
Finfinnnee: Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa waggoota dheeraaf odeeffannoowwan wayitaawoo addaddaa gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin akkasumas wantoota ijaarsa sirna dimokraasii wajjin walqabatanirratti ummata biraan ga’uurratti hojii guddaa hojjetaa tureera; hojjetaas jira. Kanaanis gahee bakka bu’iinsa hinqabne ba’achaa ture, jira jechuun nidanda’ama.
Dhaabbatichi ji’oota muraasaa as barruulee daa’immanii Afaan Oromoofi Amaariffaan maxxansiisuu jalqabuun seenaa biraa galmeessisaa jira. Bu’uuruma kanaan barruulee daa’immanii Naa’ota jedhamtu ji’a Guraadhalaa darberraa kaasee Afaan Oromootiin maxxansiisaa jira.
Nutis barruulee Naa’otaa har’a Magaalaa Adaamaatti sirna ho’aadhaan eebbifamtu kana sababeeffachuun Afyaa’ii Ittaantuu Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Kabajamoo Aadde Loomii Badhoo waajjirasaaniitti kaleessa dubbisneerra. Isaanis gaazexaa seenaqabeettii, Bariisaa eegaluun yaada ittaanu nuu kennaniiru
Gaazexaa Bariisaa dhiheenyattin beeka. Gaazexaan kun umuriishii gara waggoota 50tti siqu keesatti bu’aa ce’ii akka sabaafi ummataatti darban ga’aa turan hambisuu keessattis bu’aa olaanaa qaba.
Gaazexaa Bariisaa
Gaazexaan kun Afaan Oromoo guddisuu, seenaa ummata Oromoo dhalootatti dabarsuu, odeffannoo wayitaawaa dhaloota biraan ga’uu keessatti hojiilee guguddaa hojjeteera.
Akka fakkeenyaatti afgaaffiin hoggantoota seektarootaaf taasifamurratti odeeffannoo wayitaawaa dabarsaa tureera; ammas ittijira. Odeeffannoowwan darban keessattis aadaa, seenaafi duudhaa ummata Oromoo beeksisaa tureera. Godinaalee keessa maaltu jira isa jedhu agarsiisuu keessattis hojii guddaa hojjeteera; hojjetaas jira. Afaan akka guddatu taasisuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Barruulee Naa’otaa
Barruuleen Naa’otaa haala hinbaratamneen DhPIn qopheessuunsaa tarkaanfii guddaadha. Kana dura televizyinirratti qophii ijoollee jedhamee dhihaataa turus inniyyuu hanga barbaadame hinturre. Haaromsaa as garuu xiyyeeffannaa addaa argatee dhaloonni seenaa afaaniifi aadaa ofii baratee akka guddatuuf waanti hojjetameefi hojjetamaa jiru waan salphaa miti.
Milkaa’inasaafis Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa tumsa barbaachisu hunda nitaasisa. Sababnisaas waa’ee daa’imman egareerratti hojjechuun dhimma filannoo hinqabneedha. Yoo dhaloota ittaanurratti hinhojjenne wanti amma akka sabaafi biyyaatti yaadamee hojjetamaa jiru karaatti hafa. Dhimmi kun hojii boriif hinjedhamneedha.
Hiikni barruuleen kun dhaloota eenyummaasaa beeku, duudhaa Oromummaatti deebi’e, safuufi seenaa qabu, sonawwan Oromoofi Oromiyaa keessa jiran beekee ittiin biyya jijjiiruu danda’uu uumuuf hiika olaanaa qaba. Kanamalees, sabaafi sabalammii kaan waliin jiraachuufis kan fayyaduudha.
Daa’imman walhubatanii, walii yaadanii waliin jiraachuu danda’an horachuu keessatti, dhaloota walqixxummaa, kabajaafi jaalalaan waliin jiraachuu horachuu keessatti gahee qaba. Waliigaltee biyyaalessummaa uumuun biyya ijaaruu keessattis hiikni qabu olaanaadha.
Dhaloota seenaa, eenyummaa, duudhaa, safuusaa beeku, iddoo kaleessaatti deebi’ee horachuu nidandeessisa. Wantoota qaroomina fakkaatanii dhufanii eenyummaa, aadaafi safuurratti dhiibbaa uumaa jiran hambisuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Ummata afaanota addaddaa dubbatee ilaalcha biyyaalessaawaa qabu keessatti qooda olaanaa qaba. Hawaasa kamuu keessatti maatiin daa’imman waliin hariiroo niqaba. Biyya tokko keessatti yoo haalaan ittifayyadamuun danda’ame sabdaneessummaafi afdaneessummaan eebba malee abaarsa miti.
Dhaloonni amma jiru gaafa mana barnootaa seenee dirreerratti walargu baay’ee dinqama. Akka waan, waan addaa argeetti fudhata. Daa’imummaarraa kaasee garuu bifa sanaan yoo qaraafi hubachiisaa deemne waan mana barnootaatti argan salphaatti hubatu.
Akkuma biyyaattuu rakkooleen jiran sadii. Inni duraa dhaloota ijaaruu dadhabuu, lammaffaan sirna ijaaruu dhabuufi sadaffaan dhaabbilee ciccimoo ijaaruu dhabuudha. Kana keessatti daa’imman irratti hojjechuun murteessaa ta’uusaatiin hiiknisaas gama sanaan ilaalamuu danda’a. Ilaafi ilaameen jiraachuufis hiika olaanaa qaba. Haalatti Naa’otaan dhalattoota Oromoo biyya alaa jiran bira ga’uu dandeessurrattis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
Qabiyyee Naa’otaa
Barruuleen kun filannoowwan addaddaatiin dhihaachuunsaa gaariidha. Yoo waan walfakkaataatu dhihaata ta’e daa’imman amalumasaaniitiin waan dafanii nuffaniif ergaa barbaannu nuu hinhubatan. Hawaasni dhimma kana hordofus osoo hin nuffiin ergaa barbaadame fudhachuu danda’a.
Daa’imman kaameettii ykn gameessa ta’an, goota, dhaloota sabaaf yaadu, maatii, biyyaafi ummataaf jiraatu uumuu keessattis kiika olaanaa qaba.
Ijaarsa biyyaa keessatti waan hawwinee ganamaafi galgala haasofneef waan dhufu miti. Keessoo namaatti uumamuu qaba. Kanaaf ammoo daa’imummaarraa jalqabanii irratti hojjechuun dirqama.
Hawaasa dhimma qeenxeerratti osoo hintaane dhimma waloorratti ilaalcha waloorratti cimee waliigalee, aadeffatee deemuu danda’u, walkabajuufi waliin jiraachuun aadaa ta’ee duudhaa godhatee akka deemu gochuu keessatti gahee olaanaa qaba. Akeekni barruulee kanaa akka milkaa’uuf dhaabbileen mootummaafi mitimootummaa akkasumas jaarmiyaaleen dhimma daa’immaniin walqabaturratti hojjetan gumaacha irraa eegamu bahachuu qabu.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017