
Finfinnee: Namoonni keessumaa waltajjiilee idiladdunyaarratti hirmaachuuf carraa argatan ergaa biyyasaanii fayyadu dabarsuun carrichatti fayyadamuu akka qaban Aadde Firaa’ool Tolasaa gaafatan.
Pirezidaantii Ittaantuun Mana Murtii Oliyyannoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Firaa’ol Tolasaa waldorgommii dhaabbatni biyya Ameerikaa ‘Headway Institute of Strategic Alliance (HISA)’ jedhamu dorgomsiise ulaagaa guutuun ‘Future Diplomats Forum 2025’ magaalaa Waashingitan Diisiitti ALA April 4-6, 2025tti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Waltajjii hirmaattoonni biyyoota addunyaa 89 olii argaman irratti Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuusheetiin rakkoo irra ga’aa jiru ibsaniiru.
Kaayyoon sagantichaa namoota dippilomaasiirratti fedhii qabaniifi gara fuulduraattis dippilomaatii ta’uu barbaadan walitti fiduun leenjii kennuu ta’uu himanii, leenjicharrattis akkaataa imaammatni biyya tokkoo ittibocamurratti leenjiin nikennama, haalli dippiloomaasii addunyaa maal akka fakkaatu hayyoota yunivarsitiiwwan beekamoo biyyattiitiin ni ibsama, akkasumas hirmaattonni sagantichaas mataduree ofii filatanirratti haasawaa gabaabaan nitaasifama jedhaniiru.
Carraa waltajjicharratti hirmaachuu kan argatanis dhaabbatichi sagantaa waggaa waggaatti qopheessu weebsaayitiirratti beeksisu bu’uura godhachuun dorgamuu kaasanii, sagalee deeggarsaa miidiyaa hawaasummaarratti kennamuufi dokimantiiwwan biroo dorgommichaaf isaan fayyaduu dubbatu. Dorgomtoonni qarshii kanfalanii hirmaatanis kan jiran ta’uu kaasu.
Sagantaa dhaabbatichi qabate keessattis hirmaattonni mataduree filatan irratti haasaa kan taasisan ta’uu eeranii, isaanis dhimma ulaa galaanaa filachuun kan dhiheessan yoo ta’u, kana kan filatanis dhimmi dippilomaasii wayita ammaa xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’uusaatiiniifi akka dhuunfaatti biyyattiin ulaa galaanaa dhabuusheetiin miidhaan siyaasa dinagdeefi dippilomaasiirratti ga’aa jiru waan isaan quuquuf ta’uu kaasu. Haasaa taasisan irrattis biyyattiin ulaa galaanaa karaa nagaafi mariitiin argachuu akka barbaaddullee kaasuu himaniiru.
Wayita waltajjiiwwan akkanaa argaman waan gaarii ittifayyadamuu akka barbaachisu kan himan Aadde Firaa’ol, carraa aragametti waa’ee biyyaafi waan biyyi barbaadduu ittibeeksisuufi hubannoo itti uumuu akka barbaachisu dubbatu. Fuuldurattis waltajjiiwwan argatan hundarratti haala walfakkaatuun waan biyya fayyadu dhiheessuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017