uu himanii; Godina Booranaa, Boorana Bahaa, Baalee Bahaa, Gujii aanaalee muraasaatti dhaabbiin biqiltuu eegaleera. Dhaabbiin biqilaa hojii qaama hundaan deggeramu waan ta’eef ogummaan deggeramee hojiirra akka ooluuf waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017