Dorgommii ispoortii aadaa Hosaa’inaatti

Aadaan misoomaafi guddina biyya tokkoo keessatti shoora olaanaa taphata. Lammiin kamuu amantaafi aadaa mataasaa qaba. Kanaafuu aadaan hambaa ummataati. Mallattoo saba tokkootisi.

Gochaawwan aadaa mul’isan haala jireenya ummatichaarratti bu’uureffachuudhaan karaawwan adda addaatiin mul’achuu danda’u. Kanneen keessaa ispoortiin aadaa isa tokko.

Biyya teenyatti ispoortiiwwan aadaa 292 ol akka jiran tilmaamama. Haata’u malee hanga ammaatti seerriifi danbiin baheefi giddugaleessaan ummata hunda biratti baratamanii dorgommiidhaaf dhihaachaa kan jiran akaakuuwwan ispoortii 11 qofa.

Mootummaan Itoophiyaas ispoortii aadaa ummataa kana babal’isuudhaan dhaloota dhufutti akka darbu gochuuf waggaa waggaadhaan shaampiyoonaa ispoortii aadaafi feestivaala agarsiisa aadaa naannolee adda addaatti gaggeessaa tureera.

Baranas yeroo 22ffaaf keessumeessummaa Naannoo Itoophyaa Giddugaleessaa, Magaalaa Hosaa’inaatti haala ho’aadhaan gaggeefamaa jira. Magaalattiinis feestivaala guyyoota kudhaniif geggeeffamuufi boru xumuramu milkaa’inaan keessummeessaa jirti.

Shaampiyoonaa baranaa kanarraatti Naannoo Tigraayin ala bulchiinsonni magaalotaa lamaaniifi naannoleen marti ispoortii aadaasaanii calaqqisiisu qabachuudhaan hirmaataniiru.

Ispoortiiwwan aadaa baranaa kan adeemsifaman akaakuuwwan 11n yoo ta’u, ispoorteessitoonni kuma tokkoofi 300 ol qooda fudhataa jiru.

Waggoota dheeraadhaaf ummata biratti hordofamaa kan turan ispoortiiwwan kanneen akka gulufa fardaafi sharxii, korboo, qillee wal’aansoo, saddiiqa abbaa boolla 12fi 18 yoo ta’u; yeroo dhihoodhaa as ammoo ispoortiiwwan kanneen akka xiyya, bubii, shaahiifi urrubbee jedhaman itti dabalamuudhaan gaggeeffamaa jiru.

Dorgommiin kun adeemsifamaa kan jiru dhiiraafi dubartiidhaan yoo ta’u; wal’aansoo dubaraan ulfina kiiloo giraama 48-52tti Oromiyaan Uummatoota Itoophiyaa Kibbaa, dhiiraan ulfina kiiloo giraama 53- 57 Oromiyaan Itoophiyaa Giddugaleessaa ulfina kiiloo giraama 63-67 Oromiyaan Itoophiyaa Kibbaa injifatera.

Tapha qillee dhiirota jidduutti gaggeeffameen Oromiyaan Sidaamaa 1-0n, Amaaraan Dirree Dhawaa, Finfinneen Kibba Itoophiyaa qabxii walfakkaatu 2-0n mo’ataniiru. Saddiiqa abbaa boolla 12 dhiiraan Oromiyaan Itoophiyaa Kibbaa, Finfinneen Itoophiyaa Kibbaa Lixaa haaluma walfakkaatu 2-0n mo’ataniiru.

Dorgommii shaah dubarttoota jidduutti gaggeeffameen ammoo Amaaraan Sidaamaa, Naannoon Itoophiyaa Kibba Lixaa Itoophiyaa Giddugaleessaa, Harariin Gambeellaa qabxii walfakkaatu 2-0n, Finfinneen ammoo Itoophiyaa Kibbaa 2-1n mo’ataniiru.

Tapha Saddiiqaa abbaa boolla 18n dubaraan Oromiyaan Hararii, Fininneen Beenishaangul Gumuz, Amaaraan Sidaamaa, naannoon Itoophiyaa Kibba Lixaa Itoophiyaa Giddugaleessaa haaluma walfakkaatun 2-0n mo’ataniiru.

Dorgommii gulufa sharxii fardaa dhiiraafi dubaraan adeemsifametti Oromiyaan korniyaawwan lameeniinuu mo’achuudhaan meedaaliyaa warqii yoo argatu, Finfinneenis korniyaa lameeniinuu meedaaliyaa meetii, gulufa fardaatiin Finfinneen meedaaliyaa warqii, Amaaraan meetii, Oromiyaan ammoo nahaasa fudhataniiru.

Tapha shaah dhiiroota jidduutti gaggeeffameen naannoon Itoophiyaa Kibbaa Beenishaangul Gumuz, Finfinneen Dirree Dhawaa, naannoon Itoophiyaa Kibbaa Affaar, Amaaraan Hararii, Sidaamaan Itoophiyaa Giddugaleessaa haaluma walfakkaatu 2-0n mo’ataniiru.

Feestivaala aadaa baranaa kanarratti naannoleefi bulchiinsonni magaalota lameenii yeroo biraarra cimanii dhihaachuudhaan aadaasaanii kan agarsiisan yoo ta’u; daaw’ataa bashannansiisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You