Qorannoofi qophiin pilaanii misooma qe’ee Magaalaa Shaggar Bitooteessa 30 xumurama

Finfinnee: Pilaaniin Ispaashaalaa akka Magaalaa Shaggaritti qoratame hojiitti hiikamee misoomaafi guddina magaalichaatiif akka ooluuf qorannoofi qophiin Pilaanii Misooma Qe’ee (Neighborhood Development Plan ‘LDP) qoratamaa fi gaggeeffamaa ture hanga ji’a Bitooteessa 30 bara 2017tti kan xumuramu ta’uu Waajjirri Pilaaniifi Misooma magaalichaa ibse.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Ahimadtofiq Mahaammad gaafdeebii torban kana keessa Gaazeexaa Bariisaa waliin taasisaniin, pilaaniin misooma qe’ee sadarkaa kutaalee magaalaatti hojiirra kan ooluufi pilaanii waggoota 20 magaalichaa hojiitti hiikuuf kan fayyadu ta’uu himu.

Kutaalee magaalaa 12n keessaa hanga yoonaatti Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti bifa addaatiin hojjetamee xumuramuu ibsaniiru.

Dizaayiniin qophaa’es kan qabatamaadhaan lafarra bu’uu danda’u, akaakuu akaakuudhaan wantoota aadaa ummataallee calaqqisuu danda’an kanneen akka Odaa Mool, Buna Qalaa, Qabee Taawar, giddugala konveenshinii, paarkii Shaggar hektaara 500tti dhihaatu kan qabate qophaa’ee xumuramuun kutaalee magaalaa qaqqabuu himaniiru,

Kan Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaas xumuramee ittiin hojjetaamaa jiraachuufi kan Buraayyuufaa ammoo dhiheenyatti xumuramanii kutaa magaalaafi seektaroota magaalaaf kan kennaman ta’u dubbataniiru.

Pilaaniin Misooma Qe’ee, Bulchiinsi magaalaa Shaggar gara fuulduraatti adeemsa saayinsaawaa hordofuun guddina magaalichaa qajeelchuu fi cabiinsa pilaanii ittisuuf kan gargaaruu ta’uu himanii, qorannoo taasifameenis sadarkaa lafaafi safartuu olka’iinsa gamoo kan of keessatti hammate ta’ee, pilaanii Misooma Ispaashaalaa magaalichaan qophaa’e ragga’e hojiirra oolchuun akka danda’amutti kan qoratame ta’uu ibsaniiru.

Ilaalichi, Magaalaan Shaggar akkaataa dandeettii misoomaa qabduun akka guddatu taasisuu bira darbee keessattuu, qindoominaqooda fudhattoota dhimmi ilaallatuun mirkaneessuun akkasumas hojii irra deebiin misoomsuu magaalaa akka gargaaruu kaasanii, bakkeewwan seeraan ala babal’atan pilaaniidhaan qajeelchuun fayyadamummaa hawaasichaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuurra darbee naannawaa magariisaa eeguufi gochaawwan ikoloojiif mijatoo ta’an guddisuuf gumaacha guddaa akka qabu himu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You