
Sabaafi sablammiileen Itoophiyaa marti aadaa, duudhaa, afaaniifi eenyummaa mataasaanii kan qaban yoo ta’u, wallaalummaafi dhiibbaa sirnootaarraa kan ka’e gadi bahee akka hinmul’anne waan taasifameef yeroo dheeraaf galiin barbaadamus qaroominni ummatichaas gadi bahee akka hinmul’anne gufuu ta’ee ture.
Duudhaafi aadaa kanamalees qaroominni sabaafi sablammiilee kun madda galiifi agarsiistuu beekumsa ummatichaa akka hintaaneef immoo sababa guddaa kan ta’e dhiibbaa sirna cunqursitootaan tureedha.
Sirnoonni darban marti ilaalcha mootummaa tokkee, afaaniifi amantaa tokkee, aadaa tokkee qabatanii kan deeman waan ta’eef sabaafi sablammiileen eenyummaasaanii dagatanii kan ormaa ofitti fe’anii akka jiraataniif dirqamaa turaniiru.
Haata’u garuu qabsoo fincila diddaa gabrummaa taasifamaa tureen sirnoonni farra sabaa, sablammiifi walqixxummaa turan dabareesaanii eeganii hurraahuusaanii hordofee sabaafi sablammiileen mirga aadaa, duudhaafi afaan ofii guddifachuu, ofiin of bulchuu gonfachuun eenyummaafi qaroominasaanii golatti galee ture golaa gadi baasuun addababahii biyyaarratti kabajuurra darbanii galmee ‘UNESCO’rra qubachuun ijaafi gurra akkasumas qalbii addunyaa seenuu dandahaniiru, hawwata tuuristiifi madda galiis ta’anii tajaajiluu danda’aniiru.
Ayyaanni Fiichee Cambalaalaas aadaa cunqursaa jala ture yoo ta’u; galanni qabsaa’ota wareegamaniif haata’uutii harqoota cunqursaa ofirraa cabsuun addababahiitti sabaafi sablammiin dabaalamee bifa miidhagina qabuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u galmee ‘UNESCO’rra erga qubatees ganna kudhanaffaasaati.
Cambalaalaan ayyaana guddaa ummanni Sidaamaa simannaa bara haaraaf taasisu yoo ta’u, hambaalee killayyaa qaroomina ummatichaa ibsu kan jaalalaa, tokkummaafi obbolummaa waan ta’eef waggaa kudhan dura galmee ‘UNESCO’rra qubachuun Sidaamaa addunyaatti beeksiseera.
Ummanni Sidaamaa hidda ilmaan Kuush ta’e hambaalee kiliyaa Cambalaalaan ala afaan aadaa, dudhaafi agarsiistuu eenyummaasa kan qabu ta’us akkuma sabaaf sablammoota Itoophiyaanota gara biroo cunqursaafi dhiibbaa sirna atseewwaniin irra gahaa turerraa kan ka’e fincila qabsoo diddaa taasisuun ayyaanasaa Cambalaalaa dur dhoksaan kabajaa ture har’a addababahiitti bahee kabajamaa jira.
Ayyaanichi qaroomina ummata Sidaamaa kan ibsu yoo ta’u, guyyaa ayyaanichaa namoonni Ayidee Cambalaalaa (Baga jijjiirama bara haaraa ummata Sidaamaa geessan) yoo waliin jedhan kan deebisuufiimmoo LiilleeIlee (baga walumaan geenye) jedhe deebisa.
Fiichee Cambalaalaan keessasaatti jaalala, nageenyaafi waloomina kan qabate yoo ta’u jaarsoliin ayyaanichi kan jaalalaa, araaraa, quufaa, gammachuufi obbolummaa akka ta’uuf uumaasaanii kan itti kadhataniidh. Qondaaltota biyya bulchaan kan itti eebbisan nagaan teessoosaarra akka buluufis akkasuma kan kadhataniifidha. Bakka Gudumaaylee jedhamutti walitti qabamuunis hawwii qaban kan itti ibsataniidha.
Bara darbe keessa gaarrummaa ture, rakkoofi gidiraa dabarsan yaadachaa waaqa gaarrummaasaanii daran akka isaan gargaaru gidiraa kanaan dura dabarsan akka isaanitti hindeebisne galataafi kadhata taasisuun ayyaanicharratti nyaachaa dhugaa gammachuu waloosaanii guyyaa itti dhandhamaniidha.
Guyyaa Fiichee Cambalaalaa kana dhiironni ragada qeexalaa gombisa fardaan dabaalameen yoo dhiichisan dubartoonnimmoo faaroo taphachuun gammachuu waloosaanii dhandhamaa guddummaa Sidaamaa olkaasaa miidhagina ayyaanichaa daran hawwataa taasisu.
Ayyaanichaan walqabsiisanii sirnoonni obbolummaa, jaalala, tokkummaa agarsiisan kan gaggeeffaman yoo ta’u ayyaanichi kan Sidaamaa qofa osoo hintaane kan Itoophiyaanotaa sanarra darbees kan addunyaa ta’ee gaggeeffama.
Dargaggoonni, hawwonni jaarroleen uffata aadaafi faaya aadaatiin miidhaganii ayyaanicha waliin dhandhamu. Dhalattoota Sidaamaan ala tuuristoonni biyya keessaafi alaa kumaatamaan lakkaa’aman ayyaanicharratti kan hrmaatan yoo ta’u; magaalaan Hawaasaas jiidha firfirsitee anaa dhufu jettee simachuun heddumminni miidhagina waloo ta’uu agarsiisteetti.
Yeroo ayyaanichi waggaa waggaan kabajamu uffata aadaa, faaya aadaafi dhiichisawwan garagaraan dabaalamuun ala akaakuuwwan nyaata aadaa uummatichaa kan akka Bursaamee Cukkaamee, bookni, daadhiin, aannan biifamee eebba waloo kan itti dhandhamanidha.
Guyyaa ayyaanichi itti kabajamu callisee kan murtaahu osoo hintaane jaarsoliin biyyaa keessumattuu warreen ayyaantuu ta’an marsaa urjiileefi ji’a ogummaan sakatta’uun guyyaa ayyaanichi itti gaggeeffamu murteessu jechuudha.
Bu’uuruma kanaan haadholiin, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni uffataafi faaya aadaan kanamalees walleefi dhiichisasaanii kandhiiraa qeexalaa bodeefi gaachana qabatanii ragaduun, shamarraan uffata aadaan dabbasaasaanii bifa aadaan dhahatanii faaroo weellisaa ayyaanica dabaalu jechuudha.
Guyyaan Fiichee Cambalaalaa har’a ijaafi qalbii addunyaa ta’e kun yeroo dheeraaf dhiibbaa sirna cunqursaan irratti qaqqabaa tureen akkuma sirna Gadaafi Irreecha Oromoo golatti akka galu ta’ee ture jechuun nidanda’ama.
Fincila diddaa gabrummaa taasifameen har’a sabaaf sablammiileen Itoophiyaa hundi mirga afaan, aadaa, eenyummaa duudhaasaanii guddifachuu ifatti waan argtaniif Fiichee Cambalaalaa dabalatee sirnoonnii fi ayyaanonni hedduu addababahiitti karaa hirmaachisaa ta’een gaggeeffamaa jiru.
Kun injifannoo guddaa sabaaf sablammoonni itti gammadan yoo ta’u; duudhaalee kanneen haalaan kunuunsuufi addunyaatti beeksisuu dhabuun dinagdee keenya hubeera jechuun nidanda’ama.
Ayyaanonni keenya beeknee seeraan itti fayyadamnaan madda dinagdee keenyadha, agarsiistuu eenyummaa keenyadha haata’u garuu kanaan dura cunqursaan hammaataa waan tureef galii argamsiisuu miti gadi bahanii mul’achuunsaaniiyyuu yakka ta’ee ilaalamaa tureera.
Jaarraan sun darbee har’a sabaaf sablammiileen ayyaanotaafi sirnootasaanii garagaraa addababahiitti bahanii calaqqisiisaa qaroomina qaban agarsiisuurra darbanii madda galii godhachaa jiru.
Ummanni Sidaamaas qabsoo hadhaa’aa bara dheeraan booda Fiichee Cambalaalaa addababahiitti bahee kabajachaa jira kan duwwaas miti hambaalee killayyaa kan jaalalaa, obbolummaa tokkummaafi waloominaa ta’uusaatiin tuuristoota addunyaa hawwachuun madda galii ta’eera.
Barana ayyaana Fiichee Cambalaalaa bifa adda ta’een akkanni kabajamuuf sababa kan ta’e erga galmee UNESCOrra qubatee waggaa kudhanaffaasaa waan ta’eef keessummoonni guguddoo tuursitoonni biyya keessaafi alaa gamanumaa hedduminaan kan irratti argaman waan ta’eef xiyyeeffannoo addaan gaggeeffama.
Ayyaanichi karaa duudhaasaa eeggateen akka kabajamu kanamalees guddummaan Sidaamaa kan itti calaqqisuufi guyyaa kabajamaa qaroominni ummatichaa waggaa haaraa urjiileefi ji’a ilaaluun itti murtaahu waan ta’eef ayyaana kabajamaadha jedhu Ittigaafatamaan Biiroo Aadaafi Ispoortii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Jaagoo Aganyahu.
Walumaagalatti guyyaa kana arguuf abbootiin darban wareegama qaalii kaffalaniiru nuyi dargaggoonni amma jirrummoo itti gaafatamummaa guddaatu nu harka jira jedhanii aadaafi duudhaa kana osoo hinfaaliin kunuunsinee egereef kaahuun qorannoofi qo’annoo irratti hojjennee dhalootaaf olkaahuun dirqama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017