
Finfinnee: Dhaloota ka’umsa toletu manii bareeda qabaata waan ta’eef dhalootarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu barsiisotni amantaa ibsan.
Barsiisonni kunneen barruulee Naa’otaa Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa (DhPI) qopheessee har’a eebbisiisu hojii qulqullaa’aafi murteessaa ta’uu eeraniiru.
Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaatti Ittigaafatamaan Qajeelchaafi Misoomaa Sooraa Solomoon Tolchaa akka jedhanitti, dhaloota lafaa dhufurratti hojjechuun biyya gaaga’ama rogawwan maraa keessaa baasuu qofa osoo hintaane jaalala biyyaatiin masakamee akka guddatan taasisa. Daa’immanirratti hojjechuun dhimma murteessaa waan ta’eef Bataskaanni Ortodoksi Tawaahidoo hojii qulqullaa’aa kana nitumsiti, irrattis hojjetaa jirti.
Barsiisaafi Qorataan Amantaa Islaamaa Pirofeesarri Gargaaraan Adam Kaamil gamasaaniin, baruma keessa jirru kanatti dhalootni biyyasaa qixa sirriin beeku muraasa ta’uu himanii; dhalootni biyyasaa hinbeekne biyyasaa hubachiisuu waan hindandeenyeef hojii DhPIn eegale qaawwa ture akka duuchu abdii qaban ibsaniiru.
Dhalootni biyyoota Arabaa hedduun Itoophiyaa baruufi qorachuu fedhii guddaa agarsiisaa jiru jedhanii; dhaloota ilaalcha biyyaalessaan yayyabame kan aadaa, seenaafi maalummaa biyyaa beekee beeksisu horachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017