
Finfinnee: Fiigichi olaanaa dubartootaa Itoophiyaa fageenya kiiloo meetira shaniin Finfinneetti waggaa waggaadhaan taasifamu boru yeroo 22ffaaf akka adeemsifamu Waajjirri Fiigicha Guddichaa Itoophiyaa ibse.
Hojjii gaggeessituun waajjirichaa Dubree Daagmaawit Amaaraa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, fiigicha kanarratti dubartoonni kuma 13 ol akka hirmaatan eeraniiru. Atileetonni beekamoon kilaboota 250 irraa akka hirmaatan ibsaniiru. Fiigichi kun yeroodhaa gara yerootti jaalatamaafi hirmaattota hedduu horachaa dhufuu eeraniiru.
Atileetota fiigicha Guyyaa Dubartootaa Addunyaa sababeeffachuudhaan adeemsifamu kanarratti mo’ataniif badhaasa waancaafi meedaaliyaa maddiitti qarshiinis akka kennamu ittigaafatamtuun tun addeessiteetti.
Dorgommichi akkuma kanaan duraa ka’umsiifi deebiin isaa naannawaa Hoteela Atilaas yoo ta’u fiigichi kan jalqabamu ganama sa’aatii 2:30 irratti akka ta’us ibsitteetti.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017