
Biyya keenya Itoophiyaa irraa kaasee guutuu Afrikaafi addunyaatti damee ispoortii atileetiksiin hojii guddaa kan hojjetan Obbo Nugusee Roobaa bara 1928 akka moggaasa yeroo sanaatti ‘Harargee Xaqlaay Gizaat’ kan yeroo ammaa Naannoo Somaalee, Magaalaa Jigjigaa, Aanaa Faraa’ed jedhamutti dhalatan. Daa’immummaasaaniitti bakka dhaloota abbaasaanii Arsii edda dhaqanii booddee obboleessa hangafasaanii “Qanyaazmaach” Hayilee Roobaa bira dhufuudhaan Finfinneetti barumsa kutaa tokkoffaatii hanga 12ffaa mana barumsaa Tafarii Mokonnonitti barataniiru. Ittifufuudhaanis barumsa kolleejjii Komersitti waggoota sadiif saayinsii sekireetaarii barachuudhaan dippiloomaadhaan eebiffamaniiru. Obbo Nuguseen hawwii barumsaaf qabaniin gara biyya Cheekozlovaakiyaa deemuudhaan Yunivarsitii beekamaa Chaarlis jedhamutti waggoota jahaaf barumsa digirii lammaffaa Leenjii Qaamaaf Ispoortii (Physical education) hordofuudhaan eebbifamanii gara biyyaatti deebi’aniiru. Biyyatti erga deebi’anii booddees mana barumsaatti jaalalli ispoortiif qaban waan hinqabbanoofneef Olompikii Meelboorni kan Awustiraaliyaa, Olompikii Roomaa kan Xaaliyaanitti adeemsifamanirratti hirmaataniiru. Obbo Nuguseen bara 1949 hojjetaa konfedereeshinii ispoortii ta’uudhaan federeeshinoota Atileetiksii, Biskileetaafi Buunyaa hundeessaniiru. Akkasumas gorsaa olaanaa ispoortii atileetiksii turan. Amajjii 1 bara 1950 hanga bara 1953 Ministeera Barumsaatti jijjiiramuudhaan Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa Ispoortii turan. Daarektara teknikii, Gorsaa Olaanaa Ispoortii Atileetiksii ta’uudhaan waggoota 25f guddina ispoortii atileetiksii Itoophiyaaf carraaqqii olaanaa taasisaniiru. Gootichi ispoortii atileetiksii kun dhalatanii waggaa 57ti addunyaa tanarraa boqochuun awwaalchisaanii Finfinnee, Bataskaana Qiddus Giyorgisitti Ebla 6 bara 1985 raawwatame. Obbo Nugusee Roobaa Seenaa ispoortii atileetiksii keessatti Itoophiyaan Olompikii Meelboorniifi Roomirratti yoo hirmaattu dorgomaa fiigicha meetira 100fi 200 ture. Nugusee Roobaa: Leenjisaa atileetota maqaa Itoophiyaa waamsisan horatan Haata’u malee meedaaliyaa hinarganne. Waggaa 12 booddee bara 1960 Olompikii Meeksikootti adeemsifamerraa kaasee hanga bara 1984 olompikii Baarseeloonaatti ispoortii atileetiksii wajjin turuudhaanis beekamu. Seenaa Olompikii keessatti Itoophiyaa dhiisiitii Afrikaan meedaaliyaa warqii wayita fudhattu Nuguseen miseensa jila olompikii Itoophiyaa turan. Nugusee Roobaa atileetiksiin ala goolii eegaa kubbaa miilaa garee Yunivarsitii Finfinnee turan. Akkasumas Kilaba Qiddus Giyoorgisiifis hiriiruudhaan kubbaa miilaa keessattiifi buunyaa keessaatti qooda fudhateera. Obboo Nugusee Roobaa Leenjisaa ta’uudhaan Olompikii Meeksiikootti meedaaliyaa warqiifi meetii Maammoo Waldee, Jarman Muunikitti meedaaliyaawwan nahaasaa Maammoofi Miruts Yifxar argamsiisan leenjisaa ta’uun dursaniiru. Olompikii Mooskootti Itoophiyaan yoomiyyuu caalaa meedaaliyaawwan warqii lamaafi nahaasa lama argachuudhaan addunyaa mara yoo dinqisiistu Nugusee Roobaa qooda olaanaa kan qabanidha. Sababii Siyaasa yeroo sanaatiin addunyaan iddoo lamatti adda waan qoodamteef Itoophiyaan Raashiyaa deggaruudhaan Olompiikii Loosaanjalasiifi See’ulirratti hirmaachuu baattus waggaa 12 booddee olompikii Baarseeloonaarratti wayita Itoophiyaan hirmaatu obbo Nuguseen leenjisaafi dursaa garee atileetiksii Itoophiyaa turan. Gootittiin Olompikii Daraartuu Tulluu seenaa olaanaa Itoophiyaafi Afrikaaf yoo galmeessistu obbo Nugusee Roobaa leenjisaafi dursaa garee atileetiksii Itoophiyaa turan. Obbo Nugusee Roobaa Itoophiyaan taphawwan guutuu Afrikaa, shaampiyoonaa atileetiksii Ardii Afrikaatti akka adeemsifamu shoora olaanaa taphataniiru.Keessumattuu dargaggoonni Afrikaa Ispoortii atileetiksiitiin dorgommiiwwan biyyoolessaarratti hirmaachuudhaan Afrikaanonni akka beekaman ga’een isaanii guddaadha. Keessumaa maqaa masoo hanga ammaatti Itoophiyaan addunyaarratti ittin beekamtu “Galoo Magariisaa” (Green Flood) yoo jedhamtu Obbo Nuguseen leenjisaafi dursaa garee atileetiksii Itoophiyaa ta’uudhaan seenaa hindagatamne galmeessisaniiru. Obbo Nugusee Roobaa bara 1980 keessa Balaayineh Deensaamoo Maraatonii Rootardaam sa’aatii 2:06.50tti raawwachuudhaan riikardii addunyaa haaraa wayita galmeessisu leenjisaasaa tura. Baruma sana maraatonii Ameerikaa, Boostanitti Abbabaa Mokonnon fiigicha meetira kuma kudhanii, Ingiliz Landanitti Wadaajoo Bultii akkasumas Kaanaadaatti fiigicha kiiloomeetira 15n ilma ilmaa Balaay Zallaqaa, Mattaafariyaa tokkoffaa bahuudhaan yoo mo’atan sana Nugusee Roobaa leenjisaafi gorsaasaanii ta’uudhaan injifannoo dachaa akka argamu taasisaniiru. Walumaagalatti Obbo Nugusee Roobaa bara leenjisummaasaaniitti atileetoota beekamoo addunyaarratti Itoophiyaa olkasan dhiirotaafi dubartoota 80 ol ta’an horataniiru. Obbo Nuguseen sadarkaa Afrikaatti Ittigaafatamaa Waajjira Konfedereeshina Atileetiksii Afrikaa ta’uudhaan tajaajiluun alatti miseensa koree federeeshinii atileetiksii Addunyaa “IAAF” turan. Obbo Nugusee Roobaa hojiiwwan boonsaa hojjetan kanaaf Mootummaan Itoophiyaa Nishaanii olaanaa biyyatti “Xiqur Abbaayi Niishaan” jedhamu Pirezdaanti Mangistuu Hayilamaaramirraa fudhataniiru. Akkasumas dhaabbilee ispoortii biyya keessaafi biyyooleessaarraa badhaasa meedaaliyaa warqii, waancaafi dippiloomaa dhuunfataniiru. Seenaan gooticha kanaa ummata biratti waggoota 32f irraanfatamee turus haati manaa isaanii Aadde Liyyuuwarqi Mangashaa Yaadannoo maqaasaatiin faawundeeshinii Akkaadaamii Ispoortii Nugusee Roobaa hundeessuuf sochii jalqabaniiru. Maatii goototaarraa kan argame Nugusee Roobaa gootummaasaa dirreewwan waraana nagayaa Ispoortii atileetiksiirratti agarsiisee seenaa hindabarre galmeessiseera. Yaadannoo goota seena qabeessa kanaaf Faawundeeshinii Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa, keessumattuu Magaalaa finfinneefi Arsiitti ijaaruuf sochiin jalqabamuusaa Aaddee Liyyuuwarqi kaasu. Faawundeeshiniin Akkaadaamii kun ganda atileetotaa, Jiminaaziyeemii, giddugala leenjii guddattootaa, dirree fiigicha atileetiksii, iddoowwan daakaa bishaanii, giddugala bashannanaa, mana kitaabaa, dukkaana, meeshaaleefi uffatni ispoortii itti gurguraman hammata. Haaluma kanaan yeroo gabaabaa keessatti naannoo maatiin isaa itti dhalatan Magaalaa Asallaatti fiigicha atileetiksii adeemsisuuf yaalamaa jira. Akkasumas maqaa Nugusee Roobaatiin dorgommii atileetiksii sadarkaa biyyooleessaa Awurooppaafi biyyoota adda addaatti adeemsisuuf hojiin isaa jalqabameera. Fiixaan bahinsa Faawundeeshinii Akkaadaamii kanaaf mootummaan keenya Bulchiinsonni Magaalota Finfinneefi Asallaa numaddii akka dhaabatu abdii guddaan qaba jedhu Aaddee Liyyuuwarqi. Walumaagalatti seenaa hindabarre biyyasaaf olkaahee kan darbe Obbo Nuguseen misooma atileetota Itoophiyaa ija ta’an horachuu keessatti nama ijoodha.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017