
Magaalaan Walisoo Finfinneerraa kallattii kibba lixaatti kiilo meetira 114 fagaattee argamti. Magaalaan erga hundeeffamtee waggoota 98 lakkoofsiste tun gama misoomaatiin sadarkaa umriishii giturra hinjirtu.
Magaalaan jiddugaleessa biyyaafi Finfinneetti dhiyaattee argamtu tun carraa kanatti fayyadamuun otoo warshaaleefi industiriiwwan adda addaatiin dhiphachuu qabduu ammayyuu waan hirriba keessa jirtu fakkaatti.
Magaalaa uumaan haala qilleensaafi teessuma lafaa akkasumas qabeenyawwan uumamaa adda addaatiin badhaate tun maaliif misoomaan duubatti harkifatte, har’a maalirra jirti, egereef maaltu yaadameef, sochiin invastimantiishii hoo maal fakkaata jennee Kantiibaa Magaalaa Walisoo Obbo Gammachuu Araddaa waajjirasaaniitti dubbisneerra, isaanis deebii ittaanu nuu kennaniiru. Duraan dursinee garuu Obbo Gammachuu beellama tokko malee nu simatanii turtii nu waliin taasisaniif guddisnee galateeffanna.
Bariisaa: Sochiin misoomaa Magaalaa Walisoo maal fakkaatamee? Waa’ee magaalattiis achumaan otoo nuu ibsitanii?
Obbo Gammachuu: Waliso magaalaa jiddugala biyyattii Finfinneerraa kiilo meetira 114 fagaattee sarara Jimmaarratti argamtuudha. Waliso magaalaa saboonniifi sablammiileen jaalalaafi tokkummaadhaan keessa jiraataniidha. Haroo Wanciirraas kiilo meetira 30 fagaattee argamti. Kanaanis magaalaan keenya faayidaa guddaa ni argatti jennee yaadna.
Sochiin invastimantiishii haala jiddugaleessa biyyattiitti argamuushiitiin oggaa walbira qabamee ilaalamu laafaadha. Kanaaf invastimantii kana daran cimsuuf abbootiin qabeenyaa qabeenyasaanii magaalattiitti akka dhangalaasanii guddisaniifi carraa hojiis uumaniif, omishasaaniin ofis, ummatas ta’e biyya fayyadaniif waanti jalqabame jira.
Kanarraa kaanee simannaa abbootii qabeenyaatiif waamicha goonuun akka magaalattiitti invasti godhaniif jajjabeessaa jirra. Oggaa waliigalaan ilaalamu garuu haala umriishii gituun guddatteetti jechuun hindanda’amu. Kanaaf hojii bal’aatu nu eeggata.
Magaalaan Walisoo waggaa 100ffaa itti hundeeffamte kabajachuuf jetti. Magaalattiin bara 1919 hundoofte. Waggoota lama booda waggaa 100ffaashii kabajatti jechuudha. Garuu oggaa umrii sanaan ilaallu hojiin ishee hafu jiraachuusaati kan hubatamu. Magaalaa tokko magaalaa kan taasisu bu’uuraalee misoomaa waan ta’eef kanarratti waanti hojjetamuu qabu jira. Keessumaa gama ifaafi daandii fa’iin waanti hojjetamaa ture jira. Dhagaa bocamaaadhaanis hojii bal’aan ittideemameera.
Magaalattiin rakkoo bishaanii hamaa qabdi. Rakkoon bishaanii kana furuuf barana pirojektii bishaanii hojjetamaa jiru hanga ji’a Waxabajjiitti xumurree eebbisiisuuf tattaafachaa jirra. Bishaan kanaaf sarara kiilo meetira 80 dheeratutu diriirfamuu qaba. Kana keessaa kiilo meetira 30 kan ta’u diriirfameera. Kanaaf rakkoo bishaan dhugaatii keessaa barana ni baati jechuudha.
Sochiin invastimantii akkuman irranatti kaase kana. Kan bu’uuraalee misoomaas jajjabeessaadha jennee waliigalatti ilaaluun nidanda’ama jechuudha. Inni biraa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa, fayyaadhaan walqabatees hospitaala karaa guutuu ta’een qabdi. Galii caalaatti guddisuufis hojjetamaa jira.
Magaalaa magaalessuuf hojiin misooma koriidarii isa tokko. Kun hojii ijoo akka mootummaatti qabatamee deemamaa jiruudha. Magaalaa keenyattis waanti jalqabame jira. Caalmaatti pilaanii eeguudhaan ijaarsi seeraan alaa bal’inaan kaafameera. Akkuma amma kaasne magaalaa bareedduu gochuu keessatti misoomni koriidarii waan ga’ee guddaa qabuuf kana milkeessuuf gahee keenyarratti hojjechuu akka qabnu sirriitti ilaalleerra.
Inni biraa keessumaa kan magaalonni kaleessa ittiin beekaman jiraatan magaalaa waa bitachuu ykn shammatachuu qofaani. Har’a magaalaan omishuu danda’uu qaba. Kanaafis keessumaa kallattii mootummaan keenya magaalaatti wabii nyaataa mirkaneessuu qabna jedhee kaa’een jiraataan magaalaa leenjiiwwan garagaraa intarpirinarshiippii fudhachuudhaan akkasumas dargaggoonni gurmaa’uudhaan horsiisa lukkuufi horii aanniirratti bal’inaan bobba’anii hojjetaa jiru. Furdisa looniirrattis sheediiwwan hirmaannaa ummataafi bajata mootummaa muraasa qabnuun ijaarree hojiitti galchineerra.
Inisheetivii maaddii guutuutiinis killee tokkittiin kaleessa qarshii 15/16 ture yeroo ammaa gara sagalitti gad buusuun danda’ameera. Hojii sagantaa seeftineetiitiin hojjetameenis qulqullina magaalaarratti nihirmaatu. Kana malees wantoota galiisaanii guddisan kanneen irranatti eerreefi akka kuduraafi muduraa fa’irratti bobba’anii hojjetaa jiru.
Kanaaf sochiin magaalaa keenyatti taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’uufi kan cimsinee ittifufsiisnu ta’a. Sochiilee taasifamaa jiraniin maniiwwan akka magaalaatti qabaman milkeessuu akka dandeenyu hubataa jirra. Akka magaalaatti maniiwwan adda addaa qabannee hojjechaa jirra.
Isaanis wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun carraa hojii uumuufi hojdhabdummaa hir’isuufi hawaasa magaalaa keessatti ogummaa dagaagsuu fa’i. Hawaasni keenya ogummaadhaan cimuu qaba. Kanaaf sochiin hawaas-dinagdee magaalaa keenyatti geggeessaa jirru daran jajjabeessaadha.
Akkuman irranatti kaase rakkoo galii qabnurratti xiyyeeeffannaan hojjechuu qabna. Magaalaan keenya magaalaa sadarkaa giddugaleessaarratti argamtuudha. Invastimantiif haala mijataa qabdi. Kana malees Haroo Wanciitti dhiyoo waan taateef jiddugala turizimiifi konfaransii gochuu dandeenya jennee akka abbootiin qabeenyaa gara Walisoo dhufanii invasti gochuun ofis jijjiiranii, hawaasa magaalaas jijjiiruuf gaheesaanii taphachuu qabu jennee waamicha dabarsaa jirra.
Bariisaa: Magaalaa Walisoo otoo qilleensaafi haala teessuma lafaa mijataa qabduu maaliif invastimantiin ittibabal’achuu dadhabe, maaltu hudhaa ittita’e, rakkoon qo’annoodhaan adda bahe yoo jiraate?
Obbo Gammachuu: Dhugaadha. Akkuma amma kaasne magaalaa guddoo biyyaa, Finfinneerraa kiilo meetira 114 qofa fagaachuun jiddugala biyyaatti argamuushii kan mirkaneessuudha. Laftishees kennataadha, bu’aa ba’ii hinqabu jechuudha.
Qilleensishees hojii kamiifuu daran mijaataadha. Otoo bishaan lafa jalaan baasa jedhamee meetira sagal ykn kudhanirratti argama. Waliigalaan oggaa kanneen hunda ilaallu sababiin invastarri bal’inaan dhufuu dhabeef waantota lamarraa hinfagaatu. Tokkoffaa akkaataan nuti itti simannu, waamicha dabarsinee, carraalee jiran beeksisnee, abbootii qabeenyaa ofitti fudhachuurratti, dhufanii fayyadamanii biyyas akka fayyadan gochuurratti rakkoon jira.
Rakkoon jiru kun hoggansa keenya biratti kan ilaalamu ta’a jechuudha. Kanaaf nu birattis dafanii fudhatanii ofitti galchanii hojiitti seensisuurratti harkifannaa guddaatu jira. Ilaalchi invastimantiif qabnu mataansaa rakkoo guddaa qaba. Waanin amma kaasu kanarratti xiinxallii bal’aatu jira, xiinxala qaburraan isinii kaasaa jira jechuudha. Magaalaan Walisoo kanaan beekamti jechuudha. Walisoofi Godinni Shawaa Kibba Lixaa abbootii qabeenyaa sirriitti simatanii hojiitti galchuurra ofiirraa dhiibu jechuuni, kanaan dura maqaan kennamaa kan ture.
Kun bakkawwan hunda ga’amee akkuman amma jedhe akka namni garanatti deebi’u gochuurratti rakkoo guddaatu jira. Kana bu’uuraan hiiknee abbaan qabeenyaa misoomawaan kamuu dhufee akka hojii keessa galu gochuufi ilaalchi kunis furamee abbaa qabeenyaa dhufee qabeenyasaa dhangalaasuu barbaadu deddeebisuun akka nurra hinjiraanne; otoo harkasaa hinilaalle, hubannaarraa jalqabee hojii bal’aan hojjetamaa turuu kaasuudhumaafani.
Inni lammaffaan, abbootiin qabeenyaa garanatti dhufanis karaa jedhan sanaan fudhatanii misoomsuurra dalleessanii taa’uutu jira. Dalleessanii waa muraasa irra kaa’anii booda gurguruuf haala mijeessuutu jira jechuudha. Kan akkanaa jalqabumaa kan misoomaaf ta’u miti. Kun fedhiin karaa qaxxaamuraatiin lafa maqaa invastimantiitiin fudhatanii dabarsaa jiraachuu kan agarsiisuudha.
Namoonni lafa fudhatanii waggoota saddeetii hanga 13f dalleessanii qofa kaa’an jiru. Lafti callifamee kennames jira. Nutis kanumarraa kaanee tarkaaanfii fudhachuu akka qabnu, warroota hojii keessa hinjirreefi dalleesanii qofa kaa’an, deeggarsi taasifameefii sana keessaa bahuu dadhaban akka waliigalteen addaan citu taasifameera.
Keessumaa barana waliigalteen abbootii qabeenyaa 16 akka addaan citu taasifameera. Tarkaanfiin kun cimee ittifufuu qaba. Warra misoomawoofi karaa sirriirra jiran ammoo jajjabeessaa deemuun kan itifufu ta’a.
Kanneen bira darbee akka waliigalaatti akka rakkootti kan ka’u waa’ee ibsaati. Godinniifi magaalaan keenya distiriiktii ibsaa hinqaban. Abbootiin qabeenyaa yoo dhufan humna ibsaa olaanaa nu gaafata. Kana mootummaanis deebii kennuuf yaalaa jira. Distiriiktiin amma hinjirre waggoota muraasa booda dhufuu danda’a.
Kanaafis mootummaan saayitii fudhatee adda baasee caalbaasiinis bahee hojiitti seenamaa waan jiruuf egereen magaalaa keenyaa sochii ammaan tana ittijirtuun jajjabeessaafi magaalaa daran bareedduu, jiddugala konfaransiifi turizimii akka taatu shakkii hinqabnu. Kanaafis bu’uurawwan ciccimootu lafa bu’aa jira.
Bariisaa: Invastimantiin nageenya barbaadaatii haalli nageenyaa Magaalaa Walisoo maal fakkaata?
Obbo Gammachuu: Akkuma jedhame abbaan qabeenyaa qabeenyasaa dhangalaasuuf dursee nagaafi tasgabbiin jiraachuu qulqulleeffata. Invastimantiif haalli naannawichaa murteessaadha. Akka godina keenyaatti kanaan dura rakkooleen tokko tokko mudataa turaniiru. Yeroo ammaa garuu tasgabbaa’eera, nagaan bu’eera jechuu dandeenya.
Yoo gara magaalaa keenyaatti dhufnu ammoo magaalaan keenya daran nagaadha. Ambaasaaddara nageenyaafi tasgabbiiti. Waliso nagaafi tasgabbii qabdi. Magaalaan bakka hawaasni tokkummaadhaan nagaan keessa jiraatuudha.
Ummanni nageenyaaf dhaabatee hojii dinagdeefi hawaasummaasaa geggeessaa jira. Abbaan qabeenyaa garana dhufee qabeenyasaa dhangalaasuuf gama nageenyaatiin shakkii tokkollee qabaachuu hinqabu. Hojiin misoomaa hanqina tokko malee adeemsifamaa waan jiruuf abbaan qabeenyaas akka dhufu waamicha dabarsina.
Ammaan tana abbootii qabeenyaa kudhaniif lafa kenninee hojii eegaluuf adeemsarra jiru. Taateen akka godinaatti darbee darbee mudatus ittifufiinsa kan qabu miti. Guyyaa guyyaanis jijjiiramni guddaan galmaa’aa jira. Namoonni baay’eenis gaabbanii gara nagaatti deebi’aa jiru. Akkuma godinaattuu rakkina ture keessaa bahamaa jira. Waliso kaleessas taanaan magaalaa nageenyaafi tasgabbiidhaan beekamtuudha. Sochiin hawaas-dinagdee rakkoo tokko malee kan keessatti adeemsifamaa jiruudha.
Bariisaa: Kanaan dura Bariisaanis yeroo adda addaatti irratti gabaasaa kan ture waa’een hanqina bishaan dhugaatii magaalattii har’a maalirra jira? Dhimmi bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaa hoo akkamitti ibsama?
Obbo Gammachuu: Waa’een bishaan dhugaatii Magaalaa Walisoof rakkoo bulchiinsa gaarii guddaa tokko ture. Hojiin bishaan dhugaatii magaalattii bara 2013 Pirezidaantii BMNO Obbo Shimallis Abdiisaatiin jalqabsiifame. Sababoota adda addaatiin harkifannaa guddaa keessa tureera. Barana xiyyeeffannaa addaatiin pirezidaantii keenyaan hogganamaa jira.
Akkuman irranatti kaasuuf yaale baatii Waxabajjii tajaajila kennuu qaba jedhamee halkanii guyyaa hojjetamaa jira. Yeroo ammaa maashinoonni hedduun hojiitti galanii hojjetamaa jira. Bishaan bakka magaalattiirraa kiiloo meetira sagal fagaatee argamurraa harkifamee dhufa. Meeshaaleen alaa galuu qaban hundi galanii as ga’aniiru. Waanti hafe hinjiru.
Amma hojii diriirsa ujummoo magaalaafi baadiyyaatu adeemsifamaa jira. Akkuma irranatti kaase kiilo meetira 80tu hafama. Kana keessaa kiilo meetira 50tu hafa. Hojiin kun keessumaa magaalaatti hudhaa guddaa qaba. Manni sababa kanaaf ka’u jira. Kanaafis gareen of danda’e hundeeffamee bobba’ee hojjetaa jira.
Hojichi gorsaa pirezidaantii BMNOfi Ministira Bishaaniifi Inarjii duraanii Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuutiin xiyyeeffannaa guddaadhaan hordofamaa jira. Hojiinsaa xumuramee akka ji’a Waxabajjiitti tajaajila kennuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Yoo Rabbi jedhe otoo roobni arfaasaa hindhufin diriirsasaa fixuuf fiigamaa jira.
Tajaajila saffisaafi haqabeessa hawaasaaf kennuun walqabatee yeroo kamuurra hojjetamaa jira. Keessumaa guyyoota sadan (Wixata, Roobiifi Jimaata) tajaajila abbaa dhimmaa pirezidaantiin keenya kaa’an hoggansi hundi gadi taa’ee abbaa dhimmaatiif tajaajila kennuu qaba.
Hawaasni kana beekee tajaajila argachuu qabu fudhachuutu irra jiraata. Kenna tajaajilaa si’eessuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti hojiin dijitaalaa gahee mataasaa qaba. Keessumaa bakkawwan roorroon ummataa ittibaay’atu kanneen akka bulchiinsa lafaa, galiifi geejiba fa’irratti komiin ni baay’ata.
Hojmaata waajjiraalee kanneenii dijitaalessuun rakkoolee kanneen furuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf toora kanattis hojii bal’aatu hojjetamaa ture. As keessattis tuttuqaawwan jiranirratti tarkaanfii fudhachuu barbaachisa.
Barana hojjettoota waajjira lafaa afurirratti tarkaanfiin fudhatameera. Kunis hojii jajjabeessaadha jennee fudhachuu dandeenya. Yoo kana kaasnu rakkoo bulchiinsa gaarii keessaa baaneerra jechuu keenya miti. Ammallee haalli bifoota adda addaatiin dhokate nijira.
Galmeen bade jedhanii abbaa dhimmaa harka ilaaluun nijira. Kana xiyyeeffannoon hordofaa kallattii itti kennaa akka ogeessi keenya ilaalcha akkanaa keessaa bahuuf, ummannillee waan bakkeetti, waltajjiirratti dubbatuufi kaasuurratti eeruu akka kennu taasifamaa jira.
Ejjennoo, “Nama kamuu haa ta’uu nama maallaqa sirraa fudhate maqumasaa nuu fidi” jedhu jennee waltajjiirratti kaasaa jirra. Namni keenya yeroo tokko tokko duubatti dubbachuu malee baasee hinkennu. Garuu waltajjiirratti waajjirri lafaa nu deddeebisa, waajjrri galii akkana nu godha jedhee kaasa.
Ebeluu kana nu gaafate jedhaatii maqaasaa nuu dhiyeessaa yoo jennu garuu waanti dhiyaatu hinjiru. Otoo akkas ta’ee silaa ogeessi keenya irraa barata. Yoo dimshaasha ta’e garuu furmaata bu’uuraa hinargatu. Kanaaf hojii bal’aan hojjetame jira. Akkuman sila kaase hojiin dijitaalessuu bal’inaan ittigalame jira. Kaameeraa ‘CCTV’ keessumaa sektaroota amma jenne (Lafa, daldala, galii, geejiba) dabalee sektaroota 16 ta’anitti galchinee tajaajilasaaniis kallattummaan nan hordofa. Kaameeraa kun waajjira koofi mana qopheessaattis ni argama. Kanaan hojii sektaroota kanneenii to’achuun nidanda’ama.
Ammuma humni keenya dabalaa deemuun sektaroota qofa otoo hintaane lafa qabnu nihordofna. Pilaanii bara 2012 hojjetameen magaalattiin lafa hektaara afuriifi 160 ol qabdi. Kana keessaa pilaaniin amma bulchiinsi magaalaa bulchaa jiru garuu hektaara 940 qofa.
Guddina magaalaatiif pilaaniin kun sirriitti deemuu qaba. Kanaafis hojiin keessa deebii geggeeffamaa jiru jira. Kun ijaarsa seeraan alaafi hanna lafaan walqabatee raawwatamu to’achuu, hogganuufi sirnaan bulchuuf nu gargaara. Kanaafis hojiin jalqabamee hojjetamee jira.
Barisaa: Iijaarsi buufata konkolaataa Magaalaa Walisoo sadarkaa akkamiirratti argama?
Obbo Gammachuu: Buufanni konkolaataa keessumaa rakkoo tajaajila geejibaatiin walqabatu sirreessuu keessatti iddoo olaanaa qabaata. Tajaajilli geejibaa rakkoo bishaaniitti aanee dhimma rakkoo buufata konkolaataa kana ture. Yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra jira. Isas akkuma bishaan dhugaatii qabannee hogganaa turre. Waxabajjii bara darbee ni eebbisna jennee fiigaafi tattaafataa turre. Waan roobni dheerateef hinmilkoofne. Ji’a Amajjii darbe nixumurra jennee karoorfannus amma gara xumuraatti jirra. Yeroo torbee sadii hincaalle keessatti xumurama jechuudha. (Gaafdeebiin kun Guraandhala 10 bara 2017 taasifame).
Bariisaa: Walisotti hojiin misooma koriidarii akkamiin raawwatamaa jira?
Obbo Gammachuu: Misooma koriidariirratti hojii bal’aa hojjetaa jirra. Misooma koriidariitiin walqabatee akka magaalaa keenyaatti dhimmoota sadii ilaalla. Tokkoffaa akkuma sila jenne pilaanii keenya kabachiisuudha. Magaalaa Walisoo akkuma isinuu duraan kaaftan laftishii kennataadha; diriiraadha. Garuu pilaanii eeguurratti rakkoon tureera. Amma daandii guddichi pilaaniinsaa bitaa mirgaan meetira 50 bal’achuu qaba jedha; kan bara 2010 bahe.
Garuu namni bahee bahee ijaaree fixee asfaaltii qofatu hafe. Kanaaf nuuf misoomni koriidarii pilaanii kabachiisuudhas jennee ilaalle. Lammaffaa diigumsa ijaarsawwan seeraan alaa hunda kaasnee hojii misooma koriidariif haala mijataa uumuu; ijaarsa deebifamee ijaaramu ammoo halluusaa sirreessuu; sadaffaa ammoo keessa keessattis bakka pookeetiin jirutti paarkiingii konkolaattota adda addaa dhaabuu danda’an ijaaruuf haala mijeessuuf jecha kaafne.
Afraffaarratti humna dandeenyuun misooma jalqabuuf jennee kaane. Kanaanis hojii bal’aa hojjenne. Lafa kiilo meetira 5.7 uwwisuu danda’a jenneeti kan diigame. Kana misoomuus qabna jennee ilaalle. Amma waliigalaan lafa meetira 800rratti hojiin jalqabameera; naannawa Yunivarsitii Amboo, Kaampaasii Walisootti jechuudha. Akkasumas naannawa Filwuhaatti lafti meetira 200tti siqurratti hojii jalqabneera.
Diigumsasaas akkuma jennee kiilo meetira 5.7rraa guutummaatti kaasneerra. Kaasuu qofa otoo hintaane kan amma irratti jalqabne hojii imala lafoo (‘Walk way’) baatii Hagayyaa keessa biqiltuu miliyoona tokko ta’u dhaabneerra, koriidarii kanarratti. Manneen hedduutu diigame. Sana bira darbee keessumaa tokko akka saffisaan hindeemneef kan nu danqe daandiin kiilo meetirri 5.7 kun Tajaajila Daandiiwwan Itoophiyaatiin hojjetamuudha (Qaama daandii Finfinneedhaa hanga Jimmaatti fulla’uu jechuudha).
Akka misooma koriidariitti seennee hinhojjenneef daandichi hojjetamaa jira. Sababa kanaaf jecha hojicha tursiisnee qulqulleessuurratti xiyyeeffanne. Tajaajilli Daandii Itoophiyaa magaalaa keessatti bal’ina meetira 30 hojjeta; bal’inni daandii asfaaltii magaalaa keessatti bakkaa bakkatti garaagarummaa qabaatus.
Iddoowwan meetirri 25fi isaa ol itti hojjetamus jiru. Daandiin asfaaltii kun lakkuu taasifamee hojjetama. Yoo nuti dursinee hojiitti galle hojiin keenya gatii dhaba. Walduukaa deemsisuufis nama rakkisa. Kanaaf koriidarii hojjechuu dura karaan hojjetamuu qaba. Sana booda nuti hojii misooma koriidarii keenyatti seenna. Humnasaaniitti fayyadamuufis isaanis diizaayiniiwwan tokko tokko fudhataniiru.
Akka carraa ta’ee ogeessi tajaajilicharraa abbummaadhaan as hojjetan namuma magaalaa kanaa waan ta’aniif isaanis waan barbaachisuun akka nu utubaniif mootummaanis kallattii kenneeraaf. Sababa eerre kanaaf hojiin misooma koriidarii keenya harkifate malee waan gaaratti jalqabne ittifufsiisuuf ni tattaafanna.
Kan akka rakkootti nuti sodaannu tokko kontiraaktarri dakanaa dafee misoomsee keessaa bahuurratti niharkifata. Harkifannaa gudaatu jira jechuudha. Kun misooma koriidarii keenyarrattillee dhiibbaa guddaa uumeera. Utuma dhufee magaalaa kana galeellee humna isa bira jirurratti shakkii guddaa qabna; gadibaanee ilaalaa waan jirruuf.
Asii gadi baatee yoo sarara Walqixxee ilaalte akka kontiraaktarichi humna hinqabne hubatta. Tajaajilli Daandiiwwan Itoophiyaa humna kontiraaktarichaa cimsuu qaba. Yoo hindanda’amne akka kan biraatiin bakka buusaniif kaafneerraaf. Isaanis deebii, “Nutis addaan kutuuf yaallee adeemsi kontiraaktara biraa bakka buusuu waggaa tokko fixa” jedhu nuu kaasan.
Inni sarara Finfinneetti argamu humna gaarii qaba. Humni kontiraaktara sarara Walqixxeetti argamuu garuu dadhabaa waan ta’eef hojii misooma koriidarii keenyarratti dhiibbaa uumaa jira. Kana akka sodaattis ilaalla.
Tajaajila bishaan dhugaatii magaalaatiin walqabatees sararri bishaanii magaalattiitti baay’inaan diriireera. Kanatti furmaata kennuufis qajeelfamni ba’eera. Labsii bara 2016 baheen pirojektii federaalli geggeessuuf beenyaa kan kaffalu naannoodha.
Amma sararri bishaan as keesssatti diriirsine jira. Kana guutummaatti kaasuuf qarshii miliyoona 120 beenyaaf kaffaluuf nu barbaachisa. Magaalaan kun miliyoona hamma kanaa dhiisii miliyoona afurii shaniyyuu kaffaluu hindandeessu. Kanarrattis walgaafachaatuma jirra. Kun rakkoo guddaa nu mudateedha. Waliigalaan Magaalaan Walisoo kana keessa jirti.
Bariisaa: Xumurarratti hirmaannaan abbootii qabeenyaa keessumaa misooma koriidariirratti maal fakkaata?
Obbo Gammachuu: Misooma koriidariirratti misooma koriidarii hanga Filwuhaatti jiru abbootii qabeenyaatu misoomse. Dhaabbileen amantiifi mootummaas keessatti hirmaataniiru. Baasii hojii riqichaatiif bulchiinsi magaalaa baaseen ala hawaasumaafi dhaabbileetu garee uummatee misoomse.
Misoomni koriidarii kun otoo bitaa mirgaan nidiigna jennee gamoowwan 19 tuqa. Nutis diiguurra akkuma kan Magaalaa Finfinnee karaa lafoon keessa darbu akka hojjetamuuf haala mijeessine. Abbootii qabeenyaa ni mariisisnee, isaanis haaluma jedhameen misoomsuu akka qaban waliigalle.
Isaanis hojiitti galchuuf ijaarsa daandii asfaaltiitu nu qabe. Kan Filwuhaa waan daandii keessoo ta’eef danqaa tokko malee hojjenne. Kanaaf abbootiin qabeenyaa keenya diiguus ta’e deebisanii misoomsuurratti akkasumas nyaata barattootaarratti bal’inaan hirmaachaa jiru.
Nyaanni barattootaa kuma shaniif dhiyaachaa kan jiru hirmaannaa hawaasaafi abbootii qabeenyaatiini. Warshaan Saamunaa magaalaa keenyatti argamu as keessatti gahee guddaa qaba. Warshichi qarshii miliyoona tokkotti siqu nuu kenne. Hawaasniifi dhaabbileen adda addaa ammoo qarshii miliyoona torbaa ol baasuun barattoota manneen barnootaa 13tti argamaniif nyaata dhiyeessaa jirra. Kanaaf hirmaannaan abbootii qabeenyaa nageenya, misoomaafi sochiilee hawaasummaa adda addaa keessatti taasisaa jiran olaanaadha.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa!
Obbo Gammachuu: Isinis galatoomaa.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017