
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Wiixata darbe Magaalaa Shaashamanneetti tiraaktaroota kuma tokkoofi 402 qonnaan bultootaafi waldaalee intarpiraayizii maaykiroofi xixiqqaaf dabarse.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa sirnicharratti taasisaniin akka jedhanitti, warraaqsi dinagdee Oromoo jalqabame bu’aa ol’aanaa argamsiisaa jira.
Ummanni Oromoo dinagdeen of danda’uuf daangaa hanga daangaatti socho’ee hojjechuu qaba. Mootummaan naannichaas tarsiimoofi seerota fedhii dinagdee Oromoo danqan jijjiiruun kanneen humna dinagdeesaa utuban bocee hojjataa jira.
Inisheetiviiwwan garagaraa bocamanii hojiirra oolaa jiraniin bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’aa jiraachuu himanii, jijjiirama yaadamu fiduuf hunduu cimee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Warraaqsi dinagdee naannichatti adeemsifamaa jiru dhimmoota guguddoo afur irratti kan xiyyeeffatu ta’uu himanii, isaanis: hoggansi sadarkaan jiru dinagdee qixaan akka hoogganuu taasisuu, imaammatootafi tarsiimoowwan dinagdee biyya sakaalan fooyyessuu, ummanni sochii dinagdee keessa akka galu taasisuufi dhaabbilee si’eessituu dinagdee biyyaa utubuu danda’an humneessuun gara hojiitti galchuudha jedhu.
Hojimaatawwan qonnaan bulaafi horsiisee bulaarratti gufuu ta’an sirreessuun hojii sochiin dinagdee akka babal’atu taasisuuf raawwatamaa tureen ummanni liqii argatee gara hojiitti galuun fayyadamaa ta’aa dhufeera.
Dhaabbanni ‘Keenyaa’s waggoota muraasa keessatti mashinaroota garagaraa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa biraan ga’uun jireenyi ummataa akka jijjiiramu taasisuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuus kaasaniiru.
Qonni sektaroota bu’uura mootummaan jijjiiramaa imala badhaadhinaa milkeessuuf adda baase keessaa adda durummaan kan eeramu ta’uu himanii, qonni keenya fedhii dabalaa jiru akka guutuufi bu’uura galmoota badhaadhinaa ta’ee akka tajaajiluuf xiyyeeffannoo addaa itti kennuun imaammataafi tarsiimoo bocuun irratti hojjetamaa jiraachuu himu.
Bu’uuruma kanaan, mootummaan jijjiiramaa naannoo Oromiyaa toorawwan qabiyyee qonna naannichaa ceesisuuf oolan sagal adda baasee raawwachaa jiru keessaa tokko makaanaayizeeshinii qonnaati.
Imala makaanaayizeeshinii kana milkeessuuf, mootummaan seera taarifa algalchii tiraaktaraafi maashinoota qonnaa akka jijjiiramu, dhaabbileen tiraaktara galchaniifi warshaalessan akka hundeeffaman akkasumas, sirna faayinaansii dhiyeessii liqii mijataa uumuuf hojjetamaa turuus eeraniiru.
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, warraaqsi dinagdee Oromiyaa utubaalee afur irratti kan bu’uureffame. Isaanis: Mootummaa dinagdee hogganu ijaaruu, Seera, imaammata, tarsiimoofi hojimaata sochii dinagdee keenya sakaalan sirreessuu, Ummata daangaadhaa hanga daangaatti sochoosuun dinagdee keessa galchuufi Dhaabbileefi warshaalee adeemsa kana si’oomsan hundeessu kan jedhaniidha.
Mootummaan naannichaa maashinoota haala qabatamaa qonnaan bultoota xixiqqaafi giddugaleessaaf mijatan dhiyeessuun fayyadamoo isaan taasisaa jiraachuu himanii, bifuma walfakkaatuun, ga’umsa omishaa guddisuufi qulqullina omisha qonnaa fooyyessuun omishaafi omishtummaa dabaluu fedhii gabaa guutuuf hojjechaa jira.
Makaanaayizeeshiniin qonnaa humna namaa maashiniidhaan bakka buusuu qofa utuu hintaane, cancala sonaa guutuu irratti hojjachuun ga’umsaafi bu’aqabeessummaa hojii qonnaa tarsiimoodhaan kan hogganuudha.
Damdaneessummaafi guddina dinagdee keenyaa mirkaneessuuf maatii qonnaan bulaa keessaa gariin dameewwan dinagdee murteessoo biroorratti akka bobba’an taasisuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Qonnaafi horsiisee bulaan naannichaa qusatee maashinoota bitachaa jiraachuu himanii, tarkaanfiin fedhii ummata guutuufi imala badhaadhinaa dhugoomsuuf eegalame cimee kan itti fufu ta’uus dubbataniiru.
Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti, walharkaa fuudhinsi maashinaroota qonnaa yaadama dinagdee Oromoo ijaaruun qonnaan bultootaafi dargaggoota humneessuuf wixiname kan milkeessedha. Makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuun omishaafi omishtummaa guddisuun wabii nyaataan of ga’uufi dinagdeen of utubuu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qaba.
Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa misooma baadiyyaa fiixaan baasuuf galmoota wabii nyaataa mirkaneessuu, omisha alergii dabaluu, omisha biyya alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun cabiinsa dinagdee suphuufi carraa hojii uumuuf hojii hiika qabu hojjechaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee biyyaa kallattii hundaan utubuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu himanii, naannichatti omishaaf omishtummaa qonnaa dabaluuf inisheetiviiwwan qonnaa 30 ol hojirra oolaa jiru. Inisheetiviiwwan hojirra oolaa jiran keessaa inni tokko makaanaayizeeshinii qonnaa irratti hojjechuun humna teknolojii yeroon barbaadu guuttachuun hojii qonnaa ammayyeesuu akka ta’ees eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017