
Finfinnee: Barruuleen daa’immanii “Naa’ota” jedhamtu kan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Afaan Oromootiin qophooftee dubbisaaf dhiyaatte dhaloota lafaa dhufaa gama hundaan ga’oome uumuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ibsame.
Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Gulaalaan Barruulee Naa’otaafi Gaazexaa Bariisaa gaazexeessaa Obbo Charinnat Hundeessaa akka ibsetti, qabiyyeen barruulee kanaa, ijoolleen biyyasaanii, afaansaanii, aadaasaanii, naannawaasaanii, seenaafi duudhaasaanii akkasumas dandeettii kalaqaa akka gabbifatan kan gargaaruufi kallattii agarsiisuuf kaka’umsa uumuudha.
Naa’otaan gama naamusaatiinis ta’e hariiroo hawaasummaatiin gaariifi kan namoota waliin waliigalan akka ta’an akkasumas lammii ga’umsa qabuufi itti gaafatamummaan dhuunfaafi waloo itti dhaga’amu akka ta’aniif muuxannoowwaniifi beekumsa kan irraa argatan ta’uus eereera.
Barruuleen kun fuulawwan 40 kan qabdu yoo ta’u, bo’oowwan (kolamaniiwwan) addaddaa 20 kanneen akka, “Afoola, Haa Qorannu, Waaltina, Kaamettummaa, Abbaa Malaa, Naannawa Keenya, Kunis Biyya kooti, Faana Goototaa, Damaakaseefaa bashannansiisaa barsiisaniifi ofitti amanamummaa daa’immanii guddisan kan of keessatti qabatte ta’uu Gaazexeessaa Charinnat ibseera.
Naa’otaan muuxannoo kuufamaa gama afaaniifi aadaatiin Gaazexaa Bariisaa waggoota 48 lakkoofsiste keessa jirutti fayyadamuun ji’atti al tokko kan maxxanfamtu yoo taatu, ji’a Guraandhalaa darberraa kaasee gara dubbisaaf dhiyaachaa jiraachuus ibseera.
Miidiyaa maxxansaa keessa waggoota 84 kan lakkoofsise Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa qaawwa gama barruulee daa’immanii keessumaa ammoo Afaan Oromootiin jiru hubachuun barruulee kana gumaachuus gulaalaan barruulichaa beeksiseera.
Naa’otaan seenaa biyya kanaa keessatti daa’immaniif Afaan Oromootiin qophaa’uun kan jalqabaa taate tun guddina waliigalaa daa’immaniirratti kaayyeffatee ofeeggannoodhaan kan qophooftu ta’uufi umuriifi koorniyaa daa’immanii tilmaama keessa galchuun bifa miidhagaafi hawwataa ta’een maxxansa halluutiin dhiyaachuun ijoolleefis ta’e sabichaaf akka milkii guddaatti kan fudhatamu ta’uus eereera.
Naa’ota ji’atti altokko qophooftu tun yaadota maatiifi guddistootaaf ta’anis of keessatti hammattee maxxanfamaa waan jirtuuf barruulee akka ijoolleen Afaan Oromoo sirriitti dubbisaniifi barreessaniif gargaartu tana maatiin, guddistoonni akkasumas manneen barnootaafi dhaabbileen guddisa daa’immanii ijoolleef akka dhiyeessan Gaazexeessaa Charinnat waamicha dhiyeesseera. Barruuleen kun kiwooskiiwwan gaazexoonni dhaabbaticha itti gurguramanitti raabsamaa jiraachuus eereera.
Naa’ota jecha bu’uurrisaa Afaan Oromoo ta’eefi Naa’oo jedhamurraa argame yoo ta’u, daa’ima ykn ijoollee dubaraafi dhiiraa umriisaanii hanga kurnootaatti argaman kan bakka bu’u ta’uun ni beekama.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017