
Dachee Oromiyaa, godinni Shawaa Kaabaa gootota akka Abbichuu, Jeneraal Taaddasaa Birruufi Agarii Tulluufaan ala haadha hayyoota hedduu biqilchuun beekamtuudha yoo jenne arbeessuu hin ta’u. Jechi Jeneraal Taaddasaa Birruu ‘‘lammiin hinbaranne mirgasaaf hinfalmatu’’ jedhu Oromoo kumaatama gamaafi gamanaan kakaasuun barnootaaf xiyyeeffannoo akka kennu taasisuurra darbee dhalootaaf gala ta’ee tajaajilaa jira.Har’a Oromiyaan goototaafi hayyoota isaaniin bakka bu’aniifi biyya kanaaf wabii ta’uu danda’an kumaatama hortee ijaarsarra jirti. Achi keessatti qoodni dubartootaa guddaa ta’us waggoota torba dura ilaalchi dubartootarra ture hammaataa waan ta’eef hirmaannaa isaan ijaarsa biyyaa keessatti qaban gadi bahee akka hinmul’anne taasifamaa tureera.
Haata’u garuu sirnoonni cunqursoon marti qabsoo hadhaa’aa dargaggootaan yeroosaanii eeggatanii hurraa’uu hordofee keessumaa hundaa’uu mootummaa jijjiiramaa as hirmaannaa dubartoonni hawaas dinagdeefi siyaasa biyyaa keessatti qabu dhibbantaa 50n dabaluun jijjiiramni dubartiin keessa hinjirre jijjiirama hinjedhamu jechisiiseera. Dubartoonni dirree bobba’an maratti injifannoo cululuqaa galmeessisaa jiran hedduu yoo ta’an; isaan keessaa keessummaan keenya maxxansa kanaa qaxalee godinni Shawaa Kaabaa, qe’een warra Jaarsoo biqilche Injiinar Miiliyoon Baqqalaa isaan tokko. Gaazexaan Bariisaas maxxansa kanaan dubartoota qabsoo jireenyaa keessa darbuun sadarkaa hoggansaatiin muuxannoofi barnoota qabaniin Oromiyaa tajaajilaa jiraniifi hojii hoggansaa bobba’anirratti bu’aa cululuqaa galmeessisan keessaa tokko Hoggantuu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaati. Injiinar Miiliyoon eessatti dhalatanii guddatan, sadarkaa amma irra jiranirra akkamiin gahan, kenniinsa tajaajila bishaanii Oromiyaa si’eessuuf maalitti jiru isa jedhuuf oluma, nooraa kunooti.
Bariisaa: Injiinar Miiliyoon Baqqalaaeessatti dhalatanii guddatan?
Injiinar Miiliyoon: Godina Shawaa Kaabaa, Warra Jaarsoo, Magaalaa Qarree Go’aa, ganda 01ttin dhaladhee guddadhe.
Bariisaa: Haalli guddina keessanii maal fakkaata?
Injiinar Miiliyoon: Haalli guddinakoo akkuma ijoollee kamuu hanga umriinkoo barnootaaf gahuttis ta’e sana booda maatiikoo gargaaraan guddadhe.
Bariisaa: Mana barumsaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa eessatti barattan? Barattuu akkamiis turtan?
Injiinar Miiliyoon: Sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Moojii Qarree Go’aatti argamuttin baradhe. Sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Qarree Go’aattin xumure. Barnootakoo cimee barachuu akkan qabu kan na humneessaa turte harmeekooti. Bakka guddaa gahuu akkan dandahu abdii natti horaa turte, guyyaasaa eeggatee hawwiin haatikoo naa qaban milkaa’eera. Har’a ogummaan baradheen tajaajilaan jira.
Bariisaa: Erga kutaa 12ffaa xumurtanii barnoota dhaabbilee olaanaa eessatti, maal barattan?
Injiinar Miiliyoon: Akkuman kutaa 12ffaa xumureen Yunivarsitii Finfinnee, Muummee Saayinsii Uumamaa seenuun barnoota ji’ooloojiin digrii jalqabaatiin eebbifame. Duubarra waggaa afraffaatti barnootakoo Haydirooji’ooloojiin ispeeshaalaayiz taasiseen barnootakoo xumure.
Bariisaa: Hojii eessatti eegaltan?
Injiinar Miliyoon: Biiroo Bishaanii Oromiyaa jalatti Sandaafaa Bakkeetti ramadameen ogummaan hojjechaan ture. Booda ergisaan gara biirootti ol deebi’ee Harargee Bahaa, Cinaagsan, Baabbilee, Gursum fi Qarsaa keessa deemee hojjechaan ture.
Bariisaa: Dhaabbilee miti mootummaa keessallee hojjechaa turtan jedhamaa dhugaadhaa?
Injiinar Miiliyoon: Dhugaadha. Dhaabbata miti mootummaa Kaampaanii Diriiliingii biyya keessaafi alaarratti hojjechaan ture keessumattuu hojii qorannoofi qo’annoo ogummaa bishaaniin walqabaturratti hojjechaan ture.
Bariisaa: Biyya alaa eessa hojjettaniittu? Doolaara dhiisanii waajjira mootummaa keessa hojjechuun hin ulfaatuu laata?
Injiinar Miiliyoon: Dhugaadha. Doolaara baranii maallaqa biyya keessaa xiqqoon hojjechuun akka ulfaatu nan beeka. Ta’us xiinsammuun koo kan itti gammadu doolaara caalaa maallaqa xiqqoo argadhuun biyyakoo tajaajiluudha, miira kanatu biyyatti na deebise.
Bariisaa: Biyya alaa eessatti hojjechaa turtan, akkamiin carraa kana argattan?
Injiinar Miiliyoon: Biyya keessa hojjechaa wayitan turetti hojiikoo cinatti carraa barnootaaf alatti babarreessaan ture duubarra milkaa’ee carraa barnootaa iskoolaarshiippii digrii lammaffaa biyya Hoolaanditti argadhe. Biyya sanatti barnootakoo ‘IH’ (‘International Hydraulic Engineering’) Injiinariingii Bishaaniifi ‘IT’ Injiinariingiin xumureen yeroo muraasaaf dhaabbilee garagaraa keessa achuma biyya Hoolaandi hojjechaan ture. Turtiin achitti dabarseen pirojektii “Water Scarcity, Politics and Migration biyyoota Afrikaa Bahaafi Ameerikaa Kibbaatti xiyyeeffaterratti hojjetaan ture.
Bariisaa: Muummeen barnootaa barattan ulfaataadha jedhamee himama; garuu akka sadarkaa kanarra geessaniif maaltu isin humneesse?
Injiinar Miiliyoon: Rakkoo ilaalchaa ulfaata jedhu cabsuun murteessaadhan jedha. Miirri kutannoo jiraannaan wanti ulfaatu hinjiru. Dhugaa dubbachuuf baran qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa xumuree Yunivarsitii Finfinnee gale dubartoonni nawaliin darbanii dhufan sadii qofa turre. Kanaaf immoo akkan kutee keessa darbuuf kan humna naaf ta’e harmeekooti. Mana barnootaatti sadarkaa dhabuu miti qormaata 10rraa lama sadi yoon dhabe maaliif jettee nagaafatti hunda deebisuu qabda naan jetti turte, gorsi harmeekoo sun daran na onnachiise kanarraa kan ka’e kutee keessa darbee har’a hojjedhee hojjechiisaan jira. Miirri narraa calaqqisus miira tajaajiltummaa qofa, hawaasan keessaa bahe ogummaan baradheen gadi bu’ee tajaajiluu koottis nangammada, nan boonas.
Bariisaa: Akkamiin gara biyyaatti dhuftaniree?
Injiinar Miiliyoon: Ogummaan baradheen biyyakoo tajaajiluuf miira guddaan qaba ture. Bu’uurumaa kanaan gara biyyaatti deebi’ee dhaabbilee miti mootummaa ‘Hope 2020’ jedhamu keessatti saayit injiinarii ta’ee mindeeffamee Shawaa Lixaa keessa hojjetaan ture. Duubarra ‘DH’ Konsaltii ta’ee hojjedheera. Sana booda biiroo bishaanii ‘UNICEF’ keessatti gorsituu teknikii ta’ee hojjechuun ala konsaltaantummaan mindeeffameen qaxlummaan hojiikoo gaggeessaan ture. Adeemsa kanaan hojiifi ga’umsikoo ba’ee mul’achuu eegaluusaatiin gara waajjira pirezidaantiitti fudhatameen garee hoggansa pirojektotaarratti qorannaawwan garagaraa gaggeessaan ture.
Bariisaa: Pirojektiin Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti irratti mindeeffamtan maalirratti kan xiyyeeffatu ture?
Injiinar Miiliyoon: Xiyyeeffannoon mana hojichaa qorannoo pirojektonni qabaman maaliif harkifatu jedhu xiinxaluun hojiitti hiikee agarsiisuudha. Ergan waggaa tokkoofi ji’a jahaaf qorannoo koo harkifannaa pirojektirratti hojjedhee booda Fulbaana 2014 gara hoggansaatti dhufe jechuudha. Hanga ammaa Hoggantuu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa ta’een hojjetaa jira.
Bariisaa: ‘UNICEF’ dhaabbata miti mootummaa mindaa olaanaa sanuu doolaariin kaffaluudha. Kana dhiistanii gara mana hojii mootummaatti dhufuun keessan maalirraa ka’eeti?
Injiinar Miiliyoon: Doolaara naa kaffalamurra tajaajila ani lammiikoof kennutu nagammachiisa. Hawwiinkoos hawaasa rakkoo keessa jiru ogummaan baradheen tajaajiluun qaba mul’ata jedhuun doolaaran caalaa tajaajila hawaasaa qorqalbiikoo keessa ture milkeessuufan filadhee itti seene.
Bariisaa: Ittimilkooftaniiree, mul’atniifi miirri tajaajiltummaa isin keessa jiru ammam isin quufseera?
Injiinar Miiliyoon: Ittiquufinsa guddaan qaba. Sababnisaas hojiin misoomaafi ijaarsa bishaanii biiroo teessee kan ajajju qofa osoo hintaane gadi buutee lafa hawaasni jiru baddaafi gammoojjii keessa dhukkee, laaqii osoo hindheessiin of kennitee lammiikee kan itti tajaajiltuudha. Misoomawwan bishaanii gaggeessaa jirruun hawaasni gammoojjii gogaa keessa jiru oggaa bishaan lubbuu ta’e argatu nama miti horiin, biqiltuun kan itti lalisu hojjedhee hojjechiisee ija kootiin yoon argu ittan gammada. Kanaaf doolaara caalaa tajaajila hawaasaa ogummaan deeggarame kennutu naquufsa.
Bariisaa: Dubartummaafi hoggansa akkamitti ibsitu?
Injiinar Miiliyoon: Dhugaa dubbachuuf dubartii ta’ee manakoos gaggeessaa manahojiikoos yoon hogganu miira gammachuutu natti dhagahama. Ammam ulfaatus miirri kutannoo jiraannaan dubartiin hunda hojjechuu dandeessi. Sadarkaa biyyaattis ta’e naannootti yoo gahee dubartootaa fudhannee ilaalle hojii cululuqaa hojjechuun biyya jijjiiruu akka danda’an hojii lafarra jiruun ilaaluun nidanda’ama.
Bariisaa: Haala kanaan dura hinbaratamneen mootummaan jijjiiramaa hoggansa keessatti dubartoota
hirmaachisaa jira. Isa kana akkamiin ilaaltu?
Injiinar Miiliyoon: Dubartoota aangessuun misooma biyyaa keessatti hirmaachisuun walqabatee mootummaan jijjiiramaa dubartoota dhibbantaa 50n hirmaachisaa jira. Kun jijjiirama guddaa, rakkoo ilaalchaa dubartootarra ture qabatamaan kan cabseedha. Keessumaa jijjiiramaa as hirmaannaa dubartoonni siyaasa biyyaa keessatti taasisaa jiran kan nama ajaa’ibuudha. Dubartoonni keenya caasaa gadiirraa kaasanii sadarkaa naannoofi federaalaatti sadarkaalee hoggansa garagaraarratti abbummaan qooda fudhachuun biyya keenya jijjiiraa jiru. Gama kanaan mootummaan jijjiiramaa misoomni dubartoota hin hirmaachisne misooma miti yaada jedhuun sadarkaalee garagaraatti aangessuun bu’aalee guguddaa buusaa jiru. Hojiin gama kanaan hojjetame Afrikaaf fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Sirnoota darban keessa fudhannee yoo ilaalle hirmaannaa dubartoonni hawaas dinagdeefi siyaasa biyyaa keessatti qaban gadi bu’aa ta’uura darbee ilaalchi gadi qabaa amaan turusilaalchi sun qabsoofi tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa fudhateen cabeera. Bu’aaleen guguddoonis galmaa’aniiru. Kanaafis wantoonni qabatamaan lafarratti argaman agarsiistuu guddaadha. Dubartoonni keenya seektara hogganuurra darbanii Kantiibaa, pirezidaantii Naannoofi Biyyaa, Ministeera ta’anii tajaajiluun rakkoo ilaalchaafi gadiqabaa dubartootarra jiru cabsuun miira nidandeenyaa isaan keessa jiru hojiitti hiikanii argamuun ofis biyyas jijjiiraa jiru.
Bariisaa: Aadaan dubartoota hoggansatti fiduun misooma biyyaa keessatti hirmaachisuu gabbachuun dhaloota duuba jiruuf hiika akkamii qaba?
Injiinar Miiliyoon: Tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa dubartoota gara aangootti fiduurratti fudhataa jiru dhaloota duubaa jiruuf galtee guddaadha. Shamarraan sadarkaa gadiirraa jiran miira nidandeenyaa akka horatan isaan onnachiisa; darbees wayita dubartoota aangoorra jiran argan ilaalchi gadiqabaa isaanirra ture akka cabu taasisa. Kanaaf ana dabalatee kanneen hoggansarra jirru fakkeenya dhalootaati. Nuti muraasa. Kanneen hafanis misooma biyyaa keessatti akka qooda fudhataniif irratti hojjechuun cimee ittifufuu qaba.
Bariisaa: Gara misooma bishaaniittan isin deebisaatii, haguuggiin kenniinsa tajaajila bishaan dhugaatii fiixaan bahiinsi pirojektota bishaanii sadarkaa Oromiyaattijiru maal fakkaata?
Injiinar Miiliyoon: Bishaan lubbuudha. Bishaan malee jiraachuun hin yaadamu. Jijjiirama dura pirojektonni 108 ol lafarra harkifatanii turan. Pirojektonni harkifataa turan kunniin komii hawaasaa hamaa qaqqabsiisaa waan turaniif yoo xumuraman malee kan biraa jalqabuun akka hindanda’amne irratti waliigalamee xiyyeeffannoodhaan hojjetaa turre. Pirojektoota kanneen haalaan xumurree komii ummataa amma tokko furreerra. Ta’us fedhii ummataa guutummaatti milkeessuun akka yeroo fudhatu dhimma dagatamuu hinqabneedha.
Bariisaa: Pirojektiin bishaan dhugaatii kan harkifate erga xumuramee booda haaraan kan hojjetamaa jiru hinjiruu?
Injiinar Miiliyoon: Erga pirojektota harkifatan 108 xumurree booda haaraa waliingahuuf humna guutuun hojjetaa jirra. Pirojektonni hedduu misoomaa jiru. Adeemsa adeemsaan xumurree fedhii dheebuu misooma bishaanii galmaan gahuuf hojiitti jirra. Pirojektonni buleeyyiin baasii qarshii miliyoona 100 ol kan itti dhangala’e yoo ta’u; qulqullinaafi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramaniif hordoffii walirraa hincinne taasisuun gaaffii misoomaa ummataa deebisaa jirra.
Bariisaa: Bishaan burqisiisaa bishaan dheebochuun fafa. Shaggar Finifinneeobaasaa ofii dheebotti. Kanaafis kutaalee magaalaa Malkaa Gafarsaa, Gafarsaa Noonnoo, Gafarsaa Gujeefi Burraayyuufaa akka fakkeenya fudhachuu dandeenya. Hudhaa kana furuuf malli taa’e jiraa laata?
Injiinar Miiliyoon: Hudhaan kun dhugaadha. Komii hawaasa bal’aas ta’eera. Keessumattuu kutaalee magaalaa ati maqaa dhoofteef gaaffii yeroo dheeraatisi.Akka hudhaan kun furamuuf Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Shaggar biiroo keenya waliin ta’uun boordii hundeessinee irratti hojjetamaa jira.Gama kanaan Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hawaasasaa dheebuu misooma bishaan dhugaatii magaalichaa furuuf akkuma kaka’u qe’ee hawaasaa bishaan keessaa burqisiisu (‘people at the source’)fis akka misooma barbaachisu babal’isu taasifameera. Bu’uuruma kanaan qarshiin biliyoona ja’a Bulchiinsa Magaalaa Finfinneen ramadamee misoomfamaa jira. Kutaaleen Magaalaa Shaggar ati maqaa dhoofte irri jireessi xumuramaa jiru. Yeroo kana jennu garuu tajaajila bishaan dhugaatii gahaa ta’e argataa jiru jechuun ulfaataadha. Haata’u garuu pirojektiin qabame kun dheebuu nkutaalee magaalaa eeraman guutummaatti furuu laata isa jedhu yoo ilaalle quufsaa miti. Sababnisaas hawaasni kutaalee magaalaa akka Burraayyuu keessa jiru daran hedduu waan ta’eef akkaataa barbaadameen waliin gahuun rakkoo waan ta’eef dabalataan misoomsuun dirqama waan ta’eef xiyyeeffannoo kenninee irratti hojjetaa jirra. Gabaabaatti pirojektii bishaan dhugaatii bulchiinsi magaalaa Finfinnee Shaggar keessatti bakka maddaatti misoomsu Shaggaris Finfinnees kan tajaajilu yoo ta’u; abbummaan kan hordofu Shaggari. Ijaarsa manneeniin walqabatee ujummoolee bishaaniirratti miidhaan akka hinqaqqabne xiyyeeffannoo kennee hordofa eegas. Rakkoo bishaan dhugaatii lammiilee keenyaa qabatamaan furuuf burqaa baasuu qofa miti bishaan bahe sun galii mataasaa maddisiisuu akka dandahu taasisuuf hojjetamaa jira. Rakkoo kana matumaa furuuf bajanni mootummaa gahaa ta’uu baatus liqaan mijatee hudhaa kana furuuf dhaabbilee garagaraa wajjin hojjetamaa jira. Bishaan keenya tajaajila kennuun ala madda galii akka ta’uuf karoorri biizinasii bahee hojjetamaa jira.
Bariisaa: Gara ittifayyadama bishaan lafarraafi lafa jalaa ilaalchisee seerri haaraa baheera jedhamaatii seerri haaraa bahe kun maal hammata?
Injiinar Miiliyoon: Seerri kun bulchiinsa qabeenya bishaaniin kan walqabatuudha. Namni tajaajila bishaanii argatu maraaf gatii taarifaan gaafatamu kaffaluu qaba. Namni kamuu bishaan faaluu hinqabu. Balfaa xurii harootti naquun, riizortiin qarqara haroo jiru tajaajila garagaraa wayita kennan, kanneen qurxummii horsiisaniifi bilcheessanii fayyadaman naannawa bishaanii faaluun balfuun seeraan isaan gaafachiisa. Tajaajila haroofi bishaan kanarraa argataniif gatii madaalawaa kaffaluun qilleensa naannawaafi qabeenya bishaanii karaa miidhaaf hinsaaxilleen faayidaarra oolchuun dirqama.
Bariisaa: Ijaarsa pirojektiilee bishaaniin walqabatee ujummooleen sibiilaa, pilaastikiifi meeshaaleen ijaarsa bishaanii garagaraa dirreerratti gatamanii tajaajilaa ala ta’an hedduudha qisaasama bajataa hinqaqqabsiisanii?
Injiinar miiliyoon: Dhugaadha, pirojektota bishaan dhugaatii hudhaalee hubaa turan keessaa ujummooleen misoomichaaf oolan dirreerratti aduufi biyyeen yoo nyaataman mul’atu. Isa kanaaf sababni guddaan waldubbisanii hojjechuu dhabuu ture. Ujummoowwan ligidaa’an ykn ciilahaniin bishaan kennuuf tattaaffii taasifamuun yeroorraa yerootti tajaajila ala ta’uun cituun bishaan yeroo dhangala’u hawaasa hedduutu tajaajila bishaan dhugaatii dhaba. Kanarraa kan ka’e suphaasaaf baasii hinmalle kaffalaa turreerra.
Bariisaa: Hudhaa kana furuuf kallattiin taa’e jiraaree?
Injiinar Miiliyoon: Kanaan dura qaamni ujummoo bitee dhiyeessu, qaamni ijaarsicha gaggeessuufi kan ogummaan hojjetan waldubbisanii waan hinhojjenneef meeshaaleen kunniin lafarratti yeroo dabarsaa turaniiru. Amma garuu inni bitee dhiyeessus ogeessonnis kan ijaarsicha gaggeessanis waliin ta’uun misoomni bishaan dhugaatii sun yeroo qabameefii bajata ramadameen kanamalees qulqullinaan akka xumuramaniif walta’anii waan hojjetaniif rakkinichi maqfamaa jira.
Bariisaa: Bakkeewwan gammoojjii tajaajilli humna ibsaa hinjirretti misoomni bishaanii rakkoo waan qabuuf mala maal keessan?
Injiinar Miiliyoon: Rakkoo naannawa gammoojjii humni ibsaa hinqaqqabnetti tajaajila bishaan dhugaatii kennuuf inarjii haaromfaman kanneen akka baayoo gaazii,soolaarii bakka itti fayyadamnu jira.
Bariisaa: Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa kenniinsa tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu waliin gahuun ala inarjiirrattis hojjetaa jiraachuu himama isaan kanaan walqabata jechuudhaa?
Injiinar Miiliyoon: Bishaan fayyaafi jiruuf jireenya ummataa jijjiiruu kessatti shoora guddaa waan qabuuf misooma ittifufiinsaan babal’ata adeemu yoo ta’u; manni hojii keenyaa dabalataan fayyaa hawaasaaf dursa kennuun misooma inarjiirratti aantummaan hojjetaa jira. Tajaajila ibsaa, bishaan maddisiisuu, misooma qonnaa keessatti kompostii umamaa hojjechuun hawaasa fayyabuleessa qulqullinnisaa eegameefi omishawaa ta’e horachuuf biiroon keenya aantummaa hojjetaa jira.
Bariisaa: Hundeeffama mootummaa jijjiiramaa waggaa torbaffaa sababeeffachuun ergaafi yaada qabdan yoo jiraate?
Injiinar Miiliyoon: Mootumman jijjiiramaa biyyi keenya hawaas dinagdeefi siyaasaan fuulduratti tarkaanfachiisaa jira. Misooma mara keessatti dubartoonnis hirmaannaa akka taasisaniif sadarkaa Afrikaatti hojii fakkeenya gaarii ta’e hojjetaa kan jiru waan ta’eef waliin dhaabannee biyya keenya ceesisuun Itoophiyaa haaraa ijaaruun nurraa eegama.
Bariisaa: Ibsa nuu kennitaniif maqaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin guddaan isin galateeffanna.
Injiinar Miiliyoon: Isinis sosochii manni hojii keenyaa misooma bishaan dhugaatii qulqulluufi inarjiirratti hojjetaa jirurratti deeggarsa ogummaa nuu taasistaniif isin galateeffanna.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017