
Sirni Gadaa addunyaarratti utuu hin beekamin dura Oromoon hooda, safuufi raagaan bulaa akka ture jaarsoliin argaa dhageettii Booranaa nidubbatu. Hoodawwan Oromoodhaan hooddataman keessaa balbala torba lakkaa’ee walfuudhuu akka qabu ibsu.
Inistitiyutii Qoranoofi Qu’annoo Oromootti Dursaa Garee Tiyaatiraafi Ogbarruu Oromoo kan ta’an Obbo Caalaa Diroo akka jedhanitti, uyoo ta’uu baate hooda ta’a. Ilmoon abbaarraa dhibbantaa 50 haadharraa dhibbantaa 50 walitti dhufuun dhibbantaa 100 waan ta’uuf abbaa 100 jedhama. Haaluma kanaan akaakayyuurraa dhibbantaa 25, akaakileerraa dhibbantaa 12.5, abaabileerraa dhibbantaa 6.5, abaabayyuurraa dhibbantaa 1.25 qarayyuutti dhibbantaa 0.75 ta’a.
Gaafa qarayyuurra ga’u walfuudhuufi heerumuun ni danda’ama. Osoo Qarayyuurra hinga’in walfuudhuun hooda ta’uun kan hooddatamuudha. Hoodaafi safuun cabsee raagdonni raaguu malee lolatti ba’uu dhabuun hamaa Oromootti dhufurraa deebisuun hindanda’amne ture.
Sababoota kanneenirraa ka’uun hoodni hooddatamee, safuun safeeffamee gaariin hammatamee hamaatti hammatamee Oromoon nagaaan akka jiraatuuf sirna Gadaa uummate. Sirnichi yeroodhaa yerootti haala jiruufi jireenya hawaasaa giddugaleeffachuudhaan haaromaa deemuun dhalootatti darbaa dhufe. Bu’uura haaromsaan haaromsa dura Abbootii Gadaa 94tu ture. Haaromsa booda bara 1758 Abbaa Gadaa Gadoo Galgaloorraa eegalee marsaa 72ffaa Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu ta’uudhaan baallii fudhataniiru.
Akka jaarsoliin argaa dhageettii dubbatanitti aadaan nafa. Nafa abbaatu eeggata abbaatu kunuunfata. Akkuma sirni Gadaa haara’aa deemuun walkabajuun wal jaalachuunfi tokkummaa Boorana cimuudhaa. Sirnoota duudhaa sabichaa balleessuuf yaalan dura dhabbachuudhaan haaressaa har’aan ga’uun danda’ameera. Gara fuulduraatti ittifufsiisuu dabarsa baallii marsaa 72ffaa wayita gaggeeffamu Abbaan Gadaa Midha Boruu 73ffaafi Halakee Mallicha 74ffaan akka Boorana bulchuun adda ba’anii jiru.
Nagaan baallii fuudhanii dabarsanii kennamuun Sirni Gadaa nageenya akka ta’e dhalootatti mul’isa. Sababoota adda addaan laafaa yeroo dhufe akka haaromsuun duudhaa sirnichaati. Abbootiin Gadaa darabee isaanii eeguudhaan duudhaa ummatichaa eeganii haaromsuudhaan dhalootatti akka darbuuf wareegama guddaa kaffalaniiru. Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo (baallii 71ffaa) Sirni Gadaaa duudhaasaa eeggatee akka ittifufuuf abbaa Gadaa Guyyoo Boruuf dhaamaniiru.
Keessummaan kabajaa sirna walharkaa fuudhiinsa baallii 72ffaa pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa duudhaa haaromsaa sirnicha keessa jiran bu’uura godhachuudhaan duudhaafi aadaan ummataa bakka duraanitti akka deebi’uuf jijjiiramaa as haaromsi aadaa gaggeeffamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Sirni Gadaa aadaafi duudhaalee hawaasaan bocamee adeemsa qaroominaa dhala namaa keessaatti haaromaa rakkoolee mudatanitti furmaata kaa’aa har’a ga’eera. Haaromsi gaggeeffamus dhalooti bu’aa ba’ii barootaa keessatti aadaafi duudhaa isaa eeggatee akka darbu kan taasisuudha.
Mootummaan naannichaas kanuma ittifufsiisuuf haaromsa aadaarratti xiyyeeffachuudhaan barnootni saayinsiifi teknolojii kennamu seenaafi duudhaa ummata naannichaa bu’uura godhatee akka gaggeeffamu taasisee jira. Barnootni sirni Gadaas manneen barnootaa keessatti akka kennamu ta’ee jira. Hojii haaromsa aadaa gaggeeffamaa jirus adeemsa misooma hawaas dinagdee keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii naannichaa Aadde Jamiilaa Sinbirruu ce’umsa namaafi aadaa keessatti gaheen Abbootii Gadaa olaanaa akka ta’e ibsaniiru. Abbootiin Gadaa aadaafi duudhaa ummataa cichanii har’aan ga’aniiru. Mootummaanis haaromsa aadaarratti xiyyeeffatee iddootti deebisuuf ijaarsi giddugala aadaa, manneen murtii aadaafi galmoota argaa dhageettii Yaabellotti gaggeeffamuu ibsaniiru.
Pirezidantiin Yunivarsitii Booranaa Doktar Bokkuu Xichee waraqaa qorannoo marii paanaalii ka’umsa ta’e dhiyeessan keessatti Sirna Gadaa eenyummaa ummata Oromoo akka ta’e ibsaniiru.
Aadaa, duudhaa sirnicha keessa jiru nafatti fakkeessuudhaan barbaachisummaa aadaafi duudhaa uummataa ta’uu ibsaniiru. Gara fuulduraattis haara’ee cimee akka ittifufuuf qabxiilee irratti xiyyeeffatamuu qaburratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017