“Eenyuudharee gootnii… jedhee kanan faarfadheef akka jedhamu galtee siyaasaaf hinturre”- Faarfataa Addisuu Waahimaa

Faarfataa Addisuu Waahimaa tajaajila amantaatiin ala jechoota Afaan Oromoo fayyadamuun faarfataa namoota baay’ee biratti dinqisiifatamuudha. Jechootni inni fayyadamu ergaa gadifagoo kan qabaniifi guddina Afaan Oromoo keessatti gumaata guddaa kan qabaniidha. Gaazexaan Bariisaa Ayyaana Faasikaa/ Du’aa Ka’uu Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos/ sababeeffachuun Faarfataa Addisuu Waahimaa waliin turtii taasiseera.

Bu’aa ce’ii dhalootaa haga Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoosirraa maaltu baratama?

Akka Faarfataa Addisuun jedhutti, Yesuus waaqa ta’ee osoo jiruu cubbuu ilmaan namaaf biyya lafaarratti gidiraa guddaa dabarse. Wanti inni hojjeteefi bu’aa ce’iin jireenyaa inni keessa darbe hundi duukabuutotasaaf ergaa guddaa qaba. Biyya lafaarratti osoo yakka hindalagiin yakkamaa ta’ee hanga du’a fannootti dabarfamee kenname. Haala mijatuufi hinmijatne hunda keessatti gaarummaa, jaalala, obsaafi ququllummaatu isarraa calaqqise.

“Kiristaanonni du’uusaan jireenyatti jiraatne, ba’aa ulfaatafi gidiraa hamaa inni ilmaan namootaaf jedhee baateen jireenya argatnee nagaatti jiraatne. Amala Kiristoos kan ta’an jaalala, obsa, ilmaan ifaa ta’uu, waldanda’uufi waliif yaaduun nurraa mul’achuu qaba” jedheera.

Osoo waaqa ta’ee jiruu Yihuudaa dabalatee miila ergamootasaa dhiiquun gad of deebisuufi nama kamiifuu jaalala akka qabaatnu barsiisuuf. Hojiifi sochiinsaa hundi fakkeenyummaa gaariidha. Kiristaanotnis hojiidhuma gaarii Kiristoos hojjete kana raawwachuufi orma barsiisuu qabu.

Hojii irratti bobba’aniin akkuma Kiristoos fakkeenya gaarii ta’uu

Addunyaa kanarratti kaayyoo qabataniifi waan amanatanitti cimuun icciitii milkaa’inaati kan jedhu Faarfataa Addisuun; wanti hojjetamu hundi ammoo dantaa dhuunfaa qofaaf osoo hin taane kan dhalootni keessatti of ilaaluufi fakkeenyummaa gaarii qabu ta’uu akka qabus dubbateera. Kennaa ofii qixa sirriin erga hubatanii booda waan namaaf kenname akka dhalootaaf ta’utti dhiyeessuun carraaqqii abbaa akka ta’es ibsa.

Akka inni jedhutti, faarfannaan carraaqqii nama dhuunfaa osoo hintaane kennaa namaaf kennamuudha. Faarfannaa namaaf kenname kana akkuma jirutti gad baasuuf ariifachuu osoo hintaane hojii aartiin sukkuumuu gaafata. Yeroo baay’ee faarfannaa gad lakkisuusaa dura waa’ee dhaloota faarfannaa sana fayyadamanii bal’isee yaada. Kanarraa kan ka’e yeroo baay’ee faarfannaansaa namootaan fudhatama kan argatuuf.

Faarfannaa kee, “Eenyuudharee gootnii addaa Gooliyaadiin kan rukutuu…” jedhu qabsoo yeroo deggaruuf faarfatamee?

Addisuun faarsaa “Eenyuudharee gootnii addaa Gooliyaadiin kan rukutuu… kan waa’ee sabasaatiif hinaaffaan mar’ummaansaa kan nyaatu” jedhu kan gadilakkisee wayita fincilli diddaa garbummaa guutuu Oromiyaa keessatti dho’etti ture.

Namootni baay’eenis faarfannaa akka galtee amantaatti osoo hintaane galtee warraaqsa qabsootti fayyadamaa turan. Addisuun garuu tajaajila mana amantaarraa kan hafe kaayyoo siyaasaa tokkoyyuu waan hinqabneef qabsoo dadammaqsuuf itti yaadee kan qopheesse miti.

Kana jechuun rakkoo yeroo sana ummata Oromoorra gahaa ture quba qabaachuu dhabee yookiin rakkoo ummataa natti dhaga’amuu didee osoo hintaane waanan faarfannaa siyaasaan borcuu hinbarbaadneef.

Haa ta’uu malee, yeroo haqni haqaaqamuufi dhugaan jallatu nama ifatti mormuufi falmuudha. Dhugaa himuufi duukaa bu’uunis qajeeltoo sagalee Waaqaati. Faarfannaa kana wayitan har’arra taa’ee xiinxalu garuu Waaqayyo ergaa yeroo dabarfachuuf keessasaa akka bulche hubateera.

Filannoo jechoota Afaan Oromoo ilaalchisee

Oromoon saba bal’aa jechoota akka cirracha galaanaa hammaaramee hin dhumne qaba. Saba jechootaafi aadaa badhaadhe qabuuf akka feetee waan dhiyeessuun aadaa sabichaa beekuu dhabuurraa madda. Carraa argameen dhalootni jechoota irraanfataman akka hubatu, kanneen hinbeekne ammoo akka qayyabatu gochuun dirqama nama hawaasa tajaajiluuti. Ittifayyadamuurratti rakkoon yoo jiraate malee hanqinni jechaa akkasumas aartii Oromoo biratti rakkisaa miti.

Faarfataa Addisuunis jecha fayyadamu akka amantaatti osoo hintaane akka dhaloota hundaaf galtee ta’utti. Dhimmi dhaloota qaruufi barsiisuu akkasumas fakkeenyummaan itti agarsiisuu akka ilma Oromoo tokkootti inni dirqama akka qabu dubbata.

Sagalee Waaqayyoo faarfachuufi itti jiraachuu

Rakkoo ulfaataa biyyi keessa jirtuufi gocha ciigaasisaa dhalootni hojjetu hundaaf manneen amantaafi amantootarratti maxxansuun ulfaataa ta’us ittigaafatamummaan qaban olaanaa ta’uun hubatamuu qaba.

Manni amantaa kamuu jaalala, tokkummaafi obbolummaa barsiisu, faarfatus erga ta’ee qomoofi amantiin walqooduun walajjeessuu, walbuqqisuufi summii jibbiinsaa facaasuun eessaa dhufe? Barsiisni akkamii kennameetu jibbi kan dhaloota dhuunfate?

Akka Faarfataa Addisuun jedhutti, iji hojii gaarii firiidhaan mul’ata waan ta’eef namni waan faarfatuufi barsiisutti hinjiraatne fakkeenya gaariis milkaa’aa ta’uus hindanda’u. Waldoota Kiristaanaa keessatti qalbii jijjiirannaan dhugaafi hojii gaariin fakkeenyummaa qabu yoo calaqqise amantootnis jechaafi gochaan firii gaarii calaqqisiisu.

Dur faarfannaa dabalatee hojiin tajaajiltootaa sadarkaa garaagaraatti madaalamee bilchinaafi ergaa gaarii qabaachuunsaa erga amanamee booda ummataaf dhiyaata. Jireenyi tajaajiltootaas qixa sirriin morodama, to’atamas. Amma kunniin hunduu waan irraanfataman yookiin qabannaa’an fakkaata. Keessattuu, yeroo ammaa haalli tajaajilaafi akkaataan jireenya tajaajiltootaa waan waldhiitu fakkaata.

Dhugaadha, tajaajiltoonni baay’een gargaarsa waldaa malee carraaqqii dhuunfaasaaniin faarfatu, tajaajilus kan jedhu Faarfataa Addisuun; “Namoota foon qabeessa addunyaa rakkisaa kana keessa jiraatnu taanus hanga danda’ame fakkenyummaan Kiristoos nurraa calaqqisuu qaba. Waan tajaajilluufis jiraachuu qabna” jedheera.

Tajaajiluufi hojii hojjechuun walfaana deemaa?

Haala barsiisa amantaa haa ta’u, fedhii namoota dhuunfaan yeroo baay’ee waaqa tajaajiluufi hojii hojjechuun akka waan walfaana hindeemneetti tajaajiltoonni ilaalan jiru. Garuu ammoo Ergamaan Phaawuloos hojii hojjechaa sagalee Waaqayyoo barsiisaa akka ture Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Bara keenyas tajaajiltoonni hojjetaa tajaajilan kanneen tajaajilaanis ta’e hojiin fakkeenyummaa gaarii qaban ni jiru.

Yoo Waldaan Kiristaanaa hojii yeroo guutuun isaan mindeessiterraa kan hafe hojiin dhuunfaafi tajaajilli waan walfaana hindeemneef sababni hinjiru kan jedhu Faarfataa Addisuun; hojiin ala jireenya mo’achuun waan hindanda’amneef jabaatanii hojjechuun dirqama tajaajiltoota hundaa ta’uu ibseera. Gama biraatiin tajaajila Macaafa Qulqulluus ta’e faarfannaan haala duudhaasaa eegeefi egeree dhalootaa ilaalchaa keessa galcheen dhiyeessuun matumtisaa hojii cimaa yeroo gaafatu ta’uunis hubatamuu qaba jedheera.

Innis ammaan tana faarfannaa albama haaraan yeroo dhiyoo keessatti as ba’uuf hojii hojjetaa jiru cinatti hojiilee garagaraa hojjechuuf karoorfachuu dubbateera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You