Fakkeenyummaan hojii gaarii Kiristoos Kiristaanota biratti maal fakkaata?

Finfinnee: Ayyaanni Faasikaa; (du’aa ka’uu Gooftaa Yesuus Kiristoos) ayyaana nyaataafi dhugaatii osoo hintaane ayyaana jaalalaa, dhiifamaa, qalbii jijjiirrannaa, gad of deebisuufi dhiphina obsaan mo’achuu ittiyaadataniifi keessatti of ilaalaniidha.

Barsiisonni Amantiilee garagaraa Gaazeexaa Bariisaaf yaada kennaniin akka jedhanitti, Kiristaanonni akkasumas manneen amantii Ayyaana Faasikaa kana keessatti dhaabatanii of ilaaluu qabu. Yesuus Kiristoos waggoota kuma lama dura Waaqaafi nama akkasumas namaafi nama gidduu keenyan diinummaa jiru diiguun dhiphinaa hanga fannootti, darbees du’ee hanga du’aa ka’uutti darara hamaa dabarse yaadachuufi keessatti of ilaaluuf kan ayyaaneffatamudha.

Mana Amantii Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaatti Ittigaafatamaan Kutaa Lallaba Wangeelaa Kaatederaalii Sillaasee Sooraa Abbaa Waldagabri’eel Gabrayesus Qomos akka jedhanitti, Yesus hoolaa araaraa ta’eeaddunyaaf araara buusuu cinatti ilmaan namootaa hojii gaarii barsiiseera.

Osoo Waaqa ta’ee jiruu gad of deebisuun miila ergamootasaa dhiquun ilmaan namootaa jaalala barsiiseera. Warra hidhaman hiikuun, warra beela’an nyaachisuufi warra nagaa dhabaniif nagaa kennuun amala Kiristoos ta’us wanti har’a kiristaanotarraa calaqqisu faallaa kanaa ta’ee mul’ata.

Walii yaaduun qabbanaa’ee, waldhiibuu, walcigaaduu, ija hamaan walilaaluufi ijaa walba’uun babal’achuu ibsanii, Kiristoos jaalala ta’uunsaa osoo labsamuu dhalootni daandii jibbaarra hiriiruun kufaatii guddaa waan ta’eef qalbii jijjiirrannaan gara daandii sirriitti deebi’uun dirqama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waldoonni Kiristaanaa lallabaafi barsiisa kennaniin jijjiirama dhufe ilaaluu qabu jedhanii, aadaan walgargaarsaas namoota hojjetanii jiraachuu hindandeenyeefi balaa tasaan rakkoo yeroof saaxilamaniif malee nama hojjetee jiraachuu danda’u gara kadhaatti fiduu akka hintaane of eeggachuun barbaachisaa ta’uu himu. Dhalootni uumaasaa hinsafeeffanne sagalee Waaqayyoofi abbootii amantiif akka hinabboomamne ibsanii, ilaalchaafi lallabni jiru sanyummaafi naannummaa keessaa ba’uun akka kan Kiristoos jaalala, tokkummaafi obbolummaarratti xiyyeeffatamuu qaba jedhaniiru. Haala kanaan dhaloota egeree lallabaafi barsiisa badaan summaa’uurraa baraaruun dirqama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaatti Barreessaa Olaanaan Sinodoosii Giddugaleessaa Luba Habtaamuu Bulaa gamasaaniin akka jedhanitti, Ayyaanni Faasikaa gaddaafi gammachuu guddaa of keessatti hammata. Yesuus Kiristoos Waaqaafi lafa, Waaqaafi nama akkasumas namaafi nama walitti araarsuuf xoofoo rakkinaa dhuge.

Yakka malee dararame, dhiignisaas garmalee dhangala’uun du’atti dabarfame. Dilbata ammoo humna du’aa moo’ee ka’uusaan sagaleen misiraachoo guutuu addunyaatti dhaga’ame. Gatiin dhiigaafi lubbuu Hordoftoota Amantii Kiristaanaa biratti hiikkoo guddaa qaba.

Abbootiin amantii duraanii akka ammaa geejibni ammayyaa waan hinjirreef beelaafi dheebuu danda’uun miillaan daandii fagoo imaluun walbarbaadu, jaalalli ho’aanis gidduusaanii ture jedhanii, yeroo ammaa garuu waldaa tokko keessattuu waldanda’uun hafee gochootni faallaa fakkeenyummaa Kiristoos dagaagaa jiru. Kanarraa ka’uun waljibbuufi waldhiibuun baay’achuu ibsaniiru.

Dur amantoonni sagalee Waaqayyoo guddaa waan sodaataniif haalli waaqeffannaa, cubbuufi yakka lagachuu olaanaa ta’uu himanii, har’a garuu cubbuu shaakaluun salphaa ta’aa dhufuu qofa osoo hintaane giloobaalaayizeeshiniin dhuunfatamee osoo taphni kubbaa miilaa Awurooppaa guyyaa Dilbataa guutuu ta’e gara mana amantii deemuunuu akka hafu qeeqaniiru. Kanaafuu, yeroo kamuu caalaa amantii of qoranii ilaaluu bara kana ta’uu hubachiisaniiru.

Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaatti Barsiisaa Wangeelaa/katakistii/ kan ta’an Tarfaa Dinqaa akka jedhanitti, Yesuus Kiristoos dhalatee hanga du’ee du’aa ka’uutti ilmaan namaaf hojii fakkeenyummaa gaarii ta’u hojjete.

Yiwudaan akka dabarsee du’atti isa kennu osoo beekuu ergamootasaa warra kaan waliin miila dhiqeef. “Akkuman isin jaaladhe isinis waljaaladhaa. Waanuma gaariin isiniif godhe, waliif godhaa” jedhe. Abdii kutannaa keessa abdiin jireenyaa akka jiru du’aa ka’uun ilmaan namootaa barsiise. Har’a garuu dubbiin faallaa ta’ee amantoota gidduu jaalalarra jibbatu caale jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

 

Recommended For You