
- Killeen miliyoonni 30fi zayitni liitira miliyoona 1.5 nidhiyaata
Finfinnee: Ayyaana Faasikaa bara 2017f beeyladootni qalmaa kuma 629fi 099 gabaaf dhiyaachuuf qophaa’uu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise.
Hoggannaa ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ayyaanicha ilaalchisuudhaan ibsa Gaazexaa Bariisaaf erganiin, osoo qaala’iinsi gatii sababoota garagaraatiin hinmudatin hawaasni tasgabbiin akka ayyaaneffatuuf beeyladoonni qalmaa kuma 629fi 099 dhiyeessuuf hojii bal’aan hojjetameera. Hanqinni dhiyeessii omishaa akka hinmudanneef biirichi qooda fudhattoota waliin ta’uun qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, godinaaleefi magaalota Oromiyaa hundatti midhaan akaakuuwwan garagaraa, meeshaalee bu’uuraa, zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan industirii, beeyladaafi bu’aawwan beeyladaa dhiyeessuun qaala’iinsi gatii akka hinuumamneef walitti hidhamiinsi gabaa hojjetameera.
Walitti hidhamiinsa gabaa uumameenis omisha kuduraafi muduraa toonii kuma 419,058, beeyilada qalmaa kuma 219fi 912, re’ee kuma 224fi 099 hoolaa kuma 185fi 088 waliigalaan beeylada qalmaa kuma 629fi 099tu akka dhiyaatuuf hojjetameera. Lukkuuwwan miliyoona 10fi killee miliyoona 30 ol akka dhiyaatu ibsaniiru.
Dabalataanis, dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa zayitii nyaataa liitiraa miliyoona1.5 karaa mootummaa kan dhiyaatutti dabalee walitti hidhamiinsi gabaa dhiyeessitoota alaa fidan waliin hariiroo kan dhiyaatu ta’a jedhaniiru. Walittihidhamiinsa dhiyeessitootaafi warshaalee waliin taasifameen daakuun qamadii kuntaala kuma 50 ol nidhiyaata jedhaniiru.
Gabaa sanbataa naannicha keessatti hundeeffaman 557 hundaarratti qonnaan bultoonniifi omishtoonni omisha qonnaa akka dhiyeessaniif caasaan sadarkaa jiruun hirmaachisuun hojii bal’aan hojjetamaa jira. Dhiyeesiiwwan dhiyaatan cinaatti hojiin to’annoofi hordoffii karaa ittiifufiinsafi qindoomina qabuun seektaraalee addaddaa waliin kan hojeetamu ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017