
Dargaggoo Alamuu Kabbadaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Daannoo, Ganda Daannoo Shanan Magaalaa xiqqoo Ayaruu jedhamutti dhalatee guddate.
Barnootasaa sadarkaa tokkoffaa bakkuma dhalootasaatti mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Geedootti baratee xumure. Barnootasaa sadakaa lammaffaa mana barnootaa magaalaa Aanaa Sayyootti argamutti barate.
Kutaa 11ffaafi 12ffaa ammoo Aanaa Calliyaa, Magaalaa Geedootti baratee xumure. Barnootasaa sadarkaa olaanaa Yunivarsitii Baahirdaaritti baratee digriisaa tokkoffaa ‘Textile Engineering ’n eebbifame.
Dargaggoon kun gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhetti, waggaa jaha dura akkuma yunivarsitiirraa eebbifameen gara Naannoo Kibbaa deemee hojii barsiisummaa hojjechaa ture. Hojii barsiisummaa dhaabuudhaan gara Sabbataa deemee warshaa huccuu keessas hojjeteera.
Galiin wayita warshaa keessa hojjechaa ture argatu waan isa jiraachisuu hindandeenyeef hojii dhuunfaasaa ummachuuf carraaquu jalqabe. Dargaggoon kun dargaggoota biroo afur waliin waldaa ‘HD Hojii Omisha Huccuu’ jedhamuun gurmaa’ee Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti hojii huccuu dhahuurratti bobba’ee hojjechaa jiraachuu dubbata.
“Dhaabbatni ‘Entrepreneurship Development Institute (EDI)’ fi Orbit Innovation Hub (OIH) jedhaman deeggarsa leenjii cimaa nuuf kennaniiru. Baankiin Awaashis leenjiifi deeggarsa cimaa nuu taasiseera. Deeggarsi baankichi nuu taasiserra leenjii nuu kennametu nafayyadaa jira” jedha.
Sagantaa Qaxaleewwanii Baankiin Awaash barana adeemsisaa turerratti sadarkaa 3ffaa ba’uun badhaasaafi beekamtii kan argate ta’uu kan himu dargaggoon kun, baankichi maallaqa qarshii kuma 500 kan isa badhaase ta’uufi gara fuulduraatti ammoo wabii malee qarshii hanga miliyoona shaniitti akkan liqeeffachuu danda’uuf naa eeyyameera jedha. Waldichi dhaabbilee garagaraa irraas badhaasaafi beekamtii adda addaa kan argate ta’uus eereera.
Waldaan ‘HD Hojii Omisha Huccuu’ hojii huccuu dhahuu dhuma bara 2016 maashina lamaan kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa maashinii huccuu dhahu jaha qaba. Waldichi yeroo ammaa namoota saddeetiif carraa hojii uumeera.
Waldaan kun sadarkaa amma irra jiru irra akka ga’uuf deeggarsi Dhaabbatni ‘Entrepreneurship Development Institute’ Baankii Awaash, Ministeerri Hojiifi Ogummaa, Waajjira Carraa Hojii Uumuu Magaalaa Shaggariifi Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee deeggarsa guddaa naa taasisaniiru jedha.
Waldichi yeroo ammaa huccuuwwan aadaa kanneen akka akka gaabii, balee (naxalaa), kuulawwan mimmiidhagoo garagaraafi kanneen biroo dhahee gabaaf dhiyeessaa jira.
Uffanni aadaa yeroo ammaa gabaarratti qarshii kuma 15-20tti gurguramaa jira. Waldaan keenyas huccuu aadaa omishaa jiru dizaayinii miidhagaa ta’een hodhee gabaaf dhiyeessuuf maashiinii uffata hodhu lama bitee hojii jalqabeera jechuun ibsa Dargaggoo Alamuun.
Waldichi huccuu aadaa dizaayinii babareedaadhaan aadaafi duudhaasaa utuu gad hidhiisiin qopheessee gabaaf dhiyeessaa jira. Waldichi huccuu aadaa dhahaa jirutti sona dabaluudhaan uffannaa aadaa akkaataa namoonni barbaadaniifi dizaayinii filatamaa ta’een qopheessee hanga biyya alaatti ergaafi hojjechaa jiraachuus eereera.
Waldichi omishaaleesaa baay’inaan gabaa Magaalaa Finfinnee, Adaamaa, Bishooftuufi Wanciifi magaalota birootti dhiyeessaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, namoonni baay’een ammoo ajajaan hojjechiifachaa jiru.
Namoonni sagantaalee garagaraa irratti kennaa waliif kennanis omishaalee keenya keessumaa gaabii bitanii waliif kennaa jiru. Walitti hidhamiinsa gabaa keenya caalaatti babal’isuuf karaa Teelegraamiifi Feesbuukii of beeksisaa jiraachuus eereera.
Waldichi huccuu aadaa godinaalee Oromiyaa hunda bakka bu’u haala miidhagaafi qulqullina qabuun hojjechaa jira. Waldichi ogummaa huccuu dhahuu babal’isuuf intarpiraayizoota garagaraaf leenjii huccuu dhahuu bilisaan kennaa jira. Waldichi intarpiraayizoota garagaraa hojii huccuu dhahuurratti bobba’aniif meeshaa huccuu dhahuuf gargaaru hojjetee bilisaan kennaafii jiraachuu dubbata Dargaggoo Alamuun.
Dur nama uffata aadaa dhahu utuu hintaane isa uffata aadaa uffatutu kabajama. Yeroo ammaa garuu ilaalchi kun jijjiiramaa dhufeera. Ogummaan huccuu dhahuus kabajamaa dhufeera. Dur namoonni huccuu aadaa dhahan nama dhokatanii hojjetaa turan. Yeroo ammaa xiyyeeffannaa ogummaa huccuu dhahuuf kennameen hojiin huccuu dhahuu ifatti bahee hojjetamaa jira. Namoonni huccuu dhahanis akka durii dhokatanii utuu hintaane kabajamanii ifatti hojjechaa jiraachuus eereera.
Dur ogummaan huccuu dhahuu, suphee dhahuu, sibiila tumuufi gogaa duuguu tuffatamaa ture. Namoonni hojiilee kanneenirratti bobba’anii hojjetanis kabaja maluuf argachaa hinturre. Omishaalee ogeessonni kunneen jirbii, suphee, muka, sibiilafi gogaarraa hojjetanii dhiyeessan fayyadamaa isaan tuffachuun sirrii akka hinturres eeraniiru.
Dargaggoonni kolleejootaafi yunivarsitiiwwan garagaraa irraa eebbifamanii beeksisa hojii barbaaduurratti yeroosaanii gubaa jiran hojii barbaaduurraa hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti xiyyeeffachuu akka qaban kan gorsu dargaggoon kun, nama callisee taa’urra nama waan tokko hojjechuuf carraaqutu leenjiis ta’e deeggarsa garagaraa argachuu danda’a. Ilaalchi hojii tuffachuufi filachuus cabuu qaba. Mootummaanis ilaalchota hojii tuffachuufi filachuu cabsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjechaa jiraachuufi gama kanaan jijjiiramni gaariin mul’achaa jiraachuu dubbata.
Kolleejoonniifi giddugaloonni ogummaawwan armaan olitti eeramanirratti leenjii kennanis babal’achaa dhufaniiru. Ogummaan huccuu dhahuu, suphee dhahuu, gogaa duuguufi sibiila tumuu kun paakeejii carraa hojii uumuu keessa galuu qaba. Namoonni ogummaa hojii armaan olii qabanis kabajamuu qabu. Yeroo dhiyoo as ogummaawwaniifi ogeessota hojicharratti hirmaataniif xiyyeeffannaan kennamaa jira jedha.
Dargaggoonni hedduun hojiin hinjiru jedhu. Carraan mindeffamanii hojjechuu dhuguma dhiphachaa dhufeera. Carraan hojii dhuunfaa ofii ummatanii hojjechuu garuu bal’aadha. Carraa hojii dhuunfaa ofii uummachuun daandii guddinaafi jijjiiramaa ta’uu dubbata.
Seera bizinasii keessatti hojii xiqqaarraa ka’uun sadarkaa guddaarra gahama. Yaadni bizinasii keenya guddaa ta’us hojii xiqqaarraa kaanee guddachuu ni dandeenya. Gara hojiitti seenuun dura garuu karoora bizinasii keenya qopheeffachuu qabna. Karooricha keessatti galteewwan omishaaf nu barbaachisan eessaa akka argannuufi fedhii gabaa jiru sirriitti qorachuu qabna. Rakkoolee hojiirratti nu mudatan keessa injifannoon darbuufis of qopheessuu qabna jedha.
Waldichi gara fuulduraatti sadarkaa xiqqaa irra jirurraa gara giddugaleessaatti, giddugaleessa irraa ammoo gara sadarkaa olaanaatti ce’uuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu kan himu Dargaggoo Alamuun, waldichi carraawwan argaman hundumaatti fayyadamuun halkanii guyyaa ifaajee hojjechuudhaan waggaa shan booda gara industirii giddugaleessaatti, waggoota 15 booda ammoo gara paarkii industiriitti ce’uuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus eereera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017