Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Oromoo mallattoo qaroominaa

Tibbana Boorana, Areeroo Gooroo, Arda Jilaa Badhaasaatti, sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Oromoo Booranaa marsaa 72ffaan akkuma amalasaa karaa nagaafi milkaa’inaan bakka keessummoonni guguddoon biyya keessaafi alaa argamanitti adeemsifameera.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii seenaa dheeraafi hiika guddaa qabu kun, gama tokkoon bu’uura eenyummaa, icciitii tokkummaafi hidda guddummaa Oromoo kan ibsu yoo ta’u, gama kaaniin ragaa ogummaa abbootiifi haadholii keenyaa bara baraati.

Gadaan sirna siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummanni Oromoo ittiin walbulchaa tureefi jiru yoo ta’u, ittiin bulmaata dimokraatawaa hawaasni martii haala walqixxummaa qabuun keessatti qooda fudhatuudha.

Sirnichi otoo Oromoo gosaan yookiin gitaan gargar hinbaasiin, Gadaa shanitti gurmeessee akka dabareen walbulchu taasisee yoo ta’u, ummanni Oromoo Gadaa shanan jalatti gurmaa’ee dabaree darbuun waggaa saddeet saddeetiin kan ittiin walbulchuudha. Gadaan sirna waantota mara of keessatti qabateefi jireenya Oromoo kallattiilee hundaan ilaallatuudha.

Gadaa jechuun jilaafi godaanuu qofas miti, yookaan buttaa qaluufi nyaachisu qofa osoo hintaane sirnoota aadaa jaarmiyaalee akka Guddisaa, Gumaa, Araara, Meedhicha, Rakoo, Waaqeeffannaa, Irreessa, Siiqqee, Buusaa Gonofaafi Marabbaafaa of keessaa qabuudha.

Akka pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa sirnicha sababeeffachuun dabarsaniin ibsanittis, wiirtuun eenyummaa Oromoo kun baroota hedduuf qoqqobbii sirnootaatiin moggeeffamee turuun yaadannoo yeroo dhiyooti. Haata’uutii, sababa ummatichi aadaasaarratti daran cicheefi sirnichi yabbuu ta’eef akka salphaatti haqamuu hindandeenye. Sirna kana itti cichee tiksuurratti ammoo Oromoon Booranaa adda durummaan eerama. Booranni guddaa, Booranni hangafa, Boranni kallacha. Ummanni Boranaa ummata Gadaati; ummata Gadaa gaaddisa taasifateedha.

Gadaan ummata Oromoof aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaadhaa olitti, seera ittiin bulmaataafi wiirtuu eenyummaati. Adeemsi walharkaa fuudhinsa aangoo nageessoo, sirnaawaafi ittigaafatamummaa qabu kun, ogummaa waloo ummata Oromoo qabatamaan kan agarsiisudha.

Himoonni Abbaa Gadaa baallii ykn aangoo kennuufi Abbaa Gadaa aangoo fudhatu gidduutti, “Hoo Baalli nagaya, ta hormaataa, ta bultumaa!” Inni fudhatus, “Kenni Baalli nagaya, ta hormaataa, ta bultumaa!” jedhamanii lallabamanis nageenyummaaf dimokraasummaa sirnichaatiifis ragaa ta’u.

Keessumaa sirna mootummaa jijjiirama kana keessatti aadaa, duudhaafi eenyummaa ganamaa ummata Oromoos ta’e kan saboota kaanii dagaagsuufi tiksuu akka manii ijoo tokkootti qabatamee xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Sirna walharkaa fuudhiinsa baallii marsaa 72ffaan tibbanaarratti Abbaan Gadaa duraanii Kuraa Jaarsoo, Abbaa Gadaa Guyyoo Boruutti baallii/aangoo karaa nagaan dabarsaniiru. Kunis qaamolee maqaa siyaasa ammayyaatiin socho’uun aangoo qabachuuf burjaajiifi hokkara uumaa foolataniif akka fakkeenya guddaatti kan eeramuudha.

Sirna kanarraa duudhaalee nagaa, dimokraasii, haqa, tokkummaa, akkasumas misoomatu dhaalama, baratama. Kanaaf tattaaffii nageenya, badhaadhinaafi misooma akkasumas ijaarsa biyyaatiif taasifamuuf duudhaalee sirna Gadaa kana keessa jiran akka raacitiitti fayyadamuun murteessaadha.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

 

Recommended For You