
Biyyootni gulantaa guddinaan mataa addunyaa ta’an xiyyeeffannaa sektara industiriif kennaniin akka ta’e ragaaleen ni mul’isu. Itoophiyaanis jijjiiramaa as meeshaalee alaa galan biyya keessatti omishuuf kan alatti ergamanittis sona dabaluuf sochii walirraa hin citne taasisaa jirti.
Injifannowwan sochii industiriin galma’an, hanqinaaleefi kallattii fuulduraa ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa turtii Kibxata darbe Raawwachiiftuu Hojii Olaantuu Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabiree waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera. Aadde Sannaayit dubartii jabduu yeroo darbe qophii Caayaarratti (OBN) haala hojiifi dhaabbatashee qixa sirriin ibsuun namoota hedduun dinqisiifatamaniidha.
Bariisaa: Mee walhaa barruu, maqaafi gahee hojii keessanii nutti himaa?
Aadde Sannaayit: Sannaayit Mabireen jedhama. Raawwachiiftuu Hojii Olaantuu Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaati.
Bariisaa: Milkaa’ina gulantaa hojii har’aatiif tarii muuxannoon kaleessaa fakkeenya isiniif ta’e jiraa laata?
Aadde Sannaayit: Hayyee, barattoota qabxii fooyya’aa galmeessanii yunivarsitiitti hafuun carraa hojii argatan keessaa ani ishee tokko. Barnoota akkan xumureen Yunivarsitii Bulee Horaattan hojii eegale.
Sana boodas Yunivarsitii Salaaleettis carraa argachuun hojjechuu danda’eera. Yunivarsitiiwwan kunneenitti barsiisuu hanga sadarkaalee hoggansa garagaraatti waanan hojjedheef sadarkaan har’a irra jiruuf bu’uura jabaa buuseera. Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa ta’uun hojjedheera.
Bariisaa: Akka naannoo Oromiyaatti lakkoofsa paarkiiwwan industiriifi sadarkaa irra jiran nuu ibsaa mee?
Aadde Sannaayit: Oromiyaan paarkiiwwan industirii lama jechuunis paarkiiwwan Qonna Qindaa’aa Bulbulaafi Naqamtee qabdi. Wanti hubatamuu qabu paarkiin industirii maallaqaa guddaan lafa daran bal’aa ta’erratti kan hojjetamu ta’uusaati. Paarkiiwwan industirii kunneen jalatti industiriiwwan/ warshaalee hedduutu jira. Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa lafa hektaara 271 irratti ijaarame abbootii qabeenyaa simachuun hojii eegaleera. Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Naqamtee kan lafa hektaara 250 irratti ijaaramaa jiru garuu barana xumuramee kan hojii eegalu ta’a.
Gama biraan ammoo paarkiiwwan kunneen jalatti kanneen omishni sadarkaa jalqabaatti qindaa’u giddugala ce’umsa baadiyyaa jedhaman 12 ta’an of jalatti hammatu. Kana malees, magaalota 10 keessaa kilaastarri industirii manufaakchariingii kanneen kanaan dura mootummaafi bulchiinsa magaalotaan misooman korporeeshinicha jalatti hammatamaniiru.
Ammas taanaan industiriiwwan manufaakchariingii bulchiinsa magaalaafi mootummaan bulaa jiranis ni jiru. Industiriiwwan bifa bittinnaa’een bulaa jiran kunneen gara tokkotti fiduuf koreen waloo hundaa’ee qorannoo adeemsisaa jira. Walumaagalatti garuu, haalli bulchiinsasaanii garaagara ta’us industiriiwwan manufaakchariingii hedduun Oromiyaa keessa jiru.
Bariisaa: Sosochiin waan alaa galu biyya keessatti omishuu milkaa’eera jechuun ni danda’amaa?
Aadde Sannaayit: Ammaan tana dameen industirii ajandaa qondaaltota olaanaa biyyattii ta’uun milkaa’ina ittaanuuf dhagaa bu’uuraati. Biyya kanatti baasii hedduun paarkiiwwan industirii ijaaruu eegaluun matumtisaa milkaa’ina guddaadha.
Biyyoota Eeshiyaa ciccimoo “Asian Tigers” jedhamaniif bu’uurri guddaan babal’achuu industiriiwwan manufaakchariingiiti. Wanti Eeshiyaatti adda ta’e garuu dameewwan industirii kunneen irra jireessaan abbootii qabeenyaa dhuunfaan kan hogganamaniidha.
Gama kanaan kalaqaalee babal’isuu, dinagdee guddisuufi carraa hojii uumuun milkaa’inoota biyyootni kunneen galmeessanis olaanaadha. Biyyi Hindii industirii sasalphaafi giddugaleessaarratti xiyyeeffachuun erga milkaa’anii booda gara industirii guguddootti ce’uu dandeesseetti. Biyyi kun yeroo gabaabaa keessatti toora biyyoota waan hundaa omishuu danda’anii hiriirteerti.
Biyya keenyattis inisheetivii “Itoophiyaan haa omishtu” jedhuu sektara industirii daran dadammaqseera. Dhaabbileen dhuunfaa omishtummaanis ta’e carraa hojii uumuun fakkeenya ta’an hedduun gara damee industiriitti dhufuu danda’aniiru. Bu’uuruma kanaan meeshaalee hedduu kan sharafa alaatiin galaa turan biyyuma keessatti omishuun bakka buusuun danda’ameera. Haa ta’u malee, guddinni damee industirii omisha waliigalaa biyya keessaa “GDP”n wayita ilaalamu gumaatnisaa daran xiqqaa waan ta’eef ammayyuu hojii bal’aatu hafa.
Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa keessatti abbootiin qabeenyaa zayitii sharafa alaan biyya alaarraa galu biyya keessatti omishanii bal’inaan gabaaf dhiyeessuu qophiirra jiran jiru.
Sadarkaa industiriiwwan garagaraatti omishaaleen dura alaa gala turan biyya keessatti omishamuu eegalaniiru. Kun ammoo guddinni egeree biyyattii ifaa ta’uun qabatamaan kan mul’isaniifi dungoo badhaadhinaa kan qabsiisaniidha.
Bariisaa: Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaafi Naqamtee namoota meeqaaf carraa hojii uumuu danda’u?
Aadde Sannaayit: Gaariidha. Carraa bal’aa paarkiiwwan industirii fidanii dhufan keessaa tokko carraa hojii uumuuti. Gama kanaan Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa wayita guutummaatti hojii eegalu dhaabbiin namoota kuma 100 ta’aniif, yeroon ammoo namoota kuma 300 ta’aniif, waliigalaan namoota kuma 400 ta’aniif carraa hojii bana. Kan Naqamtees wayita ijaarsisaa xumuramee guutummaatti hojii eegalu namoota kuma 400tti dhiyaataniif carraa hojii bana jedhamee abdatama. Kun ammoo biyyattiif hiika guddaa qaba.
Bariisaa: Hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaa maal fakkaata?
Aadde Sannaayit: Akkuman dursee ibsuu yaale, hirmaannaa abbootiin qabeenyaa damee industirii manufaakchariingiirratti taasisaa jiran jajjabeessaadha. Kana dura abbootiin qabeenyaa paarkiiwwan industirii keessatti hojii invastimantii garagaraaf dhufan keessaa damee manufaakchariingiirratti bobba’uuf kan fedhii agarsiisan muraasa yookiin ammoo sirumaayyuu hinjiran. Baay’eensaanii meeshaalee erguufi fichisiisuurratti muuxannoofi fedhii qabu turan.
Haa ta’u malee, hojii hubannoofi deggarsa taasifameen hirmaannaan abbootii qabeenyaa dabalaa jira. Ta’us sadarkaa yaadameefi abdatamerra jira jechuun hindanda’amu. Fakkeenyaaf Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa bu’uuraalee misoomaa kan guuttateefi paarkii bakka murteessaafi filatamaatti argamu ta’us hirmaannaan abbootii qabeenyaa sadarkaa yaadamerra hingeenye.
Paarkiiwwan industirii baasii hedduun ijaaranii abbootii qabeenyaaf dabarsuun matumtisaa abbootii qabeenyaaf carraa guddaa ta’us paakeejiiwwan abbootii qabeenyaa onnachiisuuf yaadame kana akka carraa gaariitti fayyadamuurratti kutannoon abbootiin qabeenyaa gadaanaadha.
Bariisaa: Sochii hanga ammaa jiruun dhimmootni akka rakkootti adda ba’an maal fa’i? Kallattiin furmaataa kaa’ame hoo?
Aadde Sannaayit: Sadarkaa guddina dinagdee biyyattiin irra jirtuun walqabatee akkuma dameewwan biroo dameen paarkiiwwan industirii hudhaalee hedduu qabu. Hanqinni humna ibsaafi tajaajila baankiin rakkooleen walqabatan furmaata hatattamaa kanneen barbaadaniidha.
Fakkeenyaaf Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa Daandii Saffisaa Hawaasaa akkasumas Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutiitti dhiyeenyaan argama. Finfinneerrraas fageenya gabaabaarratti argamuu cinatti galtee qonna barbaachisu kamuu argachuuf salphaadha. Paarkiin kun paarkii guddaafi hawwataa ta’us hanqinni humna ibsaa qormaata ta’eera.
Abbootiin qabeenyaa hedduun paarkii kanatti omishuuf fedhii guddaa agarsiisanis sababa hanqina humna ibsaan kan boodatti deebi’an hedduudha. Xiyyeeffannoon damee kanaaf mootummaan kenneefi dammaqiinsi uumame salphaa ta’uu baatus kaayyoo yaadame bira saffisaan ga’uuf dhimmi bu’uuraalee misoomaa dursa qabachuu qaba.
Waan guddaa hojjetanii waa xiqqaa gufuu ta’an furuun dirqama. Kun akkas ta’ee osoo jiruu hanqina humna ibsaa Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa furuuf mootummaa federaalaa wajjin walta’uun buufata ibsaa mataasaa akka qabaatutti sochii gaariin taasifamaa jira. Dhimma tajaajila baankiin walqabatus hundeerraa furuuf sochiin taasifamaa jira. Garuu ammoo xiyyeeffannaan hoggansa sadarkaan jiruu murteessaadha.
Gama kaaniin abbootiin warshaalee garaagaraa humna ibsaa jiru qixa sirriin fayyadamuurratti hanqina qabu. Haalli humni ibsaa itti qoodamus rakkoo mataasaa qaba. Hubannoon waliigalaa damee manufaakchariingiirratti jirus daran gadaanaadha. Kanaafuu, hudhaalee damee kanarra jiran qorannoon adda baasuun furmaata waaraa kennuun hojmanee itti adeemamuu qabuudha.
Bariisaa: Ijaarsi Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Naqamtee maaliif harkifate?
Aadde Sannaayit: Ijaarsi paarkii kanaa waggaa sadii dura eegalamus sababa hanqina bajataa/ kontiraaktaraan walqabatuun waggaa tokkoo oliif dhaabbatee ture. Haa ta’u malee, rakkoon ture furamee bara darbe hojii eegaluun barana xumurama.
Wanti guddaan garuu ijaarsa paarkii industirii kana xumuruu qofa osoo hintaane rakkoo bu’uuraalee misoomaa hundeerraa furuudha. Bu’uuruma kanaan hojiin bu’uuraalee misoomaa paarkichaa diriirsuu barfatee eegalamus yeroo ammaa kana haala gaariirra jira.
Bu’uuraaleen misoomaa kunneen walakkaa bara 2018 akka xumuramaniif to’annoofi hordoffiin taasifamaa jira. Industiriin kun Daandii Xiyyaaraa Naqamteerraa fageenya gabaabaarratti argamuu cinatti Oromiyaa Lixaa qabeenya uumamaan badhaate keessatti argamuunsaa abbootii qabeenyaaf carraa gaariidha.
Ammaan tana pootenshaala jirurratti hubannoo uumuun abbootii qabeenyaa simachuun eegalameera. Kunis hojiin manufaakchariingii industirii sheedii ijaaruufi maashina biyya alaarraa galchuuf waggaa tokko hanga waggaa lamaa waan gaafatuuf dursanii abbootii qabeenyaa simachuu eegalameera. Abbootiin qabeenyaas karoora bizinasii dhiyeessan irratti hundaa’ee lafa hanga barbaadan argachuu danda’u.
Bariisaa: Zayitii nyaataa alaa galchuun hafee biyyuma keessatti omishuun of danda’uun yeroo dhiyoo keessatti waan milkaa’u isinitti fakkaataa?
Aadde Sannaayit: Dameen industirii manufaakchariingii waa hedduu of jalatti hammata. Akka yaada kiyyaatti, Keeniyaa dabalatee biyyoota hedduu biratti jijjiirama bu’uuraa kan fide damee manufaakchariingii qonna qindaa’aati. Mootummaanis dhimma kana hubatee bal’inaan irratti hojjetaa jira.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad sagantaa addunyaa beelarraa bilisa “World without hunger” jedhamurratti haasaa taasisaniin kan dhugoomsan kanuma. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas waltajjii baay’eerratti dhimma kana irra deddeebiin kaasu.
Ummatni biyyattii harki 86 jireenyisaa qonnarratti hundaa’e jijjiirama bu’uuraa fedha. Sharafa alaa argachuun omishaaleen alergii jiraachuun dirqama. Ta’us fedhiin zayitii nyaataaf biyya keessa jiru olaanaa ta’ee osoo jiru nuugiifi saliixa sona dabaluu malee alatti erguun zayitii nyaataa alaa galchuun rakkoo ta’uu mala.
Yeroowwan tokko tokko wanti fuggisoo fakkaatu nimul’ata. Itoophiyaan osoo waan hundaa qabduu waa xiqqaa sharafa alaatiin biyyatti galchiti. Osoo timaatimni jiruu “Kaachaappii” alaa galchuu, osoo nuugiifi saliixiin jiruu zayitii nyaataa alaa galchuun yeroo tokko tokko gaaffii namatti uuma.
Haa ta’uutii, xiyyeeffannaa mootummaan kenneefi sochii amma jiruun nuugiifi saliixii gara zayita nyaataatti jijjiiruun ofirra darbuun alatti erguun yeroonsaa fagoo hinta’u jedheen amana.
Kunis Itoophiyaan seenaashee keessatti qamadii alaa galchuun har’a geessee yeroo gabaabaa keessatti qamadiin of danda’uu dhugoomsiteetti. Kun bu’aa cimanii hojjechuufi hoggansa jabaan gaggeefamuu waan ta’eef milkaa’inni qamadiin argame zayita nyaataatiinis waanti hindabalamneef hinjiru.
Bariisaa: Har’a osoo paarkiiwwan industirii bakkoota adda addaa jiranii meeshaalee dheedhii alatti erguun maalirraa madda?
Aadde Sannaayit: Sharafa alaa argachuuf jecha kaleessa meeshaalee dheedhii osoo sona hindabalin alatti erguun sirrii ture. Har’aafi bor garuu filannoon waan jiruuf meeshaalee dheedhii alatti erguun sirrii hinta’u. Akkuma jette, har’a paarkiiwwan industirii tajaajila omishaalee garagaraaf oolan biyyarra darbee sadarkaa naannoottuu hundeeffamaniiru.
Kanaafuu, qamadii paastaafi makarooniitti jijjiiranii galii fooyya’aa argachuuf carraan jira. Saliixaafi nuugiis zayita nyaataatti jijjiiruuf ammatti danqaa wanti ta’u ni jira jedhee hin yaadu. Sona dabalanii omishaalee alatti erguun gabaa addunyaarratti dorgamaa ta’uun ogummaa guddaa gaafata.
Buna callaa alatti erguurraa akkuma omishaalee biroo akaa’anii daakuusaa erguun galii fooyya’aa argamsiisa. Walumaagalatti, yeroo ammaa omishaalee kamittuu sona dabalanii erguuf carraa bal’aatu jira.
Haa ta’uu malee, muuxannoofi kutannoo dhabuun danqaa ta’eera. Keessattuu abbootiin qabeenyaa dhuunfaa osoo maallaqa ga’aa qabanii kutannoo dhabuun boodatti deebi’uun rakkoo kanaaf ka’umsa guddaa ta’eera. Abbootiin qabeenyaa tokko tokko damee industirii manufaakchariingiitti dhufuu akka ba’aa ulfaataatti kanneen ilaalan waan jiraniif rakkoon ilaalchaas ni jira.
Kana jechuun garuu abbootiin qabeenyaa dhuunfaa omishaalee qonnaatti sona dabaluun ala ergan hinjiran jechuu miti. Kanneen bunatti sona dabaluun gabaa biyya alatti erguun sharafa alaa maddisiisaa jiranis ni jiru.
Bariisaa: Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa omishaalee qonnaafi qonnaan bultootarratti jijjiirama akkamii fiduu danda’u?
Aadde Sannaayit: Omishaafi omishtummaan dabalaa jiru bu’aa barbaadameef qixa sirriin ooluu baannaan hiikkoo hinqabu. Keessattuu kuduraaleefi muduraaleen dafanii waan manca’aniif mala saayiinsawaan tursuun mancaatiirraa baraaruuf gaheen industirii kunneenii olaanaadha. Qorannoon tokko tokko akka mul’isutti mancaatiin omishaan booda ”post-harvest” mudatu kan nama rifaasisuudha.
Itoophiyaan qabeenya beeyiladaatiin Afrikaarraa sadarkaa jalqabaa taatus sababa industirii barbaachisu hinqabneef lakkoofsaafi sadarkaarra kan darbe faayidaa barbaadamu irraa argataa hinjirtu. Hoteelotni guguddoon hanga yeroo dhiyootti foon biyya alaarraa galchaa turan.
Kuduraaleefi muduraaleen xaa’oo qaaliin omishaman kunneen fayyadamummaa qonnaan bulaa dhugoomsuufis ta’e dinagdee biyyaa guddisuuf gara cuunfaawwan garagaraatti jijjiiruun hanga waggaa tokko lamaatti gabaaf dhiyeessuuf shoorri industiriiwwan kunneenii bakka bu’iinsa hinqabu.
Biyya kanatti omishaaleen qonnaa haala qilleensa mijataa keessatti omishamanii osoo badaa jiranii cuunfaa garaagaraa dabalatee wayita alaa galchinutu jira. Sharafa biyya alaa haala rakkisaan argamu ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaaf ooluu osoo qabuu waan xiqqaatiin akkasitti qisaasa’a. Rakkoo walxaxa kana keessaa ba’uun kan danda’amu yoo damee industiriif xiyyeeffannaan kenname cimee ittifufe qofa.
Meeshaalee alaa galan biyya keessatti omishuuf mootummaan kutannoo guddaan socho’aa jira. Baasii guddaadhaan paakiiwwan industirii bakkawwan hundatti ijaareera. Bu’uuraalee misoomaafi dhaabbileen tajaajila garaagaraa kennan akka guutamanis hojjetaa jira.
Keessattuu abbootiin qabeenyaa dhuunfaa carraa argame kana qixa sirriin fayyadamuutu irraa eegama. Biyyoota guddatanitti guddinni damee industirii manufaakchariingii kan saffisiise hirmaannaa abbootii qabeenyaa dhuunfaatiini.
Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa biyyoota biroo tattaaffii dhuunfaasaaniin ofis biyyas guddisan. Biyya keenyatti garuu abbootii qabeenyaarraa wanti eegamu yoo guddate sheedii ijaaruu qofa.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017