Kallattiilee Doktar Abiyyi Ahmad daaw’annaa tibbana Harargee Bahaa, Naannoo Harariifi Dirre Dhawaatti taasisaniin kaa’an keessaa

Wayita ammaa magaalonni Itoophiyaa baay’eensaanii misooma ajaa’ibsiisaa gaggeessuun jijjiirama olaanaa argisiisaa jiru. Keessumaa magaaloonni umurii dheeraa qaban kanneen akka Jimmaa, Harar, Gondariifi kanneen biroo misoomni koriidarii guutuutti isaan jijjiiree eenyummaa haaraa isaan uffachiiseera.

Magaalota kanneen keessaa magaalaan duriifi seenaqabeettii Harar ishee tokko yoo taatu, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad Kibxata darbe Godina Harargee Bahaafi magaalaa Harar; gaafa Roobii ammoo magaalaa Dirree Dhawaa daawwataniiru.

Daawwannaa misooma qamadii Godina Harargee Bahaan booda akka jedhanitti, barana qamadii bonaa lafa hektaara miliyoona 3.5 sanyiidhaan kan uwwifame yoo ta’u callaa kuntaalli miliyoonni 300 ni eegama.

Naannawwaan gammoojjii Harargee Bahaatti misooma qamadii bonaa gaggeeffamaa jiru daawwachuun dhama’anii hojjechuu dandeenyaan, Itoophiyaan gargaaramuu jalaa baatee kan biroo gargaaruu akka dandeessu hubachuun ni danda’ama.

Bakki kun gammoojjii waan ta’eef seeftineetiidhaan deeggaramaa kan tureefi qonna kan hinbeekne ta’us har’a misooma qamadii jallisiitiin bu’a qabeessa ta’eera. Bakkichi bakka walitti bu’iinsi itti tureefi namoonni baay’eenis itti dhumaniidha.

“Erga hidhawwan xixiqqoo hojjechuun kaanaaliidhaan qonni qamadii eegalamee naannawa kanatti lafti gara hektaara kuma tokkoo qotameera. Waggoota sadii afur dura ummanni miliyoona 4.5 ta’u seeftineetiidhaan jiraataa ture.

Amma garuu % 74 bilisa ba’eera. Dhibbantaa 24 hafe ammoo waggoota lamaan ittaananitti bilisa baasuuf hojjetamaa jira. Kun hojii jalqabbii gargaaramuu jalaa baanee omishaan itti of dandeenyu kanneen dhugoomsan keessaa isa ijoodha” jedhu.

Qamadiin oyiruurraa sassaabamuuf qaqqabe kun bakkeewwan dhokatoon omisha qamadiif mijatan baay’een jiraachuu kan agarsiisu ta’uu kaasanii, bakkeewwan kanneen bishaan geessisuun yoo qotuun danda’ame waggaatti lamaa sadii akka omishamu himu.

Lafti agabuu buluu hinqabu jechuun bakkeewwan dagataman ilaaluun hojiin eegalame bu’aa jajjabeessaa agarsiisaa kan jiru waan ta’eef naannoleen hundi kanarraa baratanii lafawwan asiidawoo wal’aanuun, bakkeewwan dagataman deebisanii fayyadamuun, bonaa ganna omishanii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu cimee akka ittifufu hubachiisaniiru.

Waan bishaaniifi lafti ga’aan jiruuf iddoo filatanii hojjechuu dandeenyaan Itoophiyaan biyya gargaaramtu osoo hintaane of midhaan nyaataatiin dandeessu ta’uu kaasu. Hojiileen misooma sululaa tokkummaa ummataatiin hojjetamanis ajaa’ibsiisoo ta’uu eeranii, tulluu asii ol ilaaluufi ba’uufillee ulfaaturratti daagaa meetira lama sadii dheeratu hojjetamee arguun daran kan nama gammachiisu ta’uu himu.

Hundarra garuu bakki dargaggoonni hojii sibiilaa itti hojjetan isaan daawwatan isaan gammachiisuu eeranii, kanas akkuma abbaan tokko mucaansaa baratee xumuree gaafa eebbifamu gammaduttin gammade jechuun ibsaniiru. Waggaa torba har’aa yommuu ummattoota obbolaa Oromoofi Somaalee gidduutti walitti bu’iinsiwwan namtolcheen uumamanitti namni hedduu miidhamuus yaadachiisaniiru.

“Yommuun riifoormii dura bakka kana dhufe, dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman turaniiru. Bo’ichi, iyyi, waciifi jeequmsi ture sun hundi sammuu namaa kan dhiphisu ture. Yeroos bakkan miira gaddaafi onnee cabaadhaan ba’eetii har’a hojii ajaa’ibsiisaa akkanaa hojjetamee arguu caalaa waan nama gammachiisu hinjiru. Hojiin hojjetamaa jiru salphaa miti. Hojii misooma koriidarii Harar wajjin walqabatee ibsaawwaniifi wantoonni miidhaginaaf oolan kan hojjetaman bakka kanatti. Indastiriin sibiilarratti eegalame kun utuma isa gara bahaa jiru qabatee hojii guddaadha” jedhan.

Sochiin guddinaa adeemsaan kan dhufu malee halkan tokkotti kan mul’atu akka hintaane kaasanii, sochiiwwan biyyattiitti magaalota tokko tokkotti mul’atan jajjabeessoo ta’uufi Harar akka waggaa lama, tokkoofi walakkaa dura isaan dhufanii ilaalanitti akka hinjirre dubbatu.

“Qulqulloofteetti, magariisa taateetti, misoomteetti. Wanti dur Harar dhufnee argaa turreefi kaka’umsi amma jiru addadda. Harar maqaasheetu guddaa ture malee magaalittiin hinturre. Amma garuu magaalaa maqaashee gittu ta’uuf yaalaa jirti. Hojiin baay’ee kan hafu ta’us, jalqabbiinsaa abdii qaba” jedhu.

Misooma koriidarii magaalaa Harar ilaalchisuun yaada kennaniin, hojiin misooma koriidarii magaalaa Harar jireenyaafi turiziimiif haala mijataa uumuu himanii, hojiileen misoomaa magaalichatti eegalaman qabeenya naannawaa badhaadhinaaf oolchuu, hawaasa qindeessuufi murannoon hoggantootaa yoo ida’ame bu’aa galmeessisuu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu ibsu.

Harar akka fakkeenyaatti fudhachuun muuxannoowwan naannawaa jijjiiruuf dandeessisaniifi kallattiiwwan torbas dhiheessaniiru.

Inni jalqabaaa murannoo hoggansaa yoo ta’u, Harar caalmaatti kan jijjiire murannoo hoggansaati. Galiinsaanii waggaa kan birootii gadi. Bajanni hojiisaanii gadaanaadha. Hoggantoonni murannoon kan hafe guutuuf halkanii guyyaa hojjechuufi humna qaban duguuganii fayyadamaniiru. Warri kaanis isaanirraa barachuu qabu.

Lammaffaan kuufama qabeenya seenaa beekuun kunuunsuudha. Harariifi naannawaanshee qabeenya seenaa waggoota kuma caalu qabu. Kuufama qabeenyaa kana beekuun daawwannaaf akka banaa ta’u haala mijataa uumaniiru. Daandiin hojjetameera. Godambaan ijaarameera. Hojiin qulqullinaa naannawa eeguu hojjetameera. Kunis kanneen biroof barumsa ta’uu qaba.

Sadaffaan naannawa seenaqabeeyyii ammayyeessuu yoo tahu, magaalota Itoophiyaa seenaa waggoota kumaafi dhibbaa qaban akkamitti jijjiiruun akka danda’amu Harar fakkeenya taati. Jagol jijjiirameera. Daandiin keessoo hojjetameera. Hojiin Suphaa Dallaa Jagol, hojiin ibsaa, manneen seenaqabeeyyii dullooman haaressuuf hojii hojjetamaa jiru, Jagol yeroo hunda akka haaraa ta’u taasiseera. Magaalota dullooman akkamitti akka jijjiiramaniif barnoota.

Afraffaan kennaa addaa naannawa turiziimiif oolchuudha. Harar magaalaa namniifi bineensi bosonaa tokkummaan keessa jiraataniidha. Kanaafis doo’iin waraabeessaa agarsiiftuudha. Waggoota 100n dura namoonni Harar daawwatan dinqisiifachuun barreessaniiru. Tiyaatirri amfii waraabeessaa ijaarameera. Kennaawwan addaa naannawaatti argaman beekuun misoomsuu qabna.

Shanaffaan beekumsa naannawaa/mandhalee misooma koriidariif fayyadamuudha. Magaalota tokko tokkotti meeshaaleen ibsaa daandiif oolan gatii olaanaan bitaman, warri Harar garuu naannawumasaanitti omishuun gatii salphaan argataniiru.

Rakkoolee suphaa ibsaa daandiin walqabatu, warri Harar ofii omishuun gatii salphaan hojii fooyya’aa hojjetaniiru. Hojii qaalii kan taasisu qabeenyaafi beekumsa haalaan fayyadamuu dhabuudha.

Ja’affaan kennaa naannawaatiin, naannawa miidhagsuu yoo ta’u, daandiiwwan keessoo Harar kan hojjetaman dhagaa kurfeeffamaa Harariin. Kunis hojmaanni ijaarsaa haaraan kan durii waliin akka walsimu taasiseera. Dargaggootaaf carraa hojii uumeera, baasii xiqqaan hojii hedduun akka hojjetamu dandeessiseera, ce’umsa beekumsaa uumeera, yoo naannawa keenya sirnaan mil’anne qabeenyawwan hedduun misoomaaf oolan jiru.

Torbaffaan bal’isanii yaaduudha. Bal’inni lafa Harar daran xiqqoodha. Magaalaa seenaqabeettii ta’uusheetiin dhiphinni iddoo jira. Iddoo dhiphoo kana kan bal’isu yaada bal’aadha. Fagoo kan dhiyeessu fageessanii ilaaluudha.

Misoomni koriidarii magaalaa Hararis bal’aa kan ta’e ilaalcha kanaani. Iddoowwan magariisaa, daandiin lafoo, paarkiiwwan, tiyaatiroonni amfiifi kanneen biroo mul’atan kanaan hojjetaman kan dinqisiifamaniidha. Bal’isanii yaaduun xiqqoo baay’isa, fagoo dhiyeessa.

Akka waliigalaatti hojileen misoomaa magaalota biyyattii addaddaa keessatti hojjetaman jajjabeessoo ta’uu eeranii, hojii caalmaaf hunduu ka’uu akka qabu waamicha dhiheessu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017         

Recommended For You