“Gamtaan Abootii Gadaa akka yaadametti sirna Gadaa lafa qabsiisuu hin dandeenye ” -Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa

Finfinnee: Raawwii Gamtaa Abbootii Gadaa hanga ammaatti jiruun Sirna Gadaa ardaalee jilaa hundatti hundeessaa lafa qabsiisuu akka hin dandeenye Walittiqabaan Gamtaan Abbootii Gadaa Warqinaa Tarreessaa beeksisan.

Abbaa Gadaa Maccaafi Walittiqabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Warqinaa Tarreessaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, gamtichi ardaalee jilaa hundatti duudhaaleen sirna Gadaa akka geggeeffaman taasisuurratti hanqinootni mul’ataniiru.

Akka ibsa isaaniitti, Oromoo Baareentuu (Oromoo Raayyaa, Ituu, Umbannaa, Arfan Qalloo, Siikkoo Mandoo) akkasumas Oromiyaa Lixaa Godinaalee Wallagga afran, Iluu Abbaabooraafi Jimmatti sirni Gadaa riphee jira. Gamtaan Abbootii Gadaa ardaalee jilaa Oromiyaan qabdu hundarratti duudhaan sirna Gadaa riphee duudhaasaa ganamaatti deebi’ee akka gaggeeffamu taasisuuf Gamtichi bara 2011 hundaa’e.

Ta’us, raawwii hanga ammaatti jiruun Sirna Gadaa waaltessuufi bakka riphee kaasuun hindandanda’amne. Rakkoo jijjiirama sirnaan walqabatee rakkoo nageenyaa darbee daree mul’atuun godinaalee Oromiyaa hunda keessa socho’uun sirnicha akka barbaadamutti lafa qabsiisuun akka hindanda’amneefi rakkoon bajataan walqabatu jiraachuus ibsaniiru.

Rakkoolee kannee furuuf akka caasaa Sirna Gadaa Maccaatti miseensa salgee gamitichaa ta’an abbummaan ardaalee godinaalee Wallaggaa hundaarratti Sirni Gadaa akka eegaluuf qajeelfamni gamtichaan gad bu’eera. Bifa walfakkaataa ta’een akka hojiirra ooluuf Biiroofi Waajjiiraalee Aadaafi Tuurizimii godinaalee akka beekan taasifamus akka barbaadamutti lafa qabsiisuun hindanda’amne.

Namootni Abbaa Gadaa hinta’iin Abbaa Gadaa ofiin jechuudhaan ummata duratti mul’achuun Qeerroofi Qarree mufachiiseera.Sababa kanaanis Abbootiin Gadaa sirriin lallabanii sirnicha bakkatti deebisuuf hudhaa isa tokkoo ta’eera.

Aadaa Oromoofi Sirna Gadaa bakkatti deebisuuf mootummaan haaromsa aadaa geggeessaa jiraachuu himanii; ardaalee jilaa bakka jiran hundatti ‘GPS’n adda ba’anii akka daangeffamaniif qaamolee mootummaaf akka darbu ta’ee jira.

Abbaan Gadaa Tuulamaafi Barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Goobana Hoolaa gamasaanii duudhaalee Sirna Gadaa iddoosaatti deebisuuf gaheen abbootii Gadaafi Gamtaa Abbootii Gadaa murteessaadha. Ta’us, raawwiin Gamtaa Abbootii Gadaa hanga ammaatti jiru ardaalee jilaa hundatti Sirna Gadaa lafa qabsiisuun hindanda’amne jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti, yeroo ammaa kana ardaaleen jilaa seenaan bulaa jiru malee seeraan bulaa hinjiran. Kanaaf, xiyyeeffannoofi kutannoo Abbootii Gadaafi Gamataa Abbootii Gadaa barbaada. Biiroofi Waajjiraalee Addaafi Tuuriizimii akkasumas qaamolee dhimmichi ilaallatu hundi Sirni Gadaa riphee bakkasaa duraatti akka deebi’uuf deggersa barbaachisaa taasisuu qabu jedhaniiru

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You