
Nuyi otoo diinota taanee jirruu erga du’a Ilmasaatiin Waaqayyotti araaramnee, ammammoo nuyi warri isatti araaramne, jireenyasaatiin caalaatti ooluuf jirra. Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin amma araara waan qabnuufis Waaqayyotti gammaduu keenya nihimanna (Rom 5:10-11).
Hordoftoota amantii Kiristaanaatiif Du’aa Ka’uun Kiristoos Waaqayyo ilmaan namaa; du’aa gara jireenyaatti, dukkanaa gara ifasaa isa dinqisiisaatti, akkasumas badiisaa gara jireenya bara baraatti kan ittiin deebiseefi akeekasaa isa bara baraa kan ittiin mul’ise hojiisaa isa guddaa kan ittiin yaadannuufi ittiin galateeffannu ayyaana addaati.
Keessumaa Kiristiyaanonni haala amma akka biyyaattis ta’e addunyaatti jiru keessatti yeroo dhiphina Gooftaa, du’uufi du’aa ka’uusaa yaadachuuf manneen sagadaatti yoo walitti qabaman akeekasaafi dhoksaanisaa maal akka ta’e gadifaggeessanii hubachuun murteessaadha.
Dhiphachuun, du’uufi du’aa ka’uun Kiristoos bu’aa jaalalaafi dhiifama cubbuu Waaqayyo biraa arganneeti. Hordoftoonni amantichaa immoo hirmaattota abdii Kiristoos isa jiraataa waan ta’aniif biyya lafaatti bakka bu’ootasaa ta’uun jaalalaafi dhiifama labsu.
Biyya lafaa kana keessas yeroo jiraatanu ofiisaanii qofaaf utuu hinta’in; warra kaan tajaajiluufi jaalala Kiristoos ittimul’isuun ittigaafatamummaaa akka qaban hubachuu barbaachisa.
Biyyi keenya Itoophiyaan biyya Kiristiyaanotni warri Gooftaa nagaa hordofan miliyoonotaan keessa jiraataniidha. Kanaaf immoo biyya nagaafi tasgabbii ta’uutu isheerraa eegama. Warri humna Du’aa Ka’uu Kiristoos keessa jiran ergaa gaarii, dhaamsa mo’ichaa waliif qabu.
Kanaafuu yeroo ammaa yeroo jallinni qajeelina iddoo dhowwatee, sobni dhugaa haguugee, gaarummaan hammeenyaan uwwifame kanatti humni jaalalaafi araaraa akka moo’uuf dhama’uun ergama hordoftoota amantichaa ta’uu qaba.
Warri du’aa ka’uutti amanan sabaaf du’aa ka’uu labsu; lafa lolli jirutti nagaa, lafa shakkiin jirutti amanamummaa, lafa waldhabdeen jirutti araara, lafa jibbi jirutti jaalalaafi lafa abdii kuttannaatti abdii labsuudhaan nagaa buusuu qabu.
Pirezidaantiin Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa Luba Doktar Yoonaas Yiggazuus, “Akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos lola araaraan, jibba jaalalaan, du’a jireenyaan, garaagarummaa tokkummaadhaan fannoorratti mul’ise; hordoftoonni amantichaa hojiisaaniitiin jireenya haa mul’ifnun isiniin jedha” jedhan.
Ittifufuunis jibbiifi walirratti ka’uun haadhaabatu; wal’ariyachuun haaga’u; qomoo, afaan, sanyiifi lagaan walqoodanii walhiruun haahafu, kan jedhu ergaa jaalalaati.
Kanaaf inni ajjeesuuf harkasaa diriirsu harkasaa haadeebifatu, dirreen waraanaa hunduu nagaa haalabsu, baqataan biyyasaatti haadeebi’u, warri walii hingalle taa’anii haamariyatan jennee namoota hundaaf waamicha ulfinaa dhiyeessina. Karaan ittiin nagaa waaraa fiduun danda’amu karaa adeemsa nagaafi nagaa qofa waan ta’eef bulchitoonni biyyaas kanuma akka godhan maqaa Waaqayyootiin isaan gaafanna.
Dhumarratti, akka gurmuuttis ta’e dhuunfaatti qormaatawwan adda addaa keessa darbaa kan jirtan, caalaadhumatti immoo amantoota gidiraafi dhiibbaawwan adda addaa jala jirtaniif dhaamsa jajjabinaa dabarsuun jaaladha.
Torban kana, keessumaa immoo guyyaa Jimaataa akka kaleessaa dhiphachuu Kiristoos yaadanna. Guyyaan sun humni dukkanaafi sodaan kan ittimoo’amee yoo ta’u; fuulasaa dura garuu moo’ichi aangoo Du’aa Ka’uutiin mul’atu akka jiru yaadna.
Kanaafis, inni du’a moo’ee ka’e; inni balbala cufamaadhaa ol galee bartootasaa warra sodaadhaan ukkaamamanii jiraniin “Nagaan isiniif haa ta’u” jedhe sun har’as jira; nagaasaa isiniif erga; gara boqonnaa gaariittis isin ceesisaati jabaadhaa; garaan keessan hinna’in. Inni du’a moo’e abbaa moo’ichaati.
Egaa Ayyaanni Du’aa Ka’uu kun kan nagaa, kan gammachuu, kan jaalalaafi kan ittiwaliif yaaddan isiniif haa ta’un isiniin jedha. Yeroo ayyaana kana ayyaaneffattan kan duraaniirra akka walii arjoomtan, warra abdii kutataniif abdii Kiristoos akka mul’iftan, sagalee jajjabinaatiinis waljajjabeessitan nan abdadha jedhan.
Jiruu Qananiitiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017